“MATAA NU MARAA JIRUU!”- Kutaa 2ffaa

Gurraandhala 11, 2013

Kutaa 1ffaa Dubbisuuf Addana TUQAA

Y.G(2005) Irraa*

Yaadachiisa

Barruun mata duree “Mataa nu maraa jiru ”miidhama keenya bara baraan himachaa jiraachuuf jecha sirnoota durii irraa kaasee kan dubbatu miti. Kutaa sadiin kan xumuramuudha.. Mataa nu maraa jiruun, keessa keenyaan akkamiin akka mataa nu maraa jiran, saboota biroo keessaan akkamiin mataa akka nu maran fi wayyaaneen deemsa keenya sodaachuu irraa mataa nu maruuf kan arreedaa jirtu keessatti argattu. akeeki barruu kanaa waa sadii irratti xiyyeeffata


  1. hojiilee nu eeggatan, dhimma keessa keenyaatti yeroo fudhachuun miidhaa ummataa akka dabalu, kanaaf ariitiin diinatti gamtaan fulleeffachuu akka qabnu,
  2. warra Biyya keessa yeroo dheeraa jiraachuu irraa adeemsa wayyaanee dagatanii garaa laafachaa ykn yaada hiraa jiraniif,
  3. Dhalootii har’aa waan irratti hojjatamu ifatti hubatee , ofiillee akka irratti hojjatanifidha.
Kutaan 2ffaa dheeraadhaa obsaan dubbisaa .

Wayyaanoota kallatti tokko qofaan kan eeggatu ykn ilaalu yoo jiraate gawwaadha. Wayyaaneen har’a IHAADEEGIN dursu kun, ka’umsa isaa irraa kaasee, jiraachuuf qofa waan itti fakkaate hundaa hojjachuu ykn raawwachuu irraa of duuba akka hin deebinetti kan ijaarameedha. Wayyaaneen har’a dantaa isaa eeggachuuf jecha, Ummatoota Biyyatti akka fedha isaa ajjeesaa, hidhaa fi Biyyaa godaansisaa jiru, akkuma namaattu ykn ilaa fi ilaamee of keessaa qabaatu laata? jedhee kan yaadu yoo jiraate, ammas gawwaadha. Hanqaaquu bofaa irraa makoodii ykn gugee kan eegudha. Namni muka muru hin beekne, ykn mukni ni murama jedhu qofa dhaga’ee, Qottoo fudhatee dhaqee muka muruu yoo jalqabe, mukicha of irratti kuffisuuf carraan qabu harka 99 ta’a. tarii mukichi yoo akka namaa yaaduu jalqabee irraa goref, miidhama irraa baraaramu danda’a.

“Akka diinni jedhutti, diina kuffisuun hin danda’amu. ”

Diinni wanni jedhu hundi waan isa baraaru duubaa qaba. Akka ofii jedhanitti diina kuffisan. akka ofii yaadanii fi karoorfatanitti diina of irraa kaasan. diina of irraa kaasuuf, diina sana akka dansaatti beekuu barbaachisa. Wayyaanoonni bittaa isaanii gara 50f karoorfatanittii imaluuf, Namoota siyaasaa Biyyatti bulchaniin alatti, taa’aanii, humnoota ykn saboota gara fuula duraatti isaan sodaachisan qoratanii haala itti dadhabsuu danda’an irratti qorannoo taasisanii, furmaata isaa waliin kan dhiheessaniif qaban. kun humnoota alaa illee ni dabalata. hundi isaanii Afaan Tigiriffaa akka dubbatan ni himama.

Ammas hedduun isaanii waggoota dheeraaf bara qabsoo dabalatee ala ta’anii adeemsa dhoksaa san gaggeessaa kan turani fi amma akka dabootti ol aantummaa warra Afaan Tigiriffaa dubbatanii kabachiisuuf Biyyatti deebi’an ta’uu keessa beektoonni ni dubbatu. Addatti humni daboof biyyatti deebi’e kun, bara 2000 adda qoodamuu Hiwaatii fi Filannoo bara 2005 booda humni mallasaa xiqqaachaa deemu irraa Biyyatti kan deebi’aniidha. beektoonni siyaasaa gara garaa kun Daldaltoota siyaasaa Biyya alaa akka dansaatti qorataa kan jiraataniidha jedhama. Adeemsi wayyaanee hundumtu murna kanaan kan akeekamuudha.(murna mallasaa jechuudha) Waajjirri isaa, waajjira mummicha ministirootaa keessa ta’uu malee, akkamiin walitti qabamuu fi adeemsa hojii isaanii kan beeku isaanuma qofaadha.

Hiwaatoota fuulleetti arginuun alatti toftaa siyaasaa dhokisaa Ummatoota waggoota keessa isaan cabsan, jirra jechaa du’a ofii akka arganiif suuta siyaasa gaggeessuu irratti warra bobba’aniidha. Siyaasa wayyaanee Ummatoota irratti gaggeeffamu qajeelchuu fi yaada kennuun hojii isaanii isa hangafaa yennaa ta’u, inni lammataa dhaabbilee mormitootaa Biyya keessaa fi alaa adeemsa isaanii hordofuu, diiguu, yoo itti milkaa’an adda qoodanii Biyyatti deebisuu, ega deebi’anii booda laamshessuu. Akka filannoo xumuraatti ammo dhabamsiisuudha. Kana malees, miidiyaa Biyyatti keessaa gaazexessitoota shakkan hundaa ari’anii miidiyicha gaazexessitoota mataa isaanii dhaabbata barnootaa dhuunfaa isaanii keessatti leenjisaa turaniin guutanii, Ummata qalbii hatuuf, duula qor-qalbii hamaa irratti duuludha.

Hiwaatoonni bara qabsoo kaasanii jiranis ta’ee kanneen daboof Biyyatti godaanan siyaasi isaan gaggeessan fakkaassummaa irraa gara maal fiddutti ega ce’a ykn sadarkaa dhumaa irra ga’uu isaa fi jiraachuuf waan itti fakkaate hundumaa hojjachuu irraa duubatti kan hin deebine ta’uu mallattooleen mul’atan hedduudha. Kanneen keessaa :-
  1. Humna waraanaa keessatti, gaaffiin sabootaa jabaachaa deemuu fi icittiin guyyaa tokko bulu dhabuu irraa, Guutummaa humna waraanaa Biyyattii maal naan jedhuu tokkon alatti ykn dantaa sabootaa lammaffaa irra fiduun, sochiin humna waraa Biyyattii hundi isaa tu’annaa isaanii dhibbeentaa 100n xumuramuu guyyaa waraanaa jedhanii gidduu kana sochii taasisaa jiraniin mirkaneessanii jiru .waraana kana keessatti garaagarummaan jiru, Ilmaan sabootaa miseensummaan isaanii , waraana qofaafidha. Kan wayyaanootaa garuu, jalqaba miseensa Hiwaati ta’uun dirqama isaaniiti. ilmaan sabootaa, dirqamni isaanii Biyya diina irraa ittisuudha. Kan wayyaanootaa garuu jalqaba dantaa Hiwaat eegsiisuudha ykn kabachiisuudha. Dirqama kanaan bakka hundatti muudamanii jiru.
  2. Humna Tikaa ilaalchisee, humna kana keessatti hirmaannaa sabootaa jechuun qooqa sabootaa kan beekanitti dhimma ba’uuf jecha, humnoota tikaa naannoolee hundumaa ajaja isaanii jala galchuun, garee lamaan sochoosaa jiran. Inni tokko ol-aantummaa isaaniin humna warra tigiriffa dubbatuun qofaa kan ijaarame, caasaa addaa mataa isaa qabaatee hunda duubaan kan hordofu yennaa ta’u, inni kaan ilmaan sabootaa naannoolee keessatti ittin hordofan qaban. Akka walii galaatti garuu humna kanas guutummaatti tu’atanii jiran. Asi keessattis, humnoonni tikaa wayyaanee hundumtu, dantaa ol-aantummaa hiwahaati kabachiisuu kan jedhun waadaa seenan.
  3. Humna polisaa Biyyattii keessa jiru, humna Fedaraalaa fi Naannooleetti adda qooduun, heera mootummaa Naannooleen humna polisaa mataa isaanii ni qabaatu kan jedhamu cabsanii, humna fedaraalaa Ilmaan isaaniin ijaarame ajajoota taasisanii (afaan ummatootaa barsiisanii) waan hundaa dhunfatanii jiran. Asi irratti kan hubatamu qabu, polisiin fedaraalaas ta’uu naannoolee sochiin taasisan ija shakkiin waan ilaalamuuf, irra jireessa humnoota tikaatu waan isaan hin beekne ofii isaanii raawwatan. Qoodi isaanii yoo baayyate, yoo waa umame naannoo sana eegu qofaadha. Ykn diraamaan hiwaatootaan gaggeeffamu hanga xumuramutti ummata ittisu ta’a.
  4. Gama sochiilee siyaasaan kan jiru, adeemsi siyaasaa guutummaa Biyyattii tu’annaa hiwaat isa dhumaa keessa seenanii jiran. har’a Naannooleen maqaaf jirraan wal dhaadhessu malee, keessi isaanii burkutaa’ee jira. Sabboonummaan saboota keessatti dagaaguun, addatti Oromiyaan maqaan illee ol ka’aa dhufuun, sodaa itti uumeen shiroota hedduu hojjachu ega eegalanii bubbulanii jiran . waajjiraalee galii Ormiyaa ol kaasu jedhan irra jireessa isaanii, akkuma naannoolee jala jiranitti kan Fedaraalaa jala galchanii tu’achaa jiran. waajjira albuudaa, humna ibsaa, turizimii, ispoortii, qonnaa, kkf hunda fedaraala jalatti akka tu’ataman taasifame. Fakkeenyaaf lafa heektaara kuma 10 ol investaratti gurguruun naannooleef hin hayyamamu. Waajjiroota hundaa bajataan waan wal hidhatu hundaan laaffisaa jiran. shirri kun hundi, Ummati kun Itoophiyaama nu wayya akka jedhuuf yeroo dheeraa keessa kan irratti hojjatamaa jirudha. Sabboonummaa sabootaa kolaasuuf wayyaaneen shira gaggeessu keessaa inni guddaan, qooqaa fi aadaa sabootaa dhabamsiisuu dha. Oromiyaa keessaa Afaan Oromoo AFAAN HOJII ta’u irraa dhaabuuf shira naannoolee biro irratti hojjatan Oromiyaa irrattis hojjachaa jiran. Naannoolee hunda keessatti, ykn Naannoolee sagal keessaa irra jireessa Afaan hojii amaareffa taasisanii jiran. kana Tigiraayi fi Oromiyaa keessattis yaalaa jiran.
  5. Dhaabbilee siyaasaa biyya keessaa hundaa laamshessanii akka isaan dura hin dhaabbanne qofaa odoo hin taane, gara fuula duraatti Filannoo keessatti illee akka hin hirmaanneef diinummaa ija baasu irratti raawwatan. maal fiddu? jedhanii, paarlaamaa harka 99.9n mo’annee jedhan. Ammas kan dabaluuf deeman kanuma. wayyaaneen dhaabbilee siyaasaa haaraa kan akka “samaayawwii paartii ” jedhaman hedduu haaraa uumee jira. Filannoo 2010tti wayyaaneen Finfinnee keessatti sagalee dabalataa argachuuf, Ilmaan isaa Biyyoota arabaa turan baatii tokko tokkof akka seenan taasise 100,000 ol ta’uu fi dadhabbii isaaniifis, bifa maayikiroo xixiqqaa jedhuun ijaare mileyinara taasisuun, humni sun ammas humna biraa ol deebisuuf hojjachaa jiraachuu argaa jirra. Keessattu warra Biyyoota olla irraa sababaa siyaasaa fi hiyyummaan godaanan kana irratti bobbaasee hojjachiisaa jiraachuun guyyu ummatoonni qeeqaa kan jiraniidha. Kun wayyaaneen Ummatoota irraa hangam amantaa akka dhabe nu irgisiisa.
  6. Dingadee Biyyatti monopoliin qabachuu eegalee, saboonni biro sadarkaa nam-tokkee kaasee qabeenyaa qabuu fi maal irra akka oolchan tu’achuun, kan itti hin tolle cufuun hammeenya hiriyaa hin qabne hojjachaa jiraachuu kan wallaale hin jiru. Kubbaaniyyoonni wayyaanee waan hundaa tu’anna jedhanii akka ija xaafii heddummaachuun giddu isaanitti dorgommii uumee, warra Afaan Tigiriffaa dubbataniif bifa liqii yeroo dheeraan walii qooduun Ummatoota irratti ol aantummaa isaanii argisiisaa jiraachuu ifatti mul’isaa jiran .
  7. Waajjiraalee Fedaraalaa ilaalchisee guutummaatti saboota keessaa muraasa irra haa kaa’an malee, waajjiraalee fedaraalaa Ummataan wal quunnamsiisan hundumaa tu’atanii, fageenyatti of ittisuu kan jedhu gaggeeffataa jiran.
Mallattoolee dhumaa Angoon nu harkaa hin ba’iin kanneen qofaa miti hedduudha. Akka walii galaatti wayyaaneen maqaa sabootaan waan hojjattu hundumaa shakkuun, of baraaruuf tarkaanfi dhumaa irra ga’uu ishee ifatti argisiisaa jirti. Hammeenya hojjattu hundumaa odoma beekanii kan raawwataniidha. Gaaffii ummatootaa kaasuu akka danda’u inuma beekan. garuu ofii fi qabeenyaa saaman barbaaruuf yaadan. hanga dhumaatti ykn humni isaan kuffisu hanga dhufutti, hammeenya raawwaachuu qaban hundaa gaggeessuuf of laachuu isaanii ifatti miidiyaan lallabaa jiran. Wayyaanoonni hammeenyi isaanii kun Biyya keessatti mormii/ fincila kaasisuu danda’uf mala ykn humna waan sana dhaamsu fi addunyaa irratti waan hamaaf akka isaan hin saaxilleef ykn hin balaalefatamneef shiroota dursanii hojjatan qaban.

HIWAATOONNI HAMMEENYA ANGOO OF HARKA TURSUUF HOJJATAN BARAARUUF SHIROOTA QOPHEEFFATAN.
  1. Ummatoota dhaabbilee mormitootaa harkaa baasanii ofitti qabuu,
  2. Dhaabbilee siyaasaa Biyya keessaa bifa kamiinu haa ta’uu, diigu hanga dhabamsiisuu ,
  3. Humna waraanaa, tikaa fi polisaa waan hundaa dura dhaabbatu hundeessu, (tu’annaa isaanii jalatti )
  4. Sabboonummaa sabootaa laamsheessuu (itoophiyummaa fudhachiisuu),
  5. Dhaabbilee mormitootaa Qabsoo hidhannoo gaggeessan hundumaa diiguu ykn dhabamsiisuu ykn harka kennachisuu, kaayyoo jijjirsiisuu. Ykn qubsuma Biyya keessaas ta’ee alaa dhabsiisuu,
  6. Deeggarsa humnoota alaa irraa argachuuf ykn gaaffiilee dhaabbilee mormitootaa ykn iyyannoo isaanii ykn mormiilee Biyyoota alaa keessatti gaggeeffamu fudhatama dhabsiisuuf, sochiilee gama alaan irratti hojjataman hundumaa fashalsuuf, akkasumas gaaffii ummataa ykn mormii ummataa biyya keessaa ka’u mormii humnoota alaa irraa ka’uu ukkaamsuuf, maloota lama keewwatan. inni tokko tajaajiletuu isaanii ta’uu fi Naannoolee keessatti dhimma akka qabaatan taasisuu keewwatan. Qabxii ja’affaa kana Ummatoota irraa abdii yoo dhabne humnoota alaa yoo qabanne ni jiraanna jedhanii yaadu irraas ni dabalata,
  7. Mormii Biyya keessaa laaffisuuf Ummata dantaan adda qooduu,odoo hin beekne garba isaani taasisuu
  8. Ummatoota hiyyummaa keessa tursuu,
  9. Abbootii Biyyaa ykn Namoota gaaffii kaasan alatti ari’uu,
  10. Dhaloota itti aanu keessatti ol aantummaa isaanii, gama barnootaan, tekinolojiin, beekumsaan, kkf itti fufsiisuuf shiroota bal’aa raawwachuu,
  11. Finfinnee keessatti baayyina Ummataanis ta’ee kan biroon ol- aantummaa isaanii mirkaneessu.
  12. Saboota gidduu fi Biyyoota olla giddutti rakkoo uumanii waan sana furuuf jiraachuu ykn sirnicha irratti akka hin xiyyeeffanneef gidduu isaanitti rakkoo uumuu.
  13. Waldaalee Amantii keessatti shiroota gara garaa gaggeessuun walitti bu’iinsa babal’isuu. addatti Amantii Islaamaan wal qabsiisanii rakkoo umanii xiyyeeffanna warra alaa argachuu. kkf irratti hojjatan. qabxiilee tarrifaman kannen qofa mee tokko tokkon haa ilaallu:-
1. UMMATOOTA BOOJI’UU ;
karoora kana baafatanii turuuf ragaa tokko kaa’uun barbaada. Obbo Mallas shirri namaaf yaadan odoo isaan fuudhee hin deemiin, kitaaba Abiyootaawwii Dimokiraasii jettu tokko, bara 2002 kaasee Ummatoota mataa dhukkubse tokko baasuun isaanii ni yaadatama. warrii isaan beekan akka jedhanitti, kitaaboonni siyaasaa obbo mallas irra jireessa, sagaleen dubbatanii kan waraaban, deebisanii katabanii ykn katabsiisanii akka baasan dubbatu. maarree kitaaba isaanii Abiyootaawwii Dimokiraasii jettu kana keessatti (fuula 230, kan Ummataaf hin raabsamne, dabballoota qofaaf kan dhihaate) keessatti , “ ABO fudhatama dhabsiifnee dhabamsiisuuf, jalqaba Ummata biratti fudhatama qabu dhabsiisuu, isa booda, waan inni ummata ittin qabate nuuti amma tokko gadhiifnee Ummaticha dhaaluu dandeenyaa' jedha. Kana malees, ABO Ummata irraa adda kutuuf, Ummata irraa isa fageessinee, sagantaa yeroo dheeraan ummaticha bifa hunadaan amansiisuu, ABO irraa abdii akka kutatu taasisu” jedha.

Toftaan kun saboota hundaa irratti kan yaalamaa jirudha. Maqaa sabootaan ka’uun mataa isaa, Ummatoota booji’uu keessatti ramadamu danda’a. kana malees, dhaabbilee mormitootaa bakka bu’an diiguun, hidhuun, ajjeesuun, Biyyaa akka yaa’an taasisuun mataa isaa Ummatoota qofaatti hanbisanii booji’anii IMPAAYERA WARRA TIGIRIFFAA DUBBATU ijaaruuf yaaduudha. amma danda’anitti Ummatoota karaa isaan barbaadan irra ofuuf akka isaaniif mijatutti yaaliin hin taasisiin hin jiru. Akka walii galaatti waan Ummatoonni dantaa keessaa argatan, waldaalee, dhaabbilee miti moortummaa, gandoota, kkf hundumaa dhabamsiisanii, kan wayyaaneen hayyameef qofa Ummatoota akka quunnaman taasisuun, Ummatoota booji’uudha.
2. DHAABBILEE SIYAASAA DHABAMSIISU;
Gama kanaan sochii wayyaanee Biyya keessa ture deebisanii dubbachuun yeroo gubu ta’a. garuu wayyaaneen hammenya kana raawwachuuf shiroota fayyadamte argisiisuu dansaadha. Dhaabbileen mormitootaa Biyya keessa jiran, fageessanii yaaduun kan irra ture, Filannoo wayyaaneen waggoota 21 lallabaa jirtu keessatti hirmaachuun bu’an isaa eenyufii? jedhanii yaadu qaban. Gama biraan, filannoo kanatti hirmaachuutu wayyaanee saaxilamoo keessaa dhaabbachuutu ishee saaxila? jedhanii yaadu qaban turan. Filannoo wayyaaneen gaggeessitu gama hundaan addatti mormiin hunoota alaa irraa akka ishee hin mudanneef, tajaajiltuu warra alaa ta’u fi dantaan isaan biyya keessaa qaban wayyaaneen yoo jiraate qofaa jiraachuufii akka danda’au humnoota alaa amansifattee deemaa jiraachuu ijaan odoo hin argiin itti seenuun isaanii rakkoof isaan saaxile malee bu’aa argatan hin qaban. Warri alaa kun Filannoo Biyyoota guddatanii yennaa gilgaalan, Dimokiraatawaa ta’uuf yaalu isaa malee, ta’uu isaa hin barbaadan. Dimokiraasiin jiraannaan isaanu biyya sana keessaa waan barbaadan ni dhaban. Kanas hubachuu qaban turan.

Inni kaan wayyaaneen dhaabbilee mormitootaa dhabamsiisuuf, miseensuma isaanii dhaabbilee kana keessatti bakkoota ijoo qabsifacha bakka turanitti, dhaabbilee yaaduma wal fakkaataa qaban cinaa isaanitti ijaartee, wal nyaachisaa bakka turtetti, kan akka lidatufaa galgala galagala wayyaanee waliin bulee guyyaa beekaa isaan abaaree, yeroo filannoon xumuramu filannoo du’aa fi ajjeechaan xumurame sirriidha jedhee akka amanu taasifatan, dhaabbilee siyaasaa adda addaa keessatti wayyaanoonni namoota mataa ishee galchitee, dhaaba biraan akka walitti makaman taasisanii dhuma irratti warra hin barbaanne akka keessaa ari’aman yennaa taasiftu, waliigalatti, wayyaaneen dhaabbilee mormitootaa itti fayyadama miidiyaaleef karaa bantee, sa’atii dhumaa irratti yaaduma isaan dhiheeffatan kan ofii taasiftee dhiheessuun ummata harkaa baafachaa bakka turtetti, dhaabbileen mormitootaa Biyya keessaa, wayyaanee hamaamoota ta’uu irraa kan hafe, waan fayyadan akka hin qabne odoo hubatanii, Filannoo kan jedhamu irraa dhaabbatanii ta’ee , wayyaanee addunyaa irratti saaxiluuf isaan gargaara ture. Isaanis har’as warruma dubbatu qofaa hin ta’an turan. Heddun isaanii ammo hin diigaman turan. Dhaabbileen kanneen, amantaan ummatoota irraa qaban akka kaleessaa miti. Ummata maqaa isaaniin wareegamaniif gumaa hanga hin baasinitti. Waan itti jiran ni milkaa’aan rakkisaadha. Amma waan hundumaa tu’achuun wayyaanootaa, waan lubbun wal qabattu waan taateef, carraan ture, kana boodas kan jiru hin fakkaatu. Filannoo irraa dhaabbachuun, sirnichi, sirna garee tokko jiraachisuuf jiru ta’uu saaxiluuf of qabuu barbaachisa. Ummatas hirmaannaa filannoo irraa dhaabuutu dansaadha. Tarii waan kana wayyaanoonni diigu rakkatu ta’a.
3. HUMNA WARAANAA, TIKAA FI POLISAA TU’ACHUU; 
Hiwaatoonni har’a shakkiin ol aanaa keessa seenu irraa, shira dhokisaan gaggeffataa jiran ifatti baafachaa dhufu waliif himu hin barbaachisu. Jiraachuu keenya mirkaneessu caalaa waan yaadnu hin qabnu jedhanii, dantaa isaanii kabachisuuf hammeenya barbaachisu gara jabiinaan raawwachuuf qophaa’oo ta’uu isaanii, kunoo GUYYAA WARAANAA jedhanii kan miidiyaa isaaniin argisiisan ilaaluu dandeenya. Muudama humna waraanaa keessaa kaasuu ni dandeenya. Gareen mallasaa, har’a kaayyoo dhokfataa jiraatan ifatti mul’ifachuuf, ijoollee isaanii fagoo qabanillee daboof waammataa jiraachuu argaa jirra.

Humni waraana wayyaanee har’a ijaarsi isaa waa hedduun xaxamaa ta’unis dubbatamaa jira. Gaaffii sabootaa ukkaamsuuf, iccittii isaanii tikifachuuf, heddummiina ilmaan sabootaa waraana keessaa cabsuuf kkf, shirri addaa waraana keessatti gaggeeffamaa jiraachuu keessa beektoonni himaa jiran. Waraana kana keessa isaa tasgabbeessuuf , hidhaan, ajjeechaan, Biyyoota ollaatti sababaa gara garaan erguun bal’inaan himamaa jira. Kan muudaman ilaalchisee, loltoonni waraanicha keessatti argamanii hin beekne muudamaa jiraachuu himamaa jira. Ilmaan sabootaa muudama dhabsiisuu qofaa odoo hin taane, akka wal hin arginellee taasifamaa jira. Warra Afaan Tigiriffaa dubbatu ilaalchisee, garee mallasfaa fi Issiyyee jedhamee muudamni of eeggannoo taasifamee, gareen mallasfaa muudama lubbu dhiheenya kana fudhateen, guutummaatti waraanicha tu’achuutu dubbatamaa jira.

Walumaa galatti humni waraanaa, Tikaa fi polisaa toftaa hedduu qaanfachiisaa ta’een Ilmaan isaaniif kennanii jiran. amma sadarkaan irra jiran kanadha. Waraana kaayyoo isaanii fi kaayyoo humnoota alaa egisisu gadi dhaabanii jiran.
4. SABBOONUMMAA UMMATOOTAA LAAMSHESSUU
Hiwaatoonni, hayyamni mirga sabootaaf kennan hanga dantaa isaaniif yaaddoo hin taanetti qofaadha.wayyaaneef yaaddoo guddaa ta’ee kan argamu sabboonummaa ummatootaati. addatti kan Ummata Oromoo. kana irraa ka’uun aadaa isaa akka hin babal’ifneef ukkaamsaa sirnoota dabran caalu irratti gaggeessaa jiru .wayyaanoonni sochii Ummati Oromoo gama hundaan taasisaa jiru shiroota adda addaan golguuf yaalaa jiraachu hundatu taajjabaa jira. Biyya tokko fi qooqa tokko sana bakka qabsiisuuf halkanii fi guyyaa hojjachaa jiran.

Miidiyaa qofaa yoo fudhanne, miidiyaan Afaan Oromoon hojjatan hundumtuu Ummaticha kan guddina haaraa ykn teekinoolojii haaraan walitti fidan odoo hin taane, yeroo maraa sagantaalee ummataaf faayidaa hin qabne, duubatti deebisu, of akka jibban taasisu, miidiyaalee Afaan Oromoo akka jibban kan taasisan qofaatu hojjatama. sagantaaleen hirmaannaa ummataa qaban hundi torban tokko hin turan. Gaazexessitoota Ummata biratti jaalatamanis turban tokko hin turan. faallaa kanaa miidiyaaleen Afaan Amaaraan hojjataman hawwatoo akka ta’anitti bajati baafameefii hojjataman. Diraamaaleen dhihaatan hundi qor-qalbii Ummatootaa gama tokkotti akka harkisaniif haalan irratti hojjatamee ummataaf dhihaata. Adeemsi akkasii naannoolee keessatti hin hayyamamu. Miidiyaalee kana keessatti, aadaa fi jireenya ummatichaa kaasanii irratti hojjachuun hin danda’amu.

Gama biroon shiroota Artii sabootaa irratti hojjatamaniidha. Addatti sirboota sabotaa ilaalchisee shiroonni hojjatamaa jiran daangaa hin qaban. Har’a sirboonni aadaa sabootaa Afaan Amaaraan sirbuu malee, qooqa naannoo sanaan sirbuun sabboonummaa jabeessa jedhamee dhorkamee jira. Sadarkaa Biyyattiitti Industirii muuziqaa tu’atanii kan jiran wayyaanootaa fi waa’ellan isaaniiti . saboonni ykn artistoonni sabootaa ofii isaaniin tattaafatanii muuziqaa baafachuu hin danda’an. garee wayyaaneen hundeesse kana irraa hayyama argachuu qaba. Gareen kun Afaan sabootaa sirnaan barsiisee, Ummatoota bakka bu’anii akka sirban taasisaa jiran. Sirbitoonni Biyyatti keessatti guddatanii Afaan hundaa baratan kun har’a kilippi har’a borii baasanii Ummatoota booji’uuf yennaa yaalan, Ilmaan sabootaa waggaa tokkotti sirba tokko baasuuf dhama’aa jiran.

Gama biroon sabboonummaa sabootaa cabsuuf, hammeenya diraamaalee DVD, intarneetaa fi Fiilmiin faca’aa jiran, aadaa, safuu, duudhaa fi kabajaa Ummatootaa sarbanii, hawaasa xuraa’aa umuuf sochii taasifamuudha. Keessattu Oromiyaa keessatti dhaloota jiru gara dhabsiisuuf Diraamaaleen Afaan Amaaraan raabsamaa jiran, dhaloota tokko nu dhabsiisaa jiraachuu waan guyyuu taajjabaa jirrudha. Warri wayyaaneen gurmeesse Ummatoota irratti gadhiise kun, meeshaalee waraabbii ilmaan sabootaaf rakkisaa ta’e, isaaniif akkamiin salphaatti akka argamu hin beekamu. Istudiyoon gara garaa ilmaan sabootaaf qaqqaalii ta’an isaaniif akkamiin liqiin akka hojjatu namaaf hin galu.

Walumaa galatti sabboonummaa sabootaa addatti kan Ummata Oromoo cabsuuf shiroonni Oromiyaa keessatti hojjataman dubbatamanii kan dhumanii miti. Keessattu dhaloota har’aa irratti shirri gaggeeffamu, hedduu kan nama yaaddeessuudha. Qabsoon Oromoo gam-tokkotti luucca’ee dhaloota kanaaf yoo hin qaqqabiin waan keessaa ba’uu hin dandeenye akka seennu hin shakkiinaa .
5. DHAABBILEE BILISUMMAA SABA ISAANIIF FALMANII FI WAYYAANEE; 
Wayyaaneen dhaabbilee siyaasaa Bilisummaa saba isaaniif qabsoo hidhannoo gaggeessan irratti shiroota bifoota gara garaa gaggeessaa jiraachuun beekamaadha. Shirri kun garuu bifa hedduu of keessaa qaba. Dhaabbilee cichoomiina qaban Ummata irraa fageessuu, dhaaba sana humnaan cabsuu, adda qooduu, dadhabsuu, akka harka kennatan taasisuu, wal dura dhaabuu, amma laafate biyyatti deebisuu, ega Biyya seenee booda laamsheessuu, walumaa gala adeemsa ykn Angoo isheef yaaddoo akka hin taane taasisuudha.

Kana gochuuf bajata ol aanaa ramaduun dhaabbilee mormitootaa hidhannoo gaggeessan irratti yakkoota hedduu hojjattee jirti. Miseensoota maallaqaan bituun gansiifteetti . dantaan garee akka uuman taasiftee Biyyatti akka deebi’an taasifteetti. kaayyoo jijjiiranii adeemsa ishee akka fudhatan taasifteetti . dhabamsiisuuf ammo daangaa Biyyoota olla cabsitee seentee itti duulteetti. gama kanaan qabsoo Oromoo yoo ilaalle shirri wayyaanee kun hundi isa mudateera. har’a caalaattu bifoota nama qaanfachiisuun gaggeeffamaa jira. Keessattu dhaabbilee siyaasaa Oromoo Itoophiyaa Dimokiraatofte keessa jiraachuu fedhu dhaga’uun cubbuu qabaatu baatus (murtiin kan ummataa waan ta’ef) ABO kaayyoo jijjiiratte Biyyatti deebisuuf shirri gaggeeffamu garuu hammeenyummaa isaan isa hangafaa hin ta’iin hin hafu. Ani hedduu kan na raaju, Namni ilaalcha siyaasaa kumaantamaa qabaate socha’uu odoo danda’uu, ABO kaayyoo jijjirsiisuuf hojjachuun maaliidhaa? isa jedhudha. Gama kanaan wayyaanee qofaa odoo hin taane, humnoonni seenaan boru saaxilu fi humnoonni alaa keessatti hirmaachaa jiraachuu isaaniif ragaa hedduu tarrisuu dandeenya.fakkeenyaaf,

ITOOPHIYAA BARA BARAAF BITUUF QABSOO OROMOO DHABAMSIISUU:-

Karoorri kun kan Hiwaati. har’a garuu saboota biroo keessatti faca’ee jira. Akeektoonni siyaasa wayyaanee, adeemsa kana bara Bosona keessa jiran irratti mari’ataa turu fi OPDO, ABO dura dhaabuuf karoorfachuu isaanii namoonni har’a wayyaanee jibbanii ba’an bakkayyutti dubbachaa jiraachu ni dhageenya. Wayyaanoonni kaayyoo bara dheeraa qabaniif danqaa nutti ta’a kan jedhanii keewwatan , Qabsoo ykn gaaffii Ummata Oromooti. gaaffii kana dura irraa akkamittii itti fayyadamuu? booda akkamiin dhabamsiisna? kan jedhuuf SHIROOTA itti aanan kana keewwatan. Kun Hiwaatoonni waggoota 21f ABO yoo barbaadan dhabamsiifne, yoo fedhanis ,lubbu itti deebisanii jiraachuu yennaa lallabun sun, karoorri obbo mallasaa fi akeektoonni isaanii dhugaa ta’uu fi warra jiraachuuf yakka raawwatan ta’u isaanii nu mirkaneessa.

ABO DHABAMSIISUU :-

Wayyaaneen ABO dhabamsiisuuf karoorri qabatte, bara Asoosaatti lola itti bante irraa eegaltee jechuu dandeenya. Ega Biyya waliin seenanis chaartara keessaa baasuu fi waraana seeraan ala marsanii gara jabiinaan dhukaasa itti bananii guutummaatti fixuuf yaaluun, karoora gadi fageenyaa qabaachuu nu mirkaneessa. isa booda Biyya keessa dabartee Biyyoota ollaa keessaallee dubbee akka hin qabaanne taasisuuf yaaluun isaanii madaa yoomillee hin fayyine taasisan. Nama barbaadan qabanii hidhanii ABO dha jechuu eegalee , sadarkaa Addunyaa irratti ABO goolessaa jechisisuuf shirri ykn diraamaan irratti hojjatame hangama gadi fagenyaan akka itti yaadamuu fi karooraan dhabamsifnaa wayyaaneen kan nu dhugeessudha. Walumaa gala ABO dhabamsiisuu jechuun qabsoo Oromoo dhabamsiisutti kan fudhatte wayyaaneen, Oromoo tokko irraa kaaftee hanga sadarkaa Addunyaatti irratti hojjachuu argina. Kana irras dabree, dhaabbilee siyaasaa Oromoo Biyya keessaa odoo hin hafne, duubaan ABOtu jira jechuun isaan hidhan, Biyyaa baasan, Ajjeesan. Waggoota 21 dabran duulli gama kanaan miidiyaan irratti hojjatame addunyaa irrattu dorgomaa kan qabu hin fakkaatu.

UMMATA DORSIISUU :- 

Wayyaaneen ABO goolessaa taasiftee sadarkaa addunyaatti irratti dulchisuuf yaaluun, dhaabicha dhabamsiisuun karoora tokkoffaa yennaa ta’u, inni lamadaa, ummaticha irraa kutuuf ture. Duulli gama kanaan gaggeeffame salphaa miti. sababa kanaan, Ilmaan oromoo kumoota 50n lakkaa’aman dhumaniiru . kumoota dhibbaan kan tilmaaman hidhaa jiran. miliyoonatti kan shallagaman Biyyaa yaa’an. Maatiin meeqa diigame. qabeenyaan meeqa barbadaawe. Kan hunda caalu, qor-qalbii Ummata keenya irratti hammeenyi hojjatame lakkaa’amee kan dhumu miti. Hojiileen waajjiraalee meeqa gufatan .beektootaa fi ijoollee qaroo boru biyyi isaanii deebiftee argachuu hin dandeenye meeqa fixan. Mana hidhaa keessatti ajjeechaa meeqatu raawwatame? maatii fuulduratti ijoollee meeqatu rashaname? maatii ijoollee meeqatu ijoolle fulduratti ajjeefame. Oromoota meeqatu ajjeefame gatame? meeqatu awwaalchallee argatee meeqatu waraabeessaan nyaachifame. Hammeenyi jiruu dubbatame kan dhumu miti. kun hundi garuu, qabsoo Ummata kanaa dhabamsiisuuf, lubbuu wayyaanootaa dheerassuuf gaggeeffame.hammeenyi kun hundumtu qabsoo irraa duubatti nu hin deebisu jechuu dandeenya. Garuu miidhamni kun, ummata kana hawaasa addunyaa keessaa hanga tokko duubatti harkisuu ilaalu qabna. Sababaa kanaan ummati keenya jireenya eenyun gadii jiraachaa jiraachuun isaa nama quuqa. laalaan isaa salphaa miti

SHAKKII OPDO KEESSAA :-

Hiwaatoonni OPDO wayita ijaaran, ABO irratti aggaammatanii ture. Ega ijaaranii boodas, akkaataa dhimma isaanii karaa dhaaba kanaa raawwatan tolfatan. Waan yaadan hojjachuuf wallaalaa filachuun ulaagaa isaani tokkoffaa ta’e. wallaalaa sana illee shakkanii, warra afaan beekan waliin ijaaran. shira qabsoo sabichaa dhabamsiisuu keessatti, OPDO, ABO irraa tikisuu fi OPDO ABO keessatti ijaaruu, kana irra taree, Hawaasa Biyya alaa jiru hawwachuu kan jedhu keewwatan. sabboonummaa OPDO keessaa dhabamsiisuuf hundeessitootaa kaasee hedduu ari’an. (maqaa waliin dhiheessuun ni danda’ama). Bara 2004 miseensoonni OPDO saboota biro ta’uu ni danda’an jedhanii seera galgala tokkottii tumanii Ilmaan Oromoo Bulchiisa adda addaa irraa kaasanii, warra maqaa lama qabu irra kaa’aan. Jarreen muudaman Ummatichaaf naasuu tokkollee waan hin qabaannef, Qooqa sabcihaan hojjachuu fi barachuun akka laafatu taasisanii, Afaan kanaan dubbachunuu, dhiphummaa ta’ee argame. ilmaan oromoo bakkaa bakkatti jijjiruun, bakka tokkotti hojii tokkollee hojjatanii ummata isaaniif furmaata akka hin fidineef irratti hojjatan.wallaaltoota fi garaaf bultoota Ango irra kaa’aanii Oromiyaa keessatti waa tokkollee akka hin hojjanne taasiisanii, qabeenyaa Oromiyaa dacheen isaanii akka ijaaramtu taasisan.
6. WAYYAANEE FI HUMNOOTA ALAA ;
Har’a abdii wayyaanee inni angafaa humnoota alaati. amma humnoota alaatti abdatan, waraana isaanittu hin abdatan. Hiwaatoonni hammeenya Ummatoota irratti hojjataniin himatamu hin barbaanne, humnoota alaa bifa sadiin qabachutti xiyyeeffatanii hojjataa jiraatan. Inni tokko tajaajiltu isaanii ta’uun yennaa ta’u, inni lammaffaa, hojii Dippilomaasii Biyyaan wal qabsiifamee kan hojjatamu si’a ta’u, inni sadaffaan, Biyyatti keessaa dantaa Dinagdee fi kkf akka qabaatan taasisuun, wayyaanee irra harka qabaa akka jiraatan taasisaa jiran. Shirri kun hin milkofneef jechuu hin dandeenyu. Biyyoota gara garaatti erganii fedhii warra Faranjii guutuuf lubbuu ilmaan sabootaa gabbaruun wayyaanee ofumaa miti. Lafa heektaara miliyoonatti herreegamu gatii rakasaan kennuun callisanii miti. Ashabbaarii dura dhaabbannee jirra jedhanii gooftolii isaaaniif kan guggufan akkasumaan miti. sadarkaa Biyyatitti lammiileen kuma 100 il hidhaa jiran. Kan ajjeefaman kumoota 10niin tilmaaman, kan Biyyaa godaane miliyoonaan lakkaa’ama. Hiraarriin Biyya keessaa lakkoofsa hin qabu. Yakkaanni wayyaanee kanneen dhoksaa miti. hundatu beeka. Maarree warri adii maaf beekaa callisan? keessattu,Guyyaa tokkotti Ummata 192 guyyaa saafaa yennaa daandii irratti rashanan kan callisanii bira dabramanif kanumaafii.

Shiroota kanaan wayyaanoonni jiraachuu qofaa odoo hin taane, gaaffii Ummatoota Bilisummaa barbaadanii Ukkamsuuf yaalaa jiran. Shariikoota wayyaanee adda duraa yoo ilaalle, Ameerikaa, ingilizii, chaayinaa, jaappaan, saa’uudii, raashiyaa, koriyaa kkf dha. Jarri kun ammo kanneen addunyaa akka fedha isaanitti bulchanii. dantaa isaan har’a Itoophiyaa addatti Oromiyaa keessaa qabaachaa jiran kan dubbatame dhumu miti. Qabeenyaa isaan guurrachaa jiran Biyya isaaniif, utubaa jabaa ta’aa jira. Keessattu chaayinaan oromiyaa qullaa hanbisuuf kan hafeef hin qabdu. waan jiru katabuun jabiina diinaa ibsuu miti. Yoo dafnee dammaqinee shira kana dura hin dhaabbatiin, boruu waan dura dhaabbachuu hin dandeenye nu irratti ijaaramee waan keenya cufamee hafuun waan hin olleefidha.

Har’a Investaroota alaa nutti godaanaa jiraniin Ummati keenya bakka maraa buqqifamaa jira. Kana deebisanii himuun gatii hin qabu. Biyyoonni alaa waan nu irratti raawwatan hundi ofii isaaniin ka’anii odoo hin taane, shira wayyaaneen dhihaateefin gawwamanii ta’uu danda’a. wayyaaneen Biyyatti keessa hanga isaan jiranitti nagaan akka jiraatanitti waadaa seentee, dhaabbileen kun garuu Biyya keessa seennaan isiniif dhumatee wal haa gargaarru jettee keessaa fi alaan nutti cufachuu isaanii osoo beeknu har’alle wal utubuu irra wal dadhabsuuf yaaluun keenya nama qaanfachiisa. Wayyaaneen adeemsi siyaasaa Ummatoota biraa qabdu xumurtee jirti. Ummatoota biratti fudhatama dhabdee jirtii jechuu kiyya. humni sadarkaa kana irra ga’e ammoo yakka har’aaf isa bulchu hojjachuu irraa duubatti akka hin jenne ifadha.Wayyaaneen ka’umsi ishee Tigiraayif ture. Humna biraaf addatti humnoota alaaf tajaajiltuu taatee,gorsa warra alaan Ihaadeegiin ijaaree , itoophiyaatti ol guddate. Sagantaa Tigiraayif ba’e saayizi isaa itti ida’ee, ummatootaaf jedhe. Kan kaleessa abaare har’a jajee, kan har’a jaje bor abaaree gaararraa caalaa gegeddaramuun isaa, lubbu dheerachuuf kan taasisu qofaadha. Badii kana irraa humni injifannoo waggaa 100 olii galmeesisaa jiru hin dhibu. Wayyaanoonni kufaatiin isaanii akka hin oollee ni beekan. kufaatiin isaanii kunis humnaan ta’uu ega murteeffatanii bubbulanii jiran . humni qawween isaan dura dhaabbatu hanga hin jirretti akka hin kufne ni beeku. kanaaf kaardiin wareegama keenya dabarsinee hin laannu jedhu.

Hiwaatoonni jiraachuuf yakka dursitoota biyyoota biro fannisisu Ummatoota irratti hojjachuun keenya hin hafu jedhanii, waan kana qabbaneessuuf Ummata odoo hin taane, humnoota alaa qabachuun murteessaadha jedhanii akeektoonni siyaasa isaanii akka imaammataatti keewwataniiru . humni shira akkasiin dhalatee guddate kun, waggoota 21 dabraniif shirri Ummataa fi qabsoo keenya irratti hojjate akka salphaatti ilaallee kan bira tarruu miti.

Tarii abdiin guutamnee haa dubbannu malee, qabsoo keenyaan injifannee Ummata keenya keessa jiraannee waan fayyifachuun hin dandeenye waa hedduu nu midhanii jiran. kana jechuun yeroo maraa waan diinni nu irratti hojjate lallabuuf odoo hin taane, miidhamni caalu odoo hin dhaqqabne waan dursuu qabuuf dursa laannee, Qabsoo walii galaa Oromiyaa fi Oromoof gaggeeffamu qindeessuun barbaachisaa ta’uu akeekufii . kun ummata kanaaf haaraa miti ta’a. keessattu biyya keessa kan jiruuf. irra jireessa garuu hawaasa keenya Biyya alaa jiruuf miidhama Ummata isaa kana hubatee yoo xiqqaate fedhii dhunfaa isaa akka of keessaa baasee, sagalee tokkon ummata isaaf dursa kennu akka qabu hubachiisuufi. Ameerikaan boolla nu qotaa jirti. Chaayinaan nu awwaaluuf qophaa’aa jirti. Ingiliziin sirna awwaalcha keenyaaf polisa leenjifti. saa’udiin mana hidhaaf maallaqa gumaachiti……warrii ala jiraatu bakka jirutti maaliif hin iyyatu. Maaliif embaasootatti dhaqee nurraa dhaabbadhaa hin jenne. Hunduu miidhama kana dubbachuu maaf dadhaba. Siyaasa keenya dhalaaldhaluu keessaa yoom baafna?

Kutaa 3ffaan itti fufa.
__________________________________________________________________________________
*Burqaa430@gmail.com

No comments:

Post a Comment