Dubbiin bubbulee, miidhaan jajjabaatee- ija saba koorraa imimaan qooru dide. Har’a: qonnaan bulaa meeqatu qe’ee isaarraa buqqa’aa jira? Xaa’oo ykn. sanyii ‘filatamaa’ bitachuu dadhabee alagaa laga ce’ee dhufeetti lafa isaa kennee ofii du’atti harka kenna? Ilmaan Oromoo barnootaan akka hinfullaane immaammata akkamtu hojiirra oolaa jira? Warri akkuma ta’ettuu barnoota sadarkaa olaanaa xumuranis yoo ta’e meeqatu hojii dhabee warra maatii isaa qe’eerra buqqiseef ergamuuf jooraa oola? Innuu dhibee meeqatu abdii kutatee lubbuu ofii balleessa? Meeqatu roorroo kana hunda baqaaf jecha manaa bahee gammoojjii fi galana ormaa keessatti bineensi nyaata? Qeesonni Habashaa ‘bataskaana’ araddaa Oromoorra dhaaban keessa dhokatanii maal hojjachaa jiru? Kurnoon (buusiin) ilmaan Habashaa biyya hambaatii maqaa amantiin ‘bataskaana’ qe’ee Oromoo jirutti roobsaan Oromoorratti maal hojjata? Miidiyaaleen Afaan Amaaraatiin halkanii guyyaa lallabaa jiran guddina Oromoo fi Oromummaarratti maal godhaa jiru…?
Firoota
kiyya, …dubbii dheeressee maafan isin nuffisiisa…!” jedhee anaa
gara ijoo yaada kiyyaatti deebi’uuf qalbii koo sossobaa jiruuti
ergaan bilbilaa na qaqqabee caalayyuu qalibii koo fageesse. Imimmaan
maddii kiyyaarraan lola’u dhaggeeffachuun alatti waa gochuuf akki
isaa na dhibnaanan callisee yaadannoo hadhaawaa madaa obsa hinqabne
keessa kootti dhageeffadhe. Waggaa muraasa dura, Oogganaa mana hidhaa
‘Maa’ikawwii’
kan ture namni Komaandar Monii Maangashaa jedhamu ganama ganama
kutaan ani ittihidhamee jiru balbala dhaabatee “
…dhiigaa keessan dhugu malee gammachuu hinargadhu!”
jedha ture. Muniin Sanyiin Amaara haata’uu? … Tigree…?? Mooji
Abbaasaati! Garuu bulguu dhiiga Oromoo dheebotu ta’uu innuu qaanii
malee fuulleetti himata ture. ‘Maa’ikawwii’, ‘Karchallee/Alam
baqqaa’, Qaallittii… Hadhaa akka kanaa dabarsanii raga dhalootaaf
himuuf warra carraa argatan keessaa ani tokko. Ofuulduraaf dhaamannoo
heddun qaba. Har’aaf yaadannoo ka’umsa dubbii koof tolu sinii
qoodeen waliin wal jabeessina.
Xumura
bara 2005, mana hidhaa Qaalittii gocha seenaaf dhaamamu qabu qofa
otoo hintaane, gochaa ilmaan saba kana cufa hadheessee qabsoof kaasuu
malutu uumame. Guyyaa, sa’a 2:30dha. Aduun isaa kan dur caala lafa
seenan nama wallaalchisa. Hunduu akkuma akka isaatti gariin bishaan
ofitti naqaa, gariin gaaddisuma argame jala mataa dhokfatee
dabarsuutti otoo jiruu, sagalee dhukaasaa alaalaa akka tasaa
dhagahamee qalbii namaa hawate. Xinnoo otoo hinturre meeshaan
waraanaa xiyyoo hundarraa afaan banee hidhamaa akkanaanuu bakka seenu
dhabe funaanuu jalqabe. Lafaaf amma adda kuruphee geessi. Bitaa
mirgarraa abidatu rooba. Gara seenantu dhibe. Galgaltuu hanga sa’a
5:30tti otoo walirraa hincinne ittifufe. Halkan guutuu reeffa guuraa
(dhoksaatti awwaalaa) bulan. Lafti bariinaan nama du’arraa hafe
adda baafachuuf fakkaataa to’annaa jalqaban. Dhiigni namaa yaa’ee
golba lafaa keessa ciisa. Surriifi mari’immaan… qamni namaa
ciccitee lafatti titiifni irraa huursa. Wanti argan hundi qalbii nama
sukkanneessa. Rifaasuu sanaan kan sammuu dhukkubsate hanga hinqabu.
Kana cufa otoo argaa jiranuuti kan qalbiin isaanii dhiiga biraa
dheebochuu eegale. Loltuun Tigree tokko ilmaan Oromoo rasaasa
isaaniirraa hambaa hafan erga ilaalee booda mataa of ciruu eegale.
Keessa bahee “… namni du’uu qabu hinduune….!!” Jechuun
miira keessa isaallee dhokfachuu dadhabe.
Firoottan
kiyya, maali keessa jirra!? Maalitti jirra!? Eebbisaa Addunyaa,
Daraaraa Kafanii, Dirribee Jifaar, Jaagamaa Badhaanee, Kabbadaa
Badhaasaa Simee Tarrafaa, Girmaa Bayyanaa, Getuu Dirribaa, Alamuu
Disaasaa Alamaayyoo Garbaa, Injiner Gaaddisaa Hirphasaa, Naasir
Abdoo, Masfin Moosisaa
Ahimad Mahammad Kuree fi Ayishaa Alii (Ajjechaa gaara Suufii),
Suleyman Ahimad, Bayyan Ibraahim, har’ammoo Injiner Tasfaahun
Camadaa … Oladeemtuu Oromoo, beekaa saba kanaa, namguddoo ulfinaa
qe’ee isaaniitti qalaman lakkoofnee ittihinbaanu. Booyichi haadha
Oromoo hanga dhabe. Garuu birmachuu gahaa hinarganne. Qe’een Oromoo
diigamee daa’imman haadhaa - abbaa malee hafan. Shirri kun har’as
itticaalaa jira. Bineensi dhiiga lammii kiyyaa dhuguuf ba’e of
duuba deebi’uu tasuma fedhii hinqabu. Ofirraa deebisuun dirqama
dhalootaati. Mar’immaan koo gubatee garaan na raafamullee imimmaan
koo qoorfadheen gara yaada koottii deebi’e – Goota gaafa giitii,
kan imimmaan hadhaa qoorsu barbaacha! Isaan dura garuu seenaa tokkon
isiniif qooduu hawwe.
Dubartii
haadha gootaa tokkotu ture jedhama. Akeekaafi kaayyoo ittamantu
dhugoomsuuf ofii ishee gatii guddaa baaftullee, umriin dheeratee,
dullumnis dhufee humni dhibnaan ilmaan ishee gahanii dabaree dabareen
kaayyoo sanaaf dhaabachuu eegalan. Ilmi hangaftichi dabaree dursaa
fudhatee deeme. Hojii jajjabaa erga hojjatee booda wareegame.
Wareegamuu isaa kana firri dhagahee, ollaan walitti himee, inni
boo’us inni boochisus qophaa’ee hunduu walguuree barii abboroo
karraa haadha goototaa saqqatanii ol seenan. Haati goototaa dhimma
kana dursitee dhageessee ilma ishee isa ittaanu qophiifi hidhannoo
barbaachisuun gonfitee eebbaan kaayyoof yoo bobbaaftu ilaalan. Gaddis
hinturre. Booyichis hinjiru – dubbiin dubbii kaayyooti waan ta’eef.
Biyyi “…raajiidha!” jechaa ofirra deebi’ee gale. Akkuma kana
ilmaan ishee dabaree dabareen otuma ergitu, biyyis haala ishee baree
manuma keessatti otoo gumgumuu gaaftokko waanti qalbii nama hawatu
dhagahame.
Haati
gootaa du’a ilma ishee isa dhumaa gaafa dhageessu boossee qabaan
dadhabe. Gadditee obsi dhibe. Kanaan dura haati goototaa hinboossus;
hingadditus ture. “…har’a maaltu ishee argate laata…!?”
jechuun hunduu iccitii haadha goototaa boossise dhagahuuf kutaa
oolbatee gurra qeensaa gara ganda haadha gootaatti xuruure. Haatii
gootaa mudhii hidhattee, gamaa gamana geessee, miira hadhaawaan
ciniinsifatti. “… ilmaan koo hunduu kaayyoo haqaaf
wareegamaniiru… garuu kan na boossisu isa kanaa miti…!”
imimmaan ishee facaasaa, mudhii ishee jabeeffachaa “… kana booda
dahee ilmoon kaayyoo dhugaaf bobbaasu dhabuu kootu naboossisa…!!”
jettee jamaa imimmaan ishee ilaalee boo’utti gadda ishee himatte
jedhama. Kaayyoon haqaa ilmoo ofii caala nama marara. Waaqayyoof haa
galatuu hireen haadha Oromoo isa kanarraa adda. Kumni wareegamu
kumaatama bobbaasuu dandeessi! Kuni abdii jabaadha.
Firoottan
koo Hammeenyaa
diinaa hadheeffachaa hanqina keenya golguu yaalun fala hinta’u.
Gatii jaallan kumaatamaan ittiwareegamaa jiran galmaan gahuuf asxaa
warra kufee ol kaasuun, hiriira ittaanutti siquutu furmaata. Qe’ee
Oromoo keessa goota ofirraa hafee ormaafu ta’utu akka galaanaa
ciisa. Galaana kana warraaqsanii bidiruu diinaa raasuun garuu hojii
jabaa xiyyeeffannoo gaafatu ta’a. Kana gochuuf garuu qooda nurraa
eegamu bahaa jirraa laata!? Kuni yeroof qalbuma keenya keessa haa
buluuti - seenaa armaan gadii ilaallee anis dubbii kiyyatti xumuraan
gaha.
“….ministeera
ittisaafi dura taa’aa OPDO kan ta’an, Abbaa Duulaa Gammadaa
(General) waraana addaa fudhataanii magaalaalee Oromiyaa saditti
duuluuf qophaa’uun isaanii dhagahame.
…sochiin
barattoota Oromoo (Ambo, Naqamte, Gimbiitiin) qabsiifame qabanaawuu
waan dideef waraana addaa ilmaan Amaaraafi Tigree of keessatti qabate
qindeessuun akka duulan oogganaa humna tikaa, obbo Getaachoo
Asaffaarraa qajeelfama fudhataniiru…
-Gaazexaa
Mogad, Waggaa 4ffaa
Lakk. 143, Bitootessa 21, 1994 (ALH)
Dubbistoota
barruu kanaa, haatii Oromoo gota hedduu deesseetti. Ragaa hedduu
dhiyeessuun nama hindhibu. Garuu, goota didhanii kaasuun,
duchiisaanii lochiisuun, xiiqomsanii si’eessuun, qoqopheessanii,
gugurmeessanii bobbaasuun hojii walooti. Nama miira akkanaa uumee
galaana ciisuu kana warraaqsutu barbaadama. Sagaleen Oromoo hangumti
xiqqoon ‘brigade’
diinaa raasuu akka dandeessu nu caala diina keenyatu akeekkate.
Kanaaf sagalee kana gargar tamsaasee humna dhoowwuuf tattaafata.
“…gamanaa fi gamas goraa…” jechuun gidduu keenyatti sababa
sobaa uumee ilmaan saba tokkoo gamaa gamasitti faffacaasuu yaala.
Sagalee farraa, waamicha diinaa tuffaatanii dhugaaf karaa dhugaarra
hanga du’atti dhaabachuun dirqama. Kunis akka danda’amu barannoo
seenaarraa arganne yaadachuu feesisa.
… gammojjii
Ogaadeen, bakka Shinniggaa jedhamu yeroo gahan haalli isaan hin
eegne isaan mudate. Waraanni Somaalii kun jibba guddaa ABO fi ummata
Oromoo irraa waan qabuuf jaallan keenya guddaa hiraarse… Osoo isin
hin ajjeesin “warri
kiristaanaa taatan gam tokkotti,
warri
islamaa taatan gama biraatti bahaa!”
jedheen. Jaallan kun garuu “…nuti
Oromoodha!! amantii fi gosaan adda hin baanu
!!” jedhanii
didan. shiftoota Somaalii kanaan rashanamanii boolla
tokkotti awwaalaman.
-Seenaa
gootota Oromoo, Ebla 15, 1980
“…waanan
citee sittafeef keessa garaa koo qaba…” Jedha geeraraan. Kabajaan
bara baraa jaallan dhugaatti citanii seenaa kana dhaloota
dhaalchisaniif haata’u! Har’a dhaloonni dhugaa kana dhaale
hedduudha. Ulfinni namummaa fi kabajaan sabaa seenaa kana keessa
jira. Sagalee diinni sodaatu; Sagalee jabaa diina hidhannoo
hiikkachiisu; hidhannoo jabaa Oromoon cufti qabatee bobba’uu qabu…
dhaallee wali dhaalchisuu qabna. Gaafas rakkoo sabaaf furmaata taana.
Nuti Oromoodha!!
Injifannoo
Ummata Oromoof!!
No comments:
Post a Comment