Hagayya 12, 2013 | Ibsaa Guutama irraa
| Gubirmans Publishing
AFAAN INGILIZIN DUUBISUUF ADDANA TUQAA
Qabsoo bilisummaa Oromoo ijaarsaan jalqaba miilla fuudhuutt kan ka’e wareegama dabankufoota Oromoon ture. Sanaan jija boonsaa hedduutu galmeeffame. Kan dursanii gosaan, godinaa fi dhugeeffannoon eenyummaa ofii himuu barsiifata godhatanii turan akka “An Oromoo dha” ofiin jechuun kangahan lubbuu takkittii qaban itt baasaniitu. Sanaan raatessaan falfala koloneeffatoo ni cabe. Sun jija boqonnaa qabsoo jalqabaa keessaa tokko. Sun hundi itt haa wareegaman malee akeeki qabsaawotaa fi fedhii ummata Oromoo sanaan manii akeekameef gahe jechuu miti. Kan badiisa irra oolanii fi dhalooti haaraan injifannoolee itt daddabaluun gabbisu jedhamee abdatama. Wareegama darbeeen dhaadachuu qofti manii sanaan hin gahu. Kan argamanitt iggitii tolchanii boqonnaa itt haanuutt shaffisaan darbuun yeroo hin kennu. Qabsoo ijaaramaan yeroo eegale qabsaawoti akeeka taliila fi dadhabbii kan hin himanne turan. Deemsa keessa garuu qelleensi gidduu lixee argaa saanii dimimmiseesuu fi humna saanii xuuxuutt ka’e. Dura deemoon kaayyoo walabummatt fincilan hundi yaadota dullacha adii irra diban malee fala haaraa as hin baafne. Sun ABOn baataa hangameessa (standard bearer) warraaqsa Oromoo akka ta’e raggaasisa. ABOn ayyaana hawwa sabaa, bitintirsuu yoo hin taane hedduun faaluu yaalani itt hin milkoofne. Yeroo laafinaa kana hamajaajiin durii kan ummaticha babankaasuuf carraa argatan itt fakkaatee ture. Dargaggoon Oromoo golee baqqaana kaabaa fi kibbaa hunda keessaa gad yaa’uun sagalee tokkoon “Nuti hunda dura Oromoo dha” jedhaniin.
Ummatoota hedduutu empayerra Itiyoophiyaa jala jira. Akka diinaatt, Oromoon jara sana irraa addummaa himatan hin qaban. Kanaafis Oromoon akka addaanjirott gaaffii kophaatt gaafatan hin qabani jechuu dha. Isaaniif Oromoon bakki itt of argaa jiranii fi eenyu akka tahan kan uumaan murteeffame waan ta’eef haala jiru keessa seenanii borcuun irra hin jiru jedhu. Ilaalchi biraa Oromoon seenaan, daangaan haata’u daaya addunyaaf qabaniin hunda irraa addummaa himatan qabu kan jedhu. Gaaffoliin saanii olloota saanii irra mirkanii seenaa jireenya walaba ta’e qabaachuu irra ka’u. Isaanis gaaffii mirga dhalootaa, kan eenyummaa, kan mirga hiree sabummaa ofii hanga walabummaati ofiin murteeffachuutii. Mirgoota kana qabaachuu saanii galtuun hin liqifamneefis jiru. Akka isa jalqabaatt Itoophiyummaa Oromoo gaaffiif dhihessuun gardhabaa. Akka isa lammafatt Itoophiyummaan kan humnaan irratt fe’ame waan taheef digaluu dhiiga saanii xuxu malee qaamummaa walirraa hin qabani. Jaalbiyyummaan (patriotism) saanii, Oromummaa, boona seenaa, aadaa fi dudhaa dhalootaan daddarba dhufe keessaa madda.
Kanneen walabummaa hin feene akka Oromoott ba’aan cunqursaa fe’ame jiru hin haalani. Garu jara biraan harka walqabannee qabsaawuun empayericha demokratessine walqixummaan jala jiraanna jedhu. Inni biraammoo hariiroo moo’aa fi moo’amaa, koloneeffataa fi kolonaawaa humnaan itt fe’ame ofirraa finqilchanii walabummaan akka jireenya fulduraa sodaa fi doorsisa qaama alaa malee murteeffatan gochuuf qabsaawuu dha kan jedhu. ABOn kanneen akka Oromoo kolonomaniin wajjin fedha bilisaan walii tumsuun akka danda’amu imaammata saa beekamaa dha. Qabsaawuuf murteeffachuun garuu kan abbaati jedha. Qabsoon ABOn eegalame Oromoon mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuuti dhimma bahanii walabummaa saanii akka gonfataniif kan akeekate ture. Innis Republika Oromiyaa demkratoftuu dhaabanii hojii irra oolcuun fiixan baha jedha. Sochiin bilisummaa Oromoo takkaa Itoophiyoomuu akeekkatee hin beeku. Oromoon ummata Afrika hunda obbolummaan ilaala. Isaanis akka sanatt malee akka jalee yk maxxannee eenyuuttuu yoo ilaalan hin fudhatu. Habashota akka ummatoota Afriikaa keessaa tokkoott fudhata. Hanga isaan Oromoo ummata isaaniin walqixxee fi walaba, biyya fi mirga saa irratt abbaa ta’uu saa beekaniifitt naannichi nagaa fi tasgabi argachuun rakkisaa ta’a. Sun sirna fi yaada ofii demokraatessuu gaafata. Filmaati kan saaniitii kan biraa hin laalu. “Dheeratee muraa jennaan, abbaatu of mara jette bofti” jedhama.
Oromoon seenaa demokratummaa qabu. Si’ana, demokraasii kan aangoo irra jiran hundatu himataa. Kan of muudes kan ummati kennates waluma qixxee ittiin dhaadata. Oromoof demokrasiin caasaa jireenya saanii keessaatt kan ijaarame ture. Kanaaf yeroo murteeffamett angoo walitt dabarsuun morkii fi lola kaasee hin beeku. Dhalooti hundi hawaasa keessatt bakkaa fi qooda gumaachu sadarkaa sadarkaan qaba ture. Golli darabeen saa gahe hoggana filachuuf wal keessatt dorgomuun ni jiraata. Sun gadaa tokko irra hin dhangala’uu. Oromoon gaggaba ilmoon namaa aangoof qabu waan beekuuf daangaa cimaa itt tolche.
Akka demokrasii Lixaatt angoo malbulchaa qabachuuf qaadhimamooti qabeeenya hedduu itt dhangalasu. Kanaaf kanneen qaban yk kan qabaniin dhiheffamantu wal dorgomuu danda’a. Golotii dorgommeef dhihaatan utuu harka walitt hin darbin qubqabsiis (media) fi yaa’iin of dhaadhessuun fudhatama argachuu yaalu.Utuu wal hin ajjeesinii fi hedduu wal hin madeessin waldanda’anii sirna nagaan angoo waljijjiiran diriirfachuu dandahaniiru. Sun kennataa murteessaa godhe. Kan barana kufan isa itt haanutt mo’uuf kan darbe irratt dogoggora coruu battaluma eegalu. Karaa argame hundaan balleessaa nakkarii saaxilu hin dhaabani. Wal irratt bobba’uun qaama demookrasii ammayyaa Lixaa tahu hubachuun dansa. Kun haala bulcha ummata qabsoo sabummaa fixatee heera waloo irratt waliigaleeti. Garee qabsoo hin fixatin seerri waloon isaan golgu hin jiru. Safuu qofatu gidduu jiraachuu danda’a. Malbulcheesitooti Oromoo si’anaa diina dhiifnee wali irratt maaf bobbaana jedhu. Hariiroon saanii kan michuu gidduu utuu hin ta’in kan masaanolii ta’uu irraanfatu. Dirree qabsoo keessatt diinaa fi masaanuu gargar fuudhuun salphaa hin ta’u. Lachanuu kan walabummaa ummata saaniif bobba’an akka milkaawan hin barbaadani. Sun kan hafuu danda’u yoo hanga waliin nagaan deemnu dandeenyu qabna jedhanii adda bobbaa yeroo ummachuu danda’an qofa. Waliigaltee akka sanaa qofatu walitt darbuu ittisu danda’a ta’a. Waan halleefuu gamtaan morka irra bu’a akka qabu hin haalamu.
Golaa fi gareen wal ijaaruu fi ilaalcha fedhe guddifachuu fi akka fedhanitt of ifsuun mirga ilmoo namaati. San jechuun ilaalcha ofii minyeessanii kan nakkarii busheessuun akka jechuutii. Dudhaa Oromoott qabattee irratt wal mormuu fi wal balaaleffachuun seera. Haa tahu malee ilmoon namaa ulfoott fudhatama. Yaada malee qaama haa ta’uu ulfina qaban tuquun safuu dha. Kanaa fi kan timjii namatt hin ceene tokko yaada saaf arrabsuun nama xiqqeessa. Garuu qabattee inni dhiheesse cenceranii faallaa inni bu’aa ummataatt fiduu danda’u saaxiluun aadaa dorgomeeti. Nakkarii jechuun as irratt abba tokkoota yk garoota tahitaa walirraatt hin qabne waliin dorgoman jechuufi. Maaliifuu kaayyoo adda adda oofaa wal nakkaruun kan heera tokko jalatt bulaniin wal gidduutt gaggeeffamuun adda tahu hubachuun dansa. Ummati Lixaa demokrasii kan fudhatan nagaa fi tasgabin waldorgomuu kan caalu akka hin jirre hubataniitu. Kanaaf olhantummaa seera tokkoo (heera) jalatt angoo qabachuuf wal jarjarsuun guutummaatt bolola jedhamee dhihachuu hin qabu. Aangoon akeeka bakkaan gahuuf seeran tolfamu barbaachisaa dha. Bolola kan tahu seera cabsanii ofittummaa ana malee nammi hin jiru jedhu keessaa yoo madde.
Jarri Lixaa, rimsama demokrasii finnaa magaala Grikii durii kan guddifatan, bulchi tasgabii qabu akka guddinaaf tolu erga hubataniiti. Duran abbaa humnaatu kan fixe fixee angoo qabata ture. Sana duuba, wal danda’anii angoo waljijjiiruf sirna kan caasachuu eegalan. Nageenya lubbuu fi qabeenya ofii balaa irra oolchuuf anjaa qabaateef malee ammallee qacceen walfixuu sun keessaa mullattii. Kan hedduun anga’oo abbaa hirroota addunyaa sadaffaan michomanis waan seerri biyya saanii hin hayyamneef isaan hojjechiisuufi. Biyya saanii keessattis wal hatuu, lafa jala wal hadhuu fi shira wal irratt xaxuun akka balleessaatt yeroo yeroon yoo saxilamu argama. Oromoof olhantumman seera aadaa dha jenneerra. Sana jechuun yoo fedhan duubbee itt deebi’an qabu jechuu dha. Akkaataa goloti adda addaa nagaa fi atoomaan itt sosso’an bara biyya argatan tumata. Feenaan Gadaan madda dureessaa.
Lixumaafuu maxansaa buleen (blueprint) demokrasii waloon hordofamu hin jiru. Garuu hundi olhaantummaa seeraa ni fudhatu. Miirri ilmoo namaa hedduu fi walxaxaa dha. Waliigalanii luugama itt tolchan malee “baraarama jabina kan qabuu” isa jedhan sana taha. Haalli Gaanfa Afrikaa keessa si’ana jiru sana. Kan danuun/tasii seenaa angoo itt kennetu jara of dagate butuchaa jira. Yoo shaffisaan falatan malee kan isaan irra jiru caalaa gabbataa fi jabaataa yoo deemu isaan huuqqataa muuyya’aa deemuu fi leeyi saan gaaffi jala galuun waan hin oolle. Gurguddoon Habashaa biyya ofiifuu olhantummaa seeraa fudhachuun abjuunuu itt hin mullatu. Kanaaf kolonoti of irratt rukutu yk hala jirutt amananii buluu malee fala hin qabani. Tokko tokko sossobachuun koloneeffatoon haammatamuu ni yaalu ta’a. Raatessaa olhaanaa sadoo fi tuffii jara ummatoota muuyyo Afrikaatti akeekkatan jala akka jiran qayyabachuu dadhabu. Ofii irratti amantee dhabuunis jira.
Uumaan jijjiiramaa jiraata malee kantara hin leellisu. Kanaaf dhaabi kamuu akka eegalett hafuu hin danda’u. Hawaasi guddina mirkanbeekii fi teknolojii wal fudhata yoo deemuu baate ni bososa. Kanaaf jaarmota dhuunfaa haa ta’anii kan ambaa hedduun mala jijjiirrataa of haromsaa yoo deeman mullatu. Koloneeffatoonillee Minilikii kaasee hanga Wayyaaneetti tooftaa jijijjirrachuun yeroon wal fudhachiisaa dhufuu saanii hubachuun ni gaha. Bara si’anaa bakka hallee yeroo yeroon sagantaalee barumsaa fi leejjisaa of deebisanii haromsuuf tolfaman sana mirkaneessu. Dhaaba malbulchaa irraas sanaa gadi hin eegamu. Meeshaaleen teknolojiin homishaman hedduutu hojiirra oolaa jiraa. Wal qunnamtii, mala, wal kakaasuu haa tahu lolaaf kan bahaniin yoo walbaruu hin dandeenye diina sana fudhate waliin mormuun ni ulfaata. Yoo meeshicha dhaban illee jiraachuu fi akka inni itt hojjetu baruun balaa irra nama oolchuu danda’a. Diina irraa buufatanii dhimma itti bahuus ni anjessa. Kanaaf kan akaakileen “Akka durii fi harka xuriitt hin hafan” jedhan yaadachuu dha.
Akkaata itt ilaalanii fi itt hojjetan haromfataa deemuun dirqii dha malee filannoo miti. Sana jechuun utuu kan kaasaa taheef jiruu akeeka bu’uura jijjiirrachuu jechuu miti. Kan qaban qara baasuu jechuu dha. “Kaayyoo kaayyoo jettu waggaa afurtama keessatt jijjirama waan hin finne” kan jedhan jiru. Kaayyoon ilaalcha hawwaa fi fedha ummataa calaqisuu malee ofiin of raajiin hojiirra kan olchu miti. Sababi qabsoon lalisu dhabe mudaa qabsaawotaatii, hariiroo Oromoo fi addunyaatu rakkina qabaa, jedhanii gaafachuun gaarii dha. EPLF fi TPLF addota bilisummaati, maaliif isaan milkaawanii OLF hankaake? Kan qorate jira? EPLF tooftaa lolaa malee kaayyoo bilisummaa hin jijjiirin milkaawe. TPLF Tigrayiin erga harkatt galfatee duuba kan dura dhaabbatu dhabnaan tarsiimoo jijjiirrate. Tigrooti Habashaa akka mootummaa Shaggar tureeti. Fincilli saanii aarii qooda keenyaa dhabnee irra madde. Oromoon ummata isaan irra adda ta’e kan akaakileen saanii humnaan qabatanii. Qooda utuu hin ta’in biyya fi mirga keenya dhabnee jedhu. Empayera Itiyophiyaa jalaa bahuuf wuxxifachuun attamitt dogoggora ta’a? Tigirooti dadhabaa argatanii itt darbaan malee Shawaa jala hin bullu jedhaa hin baane? Oromoon isin jala hin bulu yoo jedhe balleessaan saa maanni? Saba guddaa kana marmarree uka yaroo keessa suuquutu aanjawa jechuun ummaticha hafee kan dhagggeeffatuu ni loca.
Dabballooti ABOtt dudda galfatan jaarmaa cimaa fi humna onnachiisaa utuu hin ijaarratin gooftolii waliin haa dhoofsisnuu jedhu. Naaphi garaa saatt “Wadeet kaffi kaffi” akka jedhu kan beeknu irraa heduu hin dadhabnu. Kan isaan angoo irratt walifixaa bahan bu’aa kolonoota Kibbaa, keessaayyuu Oromiyaa irra argachuu danda’aniif. Hanga ango olhaanaa qabaatanitt maal godhi jedhanii waliin dhoofsisuu? Jalummaa fi malee walqixxummaaf akka hin jenne mirkaniin sana agarsiisu hin jiru. Oromoo ammallee “walabummaa” jedhaniin, dabballooti sun “seenaa keessatt cabbaawanii kan hafan” jechuunii hin qaana’ani. Seenaa garbummaa keessa giixxa’uu manna kan jedhan sana keessatt kantaruu hin wayyuu laata? Jarana, sagalee tokkoon ummati Oromo waan barbaadu bilisummaan himachuu hin qabu? Oromoon saba tokkummaan of dhiheessuu danda’u moo funaansa wayyiti laata? Inni lammaffaan tuffii ta’a, Oromoon saba biyya takkittii fi hiree tokkicha himatu. Utuu halagaa waliin waa’ee tokkoomu dubbachuutt hin cehin hiree saa murteeffachuu qaba. Karaan qabsaawotaan bahu sana kan hankaaksu utuu hin ta’in kan achiin gahu yoo ta’e sololo’aa. Kan karaa akkasii fudhatan walii tumsuu dandahu.
Qabsoo Oromoo irratt caalaa jechuuf, ummata tokkoof qabsaawaa jirra kan jennu alii ali dantuu (picture) guddicha kan dagannu fakkaata. Dantuu guddichi ummati keenya harqoota kolonummaa jalaa baa’ee hiree saa irratt abbaa ta’uu dha. Dargaggooti qaraa kaasichaaf of kennitee qabsoo lubbuu see gaafate eegalte. Sana gochuuf caasaa diriirfamee jaarmaan uumame. Wanti godhamus qoqqodamee yeroo yeroon gamagamamuun sadarkaa itt haanutt akka cehamu agarsiifamee ture. Deemsa keessa garuu sababa adda addaatin dantuu inni guddaan ni irraanfatame. Wal amanteen qabsaawota giddu baquutt kaate. Keessa deebistuu fi luxxee galtuuf haalli ni mijjaawe. Waci wagoota yartuu dura ture, walitti qabammi ayyaanlaallatoo, xexxebi “walitti baqa” jedhu unkeffamuun, attamitti akka haaloti mimicciramanii afanfajjii uumuun qabsoo ummataa karaa irraa ceesisuun yaalame nu yaadachiisu. Waggota shanii oliif nu malee warraaqan hinjiru, nu malee walaboo fi bilisoon hin dhalanne jedhanii burraaqaa kan turan hardha eessa akka jiran kan agarru. Edaa isaan karaa jalqabne irra nu dagachiisuufi malee dhimma bilisummaa ta’ee walabummaa hin qaban turani. Reef baranne. Haaloota akkasii lafjalee fi muldhatootu qabsoo guddina dhowwee. Kaayyoo xaliilaa fi kan itt cichan jiraachuutu qabsicha bitintirsaa asiin gahe. Qabsaawoti darban asiin gahaniiru. Kaleessi karaa hardhaan gahu baasa malee hardha jiraachisee boritt ceesisuu hin danda’u. Tokko tokkoon dhaloota bara tokko walitt fufinsa irratt qooda bahatu qabaa. Sochii bilisummaatt makamanii qabsoo keessaa fi alaa gaggeessuun waamicha hin eeggatu.
Balaa fi jijjirama ummata tokkotti dhufu yo waliin jiraatanii gidiraa isaanirra gahu hirmatan caalaatt qayyabachuun dandahama. Kanneen isinii qabsoofna jedhaniin, isaan waliin jiraachuun waan isaan keessa darban hunda muuxachuu qabu. Sana malee “Bara abbaa Gadaa kan duude adaraa Abbaa Gadaa jedhaa jiraata” isuma jedhan ta’a. Yoo hin argine yookaan tuqamuun hin suukofne murtii roga qabu kennuun ni rakkisa. Sabboonoti kaayyoo walabummaatt amanan kan isinii jira jedhee da’oo qopheessuuf hin qaban. Oromoon seexaa ofiif amanamoo ta’uu qofaan hidhaatt guuramaa, ajjeefamaa, baqa irratt balaan harcaafamaa, butamanii biitteen saanii dhibaa jira. Lafti saanii kan biraaf kennamuun isaan araddaa akaakilee irra ari’amanii kadhatuu ta’aa jiru. Akka barbaadanitt bilisummaan hoo qubaa galchuuf dhorgamaa jiru. Dinni akka duriitt jiraachisuuf sabichatt karaa halleen duulaa jira. Ummati bakka itt baqatu dhabe. Karaa bahan haa ta’u qabbanni nagaan keessatt da’atan hin jiru.
Kanaaf bakka miilli geessett baqatu. Kaan doonii citte irratt utalanii irbaata qurxummii ta’u, kaan biyya aloott rukuttaa aduu fi hiddaa qanjeebuun, baddaatt bineensan nyaatamanii hafu. Kan daangaa cehuu dandahan kan du’anirraa qofa wayyoo dha. Haala sana jalattillee hedduun abdii hin kutanne. Jannummaan roorroo jala dhaabbatan. Ifaajjee ogneessotaa, barreessotaa, barattootaa fi hayyoota keenya kan ayyaana Oromummaa haala akkasii jalatt jiraachisaniin hedduu onnachiifamne. Dargaggoon guyyuu caalaatt ofbara malbulchaa, bilchinaa ilaalchaa fi warraaqxummaa agarsiisaa jiru. Sanaaf aadaa fi afaan nyaaphi balleessine se’e deebi’ee akka lalisu ta’aa jira. Giidoo fi dhimmammi dargaggoon agarsiisan duubatt deebi’uun akka hin jirre nu abdachiisa. Garuu sun qofti gahaa miti. Dhaabi malbulchaa isaanii qindeessuu fi masaku jiraachuu qaba. borii Sun luba qopheessuu mijjeessa.
ABOn dhaaba fedha ummataa yeroo jalqabaaf calaqisuun kaayyoo sabaa qabate ka’e. Daaya (vision) dhaloota tokkoo utuu hin ta’in kan dhalootaa dhalootatt darbu lafa kaa’ee. Kanaaf kaayyichi hanga ummatichi miidhamaa jirutt kan jijjiiramu miti. Hogganooti garuu buqqa’uus du’uus, ganuus ni danda’u. Kuumalee lammaffaa kana keessa ABOn jeeqama guddaa heera fi seera ittiin masakamu burkuteessetu irra gahe. Aangoon ittiin naamusa tiksu harkaa mucucaate. Kanaaf furmaati warraaqxota irra eegama. Hanga deebisanii heera haaraa tumatanitt masaka yeroo labsachuun seerawaa ta’a. Yeroon saa yero sardaatii. Bakka heerri hin jirrett waa’ee heera caccabee utuu hin ta’in akka itt badiisa irra oolantu mari’atamuu fi hojiitt furamuu qaba. Miseensi godaa hanga gubbaatt akeeka tokko qabaatee akka walfudhatu gochuun durfannoo qaba. Walhubannoon bantiitt ta’e hundeett hin calaqifamu taanaan rakkinatu jira. Shaffisaan itt bobba’uu gaafata. Kan walhubanne jedhan ammallee kara karaa ofii ummatatt dhihaatu taanaan wanti halle bukoo dha jechuu dha. Ummati homisha bilchaataa arguu barbaada. Ammallee “nuu fi isin“ kan jedhan yoo jiraatan kan kan utuu hin qulqullaawin hafee jira jechuu dha. Sana hubachuu dadhabuun babbaqaqina caalaa afeeruu dha. Kanaaf waan naanna’a jiru qayyabatanii jannummaan kutannoo fi of kennuun itt bobba’uu dha.
Jaalbiyyooti jeequmsa irra qaarsisanii akkaataa dhaabicha karaa irra buusan argamsiisuuf abbawummaa fudhachuu qabu. Sochiin akkasii namguddinaa fi of kenna gaafata. Eenyuu akka murnaatt haa ta’uu akka abba tokkeett dhiibbaa gara adda addatiin itt dhufu qabaachuu danda’a. Garuu hunda caalaa waliif gurra kennuun wan jaalbiyyummaan gaafatu. Dhiibbaa hunda irra haanuuf shira yartuu utuu hin ta’in marii keessaanlaali feesisa. Walii beekanii yoo walii falan waliin fayyuu. Qabsoo biyya keessaaf haa ta’u malbeekiif (diplomacy) sagantaa yeroo baafachuun durfannoo qaba. Ilaalcha tolaan jiraannaan caasaa sana hojiirra oolchuu diriirsuu fi hojii qooddachuun kan dhibu hin fakkaatu. Abbaawummaa hirmachuun waliigalaan ta’uu qaba malee warraaqxotaaf morkisaa ta’uun irra hin jiru. Shaakalichi kan abba tokkott gurra bitu utuu hin ta’in kan sadoo ummata saaniitt aggaamame gargar ciruun jeequmsa keessaa injifannoon kan itt bahan ta’uutu eegama. Sabichii fi miseensoti guyyaa qabsaawoti hooggansa yeroo, warraaqaa tokkome tolfatan jechuun itt himamu dharaan eegataa jiru. Hooggansichi Kora rakkinoota jiran irratt murti kennu waamuu fi dirqama warraaqsaa gidduutt irra gafatamu akka bahatu eegama. San qofatu abdii ummataa butute dhinsuu danda’a. Tarkaanffiin hooggansi yero ABO kun fudhatu dhaabota akeeka tokko qaban waliin hiriirsuuf furtuu dha. Sanaaf muuxannoon THBO ijaaruutt argame irraa ka’a ta’uu danda’a.
Wareegammi ilmaan Oromoo walabummaa biyya saaniif baasanii injifannooleen galmeessan balaan itt aggaamama jira. Boqonnaan qabsoo tokko injifannooleen yoo xumuramue illee inni ittaanu jeequmsa qiliilee keessa seene jira. Sanaanis tokkummaan kallacha qabsoo Oromoo, ABO qorumsa jala seene. Garuu ABOn tokkicha yoomu hin biinxa’amu, yoomuu hin badu. ABOn “ Jalqaba Oromoo dha” Itophiyaa ta’uuf hin ijaaramne. Tokkummaa kana jabeessuuf sabboonoti hoggansa irra jiran itt gaafatama seenaa qabu. ABOn seerri jiguun kaarra uumame hoggansa yeroo dhaabbatee irra cehaatu abdatama. Yeroon saa saardaa dha. Tartiiba barame hunda irra tarkaanfatanii gara sabicha, sabboonotaa fi kaayyoo badii irra oolchuutti tarkaanfachuun kan yeroo kennu miti. Ammaa!! Milkiin qabsoo qabsaawota Oromoo harka jira, fiixan baasuun dirqama saaniiti. Sardaan sardama gaafata. Oromoon xaxaa itt marfame qabsoon kukkutee keessaa baha. Tokkummaan sochii walabummaa Oromiyaa ni jabaata. Qabsoon itt fufa!
No comments:
Post a Comment