Y.G(2005) Irraa*
Har’a diinni Qabsoo Oromoo adda duraa eenyu? jedhamee yoo gaaffiin dhihaatee, deebiin irra jireessi wayyaanee irratti kan xiyyeeffatu ta’a. garuu wayyaaneedha jedhanii xumuruuf, wayyaanee iyyuu lubbuu itti horee kan jiraachisaa jiru humnoota alaa ta’uun shakkii hin qabu. kana irraa kaanee humnoota alaati akka hin jenneef, meeshaa isaan harkaa fuudhee kan nutti dhukaasu caalaa diina nuuf hin ta’an kan jedhuus hin dhibu. Kanaan ala yoo ilaalles, yoo jabaatte diina humnumaan of irraa qolattee furmaata itti goota. Lammii ofii ta’ee kan boolla Ummata isaaf qotaa jiru, diinni ummata kana sodaa tokko malee saamee, hidhee, ajjeesee akka jiraatuuf kanneen karaa argisiisan odoo jiranii, halgaa diina tokkoffaa taasisuuf yaaluunis rakkoodha. Kana malees, Qabsoo ummatichaa ganee diinatti galee adeemsa jiru kan naaffisu odoo jiruu, diinni kiyya innikkaa isa kana jennus dubbii achi of irraa qabuu ta’a.
Kana malees, adeemsi siyaasaa addunyaa kanaa, naa hooqii siifan hooqaan waan wal hidhee jiruuf akkasumas, diinni inni innikkaa fagoo taa’ee tajaajiltootaan hammeenya waan hojjatuuf, diinni keenya ebaluu qofaadha jedhanii murteessuun waan danda’amu natti hin fakkaatu. Tarii kanaaf furmaatii diina waggaa 150 nu mudate hundumaa xiinxalanii, gama hundaan kan nu dura dhaabbate hundaa gama hundaan of irraa faccisuuf, akeeka bal’aa baafatanii gamtaan socha’uun furmaata ta’a jedheen yaada. akka walii galaatti garuu kan jechuu dandeenyu, akkuma dacheen keenya Oromiyaan teessuma lafaa irraa kan ka’ee waan hundaan marfamtee kan jirtu caalaa, Siyaasi keenya waa hedduun marfamee jiraachuu tilmaamuun nama hin dhibu. Ammuma diinni nu marsee jiru, nuutis ofitti marsinee teenye rakkoo keenya caalaatti hammeessu keessaa qooda akka qabnullee hubachuun barbaachisaadha.
Tarii namni barruu kana dubbisu, diina keenya tokkoffaa beekuun akkamiin rakkisaa taa’aa? kan jedhu jiraachuu mala. Anaaf garuu, diina tokkoffaa kan jennu, kan nu ajjeesee? kan nu hidhee? kan Biyyaa nu baasee? gaaffii keenya kan ukkaamsuu yaalee? kan wayyaanee jiraachisee? kan biyya alaatti nu mormaa jiruu? kan qabsoo ganee? kan diina waliin hidhatee? kan qabsoo Oromoo dura dhaabbatee? mootummaa mataa keessanii dhaabu hin dandeessan kan jedhuu? humnoota alaa wayyaaneen ajjeesaa akka jiraattu kanneen barbaadanii? Tigirootaa? Amaarootaa? moo saboota biroo qabsoo keenya irratti daboo wayyaaneef kan ba’anii? Biyyoota ollaa gaaffii Oromoo sodaatanii? kam dura keenye, kam duuba keenya? hundi kun nu miidhaniiru. Diina akka ija xaafii baayyatu kanaaf falli keewwanne jirru maalii? diina hedduu nu fuuldura hiriiree jiru kanaa fi qabsoo keenya hojii keessa keenyaa hin fixatiin jiru wal bira qabnee yennaa ilaallu maal tilmaamna? rakkoo qara hedduu kana dhaabuma tokko ykn miseensuma dhaabaa qofaatu furmaata itti godha jennee eegaa jirra moo, daboo jabaa nu barbaachisuuf qophii eegalaa jirra? kanaan alas yoo deemne, diina har’a ifatti jumlaan nu fixaa jiru caalaa sirnoonni eenyummaa keenya lafa irraa balleessuuf Oromoo balleessu ummaticha galaafataa turan ni dagannaa? hundumtu jireenya keenya kan barbaadan miti . siyaasaa keessatti, diina adda duraa, fira tokkoffaa jedhanii kaa’uun inuma jira. Ummati keenya ega gabroomee kaasee, sirnoota dhufaa dabraan yoo ilaallee, Gaaffii keenya Ukkaamsuuf sochiin taasifamu, bara wayyaanee kana sadarkaa hammaataa irra ga’uu isaa hubanna. Qabsoon nuuti gaggeessaa jirru woo? gaaffii keenya ukkaamsuuf shirri daangaa dhabe nu irratti raawwatamaa akkuma jiru, nuutis waan diina keenya irratti hojjannu bal’isaa jirraa? diina waggaa 150 oliif nu irratti muuxannoo qabu qorannoon deeggareemee nu irratti hojjachaa jiraatee, Oromiyaa ofiin dhunfachuu miti humnoota alaa dantaa lubbu itti nu dhabsiisuu danda’an nu keessa gadi dhaabaa jiraachuu waliin siyaasa wal gitu, humna wal gitu ijaaraa jirramoo, hojii nu rakkisuu hin qabneen harkifataa jirra? kun deebii quubsaa argachuu qaba. MATAA NU MARAA JIRUUN! kana irraa ka’a.
Wayyaanee fi waa’ellan isaanii sabboonummaa Ummata Oromoo fi dhalooti itti aanu qabsoo abbooti isaa dhaaluun itti toluu didee, kunoo siyaasa Biyyatti duubatti deebisuuf shiroota lakkoofsa hin qabne hojjataa jiran. Naannooleen humna dhabsiifamaa jiran jechuu kiyya . humnoonni Itoophiyaa gaanfa Afriikaa keessatti dantaa isaaniif barbaadan, shira wayyaanee kana gama hundaan deeggaraa jiran . Biyyoonni ollaas shira wayyaanee kana akka malee deeggaranii, ilmaan cunqurfamoo hammeenya wayyaanee DHEESSANII isaanitti baqatan miidhaa jiran. Kanneen lammii isaanii irra halgaaf guggufuu baratan har’allee ummata isaanii dabarsanii kennaa jiran. Wayyaaneen Biyyoota alaa maqaa investimantiin Oromiyaa keessa qofaa akka qubatan taasiftee, miidhama keenya jabeessaa jirti . iyya ummata kanaa Biyya keessaa fi alatti odoo dhaga’anii akka callisanii ilaalan taasisaa jiran. humnoonni maqaa Itoophiyummaan ijaaraman biyya keessaas ta’uu ala kan jiran hundi, gaaffii keenya irratti ifatti yennaa duulan guyyuu argaa jirra. Kanaan alas hedduutu jira . maarree diinni keenya tokkoffaan eenyuu?
Diinoonni qabsoo keenyaa lakkofsa hin qaban . seenaan diinoota keenyaa Oromiyaa cabsuun waggaa 150 dura eegalame, caalaatti bifa isaa babal’fachaa jiraachuu raga hedduu kaasuu dandeenya. Gaaffiin ummata keenyaa, diinoota seenaan beeknu walitti fiduun ykn wal fakkeessuun waan haqaati. shirri waggaa 150 dura eegalame mataa nu maree wayyaanee keessaan asi ba’aa jira. Sirnoonni duraanii kan hojjatan akka yaadannutti tokko tokko kaasnee, akkamiin wayyaanee keessaan akka mataa nu maraa jiran ilaalla. Shirri wayyaanee bifa addaan Ummataa fi qabsoo keenya irratti gaggeeffamaa jiru, amma tokko xiinxalla . Addatti shiroota waggoota 21n dabran kana, waan nu irratti hojjatamaa jiruu fi waan qabsoo keenya, ijaan odoo arginuu/agarruu mataa nu maraa jiru kaa’uun barbaada. dhuma irratti jaallannus jibbinus, mooraa qabsoo Oromoo fi Qabsoo Oromoo humneessun, Gamtaan hojjachuun gaaffi hunda dursu, isa iyyuu yeroon kennamuufii akka hin qabne ilaalla. keessattu Qeerroo/dhaloota har’aaf.
QABSOO OROMOO FI SIRNOOTA WAGGAA 21 (1991) DURAA:
Oromiyaa fi Oromoo irratti duulli gaggeeffame, bara Atsee Yohaannisi fi Teewudiroos ta’uu seenaatu ragaadha. Bara Miniliikii kaasee hanga bara H/Sillaasetti Ummati Oromoo qabsoo akkamii akka gaggeessaa ture beekamaadha. Gama diinaan garuu lafa Oromoo fi aadaa Oromoo dhabamsiisanii Biyya Itoophiyaa jedhamtu gadi dhaabuuf jecha miidhaan ummata keenya irra ga’e salphaa miti . bara miniiliik Oromoo humnaan cabsanii ol-aantummaa saba tokko Oromoo fudhachiisuu irra dabree, Oromoon akka walii isaa cabsu taasisuu keessatti, shirootni jalqabaa kan itti eegalaman ykn bu’urri isaa gadi dhaabbateedha. Miniilik dhuma irratti Ummata Oromoo cabsee, Oromiyaa akka dhuunfatu kan taasise, humna Goobanaan ijaareedha. Amaaroonni kana keessaan, waan eenyummaa saba Oromoo addatti ibsituu eenyummaa isaa kan ta’e aadaa isaa irratti hammeenyi hojjatan kan dubbatamee dhumuu miti.
Sirnooti wal geeddaruu waliin waan Oromoo fi Oromiyaa irratti raawwatan hangam akka of jabeessaa fi babal’isaa jiru mee ilaalaa . qabxileen hafan yaadaan itti guutaa deemaa . kun yaada walii gumaachuuf kan qophaa’eedha. Dhuma irratti wayyaaneen gaaffii keenya irratti dhagaa boruu Ummati OROMOO of irraa kaasee hin dandeenye itti fe’aa jiraachuu ilaalla.
Miniilki:
- Oromiyaa dhabamsiise, Itoophiyummaa gadi dhaabe,
- Eenyummaa sabummaa keenyaa haale,
- Aadaa fi qooqa keenya nu dhabsiisee kan isaa nu dhaalsise,
- Oromoo, Oromoon cabsuu bu’ureesse,
- Ol-aantummaa saba tokko fi qooqa tokko bu’ureesse,
- Ilmaan oromoo humnaan cabsuun akka furmaataatti murteeffate,
H/Sillaasee:
- Itoophiyummaa caalaattu gadi jabeesse,
- Saboota biro Oromootti makuu miniiliki eegale caalaatti babal’ise ykn hojii irra oolche, Addatti Amaara dachee Oromootti godaansise,
- Ol-aantummaa saba tokko fi qooqa tokko caalaatti jabeesse,
- Dachee Oromoo fi Saba Oromoo, saboota ollaa akkasumas Biyyoota ollaatti makee, Obbolaa wal wallaalee diina waliin jedhu uume.
- Seenaa dharaa Itoophiyummaa babal’isee beekumtii kenneef,
- Ilmaan Oromoo qaroo ta’an adamsee ajjeesu jabeesse,
- Lafa Qotatee bultootaa irratti warra kaaba irraa godaanan qubsiisee, Abbootii Biyyaa ciisanyaa taasise,
- Itoophiyaa fi dantaa warra alaaf karaa saaqee, dhiibbaa warra alaa har’aa nu hore.
- Kaayyoo warra kaabaa milkeessuuf miidiyaa qooqa sabootaan tamsa’u banuuf carraa kennan,
Darguu:
- Itoophiyaa seenaa dharaan jiraattu caalaatti jabeesse.
- Eenyummaan sabootaa soshaalizimiin akka ibsamu murteesse,
- Eenyummaan sabootaa miidiyaa irratti qofaa akka mul’atu taasise,
- Gaaffiin mirgaa Hidhaa fi ajjeechaa goolii diimaa golgameen asi ba’ee ilmaan cunqurfamoo kumaantamaa galaafate.
- Dhaabbilee siyaasaa humnaan dhabamsiisuun eegalame.
- Itoophiyaa humna waraanaan Afriikaa keessatti beekamte ijaaruuf murteeffate. Humna kanas dhaabbilee qabsoo eegalanitti bobbaasuun eegalame.
- Manneen hidhaa gurguddaa ijaaramuu fi humni polisaa waan barbaade raawwatu ykn faxinoo daraash jedhamu gadi dhaabbate,
- Eenyummaan sabootaa fi aadaan sabootaa sirnoota dabran irra akka ukkaamaman taasifamee, ol-aantummaan saba tokko caalaatti jabaate.
- Qabsoon sabootaa bifoota gara garaan mul’achuu fi Biyyoota alattillee dhaga’amuu, hawaasi addunyaas hubachuu bara jalqabaniidha.
- Ilmaan oromoo manneen hidhaa, daandii irratti fi falmaa irratti wareegaman lakkoofsaan hedduu turan
- .Ilmaan Oromoo Qabsoo saba kanaaf bu’ura ta’an ykn gaaffii siyaasa oromoof bu’ura ta’an hedduun sirnaan ajjeefaman,
- Ol-aantummaan saba tokko fi qooqa tokko caalaatti hammaate,
- Sirnichi hiriira siyaasaa warra soshaalizimii qabachuu isaatiin, Biyyatti xiiqii warra dhihaa keessa galche.
- Eenyummaa sabootaa haaluun daran jabaate itti fufe.
- Kaayyoon qabsoo Ummatoota cunqurfamoo, Itoophiyaa diiguufi jedhamee alatti akka ilaalamuuf shirri addaa yeroo itti eegalameedha.
- Warri dhihaa Gaanfa Afriikaatti Biyya ya kiristiyaan dasset jedhamtu Itoophiyaa qofaa ta’uu xiyyeeffannaa akka argattu taasifame.
- Walitti dhifeenye dantaa irratti hundaa’e caalaatti hidda gadi jabeffate.
- Biyyi itoophiyaa jedhamtu, gama qabeenyaan, daldalaan, Ispoortiin, Artiin, aadaan, midiyaan, tekinolojiin kkf ulaan ilaalcha argachuu banameef. Carraan kun irra jireessa warra sirnichaan walii galaniif laatame.
- Gochi miniiliiki fi H/Sillaasee, Dargii dhalchus, Darguun kan isaan caalaa nama nyaatuu, Oromiyaa Itoophiyaa keessatti mitii Afriikaayyuu liqimsuuf kan hojjatu ta’e.
Kutaa 2ffaa Dubbisuuf Addana TUQAA
__________________________________________________________________________________
* Y.G(2005): Burqaa430@gmail.com
No comments:
Post a Comment