Sadaasa 04, 2013 | Jiituu Lammii – Unbarsiitii Finfinnee
Bara duriiti. Allaattii risaa jedhamutu lukkuutti michee wajjin
jiraachuu jalqabe jedhama. Allaattiin kun uumama isaa dagatee, uumaa
isaatiin ala lukku wajjin daraa haadhaa, harca’aa funaanaa kosii keessa
oolu jiruu godhate. Garuu akka jaraa irraa hinbareedu-waan uumaa isaa
mitikaa. Galgala, dhiya aduu eegee qooxii (haraatii) yaaba. Akka kanaan
jireenyi isaa dhawaata lukkuudhuma fakkaachaa deeme. Ta’us garuu,
darbee darbee miira addaa, kan uumaa ganamaa keessa isaatii
dhaggeeffachuu hinoolle. Gaafii gaafii miirri kuun jabaatee “…kaatee
bantii samii gargar saaqxee, goobaafi golba lafaa qaari’tee, gaafa sii
gamte: gaatiraa, heexoo birbirsa feetu garbii fiixa baatee – lafa garaa
kee hinqubattuu….!? Isa maaliit ati lukkuu muul’ata hinqabne waliin
daaraa haadhaa ooltee galgala haraatiitti rarraata…!? Jedhee qeequu
jabeesse. Gama biraatiinimmoo, haalli inni keessa jiraatuufi lukkuun
inni wajjin jiraatu “ …. Ati isa kam wan ta’uu hindandeenyeefi uumaan
siif hinhirre ta’uu abbalta!? Atoo silaa numa fakkaata; danaan kee cufti
akkuma keenyaa- duuba mee akkamiin nurraa gargarbaatee samii keessa
laboobuu hawwita…!? Safuudha! … mee hunduu haahafuutii… isa wajjiniin
nyaannee- dhugne, jireenya waliin dabarsine…akkamiin dagatteeti nurraa
gargar bahuu yaadda…!?” jechuun takka doorsisaa takammoo sossoobaa of
fakkeesanii of birattii hambisuuf sadoo jabeessan. Risaan, utuma miira
masaanuu wal mormu keessa jiraatuuti gana gaaf tokkoo otuma warri inni
wajjin jiraatuu akkuma dur kosii keessatti eeganii gaaftokko lafarraa ol
ka’ee balali’uu yaale. Sadoo ormaa, yaalii uumama isaa malee daaraa
keessatti isa hambisuuf godhamu, fedhiifi carraaqqii warra “….of dhiisii
nu fakkaadhuu jiraadhu….” Jedhanii keessaa bahee hireefi dandeettiin
isaa maal akka ta’e battalumatti akeekkate. Sana booda utuma haalliifi
warri inni wajjin jiraatu mormanii uumaafi uumama isaa dhaggeeffatee
kossii haadhaa ooluu dhiisee samii keessa fagaatee balali’e. Ergasii
lukkuun risaa samii keessatti ol eeguu malee akka dur sobdee, sossobdee…of wajjiniin daaraa keessatti hambisuu hindandeenye jedhama.
Kabajamtoota dubbistoota barruu kanaa, Sabni Oromoo uumaa isaa
lagatee, eenyummaa isaa dhiisee ormi karaa ormi baaseefi haala ormi
tolche keessatti qofa of hubatee fedhiif abdiin isaa gabaabbatee,
gabaabumatti waan isaaf malu cufa ormaaf dhiisee, gabaabumatti waan
isaaf malu cufa ormaaf dhiisee salphatee miila isaanii jala akka
jiraatu fedhiif akeeka qaban dhugoomsuuf shira himamee hindhumne,
garuummoo seenaan hindaganne hedduu raawwachaa turuu isaanii, ammallee
ittijiraachuufi boruufis akeeka walfaakkaatu qabaachuu isaaniitu
durdurii kana na yaadachiise.
Gara ijoo dubbii kiyyattan deebi’a. Isa dura garuu jabina dubbii koof
akka tolu jecha akkuma dur seena darbe keessaa waa isin waliin
yaaddachuun hawwe. Dubbichi akkana: Qabsoo diddaa gabrummaa, bifa
haaraan dhaloonni gara FDG (civil mass disobedience movement)itti
babal’isan fuuldura dhaabachuuf Wayyaanonni tooftaa tokko
qindeeffatanii ture. Toftaan kun kanuma duruu jiru ta’ee garuu, bara
2005nii eegalee bal’inaan akka hojiirra ooluu ta’e. Akkuma kanaan,
Aadde Azeeb Masfin duula kanatti ooggana duraa yoo taatuu, qondalonni
basaasaafi aanga’oonni waraanaa dhalootaan Tigree ta’animmoo dabballoota
OPDO of dura buusun walduraa duuban qindaayanii qajeelfama gubbaarraa
darbu hojiitti hiikuuf qe’ee Oromootti bobba’an. Akeekni isaanii
dargaggoota Oromoo qeensa laafeyyii ta’an (faayidaaf bitamuu danda’an),
yookanimmoo warra Oromoo kessatti dhalatanii Afaaniif Aadaa sabichaa
beekan filachuun aangoofi maallaqa guddaa ittikennuun warra isaan
morman hawachuu, warra jajjabina qabanimmoo hidhuu, ajjeesuufi goolii
adda addaan hamlee laaffisuu ture. Aakkuma kanaan, duulli jalqabaa lafa
Oromoo Finfinneetti marfatee jiru: Buraayyuu hanga Sabbataatti;
kalattii biraan ammoo Sulultaa jalqabee Laga Xaafoo – Laga Daadhii
dabalatee hanga Galaaniifi Duukam gahutti hoogana Tigree jalatti
cicciramee akka gurguramu ta’e. Warri lafa kana akka bitatan
jajjabeeffaman saboota Oromoo hintaanee: (Tigree, Guraagee, Amaaraa,
Silxee…) ta’uun ammoo duulichi Yrymyy balleessuuf ergama qarlamee
qabaachuu mirkaneessa. Haaluma kanaan, yeroo gabaabaa keessattii duulli
walfakkaatu Oromiyaa hundatti akka raawwatu dabbaloota gadiif qajeelfama
dabarsan. Akkakanaan, magaalonni Oromiyaa hundi harka kaabineetti galee
gurgurtaan lafaa hanga dhabe. Maallaqni gurgurtaa lafa Oromoo kanarraa
argamu harki guddaan karaa Aadde Azeeb aanga’oota Wayyaaneef kanqooddamu
yoota’u, harcaatuu ishee kadiree OPDOtiif dhiisu. Kaabineen OPDO maqaa
dhahatan akka kanaan harcaatuu funaannatan konkolaataa ammayyaa (V-eight) bitatanii, sookkoo dheedhii qubaafi mormatti naqatanii, shuguxii ‘micro F’
mudhiitti kaawwatanii, haadha manaa shanii –jaha fudhanii, cooma
murachaa Wiskii buufachaa, saggoon saggooratti margee, quufni daangaa
dhabee Oromoo dhugaaf dubbatu, sabaaf quuqamu bahaa gala dhoowwanii
gariin ajjeesanii ykn. ajjeesisanii, gariin maatii facaasee yoo biyyaa
bahu, gariin roorroo kana dhoowwachuuf bosonatti gale; isa kaanimmoo
akki dhibee, qe’ee dhaloota isaarratti yuuyya’ee, quucaree hafe- Seenaa
hadhaawaa! Jarrii shira kana hojjatan har’a, (isiiniif margaa malee)
jiruu sagaagalummaa mana bunaa keessatti dabarsaniin gariin isaanii
dhukkuba HIV/AIDSn faalamanii ammas karaa biraatiin uummatatti balaan
yoo deebi’an, gariin ammoo qabeenya isaan saba isaanirraa saaman
Wayyaanonni harkaa butatanii kaanhidhaatti, gariin ammoo akkahintaane
ta’aniiru.
Seenaa kana qalbiin erga yaadannee booda, faanni seenaa kaleessafi
har’a, darbeemmoo boru garamitti akka aggaamu akeekkachuuf, caalatti
ammoo hojii yeroon nurraa eegutti humna guutuun fuulleffachuuf akka tolu
gara taajjabbii koo torbee lamaan kanaatti haadeebinu. Jarreen
kaleessa shira olitti himame hojjataa turan har’a bubbee hamaan gola
isaanii seenee dhaabbachuu dadhabanii raafamaa jiraachuu dhugaa guyyuu
muul’atu ta’ullee, warra mamii qalbii keessaa qabaniif raga kaahun, wal
hubachaa dhimma fuulduratti nu eeggatutti fuulleffachuuf gargaara.
Kanaaf jecha, waanuma torbee lamaan kana isaan ittijiran gabaabumatti
ilaaluu yaalla.
Dabballoonni OPDO tibba kana maqaa “raawwii bara darbeefi karoora
bara dhufuurratti mari’anna” jedhuun bakka hundatti guyyoota kudhaniif
kora taa’aa turan. Kora kanarratti yaaddoofi abdii kutannoon yoomuu
argamee hinbeekamne kan muul’ate yoo ta’u, dabballoonni tokko tokko “ …duunee awwaala keessa jirra…” jechuun haalicha ibsaniiru. Haala jara
kanaa hubachuuf akkasumas, egree isaanii tilmaamuuf, iccitii dhokataa
barbaaduurra, galgala yoo isaan bakka mariitii hahan dhaabbatanii
akkaataa isaanii ilaaluun qofti nama seenaa isaanii durii beekuuf
dhugaa tokko hima. Akka kanaan, hoolota hongeen ittidheerate fakkeenya
mogoleen walrigaa, boquun gadi cabee mataa buusanii abdii malee yoo
deeman ilaaluun waan isaan ittijiran akeekuu caalatti boru maaltu akka
ta’uuf deemu tilmaamuuf nama gargaara.
Dabbaloonni kun, haalli isaan keessa jiran milkii akka hinqabne,
abdiin irraa fagaatee egereen isaanii dukkanatti deemaa kan jiru ta’uu
guyyoota kudhaniif wal harkaa fuudhanii walumatti deebisuun alatti
yaaddoo isaaniif fala kaahuu hindandeenye. Dargaggoonni wal ijaaranii qabsoof qophiin godhaan jabaachaa deemuun, raayyaan waraanaa,
keessumaammoo poolisoonni dhawaata qalbiin gara uummataattii dhiyaachaa
dhufuun, dabbalootumti duraan amanamoo turan sirnicha dhiisuuf fala
biraa barbaaddachaa jiraachuufi (karaa danda’ameen qarshii saamanii
miliquun), hunda caalammoo uummataan garmalee jibbamuufi kkf. Dhimmoota
yaaddoo uuman ta’uurratti walii galanillee, dargaggoota isaan nyaachuuf
qophaawaa jiran faayidaa adda addaan ofitti qabuu, warra tooftaa kanaan
qabamuu didanimmoo hidhaafi doorsisaan ofirraa faccisuun hanga
danda’ametti lubbuu dheereffachuuf yaaluun alatti waan “… kanatu
furmaata…” jedhanii ittabdatan dhabuun keessa isaaniitti yaaddoo caalu
uumeera. Dabballoon kun akka kanaan erga walitti waakkaachaa turanii
booda, iccitii isaanii akka uummata bira hingeenye walkaksiisuun karaa
sabaa himaalee harkaa isaanii jiruun akkuma baran waan sobaa dabarsuun
uummata gowwomsuuf yaalaniiru. Karaa biraatiin, nama dugduuba dubbii
kanaa qola keessaa baasee ilaaleef qabsoon uummataa sadarkaa
murteessaarra gahuu hubachiisa.
Gabaabumatti, yaaddoon kun dhimma duruu beekamuufi eegamu
fakkaatullee, nama jiruu saba Oromoo jijjiiruuf qabsootti jiru tokkoof
ergaa guddaa qabaata. Qabsoon Oromoo galma isaatti dhiyaachuu eera.
Dubbiin dubbii lukkuufi risaa sana fakkataa. Har’a uummanni jara soba
isaanii wajjin kosii keessatti dhiisee karaa isaaf malu qabatee
fagaateera. Lafa lamuu jaraan walitti deebi’uu hindandeenye qaqqabeera.
Kanaaf ammoo qaawwa ofii suphachaa, wiirtuu diinaa waraanuufi uummata
diina harkaa bahee jiru caalatti humneessanii qabsoo galmaan gahuuf
seenaan hiree seenaa qabu nu harkaan geesseetti.. Kuni bu’aa qabsoo bara
dheeraati. Amma Qabsoo kanatti xumura gochuu gaafata. Kanaaf, akkuman
duraan jedhe, humnaafi tooftaa yeroon gaafatu qindeeffachuun humnafi
saffisa dabalatanii fuulduratti furga’uuf amma yeroon murteessaa
ta’eera. Kun dhimma keenya. Dhimma keenyaaf ammoo nutuu geenya!!
=========================
Injifannoon Uummata Oromoof!!
No comments:
Post a Comment