Oromoon Mootummaa Isaaf Dhaabbate Dhabaaf Biyya Ofii Irratti Salphifama

Caamsaa 11, 2013 | Infoo Deeskii ABO

Sirnootni Itoophiyaa dabareedhaan aangoo siyaasaa biyyattii dhaalan hundi yeroo itti Oromoof ciisan hin qaban. Oromoon guddina sabummaa, bal’ina lafa isaa fi badhaadhina qabeenyaa isaaf jecha biyyuma isaa irratti sabatiinsa dhowwatama. Akka weennii gogaa isheef ajjeefamtuutti kan dhufaa dabru hundaan adamsama. Waan sirnoonni Itoophiyaa dabran Oromoo irraan gahaa turan seenaaf dhiifnee waan har’a Oromoon sirna amma aangoo harkaa qabu jalatti ta’aa jiru laaluun gahaa dha.

Mootummaan Wayyaanee golgaa “mootummaa federaalaawaa sabummaa irratti hundaawen diriirse” jedhuun ummata Oromoo irratti kallattii maraan duula banuu fi bansiisuu imaammatee waggootii 22 darban kana hojjechaa jira. Sabootaa fi sablammoota waggoota baay’eef ummata Oromoo waliin wal jaalalaa fi wal kabajaan jiraachaa bahan mara Oromoo irratti kakaasuu fi kallattii maraan rukuchiisuun akeeka Wayyaanee isa oláanaa tahuun dalagaadhaan mirkanaayee jira. Eega sirni Wayyaanee aangoo siyaasaa biyyattii qabatee eegalee walitti bu’iinsa sabootaa fi sablammoota gidduutti dhalatu kamuu keessatti maqaa Oromootu dhagahama. Oromoon olloota isaaf humna yaaddessaa fi cunqursaa tahee osoo hin taane Wayyaaneetu olloota Oromoo garii hidhachiisee Oromoo irratti bobbaasa. Kallattii maraan Oromoo irratti ibdidda qabsiisee qaammata.

Karaa Dhiha Oromiyaan dhalattoota sablammii Gumuz yeroo adda addaatti hidhachiisee jiraattota Oromoo hidhannoo dhabilee tahan irratti bobbaasee lubbuu dhibbootgaan fi qabeenyaa qarshii miliyoonotatti shallagamu barbadeesseera, barbadeessiseera. Har’as kana irraa hin dhaabbanne. Gama Bahaan gosoota Soomaalii Isaa fi kan biroo yeroo dheeraaf hidhachiisee ummata Oromoo nagayaan qeyee isaa irra jiraatu irratti duulchisa. Lammii Oromoo ajjeesuu fi ajjeechisuu, daa’imman Oromoo gudeeduu fi gudeedchisuu, qabeenyaa Oromoo saamuu fi saamsisuu, akkasumas, lafa Oromoo seenaadhaan beekamaa tahe irraa Oromoo buqqisanii alaabaa naannoo isaanii lafa oromoo irratti dhaabsisanii warra biraa qubsiisuun gochaalee duula farrummaa Wayyaanee warra gurguddaa dha. Karaa Kibba Oromiyaatiinis haalli jiru kanumaan wal fakkaata. Oromoon Booranaa dachii abbaa isaa irratti manni itti gubameera, loon isaa saamameera, sana biras dabree lafti isaa akaakilii fi abaabiliin irra jiraate roorroo alagootaan irraa fudhatamee warra kaaniif kennameera. Oromoon Gujiis akkasuma, jiruu hadhaawaa kana fakkaatuun marfamee qaama itti iyyatu wallaalee hiraaraa jira. Kibba Oromiyaa keessatti golgaa ‘walitti bu’iinsa marga dheedichaa fi eela bishaanii irratti dhalate’ jedhuun Wayyaaneen tahe jedhee sablammoota olla hidhachiisuu fi gorsaan dogoggorsee obboleeyyan isaanii Oromoo irratti kakaasaa yoona gahe. Walitti bu’iinsa kanaan lubbuun namaa waggoota digdamman dabran keessatti bade kumaan shallagama. Kutaalee Oromiyaa hafan keessattis taanaan Oromoon nagaa fi tasgabbiidhaan jiraachuu hin dandeenye.

Mootummaan Wayyaanee sababa tahe jedhee Oromoo irratti diinota daneessuuf hojjetuuf qaba. Yaaddoon isaa guddaan guddina Oromiyaa fi Oromooti. Kanaafuu akka Oromoon wal utubee wayyabummaa isaa gara humnaatti jijjiiree biyya isaa Oromiyaa irratti abbaa hin taane gochuuf kaabaa kibbaan, bahaa dhihaan ibidda itti qabsiisee tasgabbii dhowwata. Yoo Oromoon humna tahe qabeenyaa Oromiyaa halkanii fi guyyaa walitti dhaabee saamaa jirutu jalaa hafa. Yoo Oromoon humna tahe aangoo siyaasaa Itoophiyaa qabatee jiru irraa darbatamee diigama sirna isaatu taha. Yoo Oromoon humna tahe sadoo fi qananii baratetu itti hafa. Yoo Oromoon humna tahe sabaa fi sablammoonni biroonis Oromoo waliin tumsa jaarrachuudhaan biyya ofii irratti abbaa tahanii weerartummaa Wayyaanee waloon of irraa qolatu. Kanaaf jecha Wayyaaneen Oromoo diina innikkaa godhatee waraana isaa itti bobbaasee hanga danda’e rukuta, hanga harki isaa dhaqqabuu hanqate ammoo sablammoota olla hidhachiisee irratti kakaasee rukuchiisa.

Keessumattuu wanni yeroo ammaa Baha Oromiyaa keessatti mul’ataa jiru garuu garmalee daangaa dabree balaa guddaa dorrobee akka jiru hunda birattuu hubatamuu qaba. Sirni Wayyaanee tahe jedhee humna “Liyyuu Poolis” jedhee naannoo Ogadeniif leenjisa adddaa kenneefii meeshaa gurguddaa hidhachiiseetti dhimma bahuunii fi gosoota Sooamalii qixa saniin Oromoo daangessan hidhachiisee Oromoo qehee isaa irratti goolaa jira. Qubsuma isaa irraas buqqisee dirree irratti facaasaa jira. Wayyaaneen dheebuu biyya Oromoo weeraruuf waggoota kurnoota dura Soomaaliyaa irraa dhagahameen haala wal fakkaatuun dachii Baha Oromiyaa Oromoo harkaa baasuuf duulee duulchisaa jira. Gosoota Soomaalii keessaa kanneen salphaatti isaan dogoggorfamanii fi hawwiin ‘Somalee Guddiitti’ sammuu keessaa baduu dide hidhachiisee dhalaa fi ijoollee dabalatee ummata dhibbootaan ajjeesuu, qehee Oromoo gubuu, qabeenya Oromoo saamuu, lafa Oromoo dhaaluu irratti gorsaa fi hidhanoo waraaniitiin jajjabeessaa jira. Ummanni Oromoo gama Bahaa daba hamtuu isa irratti raaw’atamaa jirtu kanaan imimmaan fixatee dhiiga booyaa jira. Booyichi kunis hammeenyi isaa adda tahu illee kan kutaa Oromoo tokko qofaa osoo hin taane kan guutuu saba Oromoo ti. Baha Oromiyaa keessatti roorroon kana fakkaatu kun qindeessitummaa, hidhachiistummaa fi gorsitummaa waraana Wayyaaneetiin eega jalqabamee osoo wal irraa hin citin walakkaa waggaa dabree jira.

Oromoon humna qawwee hidhateen qehee isaa irraa booqqifamu kun qaama mootummaa itti iyyatu hin qabu. Mootummichatu mootummaa isa irra dhaabbate malee mootummaa isaaf dhaabbatee miti waan taheef mootummaa diinaatti iyyata isaa dhaggeessifatee milkaayuus hin danda’u. Furmaanni isaaf dhihaate qehee fi lafa isaa bal’aa akaakilii fi abaabiliin irra jiraate weerartootaaf gadhiisee baqachuu, yookiis harka duwwee tahee afaan qawwee dura dhaabbachuun du’uu qofa tahe. Har’a Itoophiyaa keessatti saboonni hunduu bittaa sirna gabrummaa Wayyaanee jala akka jiran kan hin haalamne tahu illee, akka Oromootti kan dachiin isaa jaannama biyya lafaa itti taate jira jechuuf nama rakkisa. Kanaaf egaa, rakkoon siyaasaa Oromoon keessa jiru rakkoo biyyattii keessatti mul’atu kamiinuu caalaa hadhaawaa fi furmaata addaa kan barbaadu tahuun kan irra deddeebi’amee dubbatamuuf.

Namoonni shiraa fi hammeenya gadi fagoo Wayyaaneen Oromoof qabu kana hubachuu hin danda’in tokko tokko OPDO komachuu malu. OPDOn qaama mootummaa kanaa tahee akkamitti ummata Oromoo irratti miidhaan kana fakkaatu yoo dalagamu callisee laala jedhanii gaafachuu malu. Deebiin gaaffii fayyaalummaa akkasii kanaaf kennamus salphaa fi ifaa dha. Ilmaan Oromoo sabboonoo OPDO keesssa jiran mirga Oromoof falmanii roorroo Oromoo irraa deebisuun haa turuutii ofiifuu roorrifamoo dha. Kanneen Oromoo hin taane ammoo kayyoo fi akeekaanuu sirna sana waliin kan wal qabatanii maqaa Oromoo golgaa godhatanii Oromoo dhiigsaa jiranii dha. Kaayyoon OPDOn jaarameefis Oromoo irraa roorroo akka ittisutti osoo hin taane Oromoo irratti umrii roorroo dheeressuu dha. Alagoota Afaan Oromoo dubbataniin kan taliigamu OPDOn yeroo Oromoon rukutamu ulee, yoo Oromoon waraanamu eeboo, yoo Oromoon rashanamu rasaasa, yoo qeheen Oromoo gubamu ibidda taheefii diina tajaajiluu malee gootummaa afaanumaan illee tahu ittiin Oromoof falman qabaatee hin beeku. Sabboontonni Oromoo OPDO keessatti fayyaalummaan hiriiran tokko tokko dubbii kanaan gubatanii waa gochuufis aangoo waan harkaa hin qabneef jecha callisa filachuu dirqamu. Kun garuu imimmaan Oromoo hin haqu, madaa Oromoos hin dhiinsu. Yakka mootummaan kun Oromoo irratti raaw’ataa jiru kana argaa callisuudhaan kanneen qaama mootummichaa tahanii Oromummaa himatan boru itti gaafatamuuf taa’u.

Oromoof furmaanni tokkichi jiru bakka jirutti gurmaawee roorroo fokkataa kana fakkaatu irraa karaa danda’ame hundaan of ittisuu qofa. Roorroo manatti namatti dhufe jalatti jilbiinfatanii callisuun daranuu diinota nama irratti goobsa malee garaa namaaf hin laaffisu. Sabni Oromoo kaabas tahee kibba, bahas tahee dhiha, yookiis giddu galeessa, ganda jiru mara keessatti humna hidhatee itti dhufee nageenya isaa booressu, qabeenya isaa saamu, qehee irraa isa buqqisu iyyee iyya dabarsuun walitti dirmatee of irraa deebisuu qaba. Wareegamni kafalamu qaalii fi rifaasisaa tahuu ni mala. Kabajaa sabummaa bortaadhaan sarbamu bortaadhaan deebisuun hanga dirqama tahetti ammoo wareegamni kafalamu gatii malee hin hafu. Oromoon qehee isaa irratti of ittisuuf jecha waan humni isaa eehame kamuu hidhatee WBO cinaa goruun lolee of kabajsiisuun dirqama seenaa taheera. Ummanni Oromoo mallattoo nagayaa fi dimokraasii tahuun olloota isaa maraaf fakkeenya tahee jiraate. Sirni Wayyaanee sirnoota amma dura dabran kamuu caalaa Oromoo diina innikkaa godhatee karaa maraan lola itti banee seenaa gaarii Oromoon qabu kana jijjiiruuf akka hojjetaa jiru beekamaa dha. Yakka kanaaf ammoo guyyaa tokko seeratti dhihaatee gaafatamuun isaa akka hin oolle dagatamuu hin qabu. Sabaa fi sablammoonni ollaa Oromiyaas tahee kanneen Oromiyaa keessaa qubsuma qaban, akkasumas, namtokkeeleen dhimma adda addaaf Oromiyaa keessa qubatanii ummata Oromoo waliin jiraatan dubbii fardii takka hubachuu qabani. Har’a dantaa yeroof jecha Wayyaanee caalchifatanii Oromoo irratti diinomuun egeree isaanii miidhuu irraa kan hafe wabii jireenya bara baraa tahuufiif hin jiru. Michoomni siyaasaa Wayyaanee waliin tolfachuu barbaadan boru nidabra. Ollummaan Oromoo ammoo jaalatamus jibbamus bara baraan jiraata. Wayyaaneen gaafa dantaan isaa kan yeroodhaa guutamteef galagalee akka isaan hin laalle, inumaa dantaa itti aanuuf jecha boru isaanumayyuu deebisee diinomfachuun akka hin oolle dursanii beekuu qabani. Miidhaan har’a Oromoo irra gahaa jiru boru dabaree isaa eegee balbala isaanii rurrukutuun waan hin oolle. Wayyaaneen diina waloo waan taheef har’a tokkotti firoomee isa kaan rukutuu, boru ammoo kan kaleessa diinomfatetti firoomee kan duraan firoomfataa ture diinomfachuu irraa duubatti hin jedhu.

Kanaafuu dhalattoonni sabootaa fi sablammootaa Oromoo waliin ollummaa fi hariiroo gaarii bara dheeraa qabaachaa turan Wayyaaneedhaan dogoggorfamanii Oromoo irratti badii raaw’achuu irraa jabeessanii akka of qusatan dhaamnaaf. Kan nu baasu ummatoonni cunqurfamoon madaa wal fakkaataa qabnu wal tumsinee diina waloo irratti duuluu dha malee gariin diina waliin dhaabbatee ollaa isaa irratti roorrisuu miti. Sirni Wayyaanee har’a abbaa baraa tahee waan hundumaa qawween toyatu kun oolee bula malee jiguun isaa waan hin hafne. Gaafas jaalatanis jibbanis Oromootu isaan waliin hafa. Yakka sirna Wayyaaneef tumsamee Oromoo irratti raaw’atamu kamiifuu itti gaaftamuunis akka hin oolle yaadachiisuu feena.

Ummanni Oromoos akka har’a hidhannoo dhabilee tahe kanatti itti roorrifamaa bara baraan hin jiraatu. Gurmaawee hidhatee biyya isaa irratti abbaa tahuudhaan roorristoota qehee isaatti itti dhufan of irraa adabuun isaa gonkumaa waan hin oolle. Gaafas gaaffii seenaan dhiheessuuf deebii kennuun qooda abbaa ti!

Injifannoo Ummata Oromoof!

Infoo Deeskii ABO

Caamsaa 11, 2013
===========================
IBSA KANA AFAAN INGILIZIN DUUBISUUF ADDANA TUQAA

No comments:

Post a Comment