MIRGA KEENYA, IRREE KEENYAAN DEEFFANNA !!!!!!!!

Adoolessa 28, 2013 | Y.G(2005)

Addunyaa kana irratti, Bilisummaan tolaan argame gonkumaa hin jiru. Hundumtu wareegama qaqqaalii ijoolleen isaanii gara kuteenyaan kaffalaniin Injifannoo gonfatan. Mirgi kan sarbamu abaarsaan miti, humnaanii. dhiiga Ummata gabrummaa jala tursu barbaadan sanii dhangalaasaniiti. Qabeenyaa saamuuf jecha, hammeenya gara jabiinaa dhala namaa irratti hin raawwatamiin irratti raawwatanii nama gabroomsan. Addunyaa kana irratti tokko isa tokko liqimsee jiraachuuf lubbu galaafata. Nama gabroomsuuf falli jiru kana qofaadha. Kan gabroomsuu barbaadan gama hundaan laamshessanii cabsan. Warri bara amma kana nu gabroomsan, siree tolaa irra nu ciibsanii ykn nu kunuunsanii miti kan gabrummaa jala nu jiraachisuuf tattaafatan.

Oromoon ega humnaan cabee kaasee mootootiin Itoophiyaa bulchan, Ummata keenya miliyoona ja’aa ol galaafataniiru. Ummata miliyoonaan lakkaa’amu Biyya abbaa isaa keessaa ari’anii tajaajiltuu warra adii fi kanneen biro taasisaniiru. Hidhaan kan gidirsaa jiran, qe’ee keenya irraa kan buqqisanii jiran, jireenya dararaaf kan saaxilan lakkoofsa hin qabu.addatti har’a Ummata kana gama hundaan rakkoo hawaasummaa keessa galchanii gargar facaasanii isa bituuf hammenya hiriyyaa hin qabneetu irratti raawwatamaa jira. Kun nuun nu cabsuuf filmaata tokko malee kan nu irratti raawwataniidha. Nuutiwoo ??????????gaaffii jabduun kanaaf deebii kennuu qabna. Diinni akkasii nu fuuldura ega jiraate, waan nu eeggatu beeku qabna. Ummati Oromoo gara jabiina barachuu fi hojiin argisiisuu qaba. Yakki yakka hunda caalu nu irratti raawwatamuun kan wal gitu, qabsoo hadhaawaa gaggeessuun dirqama keenyadha. Kanatti tarkaanfataa jiraachuu hunduu beeku qaba. Addunyaa fi diinatu filmaata kana nu kaa’e.

Oromoon maal gara jabinni diina keenyaa jedhee akka ciilalluu of keessa maratee taa’u yoo jiraate, kan umama isaa irraa rakkoo qabuudha. Har’a sadarkaan irra jirru, jiraachuu ykn dhabamuu, of oolchuu ykn diinaan dhabamuudha. Har’a qabsoon itti jirru kan keessa ilaallatan miti. Lakkii nu dhiisaa jennee yeroo itti himnnus miti. Jiraachuf ammo, waan itti jirru irraa duubatti yoo jenne kan ciraa itti lafa irraa dhabanuudha. Kan funyaan nu hdahe funyaan dhoofnee, kan nu hamate nu hammatinee deebii kan itti kenninuudha. Kun ta’u baannaan, ykn laafannaan diinni sadarkaa nuuti isa dura dhaabbachuu hin dandeenye irra ga’a. Qabsoon oromoo lola harkaan adeemsifamu keessa kan seeneedha.

Diinni keenya kan nyaate deebisee bulgaafachuu isaatiin waan nu dhiphisu hin qabu. Nuuti kan gaafachaa jirruu, Biyya abbaa keenyaati. Halgaan Biyya keessaa fi alaa kan nu gaafachaa jiru, Biyya abbaa keenyadha. Isaan hegaree isaaniitu isaan yaaddeessee, waan nyaatan isaan bulgaafachiisaa jira. Jaallaatanis jibbanis, jireenyi Amahaaraas ta’ee Tigiree, Jireenya Oromoo fi Oromiyaa irratti hundaa’a. kanaaf waan nuun nu dhiphisu hin jiru. Jarri Itoophiyaa Itoophiyaa jedhanii mankaraaran, jechi Itoophiyaa jettu kun haguuggiidha malee, iyyi isaanii jireenyi keenya badee jechaa jiran. Jarri namni maal naan jedhu hin beekne, Hayilasillaasee har’a lubbuun hin jirreef amma dhiphatan, Oromoo har’a lubbuun jiruuf gonkumaa hin dhiphatan. Nuuti garuu, Amaara kaleessaa fi har’aa jennee garaa laafnaaf.

Jarri Amaaraa of tuulummaan biyya alaa keessa wawwaattu kun, yoo ofiif jette, yoo hegaree isheef yaaddi ta’e, adeemsa isaanii sirreessuutu irra jira. Sammuu ligidaa’aa har’allee Oromoo irra bubbuluuf habbalan kanaaf wanni gaddinus, ilaa fi ilaameen gaafannu hin jiru. Yeroon isaa kana nu hin hayyamu. Fuulleetti waan walitti himuun barbaachisu waliif himanii jiraachuudha. Haqa kan fudhatu haa fudhatu. Kan itti hadhaa’e itti hadhaa’ee haa hafu. Gara laafummaan keenya nu ga’a. Itoophiyaan eenyummaa sabootaa dursitee itti hin amaniin, boolli ishee dhihaachaa jira. Diinni hanga jirutti, mormii fi wareegamni waan hin hafneedha. Kanaaf waan nurraa barbaachisu hundaa kafallee Bilisummaa keenya gonfachuun dirqama keenya.

Halagaan Itoophiyaa inni lallabuuf, diigamuu kan eegalte har’a miti. Diigamu ishee kan dhiheesse adeemsa isaanii fi wayyaaneedha. Har’as wanni Biyya keessaa fi alaa lallabaa jiran, Ummatoonni hegaree isaanii of irratti akka hundeessan kan taasisu malee, kan isaan iyyaa jiraniif miti. Sabboontoonni Oromoo kana hubachuu qaban. Gabrummaan jiraannaan, gabroomsaan akka jiruudha. Gabroomsaan jiraannaan, diinatu jira jechuudha. Diinni jiraannaan diina of duraa kaasuun ni jira. Diina of duraa kaasuun gama hundaa ilaallata. Nuuti akkasitti wayita yaannu diinnis nuuf warqee akka hin hafne beeku nu barbaachisa. Kanaaf yeroo hundaa dammaqoo ta’uun barbaachisaadha.

Kaleessa kan gootoonni keenya kan itti ajjeefaman yaadachuu qabna. Harka diinaatti kan irratti raawwatame beeku qabna. Diinni gama kamiinu, eessattu nu dura dhaabbatee jiru, badii fakkaataa daran akka nu irratti jabeessu huabchuu nu barbaachisa. Gootoonni keenya dachee somaaliyaa keessatti, boolla tokko keessatti dhuman diinaanii. Karaa dhiha Oromiyaa summiin kan dhuman diinaani. Taaddasaa, elemoo, luba Guddinaa kkf diinaan dhuman. Namoota qaroo  ykn goota ta’an galaafachuun shira diinaati. Nuutis tarkaanfiin kanatti ceenu dhufaa jiraa. Kanaaf sochii taasifnu keessatti shirri diinaa yoomillee kan hin dhaabbanne ta’u hubachuu nu barbaachisa. Kana hubadhaa jechuun dorsisa miti.

Dhalli Oromoo hanga qabsoo isaa finiinseetti diinni jiraachuuf jecha hammaachuun waan jiraati. Qorchi isaa garuu, daran isa caalaa tarkaanfii fi sochii jiru alaa fi keessatti finiinsuudha. Har’a sabboontoota keenya karaa miidiyaa abaaruun itti duulamuun, jabina sabboontoota keenyaa ibsa. Caalaatti isaan cabsuuf caalaatti hojjachuu barbaachisa. Beektoonni keenya bakka jiranii mata duree ka’an irratti cichoomiinaan falmanii, qiyyaafannaa diinaa gara dhabsiisuu barbaachisa. Oromoon Oromoof ka’uun dirqama ta’uun yeroonu itti nu oofaa jira. Yoo kana hubachuu dhabnee akka duraa wal irratti ilaalla taanaan diinni manatti dhufee nu galaafatuun hin hafu. Biyya itti wal ajjeessan hin jirru jennee of tuullee teenya taanaan, dhaabbatanii deemuun lubbun jiraachuu akka hin mirkaneessine beeku barbaachisa.Namni waan umameef irraa hanqatee jiraatu , namummaan hir’uudha.waaqayyoo waan umamaan olii itti kenne kan isa uumeef akka namummaa isaa ittiin kabachiifatuuf malee hafatee irra haa rafuuf miti. Diinni gootatti duula. kan maratee taa’e maaliif itti duula. Inumaa akka maratee ciisuuf haala mijeessaaf. Kanaaf diina keessa xuqanii waccisiisuun mataa isaa jabiina. Gootummaadha. Inni kaanis beekumsaa fi dandeettii isaatti ni mana yoo ta’e akkas xuxxuqee diina wacabbarsiisuudha. Diinni badhaasa naamuusaa namaa kennu hin jiru. Warri diina waccisiisan ammallee itti fufu qabu. Harka diinaa miti, meeshaan diinaa iyyuu irra akka jiru beeku barbaachisa.

Har’a amaarri Biyya alaa wacuun qalbii keenya hundaa fudhachuu hin qabu. Diina leenca ilkaan hin qabneen wal fakkaatan waan ta’eef. Yoo jabaate hojiin isaanii miidiyaa irra hin dabru. Kan qabatamaattu nu fixaa jiru irrattii xiyyeeffachuun dagatamu hin qabu. Wayyaaneef kun gammachuu akka hin taaneef, of eeggachuu barbaachisa. Diinni akkas wayita wacu deebii laachuufii odoo hin taane, waan caalaatti isa waccisiisuu qopheessuu barbaachisa. Tokko irratti yennaa ka’an ykn wacan, inni kaan bakka biraa mata duree biraa kaasee joonjeessuu barbaachisa. Qabsoon nu eegattu jabduudha. Waliif haa birmannu. 

MIRGA KEENYA IRREE KEENYAAN QOFA, KAN DEEFFACHUU DANDEENYU. 

GALATOOMAA !!!!

No comments:

Post a Comment