Hawaasi Oromoo Magaalaa Otta Norway Sirna Mootummaa EPRDF Mormuun Hiriira Nagaa Bahan

Fulbaana 03, 2013 | Madda Oddu ABO

Hawaasi Oromoo magaalaa Otta Norway jiran mormii motummaan Wayyaanee sababa adda addaan ummata Oromoo irratti duulee jiru fi sababoota adda adaan Oromoota kumaatamaan lakkaawaman manneen hidhaa ifaa fi dhokataa ta’an keessatti guuree gidirsaa jiraachuun, kaan ammoo lafa isaa irraa buqiftee deegsaa jiraachuu, garii ammoo maqaa amantiin ajjeessaa jirtu balaaleffachuun Hagayya 23, 2013 hiriira mormiin sirna Wayyaanee gahan.

Kana malees biyya Norway dabalatee mootummootiin dhihaa gargaarsaa fi tinnisa sirna diktaatera ta’e Wayyaaneef gargaaraa jiran irraa akka dhaabbatanii fi dhibdee biyyichaa sirnaan akka qoratanii hiikkaa hunde qabeessaaf karaa akka banan gaafachuun ijoo hiriirichaa keessaa isa tokko ture.

Ummanni hiriira ta’e kana irratti argaman Oromoon amantiin gargar bahee hin beeku, ammas gargar hin bahu jedhanii oromon amantii adda addaa qaban uguu rakinni amantii tokko irra gahu kan amanti biraa qabu walii tumsuu akka qaban akka fakkeenyaatti hogganoota ABO jalqabaa nuyi amantiin gargar hin baanu jehaniiboola tokko keessati owwaalaman sana faaji dhiga isaanii qabannee qabsaa’uu qabna kan jedhu Oromootti mullisuuf jecha hiriira mormii gaggeessan.

No comments:

Post a Comment