Boqochuu Qabsaawaa Jaarraa Abbaa-Gadaa

Bitootessa 09, 2013

Xaahaa Abdii-tiin*
Jeyni Oromiyaa Jaarraa Abbaa-Gadaa Bitootessa/March 3, 2013 boqochuu gaddaa guddaaniin dhagaye. Dureen akka Jaarraa biyya ormaatti boqochuun gadda kana dacha taasisa. Odoo takkaa hidhannoo hin hiikkatin fi kaayyoo bilisummaa Oromiyaa odoo hin faallessin boqochuun ammoo guddoo nama jajjabeessa.

Jaarraa wajjin walbaruun kiyya mana barnoota sadarkaa lammaffaa gaafan seene 1960-oota gara jalqabaa ti. Gaafas Abdulkarim (maqaa dhalootaa Jaarraa) fi waa’illi isaa Ahmed Yusuf dargaggoo fi ka’imman nanneen barnoota magaalaa Harar keessaa kakaasuu, politikaa barsiisuu fi jaaruuf tattaaffii godhan akka waan kaleessa taheettin yaadadha. Walgahii baay’ee irratti Jaarraan dhibdee bulchiinsi alagaa cunqursaan ummata Oromo irraan gahee fi seenaa boonsituu ummatichaa bareechee ibsee, bilisummaa, ulfinaa fi dagaagina Oromiyaa tiif hojjechuun dirqama dhaloota keenyaa tahuu hamilee dhaan ergaa dabarse fi dabarsiise takkaa hin irraanfanne.

Yeroon sun yeroo Baale keessa jeynootiin General Waaqoo Guutuu faa’iin durfaman diina falmaa turan. Jaarraan dhimma afaaniin haasawee, dargaggoo fi ka’imman barsiisa fi kakaasuutti ture san hojiin mirkaneessuuf, odoo hin turin qabsoowota Baalee lolaa turanitti dabalamee, dirqama ofii raaw’ate.

Sochii bilisummaa Oromo haarayatti ijaaaruuf Soomaliyatti carraaqii qabsaawotni godhanitti qooda mul’ataa warraa galmeessan keessaa Jaarraan sadarkaa tokkoffaa keessatti lakkaawama. Mootummaan Siyad Barree sochii Oromo sagantaa Somaliyaa Guddittii ittiin fiixa baasuuf murachuun gaafa barame, qabsawota walabummaa jaarmaya Oromo tiif cininnatanii falman, namoota akka Hussein Suraa faa wajjin, Yemen Kaabaatti bahanii jaaramuu dhaan, qabsoo hidhannoo qajeelchuuf qooda ol-aanaa gumaache. Murannoo hiriyaa hin qabneen, jeynoota qabsoo hidhannoo banuuf ifkennan hoogganuu dhaan daandii Oromiyatti deebiif filatetti gufuun qunnamtee (1969), waggaa shan caalaa gaarshiree (mana hadhaa) Siyaad Barree mudachuun beekkamaadha. (Baroota hidhaa san keessaa hanga tokkoof lolarratti wareegamuun isaa himamuus niin yaadadha.) Akka hojiin booda mirkanaawetti, hidhaan sun bilisummaa Oromiyaa tiif falmaa hidhannoo gochuuf murannoo isaa daran cimsite. Hidhaarraa gaafa hiikkame carraa dura argateen biyyatti deebi’ee, matootii sochii lafa-jalaa Baaro Tumsaa faa wajjin marihatee, tarkaanfiin fudhate kanuma raggaasisa.

Mootummaan Siyaad Barree baha Oromiyaa, kibbaa fi walakkaa qaama Somaliyaa Gudditti taasisuuf qophii gaafa raaw’atte (1975) Jaarraa hidhaa keessaa baaftee walgahii qopheessite takkatti afeerte. Walgahiin waltajjii marii haa jedhamtu malee akeekni dhugaa qabsoo Oromo hacuucuu fi ukkaamsuudha ture. Bara 1979 jilli Adda Bilisummaa Oromo (ABO) gaafa mariif Soomaliyaa ifaan dhaqe, qondaalota President Barree wajjin teessuma sanirra turan keessaa General Ismail Ahmed haala teessuma sanii, jila ABO mana ofiitti gaafa keesummeesse, bal’inaan waan ibse keessaahin qabxii takka akkanatti kaaya: “Abdulkarim hawwii President Barree odoo beekuu, sodaa malee isa dura dhaabbatee, ‘nuti duris qabsoo Oromootiif imaltoofne, arras hawwiin teenya isuma, biiroo faa nuu hayyamaa, nu gargaaraa’, jedheen”. General Ismail itti fufee: “Namoota keessan hedduu wajjin hojjadhe, Abdulkarim dhugaatti jeyna, ummataa isaa jaalata, kabaja. Yeroo wal-argitan kabajaan qabuuf fi salaamata kiyya itti himaa. Maqaa kiyya himaaf, na beekaa.”

Dhaamsa kana odoon ofirraa hin dabarsin boqochuun Jaarraa guddoo natti dhagayama. Ergaan isaa fi kaayyoon inni jireenya isa guutuu itti ciche ammoo arr’a sadarkaa guddoo waan geesseef, dhaloonni ammaa falmaa bilisummaa cimsee fuul-duratti tarkaanfachiisuun akka galiin gahu shakkii hin qabu. Qabsaawotaa fi maatiin haa jabaatan, innis nagayaan haa boqotu!
___________________________________________________________________________________
*  Xaahaa Abdii  was a former schoolmate of Jaal Jaarraa Abbaa-Gadaa and one of the founding members of the Oromo Liberation Front (OLF).

No comments:

Post a Comment