Utaaltee muka yaabdee, Buutee ilmoo ishee dhabde- Kutaa 3ffaa

Guraandhala 15, 2013 | Jiituu Sabaa fi Lammii Moosisa Yuunvarsiitii Finfinnee

Kutaa 1ffaa Duubisuuf Addana Tuqaa 
Kutaa 2ffaa Duubisuuf Addana Tuqaa

Caamsaa 1991, ganama reefu caamni ho’uu eegala. Arfaasaan dafee waan roobeef coqorsi biqiluu jalqabeera. Jabbiloota araddaatti yaafnee akkuma durii fiffiignee otuma taphannuu gidduutti waan addaa agarree dhaabannee ilaaluu eegalle. Harroonniifi gaangoliin lakkofsi hinbeekamne araddaa jabboota keenya weeraranii hanga dachii magariifni biyyoo diimaa fakkaatutti qoqoraa jiru. Sana dura harreefi gaangee hagas heddummatu agarree hinbeeknu. Kana biraan akkatti isaan dachii qorqan raajiidha! Namichi gabaabaan surree daalattii gonnoffee keessatti kutate qawwee ciqilee nama guddaa tokko hincaalle gateettiirra godhatee harroota sana gidduu dhaabata. Mataan isaa cirmaayee daraaraa doobbi fakkaata. Otuma dhaabannee waan argaa jirru raajeffannuu haati Jiituu ollaa bakka buna ganamaa dhugaa jiranii gadi bahanii mataa qabatanii erga iyyanii booda ijaara dallaarraa cabsatanii gaangota araddaa jabbilootaa qorqaa jiran furguggeen qeera’anii girrisiisan. Nuti Namticha qawwee gabaabduu hanga ciqilee geessu gateettiirraa gadi buufatee gaangota isaa walitti qabachuuf fiigu ilaallee kolfa cichina. Haati Jiituu namtichaafi gaangota baaraganii irraan gadee gulufan dhaabatanii erga ilaalanii booda arcummee cabsatanii gara keenyatti deebi’uu agarraan baqachuu eegalle. Hari’anii akka nu hinqaqqabne waan beekaniif nu duuka fiiguu hifeene. Harccummee isaanii achi gatanii, dheekkamaa gara golaatti oldeebi’an. “… bineensi ormaa yoo qe’ee koo qorqu akkamiin calliftanii ilaaltu …?” Ergaa jedhu dheekkamsa haadha Jiituu keessaa hubanne. Ergasii namitichi fakkaattii isaa daddabalatee ganda keenyatti deddeebi’uu eegale. Amma maqaan isaaniifi akeekni isaanii ganda keessatti beekamuu jalqaqbeera. ”Wayyaaneen dhufte …” jedha. Namuu yoo isaan argu fuula hintolu.


Baruma sana, ji’a lama booda gurri keenya waan haaraa dhagahuu eegale. Golgaan diigamee, balballi bara dheeraaf ilmaan Oromoo danqe buqqa’ee, hirreen diinaa Oromoofi Oromummaa; Oromiyaafi Oromoo gargar baasuuf carraaqaa ture caccabee ilmaan Oromoo: Aadaa Oromoo, Seenaa Oromoo, Afaan Oromoo, Biyya Oromoo … dhagahuufi baruu jalqabne. Edaa biyya qabna! seenaa qabna! Aadaa, Afaan, lammii, beekaa, goota hayyuu … Waa hunda qabna! Galanni jaallan gatii tilmaama hinqabne baasanii dhaloota kanaan gahaniif haata’uu, sana booda: biyya haaraa, seenaa haaraa, dhaloota haaraa, abdii haaraa, egeree haaraa, dadammaqinsa haaraa … Waadaa haaraatu dhaloota keessatti dhalatee guddachuu eegale. Dhaloota Oromoofi Oromiyaa, Oromoofi Oromummaa malee tasuma jiraachuu hindandeenyutu akka galaana adooleessa Oromiyaarra dambali’e.

Dhuma bara 1991, baatii Muddeeti. Wanti hunduu ho’aadha. Dhaloonni bara dheeraaf seenaafi eenyummaa, biyyaafi abbaa biyyummaa dhabee ture waan harkaan gahate ija mararteen ilaalee otoo hinquufne tuttuqaa haaraan dhufaatii gabrummaa haaraa eeru bakka hundaa mul’achuu eegale. Ba’aan gabrummaa bara dheeraaf ture kufee xinnoollee otoo haara hingalfannee gabrummaan caalu dhufaa jiraachuun abdii eegame golgoleessee laphee sabaa keessatti dheekkamsuu uume. Miirri kuni akkanaan jabaachaa otoo jiruuti ganama tokko wanti caalu uumame. Ergaan magaala Amboorraa kallattii hundatti faca’e qalbii nama hundaa dheekkamsiise. Dargaggoonni naannichaa mana barumsaa cufanii falmiif karaatti bahan. Kaaraan maagaala Ambootii hanga magaala Giincii gahutti jiru to’annoo dargaggoota dheekkamsuun karaatti baase jala gale. Dargaggoonni kun faaruu alaabaa Oromiyaa dhageessisaa, bilisummaa Oromoofi walabummaa Oromiyaaf dhaadachaa karaa cufan. Sa’aatii muraasa booda wanti hineegamne ta’e. Loltoonni Tigree warshaa rasaasaa bakka Oomachoo jedhamurraa (Ambotti argamu) buqqifatanii Tigraayittiin galachuuf konkolaataa fe’iisaa gurguddaatti fe’atanii qajeelaniiru. Uummanni duraanuu tuttuuqaa adda addaatiin dallanee jiru waan kana callisee ilaaluu hindandeenye.

Dargaggoonni naannoo garuu hunda dursuun mormiif karaa cufan. Loltoonni Wayyaanee mormii isaan mudateef furmaata biraa ilaaluu hinfeene. Meeshaa waraanaa gurguddaa konkolaataarraa dhuka’uun da’immaan harka duwwaa karaatti bahan lafarraa duguugan. Reeffii dhalattuu Oromoo lafa guute. Qe’ee Oromoo keessa dhiigni yaa’e. Guyyaan guyyaa gabaa ture. Dubartiin gabaaf yaatu, daa’immaan dirreerratti jabbii eegdu hundi otoo hinafiin rasaasa fageenyarraa dhufuun lafa namni dafee hinagarre duuchaatti kufanii hafan. Torbaan tokkoo oliif bineensiifi allaattiin reeffa namaa nyaate. Guyyaan kuni waa lama mirkaneesse. Oromoon diinni diina caalu qe’ee isaa seenuu akeekkate. Diinnis dhaloonni lubbuu isaa caalatti biyya isaa mararsiifatu jiraachuu hubate. Gama lamaaniinuu diinummaatu jabaate. Waldhaansootu ittifufe. Har’as dhaloota sanatu waldhaansoo harkaa qaba. Abbaa qalbiin dhaggeefateef sagaleen qabsoofi qabsaa’aa gola Oromoo hundaa keessaa dhagahama. Yaadannoo keenya caalatti haaromsuuf jecha seenaa addunyaan harkaa qabu keessaa waa xiqqoo daballee ilaaluu feene.
‘In past years, Oromo students at Addis Ababa University and in secondary and junior secondary schools throughout Oromia have organized several public demonstrations against unpopulargovernment policies and actions.’1
Dhaloonni biyyaafi saba isaaf falmu qabsootti jiraachuu isaa addunyaatu raga baha. Dhimmi bilisummaa Oromoo, dubbiin walabummaa Oromiyaa lubbuu dhalootaa keessatti bakka addaa qaba. Ajjeechaan dhugaa kana hambisu hindandeenye. Hidhaan gufachiisuu hindandeenye. Sobniifi ololli haqa kana golguu hindandeenye. Onnee ilmaan Oromoo keessaa laboobee mu’ata. Kanaaf ragaa hedduu harkaa qabna. Mee waan addunyaan harkaa qabu daballee haa ilaallu. ‘In early 2004, police in Dembi Dollo arrested a twelve-year-old schoolboy and imprisoned him after discovering that he had tattooed “ABO,” the Afan Oromo acronym for “OLF,” onto his hand’2

Kabajamoo ilmaan aayyaa, Oromoofii qabsoo Oromoo wal lagachiisuun hindanda’amu. Tasuma hindanda’amu! Dhalootatu dhalatee dabaree dhaalaa jira. Wiirtuu lubbuu dhalootaa dhuunfate jira. Dhiqatannee hinbaanu. Nu waliin jiraata. Kanaaf isaaf duuna! kanaaf isaaf dararamna! Harkas muran, harmas muran dhugaan Oromoo Oromoo waliin hafa.
“In past years, Oromo students at Addis Ababa University and in secondary and junior secondary schools throughout Oromia have organized several public demonstrations against unpopular government policies and actions. Authorities have repeatedly responded to these demonstrations with mass arrests and violence.3 … January 2004 between 330 and 350 Addis Ababa University students were arrested for participating in a peaceful student demonstration protesting the Oromia regional government’s decision to move its capital from Addis Ababa to Adama. Police ordered both male and female students to run and crawl barefoot, bare-kneed, and bare-armed over sharp gravel for three-and-half hours; they were also forced to carry each other over the gravel, increasing the pressure on their soles and inflicting greater pain.4 When many of those students were subsequently dismissed from the University5 secondary school students in towns throughout Oromia reacted by staging public protests of their own. Security forces responded with force and arrested hundreds of demonstrating.6
Akeekkadha! Wanti dubbannu kuni dhugaa walitti himuufi malee jajjabina siyaasaa uumuuf miti. Amma gara xumura dubbii keenyaatti haa deebinu. Abbaan dhugaa tasuma kufee hinafu. Kanaaf dhugaaratti cichina. Warra dhugaarraa baqatan ammallee daballee, daddaballee wamna. Garuu dhumni isaanii maal akka ta’eefii ta’uu malu kan kaleessaa yaadachiifnee kan har’aas daballee deebisuuf sossobnee jirra. Garuu isa ijaa- gurra qabatee, waamicha didee, dhugaa baqatee bowwaa filateef garaa nu hinynaatu. Laphee dhaloota kanaa keessa abiddatu awwaalamee jira. Diinnii fi warri diinatti hirkate ofumaaf dadhabu malee gaafa abiddi kun qabatee wal qabsiise wanti fuulduura dhaabatu hinjiru. Haafaafi haasurri qee’ee Oromoo dhuunfate gubachuuf bultii gabaabduutu hafe. Karaa ofii ilaallachuufi adeemsa ofii sirreeffachuun dhimma abbaati. Nu garuu waa tokko jenna “Diinni Oromoo Oromoo kamiifuu fira hinta’u!”

Horaa Bulaa!
_______________________________________________________________________________
1. Human Rights Watch, May 2005 Vol. 17, No. 7 (A) pp: 24

2. Human Rights Watch, May 2005 Vol. 17, No. 7 (A) pp:17 (interview, Dembi Dollo, March 18, 2005.)
3. In May 2000, students across Oromia demonstrated in protest of the government’s failure to effectively combat fires that ravaged huge swathes of forest in Bale. Those demonstrations were put down by force and over 1,000 students were arrested in Ambo alone. See Report on Human Rights Practices: Ethiopia (Washington: U.S. Department of State, 2001). In April 2001, security forces crushed another wave of student demonstrations at Addis Ababa University in extremely brutal fashion, killing more than thirty people, wounding some four hundred, and arresting thousands. Many of the detainees were beaten, and most of the students who participated in the demonstrations were barred from returning to University for a year. In March 2002, student demonstrations in high schools throughout Oromia were met with force and police killed at least five students and arrested hundreds of others in the demonstration’s aftermath and in the following weeks. See Human Rights Watch, Lessons in Repression, January 2003.
4. See Human Rights Watch, Letter to Ethiopian Ministers of Justice and Federal Affairs, March 17, 2004.
5. Over two hundred Oromo students were dismissed from the University following the January 2004 demonstrations. As of March 2005, twenty-two of them had yet to be readmitted. Human Rights Watch interview, Addis Ababa, March 22, 2005.

6. Human Rights Watch, May 2005 Vol. 17, No. 7 (A) pp: 24

No comments:

Post a Comment