Barattoonni Oromoo Bioprocess Engineering Waggaa 5ffaa Baratan 3 fi Kanneen Biroos Ammas Yuuniversitii Amboo Irraa Harhaman

Bitootessa 06, 2013 | Qeerroo Amboo

Gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi dimokraasi barattooti Oromoo yeroo irraa yerootti gaafatan ukkaamsuuf jecha mootummaan abbaa irree Wayyaanee barattoota Oromoo heddumminaan hidhuu fi manneen barnootaa irraa ari’uu tooftaa godhatee jiraatus diddaan barattoota Oromoo amma illee hin dhaabbaanne.

Baatii Bitootessa eegala irratti barattoota Oromoo Yuuniversitii Amboo baratan 19 badii tokkoon malee ari’uun mootummaa Wayyaanee gabaasa Qeerroo keessatti tuqamee ture. Haala kanaan wal qabatee gaaffii mirgaa kaaftanii jirtu sababa jedhuun barattoota Oromoo 5 Bitootessa 4,2013 Yuuniversitii Amboo irraa arhamuu Qeerroon gabaasa. Kanneen kunis:-
  1. Waakumaa Jirruu-Bioprocess Engineering 5ffaa
  2. Amanu Ashaagiree- Bioprocess Engineering 5ffaa
  3. Beekamaa Namoomsaa-computer science 2ffaa
  4. Tibabu Roobii- Bioprocess Engineering 5ffaa
  5. Fikiru Tolasa-Seera 3ffaa
Kanneen jedhaman ta’uu beekamee jira. Ummanni Oromoo biyya keessaa addatti ammo biyya alaa jiru haala barattootinii fi qonnaan bultooti Oromoo ta’aa jiran kana argees ta’e dhagahee deggersa akeeka barattooti Oromoo wareega kafalaniif cinaa akka dhaabbachuu qaban qeerroleen Yuuniversitii Amboo iyyatanii jiru.

Gama biraan gabaasaa godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Abbaay Coomman irraa har’a Bitooessa 06 addeessuun hojjettoota warshaa sukkaaraa Finca’aa irraa qorannoo adda addaa maqaa Miseensummaa Adda Bilisummaa Oromoo jedhuun wal qabatee hojjetoota shakkuu irraan obboleewwan nama lama qorannoo irratti gaggeessuun mana hidhaa galchanii akka jiran gabaasaan aanaa kana irraa nu gahee jira. Namootni lamaan kunis:
  1. Obbo Galataa Deebisaa
  2. Obbo Baqqakaa Deebisaa
Kan jedhaman amma mana hidhaa Wayyanee galanii akka jiran gabaasaan isaa nu gahee jira.

No comments:

Post a Comment