Tokkummaa ABO Itichanii QBO Jabeessuuf qooda Murnoota ABO fi kan Ummata Oromoo:[Kutaa 1ffaa]-Tokkummaa dhugaa moo tokkummaa toofttaa?

Guraandhala 21, 2013 | Lookoo Gaachoo* Irraa

Seensa Duubisuuf Addana Tuqaa

Yadda Oromoo Tokkoo

Kutaa 1ffaa: Tokkummaa dhugaa moo tokkummaa toofttaa?

Cuunfaa Gabaabaa Kutaa 1ffaa

Kutaan duraa kun gaaffilee, “Tokkummman kun tokkummaa dhugaa, kan QBO jabeessuuf abdii qabu moo kan akkuma tokkummoota hedduu isa kana dura dabranii labsamee ‘Internet” irratti hafuu? Tokkummaan bara dheeraaf gar-lachuun didamaa ture, amma maalttu jijjiiramee gar-lachuun fudhatamee?” gaaffii jedhuuf deebii Oromootin kennaa jiran hamma tokkoo ilaala. Isa booda, tokkummaa kana itichuuf murnootin ABO lamaan fi ummatin Oromoo waan gochuu qaban irratti yaada kiyyaan xumurama.

Gaaffiileen armaa olitti kaase kanaaf deebii barbaacha miseensota Shanee lama, kan QC lama fi Oromoota miseensa murnoota kanaa hin taane lama akkan dubbisee hubadhetti, yeroo ammaatti, tokkummaan murnoota kanaa ija shakkiin ilaalamaa jira.

Kutaa duraa kana keessatti walhubannoon labsame kun Oromoota biratti, miseensota ShG fi kan QC dabalatee, ija shakkiin ilaalamaa jiraachuu ibsa.


Shakkii kana yoo danda’ame dhabamsiisuuf, ykn xiqqeessuuf, tarkaanfiilee hoogganootin ABO fudhachuu qaban jedhu akeeka. Isaanis,
  1. Tokkumman kun tokkummaa dhugaa malee kan toofttaa akka hin taane hunda dura miseensota keessan amansiisaa;
  2. Hawaasaa Oromotti gad-baatanii wal-hubannoo keessan ibsaa yeroo jirttan kanatti, tarkaanfii itti aanutti qophaa’uu hin irraanfatinaa;
  3. Balleessaa fi dogoggora hojjettaniif gaafatama fudhaa! Kan jedhan.

Qooda ummatin Oromoo sochii tokkummaa ABOf godhamu kana jabeessuuf qabus akka kanatti kaa’a:
  1. Ummata tarkaanfii qabsoo keenya jabeessuu danda’u hunda leellisu, garuu kan tarkaanfii xixxiqqotti hin quufnne, ta’uu keenya hoogganoota keenyatti argisiisuu dha; 
  2. Bakka fi yeroo carraan argame hundatti dhimma bahuun gaaffiilee fardii ta’an gaafachuu fi deebii hojiin mul’atuun malee kan afaaniin quufuu diduu dha;
  3. Tokkumaa abdatamu kana milkeessuuf gargaarsa sochii murnoota lamanii madaalu gumaachuu dha.
Tokkummaa ‘Internet’ irratti hafe 

Murnoota ABO yeroo addaddaati wal irraa fottoqan gidduutti fi murnoota ABOf THBO gidduutti walhubannoo ykn waliigalteen yeroo labsamu kun kan duraa miti. Heddutu labsamee ‘internet’ irratti hafe. Isaan keessaa hamman beeku xuxxuquuf:

Fulbaana 27, 2010, murnni Shanee GS-ABO Obbo Daawud Ibsaan geggeeffamu fi murnni Jijjiirama ABO kan Obbo Kamaal Galchuun geggeeffamu maree waggaa lama oliif deemaa ture booda waliigalttee irra gahuusaanii labsan. Ummatin Oromoos gammachuun simate. Walitti deebi’anii ABO jabeessanii QBO finiinsu jedhee abdii guddaan eegaa ture. Waliigalteen kun ‘Internet’ irratti hafe!

Bitootessa 31, 2010, murnni QC-ABO Obbo Dhugaasaa Bakakkoon geggeeffamu fi murnni ABO-Jijjiiramaa “walhubannoo ol’aanaa irra akka ga’e ummata keenyaa fi qabsaa’ota Oromoof yeroo labsinu gammachuu fi qabsoo hadhaawaa nu eeggatuuf wareegama barbaachisuu kafaluuf akkuma kaleessaa hardhas qophaawoo ta’udhaani” jechuun labsan. Har’a, wagga lama booda, ummaatin Oromoo waliigalteen kun maaliif akka gufate hin beeksifamnne. “Walhubannoo ol’aanaa[n]” kunis osoo bakka hin ga’in ‘Internet’ irratti hafe.

Sadaasa 11, 2011 Murnni QC-ABO fi Tokkummaan Humnoota Bilisummaa Oromoo “Hariiroon jalqabamee jiru kun, dafee hojiirra oolee, guddachaa adeemee, dhaabboleen keenya lamaan, gara caasaa tokko waliin qabaatnee jala hiriiruutti akka tarkaanfannu gochuuf, karaa barbaachise hundumaanuu ni carraaqna” jechuun ummata Oromoo abdachiisan. Waliigalteen kunillee kanneen dabran irraa adda hin taane – ‘Internet’ irratti hafe!

Waliigalteen kun hundi tokkummaa dhugaa akka hin fidin beekamaa dha. Kan guyya bofa arga halkan teepha dheessa jedha Oromoon. “Walhubannoo kana kanneen dabran irraa maalttu adda godhaa?” gaaffiin jedhu hedduu dhaga’ama. Kanaaf, walhubannoon kunis akkuma kanneen dabranii ‘Internet’ irratti hafa moo tokkummaa dhugaa ta’ee QBO shaffisa gaaffiin jedhu sababoota walhubannoo kana ija shakkiin ilaachisan keessaa isa tokko.

Tokkummaa dhugaa moo tokkummaa toofttaa? 

Shanee fi QC barrota lamaaf (2009 – 2010), nagaa buusuuf walitti deddeebi’anii haasa’anii qabxii lama irratti waliigaluu dadhaban jedhama. QC “kaayyo cabsitan” jedhee yeroo Shanee yakku, Shaneen ammo “heera fi seera ABOn bulu diddanii dhaaba keessatti dhaaba ijaarrattanii fottoqa uumttan” jechuun QC yakkite. Shaneen “nuti kaayyo cabsinee hin beeknnu; waan isin gar-malee hubattan waan nuti toofttaf dhimma itti baane dha; kan heera fi seera dhaabaa cabsee dhaaba keessatti dhaaba ijaarrate isini – kanaaf gaafatama fudhaa” jette rincicce. QC ammo “Nuti heera fi seera hin cabsine. Kan kaayyoo cabsee dhaabicha fottoqisee qasaa’ota facaase isini. Kanaaf, badii gootaniif gaafatama fudhaa malee” jechuun rincice. Kanaaf waliigaluu dadhabanii haasa nagaa isaan gidduu ture baroota lamaaf dhaabanii hamma yeroo dhihootti turan.

Sadaasaa 2012 keessa “wal-hubanne” jedhanii labsa baasanii yeroo ammaatti magaalota biyya ambbaa addaaddaa keessa deemanii walgahii uummataa waamuun ibsaa kennaa fi maallaqa funaanaa jiru. Maaltu jijjjiiramee? Yoo fedhii ummatin Oromoo tokkuummaa qabsaa’ota isaaf qabu guutuuf ta’e, gaaffii baroota 12f gurra kennuufii didanii turan har’a maaliif kabajuu filatanii? “Shaneetu kaayyo cabsuushee amanee fudhate moo QCtu heera fi seera ABO cabsanii dhaaba keessaati dhaaba jaarrachuu saanii fudhatanii araaramanii?” gaaffiin jedhu hedduu dhagahama.

Gaaffii kana miseensoota murnna lamaaniif dhiheessee ture. Akka miseensonnii murnna lamaanuu jedhanitti, Shaneenis “kaayyoo cabsuu” hin fudhanne; QCnis “heera fi seera dhaabicha cabsuu” hin fudhanne. Waan hundi “seenaaf ha hafu” jedhamee walii-galame jedhu. Kun hammam dhugaa dha jedhanii akka amanan yeroo gaafataman, hundi saanii akka ija shakkiin ilaalan himu. Haalota addaddaa kan isaan shakkisiisu kaasanii dubbatu.

Sadarkaa tokkoffaatti kan isaan kaasan dorgommii ShG fi murnna Waltajjii Marii oromoo (WMO) ykn Oromo Dialugue Forum (ODF) jedhamuu gidduu jira jedhanii amanan. Yeroo dhihoo as hoogganoota fi miseensota ABO durii, kan yeroo dhihoo dura miseensota fi hoogganoota Shanee turan, keessaa hammi tokko dhaaba(?) WMO jedhamuu ijaarratanii biyya keessa fi alatti sosso’aa jiru. Kaayyoon WMO kan ShG baroota dabran kudhan oliif ittiin soosso’aa turtte wajjiin wal hin dhabu – Itoophiyaa dimookraatessuu dha – jedhu.

Dorgommiin qaamota kana lameen gidduu waan lama irratti akka ta’e dubbatu. Tokkoffaan, miseenosta wal saamuu irratti. Miseensonni Shanee hedduun, keessattu kan ShG keessatti irra caalaa beekumsa fi dandeettii qaban fi sadarkaa addaddaatti hojii hedduu hojjechaa turan, ShG dhiisanii WMO tti galaaa jiru jedhu. Kana irraan kan ka’e, Shanee irra dhiibbaa gosa lamaatu ga’e: (a) buusiin miseensa (maallaqin miseensota irraa argamu) hedduu jalaa gad-bu’e ykn xiqqaate; (b) Humnna namaa beekumsa fi dandeetti qabu hedduu dhabdde. Lammaffaan, gargaarsa alagaa (foreign donors) irraa argamu wal saamuu irratti: Yeroo Shanee fi WMO waajjin turan gargaarsa gosa lama “Western Churches” irraa argachaa turan. Isaanis gargaarsa maallaqaa fi gargaarsa diiplomaasii ti. Churchoonni kun yeroo addaddaatti Shanee maallaqaan gargaaraa turan. Shaneen “Itoophiyaa dimookraatessuuf hojjetti” jedanii bakka-bu’oota mootummoota lixaa (Western Gov’ts) biratti ragaa bahuufiin akka isaan Shaneef gurra kennaniif kadhatuuf. Shanee keessatti kan churchoota qunnamuun gargaarsa kana argamsiisan hedduun kanneen amma hooggana WMO ta’an. Yeroo Shanee irraa gargar bahan, qunnamtii churchoota kanaa wajjin jiru jalaa fudhatanii deeman; Gargaarsa maallaqaa fi kan diiplomaasii isaan irraa argamus dhuunfatan.

Dorgommiin armaa olitti xuqaman lamaan, miseenosta fi arjoomtota alagaa (foreign donors) wal-saamuun Shanee hedduu dadhabsiisee jira jedhanii dubbatu.

Egaa, akka kanneen tokkummaa kana ija shakkiin ilaalan jedhanitti, kan Shaneen araara bara 12f didaa turtte har’a fudhatteef dhugumaan waa’ee kaayyoo irratti yaada jijjiirrattee osoo hin taane WMO irratti QC daboo kadhachuuf. Shaneen WMO irra jaabaachuuf yoo carraa argatte ykn WMO ofumasaan dadhabaa yoo deeme, “Oromiyaa walaboomsuu” yeroo dhihoo as dhaadhessuutti jirttu dhiifttee bakkashee duriitti deebiti jedhanii shakku. Kanaaf, tokkummaan kun waaraa kan ta’u hin fakkaatu jedhu.

“Qaamin Cehumsaa hoo kana keessaa maal argataa? Araara bara 12 oliif didee taa’aa ture amma maaliif fudhatee?” gaaffii jedhuuf deebiin kennan: QCs rakkoo mataasaatii qaba jedhu. Rakkoon QC Tokkoffaan, lakkoobsi miseensota QC hedduu xiqqoo dha. Erga bara 12 dura Shanee irraa gargar bahanii as lakkobsi miseensota QC xiqqaachaa malee dabalaa hin deemnne jedhanii amanu. Baroota dheeraaf namoota lakkoobsaan xiqoo tahanii maallaqa dhaabichi ittiin sosso’u fi kan hoogganni saanii ittiin jiraatu baasaa turan. Dheerina yeroo keessa ba’aa kana nuffuu fi dadhabuu isaanii dubbatu. Sadarkaa lammaffaatti akka rakkoo QC tti kan dhiheessan, murnichi baroota 12n dabran kana keessa Shanee dura dhaabbachuuf dabree dabree labsa tokko-tokko baasuu irraa kan hafe sochii mul’ataa argisiisuu dadhabuu isaa miseensonni murnichaa hubachaa dhufuu dha. Kun hedduu hamilee isaan cabsuu bira taree akka durii maallaqa bussuutti si’aawu dhabuutu isaan gidduutti mul’ata jedhu. Kanaaf, hoogganootin QC baroota lamaan dabraniif yaaddoo hedduu keessa turan, ammas jiru, jedhu keessa beektonni. Haalli kun akka kanatti yoo itti fufe jireenya murnichaaf yaaddeessaa waan ta’eef osoo achi hin ga’in murnicha dandamachiisuuf Shanee wajjiin wal-hubannoo kana mallatteessuuf dirqaman jedhama.

Gabaabatti, ilaalchi miseensota murnoota kanaa fi kanneen miseensota saanii hin taane jidduu jiru wal-hubannoon kun kan toofttaa ti malee kan dhugaa miti kan jedhu dha. Ilaalchi kun milkoomina tokkummaa ABO fi kan QBO irratti dhiibbaa guddaa qabaata. Kanaaf, murnootin ShG fi QC ija gatiin ilaalanii shakkii kana dhabamsiisuuf, yoo dadhabames xiqqeessuuf, sosso’uun kan filmaata biraa hin qabnne. Qabxiilee armaa gaditti tarreeffaman irratti bobba’uun ni gargaara jedheen yaada.
  1. Tokkumman kun tokkummaa dhugaa malee kan toofttaa akka hin taane hunda dura miseensota keessan amansiisaa. Silaa, osoo walii hin mallatteessin dura miseensota keessan mar’achiisuun qooda fudhachiisuutu isin irra ture. Akka miseensonni keessan jedhantti mari’achiisuun hafnnaan ibsi gaahnillee kan kennameef hin fakkaatu. Miseensi sochii dhaabasaa shakkiin ilaalu gad bahee ummata dammaqisuu fi amansiisuu hin danda’u. Kan amanee fudhate garuu bakkaa carraa argate hundatti jaarmaasaa bakka bu’ee ummataf ibsuu fi amansiisuu danda’a. Sadarkaa duraatti dhimma kana sirreessuun sochii ummata amansiisuuf gootan isiniif shaffisa.

  2. Hawaasaa Oromotti gad-baatanii wal-hubannoo keessan ibsaa yeroo jirttan kanatti, tarkaanfii itti aanutti qophaa’uu hin irraanfatinaa. Silaa, osoo walhubannoo keessan hin labsiin dura tarkaanfii itti aanuf karoora qabaachuutu isin irra ture. Amma, kan isin jechaa jirttan “walhubannoo irra gahuu keenyaaf gammadaa; maallaqas nuuf kennaa” dha. Osoo tarkaafii itti aanu karrorfattanii jiraattanii, “Sochiin keenya itti aanu kana fakkaata. Sochii kana milkeessuuf ammo qoodin ummata Oromoo kana fakkaachuu qaba” jettanii qajeelfama barbaachisu dabarfachuu dandeessu turttan. Kun ta’uu hanqachuun isaa kanneen ibsa keessan dhaggeeffatan biratti, miseensota keessan dabalatee, walhubannoon kun ija shakkiin akka ilaalamu qooda gumaache qaba. Kanaaf, yeroo gabaabaa keessatti tarkaanfii keessan itti aanu karoorfattanii ummata beeksisuun isin irraa eeggama. Yoo kana gochuu hanqattan, harka rukuttaa fi gargaarsi maallaqaa goguu akka danda’u hin shakkinaa.

  3. Balleessaa fi dogoggora hojjettaniif gaafatama fudhaa! Nama ta’e, kan hojjetu, kan hin dogoggorre ykn hin balleessine hin jiru. Dhalli namaa hundi ni balleessa, ni dogoggora. Dubbiin fardiin balleessa ykn dogoggora ofii irraa barachuun fuula duratti dogoggora wal-fakkaata irraa of eeguu; kanneen dogoggora godhameen miidhamanis dhiifama gaafachuu dha. Dhalli namaa qabxiilee kana lamaan hin guutine dogoggora ykn balleessa hojjetetti gaabbe ykn irraa barate jechuun hin danda’amu; kanneen doggoora ykn balleessaa godhameen midhamaniifis gara-laafina argisiisuuf fedhii hin qabu jechuu dha. Nama ykn murnna akksii irratti amantaa horachuun hin danda’amu. Sababa fottoqa isin dhaaba keessan ABO keessatti uumttaniin ilmaan Oromoo hedduun dhiiga walii dhangalaasan; walis galaafatan. Kun hundi ajaja keessaniin ta’e. Akka mata-mataattillee yoo ta’uu baate akka murnnaatti gaafatama kana fidhachuu fi ilmaan Oromoo ajaja murnoota keessaniin wal-galaafachuu saaniif maatiilee obbolleeyyan galaafatamnii fi ummata Oromoo dhiifama gaafachuu qabddu. Yoo kana gootan qofa balleessa dabre irraa barachuu keessan baree Oromoon amantii isin irraa horachuu danda’a. Ummatin Oromoo bilisummaan dhigaa fi dafqqaan malee akka hin argaminne tolchee beeka. Kanaaf, ilamaansaa QBOf gumaachuu irraa rakkoo hin qabu. Kan inni rakkoo irraa qabu ilmaansaa murnna-murnnatti hiranii wal-galaafachuu fi mooraatti galchanii rasaasa diinaaf saaxiluu dha. Qisaasama lubbuu ilmaan Oromoo bara ‘charteraa’ mooraatti galchamanii harka diinaatti akka dhuman taasifamaniif hamma har’aatti kan gaafama fudhate hin jiru. “Seenaaf ha bulu” jedhamee bira tarame. Osoo namnni ykn qaamin itti gaafatame jiraatee silaa hogganootnni dhaabichaa ilmaan Oromoo murnna-murnnatti hiranii wal-galaafachiisuu ni sodaatu turan. Ammas, akkuma yeroo debree namnni ykn qaaminni tokkollee osaa gaafatama itti hin fudhatin “seenaaf ha bulu” jedhamee yoo darbame, gochaan kun boris akka hin deebineef ummata Oromoof wabii maalii kennituu? Kun gaaffii deebii keessan eeggatu. Akki itti deebisuuf deemttan deggersa fi gargaarsa ummatin Oromoo isniif kennu irratti dhiibbaa guddaa qabaata.
Tokkummmaan labsame fi abdatamuu kun deggersa fi qooda fudhanna ummata Oromoo malee bakka gahuu hin danda’u. Kan dhugaa yoo ta’e akka booda hin deebine, kan toofttaa yoo ta’e ammo akka kan dhugaatti jijjiiramuuf ummatin Oromoo qooda guddaa gumaachuu danda’a; gumaachuu qabas. Fakkeenyaaf:
  1. Ummata tarkaanfii qabsoo keenya jabeessuu danda’u hunda leellisu, garuu kan tarkaanfii xixxiqqotti hin quufnne, ta’uu keenya hoogganoota keenyatti argisiisuu dha. walhubannoo fi tokkummaa labsuun tarkaanfii isa duraa ti malee dhuma dubbii akka hin taane hubachuun walhubannoo irra gahame jajjabeessaa harka rukuttaa yeroo ammaatti mul’achaa jiru xiqqeessuu (dhaabuu miti) dha. Harka rukuttaa kana xiqqeessuun ergaa hooganoota ABO tti ergu qaba. Innis, “walhubannoo kana irra gahuu keessan ni deggerra. Ni dinqisiifannas. Jabaadhaa! Ha ta’u malee, tokkummaa QBO jabeessu irra gahuuf hojii hedduutu isin eeggata. Harka rukuttaa fi gargaarsi keenya tarkaanfii isin fudhattan irratti hundaa’a.” kan jedhu dha.

  2. Bakka fi yeroo carraan argame hundatti dhimma bahuun gaaffiilee fardii ta’an gaafachuu fi deebii hojiin mul’atuun malee kan afaaniin quufuu diduu dha. Fakkeenyaaf, “Walhubannoo ykn tokkummaa labsame kana kenneen dabran irraa maalttu adda godhaa? Inni kunis akkuma kanneen dabranii ‘Internet’ irratti hafa moo tokkummaa dhugaa ta’ee QBO shaffisa? Akka inni bakka gahuuf tarsimoo, karoora fi toofttaa maalii qabdduu? Yeroo hammamii keessati dhaaba tokko fi hooggana tokko jalatti walitti dachaatuu?” jadhanii gaafachuun mirga fi dirqama sabboontota Oromoo ti. Dhiibbaan kun hamma isaan dhaaba tokko fi hooggana tokko jalatti dacha’anitti itti fufuu qaba.

  3. Tokkumaa abdatamu kana milkeessuuf gargaarsa sochii murnoota lamanii madaalu gumaachuu dha. Akkuma sochiin saanii jabaachaa fi finiinaa deemeen gumaachi keessanis akkasuma ol ka’aa fi guddachaa deemuu qaba.Gargaarsa yeroo jennu kan maallaqaa qofa miti. Osoo gargaarsi maallaqaa qofaan QBO kan jabeessu ta’ee maallaqin barrota kurnnan dabraniif Shaneen funaanaa turtte har’a QBO xiqoollee fuula-duratti butuutu irra ture. Kun kan yaalamee firii argisiisuu dadhabe dha – maallaqa qofaa gargaaruun qabsoo fuula-duratti butuu yaaluun jechuu kiyya. Sochii yaalamee firii dhabee irra deddeebi’anii yaaluun mallattoo maraatummaati. Kana jechuun “mallaqa hin gumaachinaa” jechuu miti. Sochiin isaan itti jiran kun maallaqa barbaachisa. Ha ta’u malee, gumaaachi maallaqaa gootan hojii hojjetamaa jiru wajjin wal madaaluu qaba jechuu dha. Maallaqin ammaan dura gumaachitan bu’aa maalii akka buuse gaafachuun mirga keessan; hin saalfatinaa! Hojiin qabsoo tokko tokko iccitiin waan hojjetamuuf “kana ittin hojjenne” isiniin jechuu dhiisuu ni malu. Ha ta’u ammo, kan dhimma kootii jedhee hubatee ilaaleef hojiin isaan hojjechaa jiran fi jijjiirraa fi bu’aan argame waan addaddaa irraa mul’achuu ni danda’a – yeroo hunda ija qaraan ilaala.

Tokkummaan abdatame kun erga dhugoomee booda qabsoon itti aanu ABO jabeessuu ta’uu qaba. Maaliif ABO jabeessuun akka barbaachisu asii olitti xuxxuqinnee jira. Ha ta’u male, ABO jabeessuu jechuun maal jechuu dhaa? Jaarmaan jabaan tokko maal fakkaataa? Jabinni jaarmaa tokkoo maaliin madaalama? ABO Jabeessuuf maalfaatu hojjetamuu qabaa? fi gaaffillee kana fakkaatan kaasuun dirqama keenya. Kutaan ittin aanu gaaffiilee kanaaf deebii kan barbaadu ta’a. Hamma Kutaa 2ffaan hamma walitti deebinutii, nagaan.

Oromiyaan Ni Bilisoomitti!
________________________________________________________________________________
* Lookoo Gaachoo: lgaachoo@yahoo.com

No comments:

Post a Comment