Mootummaan Wayyaanee Barattoota Oromoo Yuniversitii Jimmaa 4 Hidhuun Kaan irraa Ammoo Waraqaa Eenyummaa Funaane

Ebla 01, 2013 | Qeerroo Jimmaa

Gaaffii mirgaa barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa kaasan waliin wal qabatee Bitootessa 30, 2013 waraanni mootummaa Wayyaanee mooraa Yuuniversitii Jimmaa keessa qubatee jiru barattoota Oromoo 4 diddaa kaastaniittu, gaaffii mirgaa kan mootummaan hin feene kaaftanii jirtu, Biyyi Oromoo kan Oromooti jechuun sagalee dhageessiftan sababa jedhuun barattoota 4 hidhuun beekame. Kanneen 7 taan ammo waraqaa eenyummaa isaanii seeraan ala irraa fuudhee akka jiru Qeerroon Jimmaa gabaasa.

Barattoota kanneen hidhamanii mana hidhaa Jimmaa keessatti dararamaa jiran kuniin:-
  1. Barataa Tashomee Girmaa barataa siviili Injiineriigii waggaa 3ffaa
  2. Brataa Faar Mohaamed Barataa Seeraa waggaa 3ffaa
  3. Barataa Qananiisaa barataa water injiineringii waggaa 3ffaa
  4. Barataa Iyyaasuu barataa Soshoologii waggaa 2ffaa
Yeroo tahan barattootni kaanis poolisootaan dorsifamaa jiraachuun beekame.

No comments:

Post a Comment