«Annis gaaf tokko?»Gootichi Oromoo Tasfahuun Camadaa, barnoota kuttaa 12ffaa isaa xumuruun qormaata biyyoolleessaatti qabxii gaarrii fiduun akkuma barattoota birooi univarsittii galuuf eeggachuu eegale. Bara 1996, universittiitti ramaddiin booda harkifattee waan tureef, yooman barnoota universittii kana eegalaa? Eessa na qaqabaa laata jedhee eeggachaa ture? Haa ta’u iyyuu malee osoo kanaan jiruu, rimiddiin bara sanaa duuba harkkifatee waan tureef, ji’a Muddee keessa, rimiddiin issaa Univarsittii Finfinnee, Kiloo 4, ta’ee, gammachuudhaan simmachuun barnoota isaa eegale.
Annis gaaf tokko univarsittii seenen, kan hawwii isaa bara dheeraa galmaan gahachuuf, dandeettii qabutti fayyadamuudhaan, kalattii barnoota isaa yeroo qophii waggaa tokko kiilloo 4, keessatti taassiseen, qabxii gaarrii galmeessissuun waggaa lamaffaatti, bara 1997 kiilloo 5 seene. Goottichi oromoo annis gaaf tokko kan jedhu, alaan kan mullatu fi hawwii barachuun bakka tokko gahuu qabu cinnatti eddaa, keessi isaas haalli naannoo, jireenyi lammii isaa, cunqursaa algaan lammii isaa irraan geessissaa jiruus, barattoota oromoo annis gaaf tokkoo hedduu osoo of keessaa qabatanii alagaan ajjeefamanii, kan akka Alamayyoo Garbaa fi Gaddisaa Hirphasaa kanneen biroo ajjeeffamuun keessa issaa nyaachaa jiraachuun isaa kan bifaan alaa allatti mula’atu hin ture. Haa ta’u malee, annis gaaf tokko barradhee, lammii koof falmachuu, rakko fi dooffummaa of irraa qolachuun akkasumas beekumsatti guddachuun bu’aa offii irra darbee lammii koo guddisuuf annis gaaf tokko carraa argadhee nan milkooma jedhee kan yaada tures bara 2001 barnoota injinarriittiin univarsittii Finfinneetii barnoota isaa xummuruun bakki osoo issa hin daangeessin, karaa baaddiyyaa Oromiyaa hojjechuuf of kennuun michuu fi lammii isaa Injineera Mesfiin Abdiissa walliin jirruutti boba’e.
Inj. Tasfahuun Camadaa annis gaaf tokko saba koof … bu’aa nan buusa kan jedhe, barnoota isaan erga guummacha gochuu eegaleen booda, lakkii rakkoon saba koo daandii ykn karaa irra addeemamu qofa akka hin taane irra caalatti hubbachuun, uummatni isaa karaa birmadduun, mirga guutuu fi abbaa biyyuummaa mirkanneeffachuun itti hirrachuu isaa caalmaatti itti siqee hubbachuun annis gaaf tokko lammiin koo daandi dhugaa, bilisummaa sammuu fi mirga lammummaa, dhiita alagaattiin irraa mollaqame deebbissuuf annis dirqama koo bahuudhaan, qooda fudhachuun, kun saba koof mirkana’ee nan argaa laata? jedhee of gaafte. Innis qoodni kun gaattii guddaa akka issa baassiissu hubatus, Inj. Tasfahuun duddubaati hin jenne. Kana gochuuu issaatiiffis, guummacha fi tattaaffii inni godhu keessatti kana kan hubate diinni uummata isaa, humni cunqursaa TPLF, bara 2004-2005 keessa hordoffii guddaa irratti taasissuun namni kun bahee galuu issaa hundaatti haaragalfii dhowwachaa ture. Nama kana gallaaffachuuf hordoffii taassifame jellaa miliquuf biyya ollaatti baqachuun, dirqama itti ta’e. Annis gaaf tokko harkaa bahee, kanneen mirga oromoo falmanitti daballamuun, uummata koo kaayyoo issaa galmaan gahuuf annis gaaf tokko dirqama koo bahee, Oromiyaa billisoomte, mirgi lammii koo keessatti kabbajame, uumanni oromoo offii isaattii kan keessatti hiree offii murteeffannaa kan keessatti qabu, annis gaaf tokko ijja koon nan argaa kan jedhu, hawwii isaa ture.
Haa ta’u malee, mootummaan Kenyaas kanneen harka keessaa qabanii walliin ta’uun, shaaxxira inni fudhatama argachuuf mootummaa Malasaa wajjin oolmaa taassissu keessa tokko, kanneen akka gooticha oromoo Inj. Tasfahuun fi Inj. Mesfiin dabarsee kennuun firummaa guddaa, harriirroo fi amantaa mootumma TPLF waliin qabu argissiissuuf dabarsee isaan keenne. Yeroo dukkanaan marfamee qoffaa isaa boola/dukkanaa mana hidhaa keessa kannen biroo irraa addaan bahee turetti, annis gaaf tokko iffatti bahee, waan ana irra gahe kana lammii koo irra akka hin geenye, iffatti nan baassaa?, uummata addunyaa kanatti nan ibsadhaa jedhee kan yaada turee, inni kun hanga lubbuun isaa galaaffatamtutti ci’uun annis gaaf tokkoon isaa xummurame.
Inj. Tasfahuun Camadaa gootichi oromoo harra du’aan biyya kana irraa «annis gaaf tokko?» gaaffillee hedduu qabu walliin osoo yaada isaa hin ibsattin lammii isaa irraa gidirraa mana hidhaa irra gahee du’aaf isa saaxxilleen addunyaa kana irraa godaanee jira. Rabbi maattii isaaf fi lammiiwwan oromoo maraaf jajjabinna haa keennu.
Annis gaaf tokkoo Inj. Tasfahuun Camadaa, kanneen hedduu asitti ibsuuf hin dandeenye keessaa kanneen xuquman muraasa. Harras annis gaaf tokkoo hedduu kan of-keessaa qaban goottota oromoo meeqatu, bakka dukkana’aa sana keessatti cunqurfammaa umurriin issaannii gabbaabachaa jira laataa? Barataa oromoo meeqatu bakka buuteen isaanii hin beekamin jira? Oromoon, «Waliif galan alaa galan» jedha. Kanaaf naannoo, lagaa fi offitummaadhaan osoo wal hin qoodin/hirrin annis gaaf tokko goottota keenyaa galmaan gahuuf kayyoo tokkoon oromoo mirga isaa gonfachiissuuf bifa fedheen gummaacha gochuun gaaffii keessa kan galu miti. Annis Gaaf tokkoo kee/keessan … gaaffii ilmaan Oromoo biyya ambaa, kanneen biyya dimokirassiin keessatti guddatee dagaage keessa jirtan maraa ta’a jedheen abdadha. Annis gaaf tokkoon keessan maal ta’ina laataa? Isinnoo maal jettu?
===============================
* Siifan Boruu: biyyiabbaaqaba@yahoo.com
No comments:
Post a Comment