“DHAABU DADHABU, HAADHEE BALLEESSUU HIN DADHABU”

Bitootessa 16, 2013 | Y.G(2005)*

Mammaaksa kana Indaanqoo/lukkuuf mammaakame jedhama. (“Dhaabu dadhabu, haadhee balleessuu hin dadhabu ” jettee Indaanqoon/lukkuun) jedhama. Isheen midhaan facaafame irraa waan argatamuun warri ishee horsiisan akka ishee jiraachisan quba hin qabdu yk umamaan facaafachuu danda’uu dhabuu ishee waaqa komachuuf haa ta’uu hin beekamu ,umamaan haatee waa argchuuf, waan biraa balleessuu isheef itti mammaakame. Qalbii kana umamatu dhorkate. Garuu qophaa’aa isaa warra ishee horsiisu irraa argchuu irra, midhaanicha balleessitee waan argattu butachuutu isheef jireenya. Boruu midhaan qulqulluu argachuuf, obsaan waan ishee mudatu keessa dabruu irra, raammoo fi ilbiisa gara garaa ishee hin quubsine argchuuf jecha, qeensa isheen lafa haadhuun hegaree ishee dukkaneessiti. Kun sammuu indaanqoo irratti rarra’a. walii gala garuu hammeenyuma ibsa. Hammeenya ofittummaa irraa maddu ibsuuf mammaakame.

Qabsoo Oromoo kana keessattis kan dubbii haadhu yoo jiraate, waan fedhe iyyuu ta’u, hegaree isaa dukkaneessaa akka jiru hubachuu qaba. Namni waa’ee Ummata kabajamaa jedhuu tokko yennaa katabu, ykn yaada isaa ibsachuu wayita barbaadu, akka Indaanqoo sanaa waan biraa balleessee yaada isaa guuttachuuf badada/yaada yoo ta’e , abaarsa Ummataa jalaa miliquu hin danda’u. Namni waan Ummati heddumiinaan dubbisu tokko , addatti waan wareegamni itti ba’aa jiru tokko irratti wayita katabu, qaamni hunduu dubbisee akka hubannoo yk yaada ka’umsaa irraa argatutti katabuu malee, waan ciree ganamaa irra hin dabarree yoo kan katabu taate, rakkoo keenya furra odoo hin taane, hegaree keenya dukkaneessaa jirra.

Keessattu kan dabre irraa haa barannu jennee isa kaan irratti arraba yennaa dheerannu, kaleessa kan katabamaa ture irraa barannee har’a maal katabu akka qabnus akka OF KEESSATTI hammatu beeku nu barbaachisa. Kaleessa olola wal irratti oofanii jennee wayita qeeqnu, har’a irra dhaabbannee maal jennee akka katabaa jiruu hin hubannu yoo ta’e yk kan keenya nutti hin mul’atu yoo taane, dhugaatti qabsoo saba keenyaatu nu dubbachiisa osoo hin taane, dantaa keenyatu nu lallabsiisa jechuudha. kunis Ilaalcha INDAANQOO YKN LUKKUU sana irraa adda hin ta’u.

Mooraa Qabsoo Oromoo jabeessuuf katabna yoo ta’e , gonkumaa dantaa dhunfaa ykn namoota muraasaa ibsu dhihaachuu hin qabu.Waggaa 40 guutuu qabsoo kana keessa jiraanne ykn qabsaa’aa turree jechaa , dhaaba tolus badus wareegama itti kafalame saaxiluuf yaadannoo kaleessaa asi baasanii ,( isayyuu intarneeta irratti )busheessuuf yaaluun , qaamuma dadhabiinaa ofiin ibsan keessatti hammatamu argisiisa malee , jabiina ykn gootummaa hin argisiisu. Muuxannoo qabsoo dhaloota har’aaf dabru kana yoo ta’e , dhugumatti dhalooti sun rakkoo qabaachuu nutti agarsiisa malee foyya’anii argamuu hin argisiisu.

Nama qabsoo keessa bubbulee of taasisanii, waggaa ammanaa namni qabsoo keessa bubbulee ani akkan hubadhutti, nama haasaa beeku, katabuu beeku, muuxannoo qabsoo irraa baratettin fudha. Dhalooti hara’as kanatti amana. Garuu kan argaa fi dhaga’aa jirru waan qaaniitii. Qabsoo keessa turuun gaafa waan dhuunfaa dhuftee diina harka odoo hin seeniin kan xibaaru yoo ta’e , abdii lammii ta’uun maal irraatii ?????????????? kan kaleessa nu biraa wareegame yaadannee walii dhiisuu fi dubbii qabbaneessuun yoo hin jiraatiin , kaleessayyu Ummatichaaf jennee kaane kan jedhu gaaffii keessa galchuun waan hin oolle. Qabsoo keessa riphanii jiraatanii , yeroo waan dhuunfaa ofii tuqamte , intarneeta irra qullaa of dhaabanii , isa kaanis qullaa dhaabuuf kachachaluun maal jedhama ???Namni yeroo dheeraaf qabsoo keessa jiraate, xumurri isaa diina injifachuu malee, jaala isaa achi ba’ee maqaa xureessuu akkamiin ta’a ?

yaadoota yoo itti fayyadaman bu’aa argamsiisu danda’an hedduu argaa jirra. Qabsoon Oromoo rakkoo hin qabuu jechuus miti . rakkoo osoo hin qabaannee , yoona abbaa biyyaa taana turre. Garuu qabsoo kana hegaree isaa tolchuuf, wal barbadeessuu odoo hin taane, qulqullummaan waan sirraa’uu qabu akeekanii Ummatas hubachiisanii malee , waan komannu ofii dabalaa wanni dhufu tokkollee hin jiru jedheen amana. Keessattu yeroon ammaa, yeroo jette jettee hanqisanii yaada fafaca’e kana gara tokkotti luucceessuuf yaalan malee , yeroo QC,SHG,KY, kkf jennee wal cicciruuf yaallu ykn akka Indaanqoo sanaa raammoo barbaachaaf midhaan balleessinu miti. Intarneeta irratti qullaa wal dhaabuudhaan qabsoon sirraa’a ykn haqa Ummata kanaa mul’ifana jedhee kan yaadu yoo jiraate maraachuu isaa mirkaneeffata malee , haqa Ummata kanaaf dubbachaa hin jiru. Mee yaadoota ji’a kana dubbifne gaggabaabsinee yaa ilaallu.

ARAARA ILAALCHISEE :

Araarri mooraa qabsoo Oromoo keessatti gaggeeffamuun haaraa natti hin fakkaatu. Umuriima qabsoo kana waliin kan jiraataa har’a ga’eedha. Adda ba’uunis haaraa natti hin fakkaatu. Dhaaboota siyaasaa Oromoo keessatti qofaa odoo hin taane, addunyaa ega umamtee kaasee kan jiruudha. Rakkoon qabsoo Oromoo keessaa maddi isaa iyyuu muuxannoo addunyaa irraa kan dhufe, addunyaanis kan nutti fiddeedha. Rakkoo kana keessaa akkamiin ba’uu dadhabneen gaaffii biraati. Garuu yaadi nuuti ittiin diigamaa jiraanne, toftaa addunyaa irraa tokko isa tokko irraa barateedha. Asitti wanni jabeessinee of gaafachuu qabnu, diiggaa diinaanis ta’ee dadhabiina keenyaan waggoota 150 oliif nu irratti hojjataa jiru keessaa akkamiin ba’uu dadhabne ? isa jedhudha. Kun dhaaba qofaa ilaallata odoo hin taane, sadarkaa dhunfaattu hunda keenya kan ilaallatuudha. Dhaaba namoota dhuunfaan yaadantu walitti dhufee hundeessa waan ta’eef.

Mee Araara yeroo dheeraa dhiifnee kanuma yeroo dhihoo kanaa xiinxallee, hanqina keenya walitti haa himnu. Araarri bara 2000 kaasee Mooraa Qabsoo Oromoo keessatti gaggeeffamaa jiru irraa diinni waan dubbate tokko illee hin qabu. Silaa araarri kun diina yaaddeessuu qaba ture. Diina wawwaachisuu qaba ture. Garuu nuumatu wal irratti sirbaa jira. Wal irratti holola . yeroo tokko tokko maaluma barbaanna laata ? maal akka barbaannu ni beekamaayi ? jedheen of gaafadha. Gaaffiin kiyya kun kan maddu, waan saba keenyaa irratti hundoofna yoo ta’e , rakkoon kun hundi, lafa haadhuun kun hundi, maaliif barbaachise ? kan jedhu irraati.

Araarrii kun haqummaa hin qabu , hololaafidhaa , humna biro dadhabsuufii , humna ebaluutu isaan dammaqsee, konfiransiin yoo waamamu baate dhugummaa hin qabaatu, ,,,,,,,,, jedhama. (kanneen Araarri kun milkiin akka xumuraniif yaada furmaata waliin dhiheessan, hedduus arginee jirra.) garuu kanneen waan kana dura dhaabbachuuf, akka hawaasa Oromoo keessa hin jirreetti, milkaa’uu isaa hin feene ifatti dubbachaas, katabaa jiran. Hayyee , araarrii kun akka milkaa’u yoo barbaannee, yaada araarri kun itti milkaa’u laachuutu furmaatamoo, dubbii biraa haadhutu furmaata ? hayyee shakkii iyyuu haa qabaannu. Garuu , mata dureen Araaraa ega ka’ee kaasanii , araarri kun hin milkaa’uu jechuu keenyatu araarra barbaachuu keenya ibsamoo, waan araarri kun itti gufatu tarisuu keenyatu furmaata ? hegaree ummata keenyaaf yaadna yoo ta’ee, maaliif araara obbolaa milkaa’us dhiisuus, waan sirrii itti himaa hin jajjabeessinu ?

Araarri kun silaa diina yaaddessee waan hedduu dubbachiisuu qaba ture jennee jirra. Garuu namoonni waa kakkatabaa jiran kun, waan kana irraa maaliif shakkii horatan ? yaadi isaan qaban irra jireessi yaaddoo irratti maaliif hundaa’aa ? dhaabilee siyaasaa giddutti dorgommiin ilaalchaa inuma jira. Fakkeenyaaf, DIMOKIRAATOONNI FI RIPPAABILIKAANOONNI ameerikaa yennaa wal dorgoman , ilaalchuma isaanii irratti hundaa’uu mitii ? Oromoo bira yennaa ga’u maal abbaa kee fi maal haadhakee maaltu fida ? diina caalaa wal cabsuu maaltu fide ? warra araaratti jiran yoo fiixaan baafatan , ummata isaaniif, yoo dadhaban , ittin madaalaman. Maaltu kan koo malee fidee, hiraarriin ummata kanaa akka dheeratu taasisu maaltu fidaa ? Namni ofitti amanu tokko , waan tokko kan qeequ yoo taate, waan ittin nama qeeqan sana sirreessuu yaaluun tarkaanfii adda duraati. Yoo dadhaban ammoo ofiin humna qeeqa sana of keessaa hin qabne ijaarratanii waan yaadan hojiin argisiisanii Ummata biraa dhageetti argachuu malee, yaada Indaanqoo sanaatti maaltu nama geessa ????

Kan hedduu nama raaju fi namni kun inuma raata’eeyii ? kan nama jechisiisu, warri kaleessa wal abaaraa ture , har’a ummata dhiifama odoo hin gaafatiin akkamiin araaramu ? kan jedhudha. Araara jechuun maaal jechuu ta’eetu gaaffiin kun akka ka’e namaaf hin galu. Warra kaleessa gantuu waliin jedheetu walitti deebi’ee, jedhanii waan kana balaalefachuun dhuguma Oromummaa irraa maddaa ? kan wal dhabe sobanii araarsuun aadaa keenya mitii . kan nu ajjeese iyyuu araarfatanii guddifachaan fudhachuun aadaa keenya mitii ? anaan akka natti fakkaatutti , amma kaayyoon mooraa qabsoo oromoo keessatti gaggeeffamaa jiru, Daawudii fi Dhugasaa walitti araarsuu Odoo hin taane, warra Walabummaa Oromiyaaf dhaabbatan bakka tokkottii walitti fiduu natti fakkaata . warri Itoophiyaa Dimokiraatoofte barbaadan walitti deemaa jiru mitii ? akkasuma.

Mooraa Qabsoo Oromoo keessatti ilaalchi kun lameen bakka tokko ta’uun isaa nu miidhaa jiraate. Yoo jedhame furmaati isaa ilaalcha kana adda baasanii hundumtu akka ilaalcha isaatti hiriiree hiraarrii ummatichaa gabaabsuuf yaadu malee, tokko caalchifachuuf isa kaan irratti holaluun eessaan nama ga’a ???? Dimokiraatoonni miseensoota Rippaabilikaanootaa facaasuuf yaalaniiru ?dhaabni tokko isa tokko waliin wayita wal tumsuuf tattaafatu, akka hin milkoofneef wal irratti hojjataniiru ? maarree keenya kana eessaa finnee of irratti taphanna ? hubachuu dadhabuu keenyatu nama gaddisiisa malee, adeemsa warra adiitti irreeffanna yoo ta’ees, yeroo hundaa siyaasa isaanii nagaan kan gaggeeffatan, amantaa dhaaba isaanii irratti qabaniin odoo hin taane, bu’aa Biyya isaanii irratti hundaa’anii ykn itti amananii waan jiraniifidha. Yoo gadi buunee ilaallees, wayyaanoonni dhaaba isaanii HIWAATI jabiinaan akka kaleessaatti jiraatanii odoo hin taane, Qabsoo Oromoo cabsanii jiraachu irratti waan walii galaniifii . akka dhaaba isaaniif har’a hin jiran. Garuu hammeenyaan jiraachaa jiran. Yaadi inni guddaa sunis ta’ee gadi aanaa kun akkamiin nu keessaa dhibee bara baraan walitti nu duchisisaa jiraata ? sammuu yaada walii gala maddisiisa dhabnee ? bu’aa Oromiyaa fi Oromoo irratti walii galamee, waan ittiin waliin dhaabbatanii fi adda ta’an garuu haala akkasiin yoo wal gargaarre jedhamee deemamu waani nu hanqatu maalii ? mee akkas ta’uu immoo barbaannaa laata ?

Wayyaaneen bara qabsoo eegalte warri turan irra jireessa hin jiran. Qaddaamaayi wayyaanee Ilmaan raayyaa hundeessan hundi isaanii dhumaniiru. Warri Maallasfaa’a dura turan irra jireessi hin jiran. Bara wayyaaneen dargiin rukutamte jedhamee shiraan wal fixan sana , namoota torba qofaatu hafee ture. Kanneen hafan hedduun ammo humnaan biyya alaatti ari’amanii gama danda’aniin qabsaa’aa jiran. Dhaaba ofii hundeessan dhabamsiisuuf. Kan dhume garuu lakkoofsa hin qabu. Dhumaatiin sun hundi garuu garee saamichaaf jecha oromoo fixuu ykn buqqisuuf galii godhate kun bakka akka qabatuuf ture. Godaannis sun garuu har’a keessa isaanitti dhohuuf kulkulfataa jira. Warri shira yeroositti gaddan , waan raawwatame sana yaadachuu illee hin fedhan.

Kan biro somaaliyaa haa ilaallu . diinnis isaan haleelee jira. Walii isaaniis haleelanii jiru. Hanga har’aatti keessa isaanitti dhumaa jiran . kaartaa irraa baduuf deemu hanga jedhamutti. Warri siyaasa dursina jedhan wal fixaniiru. . ummati miliyoonaan lakkaa’amu rasaasaa waliitti dhukaasaniin dhumaniiru. Har’as dhumaa jiru . kan siiriyaa , iraaqi , Gibtsi , ……..irraa maaltu argama ? Araara yoo gufachiifna ta’ee , waan nama suukkanneessu kana waliif hawwuun ummata ofiif yaadudhaa ?

Anaan akka natti fakkaatutti , Kaayyoon cabee isa jedhus, seeratu cabee isa jedhus walitti fidanii , waan ittin wal fakkaatan itti argisiisanii akka waliin dhaabbatan taasiisanii , badii isaanii kaleessaa ammo Ummata isaaniif injifannoo argamsiisuun akka kiisan jajjabeessutu gootummaa natti fakkaata . qabsoon alaa odoo hin galiin , warrii kana hojjatan Z heegitti haa dhihaatan ykn kana saaxilee ummati isaan haa jibbuuf dubbanna yoo taane, mammaaksa Indaanqoo baadhachuu ta’a. humna kamuu hojii isaatu isa baasa . kan keessatti qabatamee isa kaan irratti holalamuus , Biyyoota alaatti wal ga’ii gaggeeffataa jiran. Warri kaleessa diina irraa dhawwaa turree har’a ammo diinummaatti ilaallu, wal ga’ii gaggeeffachaa jiran. Lameenu xumuratti deemaa jiraachuu dubbachaa jiran. Itti baha isaanii maaliif hin eegnu ? dhaaboonni Oromoo kumaantamaan jiraatanis, ummata duratti akka dhihaatan, ykn sagalee ummataan qofaa akka jiraatan amanu qaban . kana amanuu baannaan diina malee fira ta’uu hin danda’u.

KAAYYOO JIJJIIRUU ILAALCHISEE :

Kaayyoo jijjiiruu kan jedhu kun hiikkaa heddu qabaachuu mala. yoo dubbiin duubaan hin jiraatiin, Dhaabni siyaasaa Oromoo “ABO” jedhee moggaafatee socha’u jiraachuu hin qabu. akka aadaattis maqaa wal harkaa hin fuudhan. Yoo du’e illee maqaa isaa dhala itti aanutti ittin yaadachuuf yoo moggaase seera qaba. ABO jedhamuun duuba, kaayyootu jira. ABOn walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Ummata Oromoofan qabsaa’aa ega jedhee, ilaalchuma kana qabatanii dhaaba biraa dhaabuun hiikkaan isaa namaa galuu baatuus, yoo adda ba’uun dirqii ta’e maqaa biraa moggaafachuun dirqii ta’a. kun yoo ta’e, miidhaa inni qabu waraana irratti oduu hin ilaallee miseensa Biyya alaa keessatti maal uumaa akka jiru ilaalu qofti ga’aadha.

Kana malees, ABO Itoophiyaa Dimokiraatoofte keessa jiraachuu barbaadu uumna yoo jedhames, qoosaadha, ykn of irratti muka muruun ala bilchina siyaasaa hin mal’isu.

Inni sadaffaan ammoo, ABO , obbolaa isaa dhiisee, halgaa waliin sagantaa siyaasaa baafachuun barbaada kan jedhu yoo jiraate, humnoota alaa fi wayyaanee ABO dhabamsiisuuf tattaafataniif meeshaa ta’uu mirkaneessuu malee kan biro ta’uu hin danda’u.

Kana keessaan kan ilaallu egaa, Warri har’a ARAARATTI jiran Ilaalchaan ta’uu argina. Warri kaanis ilaalchumaan gara tokkotti maqan. Kan halgaa waliin sagantaa siyaasaa baafachuuf deemna jedhu, jibbuma warra hafanii irraa kan qabu yoo ta’ee malee, waan hin fakkaannetti jiran. Dhimmi ykn Qabsoon Oromoo qophaa isaa mana cufatee bara baraan haa jiraatu odoo hin taane, wayyaanoonni dura ofiin lafa dhaabbatanii, toftaaf IHAADEEG ta’an. Fakkeenya hedduu kaasuu danda’a. siyaasi Ummata keenyaa isa kaan waliin yennaa ilaallu, muuxannoo irraa kan humnoota waliin nu dhaabu danda’fi hin dandeenye ifatti beekama. Kanas ta’e waliin tarkaanfachuun barbaachisaadha yoo jedhamees, bu’aa Ummata ofii amansiisanii fudhachiisanii fi fudhatanii ofittis Ummatattis of labsanii deemuun waan jiraati.

Akka walii galaatti garuu yennaa ilaalcha kana Ummata keessatti gaggeeffannu, galata wal dhabsiisuun odoo jiraachuu baatee gaariidha. Kan boruu Ummata kana dura ifatti nu dhaabuu danda’u ni dhufa. Ummata kana jalaa wanni dhokate hin jiru. Mee hundi keenya qabxiilee kana haa ilaallu.
  1. wayyaaneen qabsoo Ummata kanaa dhabamsiisuuf hojjatti . wayyaaneen nu diiguuf hojjattii. wayyaaneen ABOn kan biyya diigudhaa jetti. Gaaffii walabummaa fi Bilisummaa dhiisuu qabaa jetti. wayyaaneen qabsoo biyya keessaa dhaamsuuf Ummata hiiti, ajjeefti, Biyyaa yaasaa jirti. Wayyaaneen qabeenyaa keenya samaa jirti. Wayyaaneen Ummata keenya buqqisaa jirti . wayyaaneen ABO dhabamsiisuuf ifaajjaa jirti . wayyaaneen deeggartoota ABO hiitee, ajjeeftee, Biyyaa yaaftee fixuuf maallaqa guddaa ramaddee hojjachaa jirti. Wayyaaneen siyaasii keenya Biyyoota dhimma addunyaa of harkaa qaban biratti, fudhatama akka hin arganneef haalaan nu irratti hojjachaa jirti. Ni ga’a
  2. humnoonni alaa ABO kaayyoo jijjiirsisuu barbaadu. Itoophiyaa jiraachisuuf jecha gaffii keenyaa fi dhaaba ummatichaa diiguuf karaa baayyee hojjachaa jiru. Ummati keenya guyyaa saafaa dhumaa odoo jiru , wayyaanee dantaa isaaniif jecha jiraachisaa jiru. Walii gala gaaffii keenya gara dabarsuuf haalaan keessaa fi alaan nu irratti hojjachaa jiru.
  3. Biyyoonni Ollaa guddina Ummata Oromoo kana irraa shakkii qaban irraa , waa hedduudhaan wayyaanee waliin dhaabbachuu akka barbaadan ifatti ibsaa jiran. Dantaa isaanii dursuuf jecha baqataa keenya illee dabarsanii kennaa jiran . mooraa qabsoo illee akka hin qabaanneef Biyya isaanii keessaa nu ari’anii jiran . kana malees, rakkoo keessa isaanii baqachuuf jecha gaaffiin keenya akka dhageetti hin arganne kan hojjatanis ni jiru.
  4. wayyaaneen Itoophiyaa keessatti saboota biro fallaa keenya dhaabuun shiroota heddu gaggeesitee jirti . dadhabiina sammuu hegareef kan isaan fayyadu herreegu irraa rakkoo qabaachuu irraa waan wayyaaneen jettu hojii irra oolchuun dhalli oromoo walitti bu’iinsa shira kanaan akka dhuman taasisaa jiran.
Egaa dhaabbileen siyaasa Oromoo fi namoonni dhimma siyaasa keenya irratti katabnu , yennaa morminuus ykn wal irratti holollu qabxiilee arfan olitti kaa’aman kana raawwachaa jiraachuu keenya ni hubannaa ? kaayyoon jijjiiramu qaba !! yennaa jennu jecha diinaa gubbaa jiruun yoo wal fakkaate namni dheekkamee maaf isa kaan miidhuuf tattaafanna ? akka diinaatti wal jibbuu keenya ni hubannaa ? warra kaleessa rakkoo meeqa waliin dabarsine yennaa abaarru ykn kabajaa wal dhabsiifnu, qabxiilee arfan keessaa tokko ta’uu keenya ni hubannaa ? kana waliin madaalee yoo dhalooti har’aa dheekkame ebaluutu akkas godhee maaliif jenna ? maqaa dhaloota har’an daldaluun ni danda’amaa ? tokkomuun qabsaa’oota irraa dhibee Ummata keessa qofa jiraate, adeemsa keenya duraanii , Ummata dursina isa jedhu ummataan durfama jiraachuun bakka hin bu’uu ?? diina ammuma jibbinu, firas maa jibbina ? diinni toftaaf nu irratti wal dhabaa jiraachuu maa daganne? Walakkaan diina nu ta’ee Biyyaa akka nu ari’uu fi walakkaan isaanii wayyaanee kan jibban fakkaatanii keessa diigaa jiraachuu , garaagarummaa keenya bal’isanii akka Somaaliyaa nu taasisuuf deemaa jiraachuu maaliif wallaalla ?

waan ta’aa jirru kanaan diinni shakkii tokko malee mana isaa odoo hin cufatiin diriiffatee ciisaa jiraachuun maaliif nu hin xiiqessu ? yoo xiiqiin yeroo kanatti walitti hin dhufiin yoom walitti dhufna? dubbin yoo baayyate harreetti hin fe’amu, har’a kan araara kana irratti waan sammuun isa yaaddu darbachaa jiru, waggaa 1 fi 2 boodas innis daandii wal faakkaataa keessa akka seenu shakkuu hin qabu. Sababaan isaa ammo , wal malee wanni nu baasu tokkolee waan hin jirreefidha. Diina walitti ta’uu miti, diinni keenya kaleessa qubaan lakkaa’amu , har’a ijaa xaafii ta’eera waan ta’eef. Kana ammo balballi ebaluufaa’a jennee quba walitti qabuun, akka dura dhaabbachuu hin dandeenye sammuun inuma nu beekti. Ummati waan ani jedheen jara kana jibba jennee yennaa dubbannu , ummata tuffachuu hin ta;uu? dhiiga ofiif ilaalchii qaban kan diinaa irraa adda ta’uutu firummaa ibsa malee, kan diinaa waliin tokkoo ta’uun fudhatama qabaataa ? yoo, Dhaabu dadhabnu, haanee balleessuu hin dadhabnu yoo taate malee .

*Burqaa430@gmail.com

No comments:

Post a Comment