Barattooti Oromoo Birmatnaa Barbaadu!!
Barattootni Oromoo gaaffii mirga bilisummaa kaasaniif mootummaan Wayyaanee hidhaa,ajjeechaa fi barnoota irraa arii’uun dura dhaabbachaa kan turee fi itti jiru barattoota Oromoo yuunivarsiitii Finfinnee kiiloo 4 barnoota irraa arii’uun yakka hiriyyaa hin qabne ummata Oromoo irratti dalaguu dha jechuun barattooti Oromoo Ammboo dura dhaabbachuu isaanii yeroo beeksisanitti tuffii abbaa irrummaa muldhisuuf jecha ammoos barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Amboo barnoota irraa arihaman.
Barattootni Oromoo gaaffii mirgaa gaafatan keessatti Qeerroon Yuuniversitii Finfinnee kiiloo 4 irraa arhaman hatattamaan barnootatti haadeebi’an mootummaan Wayyaanee garboomfataa waan taheef sirni bulchinsa isaa haa jijjiiramu,Manneen barnootaa bakka basaastotnii fi poolisootni federaalaa Wayyaanee seenuun ilmaan Oromoo doorsisan osoo hin tahiin bakka barnootaatti jechuun kan gaafatan
Wayyaaneen gaaffii barattooti Oromoo gaafatan kana kallattiin deebisuu hanqachuu irraan duubbee keessaan about jira jechuun har’a Bitootessa 1,2013 barattoota Oromoo barnoota irraa ariitee jirti.Barattootni arii’amuun yeroo ammaa nyaata,Barnootaa fi doormii dhorkamuun akka hin galmoofne godhaman keessaa:-
- Barataa Lataa Amante
- Barata Gizaw Daadhii
- Barataa Laggasaa Tamasgeen
- Barataa Amanuu Waamii
- Barataa Haayilee Araarsaa
- Barattuu Dinqee Caalii
- Barataa Takkaaleny Girrum
- Barataa Didhaa Gaarii
- Barataa Haayiluu Dheeressaa
- Barataa Balaay Ittafaa
- Barataa Kabbadaa Raggaasaa
- Barataa Andualem W/Gebreel
- Barataa Gaaddisaa Tasfaayee
- Barataa Daani’el Fufaa
- Barattuu Meskerem Baayisaa
- Barattuu Baatiree
- Barattuu Biruktee
- Barataa Gazzuu
- Barataa Tsaggaayee
No comments:
Post a Comment