Kabajamtoota Hayyoota, Beektoota fi Barattoota Oromoo,
Kabajamtoota Deeggartoota Qabsoo Haqaa Ummata Oromoo,
Kabajamtoota Qabsa’oota Oromoo Biyya Keessaa fi Biyya Alaa Keessa Jiraattan,
Kabajamtoota Hoggantoota Dhaabbilee Siyaasaa Oromoo,
Duraan dursee ijjeechaa qabsa’aa fi janna Oromoo Injinar Tasfaahuun Camadaa, ijjechaa Muslimoota lammii Oromoo, akkusumas lubbuu namaa walitti bu’iinsa gosaa fi gosaatiin yeroo yeroon darbu ilaalchisee gadda natti dhagahame ibsuu barbaada.
Mootummootii Impaayera Itoophiyaa lammii Oromoo mirga saba isaatiif qabsaa’u, gabrummaa ummata Oromoo irratti fe’ame akka ummatii Oromoo jalaa bahuuf qabsaa’u sababa adda addaatiin akka ilmee bineensaa naasuu tokko malee ijjeessuu, dhabamsiisuu aadaa godhatani jiru. Miidhaa fi ijjeechaan dhala Oromoo irratti gaggeeffamu garuu ummatii Oromoo yoomiyyu caala eennummaa isaa baree mirgaa fi haqa dhabe baree qabsooti cichee akka itti fufu yoo taasise malee, gabrummaa jalatti jilbiiffate akka bitamu hin goone. Diinnii ummata Oromoo eennuu yoo jedhame humnoota Impaayera Itoophiyaa keessatti Oromoon bilisaan, dhiibba tokko malee dhaabbata siyaasaa fi namoota ittiin bulu akka hin filanne daba siyaasaa adda addaa irratti hojjataniidha.
Ummatnii Oromoo biyya isaa irratti akka fedhee fi nama fedheen buluun mirga eennuyyuu irraa mulquu hin danddeenne. Hiree Oromiyaa fi ummata Oromoo kan murteessu ummata Oromoo calla. Mirga kana gonfachuuf ummatni keenna qaroo fi jabaa isaa jalatti gurmaa’uun, mirga ijaaramuu argachuun barbaachisaadha. Qabsoon haqaa, dimokraasii fi bilisummaa hoggansa cimaa fi kutannoo ol’aanaa qabuun hogganamu malee fiixaan baasuun rakkiisaadha. Diinnii wannii Jabaa fi Qaroo keenna nurra ajjeessuuf akka nu gurmaa’uu hin danddeenne, akka nu hiree keenna ofii keennaan murteeffachuu hin danddeenne waan fedhaniif.
Diinnii ummata Oromoo goota kaleessa kan akka Shaalaqa Jaatanii Alii fa biyya ollaa (Kenya) keessatti wannii ajjeesisuuf, goota hardhaa kan akka Injinar Tasfaahuun Camadaa fa biyyoota ollaa isaan keessatti baqattummaan jiraatan keessaa himata dharaa “shorarkeessitoota” jedhuun ukkamsee biyyatti fiduudhaan Dararaa fi miidhaa qaamaa fi sammuu irra geessisee, yaalamuu carraa dhowwee akka du’an kan taasisuuf Oromoo waan ta’an duwwaa osoo hin taanee Oromoota keessaa warra kutatee mirga Oromoon dhabe deebisuuf qabsaan waan ta’aniif. Akka barataa Oromoo sirna abbaa Irree Mootummaa Impayeera Itoophiyaa Wayyaneen hogganamu ittiin falmuun yeroo afur mana hidhaa fi mooraa waraanaa mana hidhaa Oromoo ta’e keessatti dabarseeti, rakkoon qabsaa’oota fi hidhamtoota siyaasaa Oromoo irra gahuu maluuf gahaa jiru naaf galan. Hidhamtooti siyaasa Oromoo balleessaa yoo qabaatan balleessan isaani Oromoo ta’anii dhalachuuf mirga ummata Oromoof falmuu duwwaadha. Suniin ala ala yakkii isaan hojjatanii mana hidhaa Impayeera Itoophiyaa mooraa horii fakkaatu keessatti lubbuun isaanii darbuuf hin jiru. Kanaaf, du’ii Injinar Tasfaahuun Camadaa fi hidhamtoota Siyaasaa Oromoo hundumtuu akka Ijjeechaa ti ilaalamu kan qabuuf. Ijjeechaa isaaniif kan itti gaafatuman hjoggantoota siyaasaa biyyitti sanaati. Gumaa isaanii kan baasu ammoo ummata Oromoo isaan qabsa’anii wareegamaniif.
Injinar Tasfaahuun, akkasumas hiriyaan isaa Injinar Mesfin Abebe hayyoota duwwaa osoo hin taane gootota qabsoo Oromootiif of-dabarsanii kennaniidha. Diinnii Oromoo Tasfaahuun callaa oso hin taanee, warra akka isaa kutannoodhaan ummata keenyaaf qabsaa’an hundaa kan garii ajjeechaadhan, kan garii mana hidhaa keessatti dararuudhan,Qaamaa fi Sammuu isaanii miidhaan akka irra gahu godhuudhaan, warra biraa qabeenya isaani samuudhaan, kan garii dorsiisanii akka biyya bahan godhuudhaan qabsoon Oromootaa akka irree hin horanne taasisuu kaayoo fi tarsiimoo godhatan.Diinnii Oromoo ummata Oromoo gabrummaa jalaa akka hin baane godhuuf halkaniif guyyaa hojjata. Nu ammo warrii ummatii isaa gabrummaa jala jiru, diina caala dachaa lamaan hojjachuuti nurra jiru. Gabrummaa jalati Sa’atiin nu boqonnu hin jiru. Gaafi Oromoon boqotu yoo du’ee yokiin yoo bilisoome qofa ta’uu qaba. Injinar Tasfaahuun Camadaa gabrummaa mannaa du’a filate. Kanaaf, “Goota Oromoo”. Gootummaa lubbuu isaa Qabsoo Oromoof dabarsee kennuudhaan argatte.
Ijjeechaan dhala Oromoo, hidhamuu fi qabeenya samamuun Oromootaa hamilee kan nu cabsu ta’u hin qabu, wannii kana irra hamtuu akka nutti hin dhufne jennee sodaanee qabsoo irraa duubati deebi’uun faffa. Maqaa Saba Guddaa Seenaa Bonsaa Qabuuf hin taane. Dandiin Qabsoo Oromoo dandii haqaati. Immimmaan Oromoon hardha nama isaa ajjeeffamuuf buusu, bor gaafa bilisummaan Oromoo dhufu gammachuun hagas caala bu’a. Diinnii yakkaa fi daba siyaasaa ummata Oromoo irratti raawwatamu maraa sababii isaa dhaabbilee siyaasaa Oromoo godhanii dhiheessu fedhu. Rakkoon ummata Oromoo irraa gahaa jiru ilaalcha dhaabbilee siyaasaa Oromoo irraa kan madde osoo hin taane humnoota bara baraan toofta fi maqaa jijjirrachaa ummata Oromoo gabroofatanii dudda ummata Oromoo irra jiraachuu fedhan irraa kan maddeedha.
Waggoota dabran 27 Qorannoon Beektootaa fi Hayyooti Oromoo gaggeessan, mariin waltajjii WQO irratti qindaa’e irraa beekomsii argame yoo jiraate ummatni Oromoo qabeenya biyya isaatiif jechaa akka ijjeefamaa jiru, mirgii ummata Oromoo dangaa malee akka sarbamaa jiru, dhalataan Oromoo kuma hedduuti lakkaa’amu hidhamaa akka jiru, qabeenya isaa irraatti Oromoon abbaa akka hin taane daba muummee hin qabne irratti raawwatamaa akka jiruudha. Fallii rakkoo kanaa ammo yoomiyyuu caalaa ummatni Oromoo gurmaa’uu akka qabu, ummatnii Oromoo wareegama kanaan dura bilisummaa kaffalame caala kaffaluuf ka’uudha.
Ijjeechaa lammii oromoo kan akka Inj. Tasfaahuun Camadaa, ilman Oromoo kumaatama hedduu mana hidhaa Impayeera Itoophiyaa keessatti dararaan hangana hin jedhamne irra gahaa jiru dhabamuu kan dandda’u ummatii Oromoo nu gahe gabrummaan jedhee sagalee tokkoon yoo ka’e duwwaadha. Akkuma Gabrummaa abbootiin teenna didde, nulleen, ilmaan keennalleen dinne jedhee fincila lafa sochoosu gara cufatti yoo godhame callaa. Kanaaf barbaachisummaan wal faana qabsaa’uu. Kun ammoo tokkummaa Gurmuu Qabsaa’ota Oromoo barbaada.
Fincillii ummata Oromoo biffa addaan hin cinneen gaggeeffamee bilisummaa argamsiisu kan dandda’u tokkummaan dhaabbilee siyaasaa kaayyoo kanaaf qabsaa’an yoo jiraate qofaa. Ijjeechaa goota keennaa Injinar Tasfaahuun Camadaa ibsa ijjannoo fi gadda baasuu callaan kan dhaabbatu tahuu hin qabu. Humnootii dhugumaan dabii dhala Oromoo irra gahaa jiru dhaabbatu qaba jedhan, wannii isaan irraa eeggamu haala duree tokko malee irree tokkoon qabsaa’uuf waan isaan danddeessisu tokkummaa gurmuu siyaasaa Oromoo dhugoomsuuf hojjachu. Tokkummaan jiraachuun ammoo hamilee Qabsaa’ota Oromoo fi ummata Oromoo kakkaasuudhaan Oromoon of-ijaaree wareegama guddaa kaffalamuuf akka socho’u taasisa.
Hoggantoota dhaabbilee siyaasaa Oromoo walaba tahan cufaa dhaamsii dabarsinuuf yoo jiraate dhimma mataa isaanii dura dhimma dhala Oromoo fi lammii Oromiyaa haqa dhabee akka bineensa bosonaa ijjeeffamaa jiru dursa kennanii hardha bor adoo hin jennee garaa garamummaa isaan jiddu jiru dhabbamsiisuun gamtaan akka socho’an, ummata Oromoo qabsoof akka kakkaasaniidha.
Waldaan keenna WQO rakkoo ummata Oromoo karaa adda addaatiin irra gahaa jiru waggoota dabran hedduu mootummoota biyya dhihaa akka Ameerikaa, Ingilizii, Jerman, Gamtaa Auroopaa, akkasumas dhaabbilee mirga dhala namaa eegan hundaaf dhiheessun rakkoon saba Oromoo fala akka argatu gaafachaa ture. Gaaffiin WQO, dhaabbileen Siyaasaa Oromoo fi Deeggartooti qabsoo ummata Oromoo dhiheessaniif deebiin qubsaan yeroon itti kenname hin jiru. Mootummooti biyya dhihaa seenaa keessatti akkuma beekkamu ummata haqa ofii argachuuf dhiiga ofii dhangalasee, wareegama guddaa kaffalee irree ta’uuf deemu cufaa bira dhaabbatu. Yeroon Oromoon danddeettii ummata isaa callaa irratti qabsoo ofii karoorfate finiinsu ammaan kana. Kanaafuu, kabajamaa ummata Oromoo, kabajamtoota qabsa’oota, hayyootaa fi barattoota Oromoo yeroo diinnii dhala Oromoo garaa hammeennaan ijjeessu, nuuti nama miliyoona tokko caalu sochoofnee, bobbaafne, gabrummaa hunddaan buqqisuuf wareegama barbaachisu kaffalu qabna. Gabrummaan nu gahe, bilisummaa yokiin du’a jennee diina dura dhaabbachuu qabna. Gara alaa ilaaluun hafee tooftaa diinaa tiin baqannee biyyaa bahuu dhiifne, warrii biyya baqanne wal-ijaarree qabsoo deeggaruu qabna, kan hafe baqachiisuu irratti tumsa godhuun Oromoo bu’aa akka hin buufne beeknee diqqaa guddaan, jarsaa jaartiin bilisummaaf duuluun barbaachisa. Waamichii mooraa qabsoo blisummaa kan kaleessaa fi hardhalleen tokko tahuu baruun barbaachisaa. Rakkoon duriif kan hardhalleen tokkuma, fallii ammo Bilisummaa Ummata Oromoo tiif Oromiyaa ti.
Kabajamaa ummata Oromoo,
Waldaan Qorannoo Oromoo yoomiyyuu caala rakkoo ummata Oromoo furmaata itti barbaaduuf miseensotaa fi beektoota Oromoo hirmaachisuuf karoora qaba.Hoggansa ummatni Oromoo beektoota isa irraa barbaadu hayyootni miseensa WQO qooda akka fudhatan ciminaan ni hojjanna.
Ijjeechaaf daba ummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru mootummoota biyya dhihaa callaa osoo hin taane, mootummaa abbaa Irree Impayeera Itoophiyaa fi Oromiyaa, mootummoota ollaa Itoophiyaa baqattooti Oromoo hedduunbiyya isaanii keessa jiraatan cufaa mirgii ummata Oromoo guutumaan guututi hanga kabajamuti ummata Oromoo bira akka dhaabbatan, mirgii ummata Oromoo eessattu akka kabajamu deeggarsa akka godhan ni gaafanna.
Akkuma qabsoon farra gabrummaatiif bilisummaa jajjabaataa deemuun gochaan garaa hameennaan diinnii ummata Oromoo irratti raawwatu hammaachaa akka deemu hubachuun barbaachisaa. Kanaafuu, qabsoo kana keessatti warra miidhaman, wareegaman, hidhaman, maatii isaanii bira dhaabbachuun barbaachisaa akka ta’e hubannee ummati keenna biyya keessa jiruuf biyya alaa jiru walii birmachuu irratti akka bobbaanu kabajaan gaafanna.
Hayyootaa fi Beektoonnii Oromoo daba ummata Oromoo irra gahaa jiru calla adoo hin taanee, qondaloota Siyaasa daba kana raawwatan qorannoo godhanii ragaa argatan qaama dhimmii ilaalu hundaaf dhiheessun barbaachisaadha. Namootni kun yakka ummata Oromoo akkasumas hidhamtoota siyaasaa irratti raawwatameef seera duratti yeroon itti gaafataman akka dhufu itti himuun barbaachisaadha. Dabaa fi yakka dalagamaa jiru falmuu, dura dhaabbachuu duwwaa osoo hin taane karaa dandda’amu maraan qaama mirga namooma qorataniif kabajiisaniif odeeffannoo kennuu aadaa akka godhanu dhaamsa keenna..
Dhumma irratti bulchitoonnii mootummaa abbaa Irree Itoophiyaa hidhamtoota Siyaasaa Oromoo haala duree tokko malee mana hidhaati akka baasaan gaafanna, lubbuu ilmaan Oromoo dararaan, yaalii fayyaa gahaa dhabuun mana hidhaa keessatti darbu maraa itti gaafatama jalaa akka hin baane yaadachiifna.
Mootummootii biyya dhihaa, biyyoota ollaa Itoophiyaa hunduu keessatti mirga baqattoota Oromoo akka kabajamu cimsanii akka hojjatan gaafanna. Injinar Tasfaahuun Camadaa Qodaloota Mootummaa Kenyaatiin dabarfamanii Seeraan ala Mootummaa Itoophiyaati kennamuun isaani beekamaadha. Kun ammo yakka Seera adunyaa cabsuudhaan raawwatame tahuu hubanna. Miidhaa fi ajjeechaa seeraan alaa lammii Oromoo irratti raawwatamaa jiru keessatti qondaalooti biyyoota ollaa qooda qaban, seeraaf akka dhihaatan, kun tahuu baannaan yakka dhala Oromoo dhabamsiisuu Mootummaa Itoophiyyaa keessatti qooda qabaachuu akka ta’e yaadachiisu barbaanna. Dhuma irratti Deeggarsa hanga ammaatiif fuula duraaf ummata Oromoo tiif godhan hundaaf duraan dursinee galata galchinaaf.
Egereen Kan Ummata Oromooti!
Kaayo Qabna,
Ibraahim Amee Elemoo, M.D., M.P.H,
Pirezidantii Waldaa Qorannoo Oromoo
No comments:
Post a Comment