Sadaasa 11, 2013 | Boruu Barraaqaa*
Tarsiimoon farra Oromummaa mootummaa TPLFn geggeeffamtu bifoota hedduu kan qabduu fi salphaatti kan bira hin gahamnee. Akkuma beekamu, baay’een keenya mootummaan amma aangoo irra jiru mirgoota afaanii fi aadaa ummatootaa heera mootummaa keessatti waan hammachiiseef qofa sirnoota dabran hunda irra wayyaa kan qabu goonee laaluu malla. Haa tahu malee, dhugaan lafa irratti mul’atuu fi keeyyatoonni cululuqoon heericha keessa ciisan wal hin fakkaatani. Kaayoon barruu gabaabduu tanaa keeyyatoota heerichaa kan hin hujoomin irratti dubbachuuf odoo hin taane dhimma gubbaatti bifa mata dureetiin kaayame irratti xiyyeeffata.
Waggoota muraasa dura qaamni Mootummaa Naannoo Oromiyaa ofiin jedhu jaarmaya miidiyaa Dhaabbata Raadiyoo fi Televisiyoonaa Oromiyaa (DhRTVO) jedhamu eebbisee dalagaa jalqabsiise. Namoonni baay’een yeroo sanitti akka buufanni raadiyoo fi televisiyoonaa ‘of dandayee’ haarayatti Adaamaa keessatti baname kun guddina Afaan Oromoo fi hariiroo hawaas-siyaasaa Oromoo ol guddisuuf qooda mul’ataa gumaachuu malu tilmaaman. Sabboontonni tokko tokko, kaayyoo fedheyyuu duubaan haa qabaatuutii, tarkaanfiin kun waanuma eebbifamaa tahuu isaa hin mamne. Dhugaan namoonni hedduun yeroo kanatti irratti walii galan yoo jiraate, akka sirnichi buufata miidiyaa kana dhimma guddina Afaan Oromoof yookiis dantaa sabboontota Oromoof jedhee osoo hin taane, duula yeroo dheertuudhaa kan ABO fudhatama dhabsiisuuf oofu keessatti akka meeshaa olola siyaasaatti itti dhimma bahuuf banatee dha.
Akka hubannaa kiyyaatitti, kaayyoon sirnichi buufata miidiyaa kana baneef akka meeshaa ololaatti dhimma itti bahuuf qofa miti. Yoo xiqqaate kaayyoowwan kan biroo gurguddoo sadi, kanin itti fufee irraa dubbachuuf deemu dabalata.
Akka hubannaa kiyyaatitti, kaayyoon sirnichi buufata miidiyaa kana baneef akka meeshaa ololaatti dhimma itti bahuuf qofa miti. Yoo xiqqaate kaayyoowwan kan biroo gurguddoo sadi, kanin itti fufee irraa dubbachuuf deemu dabalata.
Kaayyoo Tokkoffaa: Miidiyaa Afaan Oromoo dubbattu kamiinuu magaalaa guddittii biyyaa, Shaggar keessaa buqqisuuf
Kaayyoo Lammaffaa: Sossobbii (appeasement)Kun akka jaarmayaalee Oromoo magaalaa Finfinnee keessaa buquusuuf duulli taasifamaa ture amma illee deemaa jiru hubachiisa. Labsi Adaamaa akka magaalaa muummittii biyyaattiitti yayyabe haqameera haa jedhamu malee, dhugaan mul’ataa jirtu faallaa sanii tahuu dubbii tana irraa hubatuu tu dandayama. Mootummaan gartuu TPLFiin durfamu ergamtoota isaa (dabballoota OPDO) waliin tahuun, eenyummaa Oromoodhaa magaala guddittii biyyaa keessaa buqqisee achi fageessuuf hanga danda’meef ijibbaachuutti jira. Sababaan Adaamaan Finfinnee caaltee teessoo buufata miidiyaa taasifamuuf filatamteef dhugaa tana caalaatti ibsa. Kanuma waliin, ‘Mootummaa Naannoo Oromiyaa’ kan ofiin jedhu bulchiinsi OPDO bara 2005 keessa akka magaalaan guddittii Oromiyaa garuma Finfinneetti ol deebi’e haa labsatu malee, ammayyuu achuma Adaamaa keessaa bahuu hin dandeenye. Irra jireessi sochii isaanii guyyuudhaa Adaamaa keessatti murtoofte waan taheef, gaaf takka takka akka tasaa yoo gooftaan isaanii dhimmaaf Shaggaritti isaan yaamu keessumummaa jabduu tu itti dhaghama. Eeguma magaalaan guddittii Oromiyaa Shaggaritti deebi’uu labsatanii boodayyuu taanaan OPDOnni akka Adaamaa keessaa bahuu hin qabnetti iccitiidhaan waan qajeelfamni gubbaa irraa gad dabreef fakkaata. Eega OPDOn Shaggaritti deebi’uu labsattee waggaa lama booda Adaamaa keessatti jaarmayaalee akka Galma Abbaa Gadaa fi DhRTVO bananii achumatti dalagsiisuun mataa isaatti akka jarri tun Adaamaa keessatti murtoofte ragaa baha.Finfinnee keessatti mirgi Oromoo hafnaan kan ergamtuu sirnichaatuu akka kabajamaa hin jirre karaa heddu mul’ataa jira. Yoo xiqqaate waggoota 15niif Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa jedhamu keessa sadarkaa adda addaatti eega tajaajilaa turee booda dhiheenya kana ABOtti kan dabalame Obbo Sintaayyoo Gadaa, akka ‘Wiirtuun Aadaa Oromoo’ Finfinnee keessatti jaaramuutti jira jedhamu dhiibbaa hamtuu jalatti argamu saaxilee jira. Obbo Sintaayyoon gaaffii fi deebii dhiheenya kana SBO waliin geggeesse keessatti, akka Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa lafa ijaarsa gamoo wiirtuu saniif tahu tolaan hin argatin ifa godhe. Akka heera mootummaa Wayyaanee keessatti kaayametti, mirgi addaa ummanni Oromoo magaalaa Finfinnee irratti qabu kabajamuu tu irra ture. Akka seera kanaatitti, ummanni Oromoo magaalaa handhuura biyya abbaa isaa tana keessaa qixa barbaade irraa lafa fudhatee, fedhu wiirtuu aadaa isaa, fedhu jaarmayaalee biroo irratti ijaarachuuf mirga qaba. Haa tahu malee biiroon eerame kun lafa ijaarsaa baanamu san kan argate, akka waan jaarmaya alagaa kan biyya ambaa irraa dhufe tokkootti walii galtee liizii akka mallatteessu gaafatame. Sanuu kan ji’oota baay’ee fudhate. Walii galteen liizii tuniis tan mallatteeffamte, biiroo maqaa Oromiyaa dhawatu kanaa fi qaama Bulchiina Magaalaa Finfinnee ofiin jedhu kan namoota TPLFiin durfamu gidduutti. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee kan murna TPLFiin durfamu akka abbaa lafaatitti, biiroon maqaa Oromiyaa dhawatu ammo akka kireeffataa/bitataa lafaatitti dhihaatanii too walii galtee liizii san mallatteessan. OPDOn maxxantuu TPLF tahuu fi ummata Oromoo bakka bu’uuf illee hamilee homaatuu akka hin qabne kan beekamu tahu illee, Adaamaa keessatti daangeffamuun isii fi Shaggar keessatti akka keessummaa baadiyyaa fagoo irraa dhufeetitti laalamuun isii akka ummanni Oromoo dimshaashumatti biyya abbaa isaa Shaggar keessatti mirga abbaa biyyummaa mulqame ifatti mirkaneessa. As irratti namoonni fayyaaleyyiin tokko tokko waa’ee kantiibummaa nama Kumaa Dammaqsaa jedhamuudhaa kaasuu malu. Dubbistoonni barruu kanaa baay’een namoota fayyaaleyyii akkasii, kan ammayyuu hojii eebbifmtuu wayii nama maqaa ‘kantiibummaa’tiin of waamu kana irraa eegaa jiraniif, deebii barbaachiftu kennuufiin akka na gargaaran abdiin qaba. Qabxii tana xumuruuf, Finfinneedhaa mannaa Adaamaa teessoo buufata miidiyaa Afaan Oromoo taasisuu jechuun, qaama duula eenyummaa Oromoo Finfinnee keessatti haaluuf taasifamaa jiruu ti.
Sababaalee miidiyaan raadiyoo fi televiziyoonni Afaan Oromoo banamaniif keessaa inni guddaan tokko ummata Oromoo sossobanii callisiisuu yaaluufi. Qolli dubbii tanaa yoo laalamu, akka ‘naannoon Oromiyaa buufata televiziyoona mataa isii kan sadarkaa biyyattiittuu ETViitti aanee, chaanaala TV saatelaayitaa biyya keessaa isa lammaffaa jedhamu harkaa qabduu’ tokkotti odeeffama. Kanaanis, ummanni Oromoo ‘tajaajila addaa,’ kan naannoon biyyattii kamuu, Tigiraayiinuu dabalatee, hanga ammaatti hin argatin tu anaaf eehamame’ jedhee akka sirnicha mararfatu tu kajeelame. Kunis akka waan gaaffiin ummata Oromoo irra jireessatti sirnicha biratti deebisaa malu argatteetti mul’isuuf kan dhama’amee tahuu isaa ti. Tarkaanfiin tooftaawaan kun kana malees, akka waan ‘sirni jiru kun seenaa Itoophiyaa keessatti sirnoota dabran kamuu caalaa ummata Oromoof quuqama addaa qabu’ tokkotti Oromoo amansiisuuf abbala. Kana waan taheefis, ummanni Oromoo akka sirnicha irratti hin fincillee fi hawaasa siyaasaa Afaan Amaaraa dubbatu waliin diinummaa qabu jabeessee itti fufu hawwame. Imaammanni sossobii kun kan maddu, amala haxxummaa kan sirnichi ummata Oromoo akka ummata salphaamatti gowwoomfamuu tokkotti hubatu irraa ti. Haa tahu malee, sabboontonni Oromoo yaalii dadhabaa akkasii kanaan salphaatti kan sossobamanii callisan osoo hin taane, mirgoota biroo baay’ee kan ummatni bal’aan kun kabajsiifachuuf malu tolchanii beekani..Kaayyoo sadaffaa: Guddina Afaan Oromoo tooftaadhaan qancarsuu/doomsuu
Akkamitti? Kun kaayyoo Wayyaanee dhokataa fi irra hamaa tahee natti mul’atu. Haleellaan tooftaawaan Afaan Oromoo irratti aggaamame kun gadi fageessanii qorachuu kan gaafatuu dha. Fakkeenyaaf miidiyaadhuma Televisiyoona Oromiyaa jedhamu san fudhannee haa laallu. TVn kun Televisiyoona Oromiyaa jedhamee maqaa biyya Oromootiin moggaafamuun waan tokko. Gaaffiin jirtu garuu, TVn kun dhugumatti televisiyoona Oromiyaa jedhamuu ni danda’aayii? dha. Gaaffii baaqqee tana qofa osoo hin taane kan biro hedduus kaasuu tu dandayama: TVn maqaa dhawame kun akkuma maqaa isaatti guddina afaanii, aartii, dammaqiinsa siyaasaa, dagaagina Oromummaa fi kkf keessatti qooda irraa eegamu dhugumatti ni gumaachaa? Sagantaaleen isaa walii galaa dhama qabanii, qalbii namaa ni hawatanii? Sagantaaleen bashannanaa TV kanaadhaa akka kan ETV fi ETV3 fa’atti qalbii daaw’attootaa booji’uuf humna ni qabanii?… Deebisaan gabaabaan gaaffiilee tanneenii: LAKKII! dha.
Mee danqaalee dhokatoo miidiyaa Afaan Oromootiin tamsa’a jedhamu kana mudatan keessaa warra jajjaboo tokko tokko haa laallu.
- Bajatni gaggeessa hojii miidiyaa kanaaf ramadamu akkaan gad xiqqaachuu: Mootummaan Itoophiyaa TPLFiin durfamu, akkuma olitti eerame, miidiyaa Afaan Oromoo dubbattu tamiinuu akka meeshaa olola siyaasaatti dhimma bahuu cinaatti, Oromoo ittiin sossobuuf tajaajilama. Miidiyaan tun leecalloo qabdutti fayyadamtee biyyattii keessatti akka miidiyaa dorgaamtuu takka taatee as baatu sirnichi hin barbaadu. Kanaafuu miidiyattiin bajata gahaa dhowwatamuu irraa sagantaalee hawatoo qopheessuu hin dandeenye. Sababa kanaanis wanni foddaa miidiyaa tanaa keessaan mul’atu irra jireessi nuffisiisaa fi jibbisiisaa tahe. Akkan yaadadhutti waggoota 15 dura, ETV qophii Afaan Oromoo irratti sagantaan bashannanaa torbaanii Dhangaa jedhamuun beekamtu miidhagina wayyaa qabaachaa turte irraa namoota afaan hin beekne illee hawachuu dandeessee turte. Sagantaan Dhangaa sa’aa takkaa gaafasii sagantaa bashannanaa Amaarinyaa Matoo Hayaa jedhamuun sa’aa lamaaf deemu waliin kan wal madaaltu, inumaa yeroo garii sagantaa Matoo Hayaa san caalaa kan nama hawattu tahuun ni yaadatama. Har’a yeroo itti naannoon Oromiyaa televisiyoona mataa isii banatteerti jedhamee nutti himamaa jiru kanatti garuu kan hubachaa jirru, bifa qabatamaa taheen gadi-guddina deemsa miidiyaa Oromoo ti. Kunis akka tasaatti kan mudate osoo hin taane, waanuma tahe jedhamee sirnichaan raaw’atamaa jiru fakkaata. Miidiyaan bajata gahaa hin qabne tamuu sagantaa akkaan hawataa dhiheessuu hin dandeettu. Kana irraa ka’uunis, akkuma taajjabaa jirru, miidiyaa maqaa Oromoo dhahattu tana irratti diraamaa fi koomeediin aynaa qaban hin mul’atani. Dokmantariileen qorannoo irratti hundaawan, gabaasaaleen artiistikummaa qaban hin jirani. Miidiyaa hacuucamtuu akkasii irraas qophiileen akkasii hin eegamani.
- Qophii sagantaalee bashannanaa addaa milkeessuu keessatti hanqina sponsarummaa maallaqaa mul’atu: Akka ETV fi ETV3 fa’a irratti mul’atutti, sagantaaleen bashannanaa irra jireeyyiin: gabaasaalee spoortii, daldalaa fi haala qilleensaayyuu dabalatee , baasiin barbaachiftuuf sponsarummaa kubbaaniyoota daldalaa gurguddootiin aguugamti. Fakkeenyaaf, kubbaaniyoonni akka Hibr Sikuwar, Habesha Constraction, Habashaa Simiintoo, Habashaa Biiraa, Filingstone Homes jedhaman fa’a ETV irratti diraamaalee dhihaatan sponsor gochuudhaan beekamu. Diraamaaleen TV akka Gamanaa fi Saw La Saw jedhaman fa’a as keessatti eeramuu danda’ani. Daaw’attoota miiliyoonotatti lakkaawaman tu sagantaa akkasii hordofa waan taheef herreeggiin maallaqaa Boordii ETV fi kubbaaniyoota sponsaraa gidduutti geggeeffamtu birrii mana miliyoonotaa ti. Diraamaa kafaltii quufsaa qabdu akkasiidhatu dantaa gamlameef, jechuunis, warra diraamaafis tahee kubbaaniyoota sponsor godhaniif oola. Murnoonni daldaltootaa maqaa ‘Habashaa’ jedhu moggaafatanii sosso’aa jiran kunniin tooftaadhaan itti yaadanii daldala biyyattii walii galaa dhunfachuuf kan hojjechaa jiran fakkaata. Kanas kan dhugoomfachaa jiran sagantaalee bashannanaa TV kan namoota miliyoonota hawachuu danda’u jedhamee tilmaamamu bifa isponsarummaatiin harkatti galfatanii akka fedhaatti irratti of beeksisuudhaani. Waytuma kanattis, qalbii namootaa keessatti ammayyuu akka Habashoonni olaantummaa dinagdee fi siyaasaa qaban fakkeessanii dhiheessuudhaan ummata kuuwwan garaa gubuuf waan yaadan fakkaata. Wanni nama ajaa’ibu ammoo, kubbaaniyoonni maqaa Habashaa jettu moggaafatan kunniin irra jireessatti kan maadheffatan Oromiyaa keessatti tahuu isaa ti. Sochiin tooftaawaan akkasii kun qaama lola qorqalbii (psychological war) kan ummatoota kuuwwan irratti, keessumattuu Oromoo irratti geggeeffamaa jiruu akka tahe hubachuun nama hin dhibu. TVO hacuucamtuu irratti haalli mul’atu garuu kan biraa ti. Hojiin daldala dantaa gamlamee akkasiidhaa karaa isii hin baane. Akka miidiyaa maqaa Oromoo dhahattu takkaatti daldaltoota Oromoo waliin hariiroo addaa homaatuu hin qabdu, akka qabaattuttis hin jirtu. Kubbaaniyoonni qabeenya lammiilee Oromoo tahan bebbeekamoon illee miidiyaa nuffamtuu tahuu irraa ummata biratti jibbamte tana irratti of beeksisuu hin barbaadani. Sagantaa bashannanaa ETV kan namoonni baay’een hordofan irratti of beeksisuu filachuuf dirqaman. Waggoota lamaan tokko dura sagantaan bashannanaa miidhagaan FAAYA OROMIYAA maqaa jedhuun abbaa qabeenyaa YUNIVERSIITII OPEN 2020 Dr. Buumaddiin Aliitiin sponsor godhamee dhihaachaa ture, hanga gaafa karaatti cituutti kan qalbii Oromoo miliyoonotaa hawachuu danda’e ture. Qophiileen bashannanaa aynaa qaban hawatoon akkasii TVO irratti kan eehamaman hin fakkaatu. Maaliif yoo jedhame, dammaqiinsa siyaasaa ummataa ol kaasuuf humna guddaa waan qabaniif iccitiidhaan doomfamu. Sagantaaleen akka TALENT SHOW fi FAAYA AARTII jechuun jalqabamanis sponsaroota dinagdeedhaan isaan utuban waan hin qabnee fi hogganoota miidiyattii biraahis ilaalcha jajjabeessaa waan dhabaniif garmalee laaffachaa deemaa jiran. Ragaaleen kun egaa, akka TVO fi hawaasni Oromoo maayiloota baay’ee wal irraa fagoo jiran mirkaneessan. Kanaafi egaa, TVO irratti beeksisa daldalaa originaala tahe, kan biraa hafnaan guyyuma ayyaana ummataatti illee kan arguun hanqatameef. Tarii beeksisoota daldalaa Amaarinyaadhaan hojjetamanii booda bifa nuffisiisaa taheen gara Afaan Oromootti hiikaman arguu dandeenya taha. Kun wanni agarsiisu, miidiyaan OPDO TVO jedhamtu tun ummata biratti bal’inaan kan hin daaw’atamne ta’uu isii daldaltoonni baay’een hubachuu isaanii ti.
- Duubbeen miidiyaa tanaa harka diinaa qabaachuu irraa ilaalcha gaarii ummata biratti dhabuu: Akkuma toora lammaffaa olii keessatti reefuu eerame, miidiyaan tun tan Wayyaaneedhaan to’atamtu waan taheef, wayyabni hawaasichaa waan addaa tokko irraa hin eegu. Yeroo dabre keessatti bar tokko ETVn rakkoo ummataan tufamuu akkasii tana mudattee turte. Booda keessa qajeelchitoonni miidiyaa tanaa olola goggogaa qofa oofuun akka qalbii ummataa isaan irraa fageessaa jiru hubatanii, akka itti qophiilee bashannanaa itti daranii xiqqoo jiisuudhaan fooyyessan irratti hojjechiisuu eegalan. TVOn ololoa goggogaa muka muka jedhu oofuu fi qophii ulaalgaa bashannansiisummaa hin guuttanneen qilleensa qisaasuu irraa kan hafe hojii mirqaansaa qalbii ummataa hawatu as baasuu hin dandeenye. Akkuma OPDOn ummata biratti fudhatama hin qabne, miidiyaan isaanii illee bifa kana irraa adda taheen laalamuun ulfaataa tahe. Ogeeyyii siyaasaa biyyattii mumul’atoo keessaa tokko kan ta’an Doktor Mararaa Guddinaa bar tokko waan dubbatan keessatti, “OPDOn ilmoo Wayyaanee jedhamuu jalaa baatee ilmoo Oromoo akka jedhamtutti of jijjiiruu hin dandeenye” jechuun dhugaa tana ragaa bahan. Dhugaan tun miidiyaa OPDOn to’attu DhRTVO jedhamtu irratti ifatti mul’atti. Miidiyittiin arraata OPDO tahuu jalaa baatee akka maqaa isiititti miidiyaa fedhii ummataa hordoftee hojjettu tahuu hanqatte. Kana malees miidiyaan tun Ministeera Kominikeeshinii Barakat Simooniin hogganamuun akka malee addatti dhiibamtee kan lubbuun keessaa bahaa jiru fakkaatti. Wayta dabre tokko, wallistoota Oromoo bebbeekamoo afeeranii irratti sirbisiisuu fi gaaffii fi deebii artiistota saniitiinis hanguma taheefuu fuula miidhagfachuu yaalanii turan. Tibba muraasaaf yaalii akkasii haa taasisan malee onnee ummataa seenanii iddoo argachuun akkuma itti ulfaattetti hafe. Yaalii laga hin ceesifne akkasiitiin adeemsa hojii isaanii nuffisiisaa fooyyessuun rakkisaa itti tahe.
- Gaazexessitoota kennaa qaban, sirnaan baratanii fi mooyxannoo wayyaa qabanitti tahe jedhanii balbala cufachuu fi warri duraan mindeeffamee hojjechaa tures akka yaada isaaniitti bilisummaan akka hin hojjenne doorsisuu: Dhugaatti inni kun sababoota kufaatii TVO gurguddoo keessaa tokko. Gaazexessitoonni kennaa gaarii qaban, baratoo fi mooyxannoo wayyaa qaban sinichaaf amanamoo waan hin taaneef, jaarmayaa miidiyaa eerame kana keessatti mindeeffamuun hin eehamamtuuf. Gaazexessitoota baay’ee keessaa kan hulaan jaarmaya kanaa banamtuuf kennaa qabaniin, yookiis gahummaa barnootaan, yookiis mooyxannoo wayyaa horataniin miti. Ulaagaan guddittiin ittiin mindeeffaman yoo jiraatte miseensummaa paartii biyya bulchuutti galmaahuu fi waanuma fedhe haa tahuutii, wanta dabballoonni gubbaa gad ajajan raaw’achuuf fedhii agarsiisuu dha. Gaazexessaan hin-baabsaan ofirratti amantaa jabaa qabu garuu dhiibbaa akkasii hin eehamu waan taheef bifa kana jalatti hojjechuu hin danda’u. Mee sagantaa Afaan Oromoo TVO ija kanaan haa laallu. Kanneen akka ‘gaazexessitummaatti’ sagantaa Afaan Oromoo kana irratti mul’atan irra jireessi ogummaa hojichaaf barbaachisu gahaa akka hin horatin hubachuuf qorannoo ulfaataa geggeessuu hin gaafatu. Akkaataa jarri oduu fi gabaasaalee itti qopheessuu fi akkaataa jarri sagantaalee beeksisan irraa dhugaa kana salphaatti hubachuun ni danda’ama. Miidiyaa maqaa Oromiyaa dhahattu takka irratti gaazexessitoota gahummaa ol’aanaa qaban ramadachuuf ummanni Oromoo akka ummataatti rakkoo hin qabu. Yuniversitiilee biyyattii irra guddeessa keessatti jechuutu danda’ama, ilmaan Oromoo ogummaa kanaan qaramanii eebbifaman xiqqoo miti. Haa tahu malee rakkoon jiru, miidiyaan maqaa dhawamte tun akka arraata OPDOtti malee akka fedhii ummataatti tan hin tajaajille tahuu isii ti. Midneeffamtoonni jaarmayaa tanaa irra jireessi ogummaa gahaa hin taaneen kan oomishaman buufata habaqaala dabballoota Wayyaanee kan tahe, dhaabbata ‘Ethiopian Civil Service Collage’ jedhamu irraa ti. Gaazexessitoota jajjaboo akka hireetti miidiyaa tana keessatti mul’atan keessaa gariin, akka waan TVn Oromiyaa namoota dandeettii qaban hin feenetti fuudhamanii ETVtti dabarfamu. Bakkuma jiranitti miidiyattii akka jabeessan osoo hin taane, jabina isaanii kana sagantaa Amaariffaa yookiin Ingliffaa ETViif akka oolchan barbaadama.
- Tahe jedhaniituma Afaan Oromoo fi Oromummaa namatti hadheessuuf (harka harka jechisiisuuf) hojjechuu: Eeyyee! Duulli tooftaawaan karaa TVO geggeeffamaa jiru waan gara biraa osoo hin taane Afaan Oromoo fi Oromummaa harka harka jechisiisuuf tattaafachuu fakkaata. Yaaliileen tooftaawoon karaa miidiyaa kanaa mumul’atan akka calaqqisiisanitti, ilaalcha jal’aa jibbaa fi diinummaa qabu kan ‘Afaan Oromoo akka Amaariffaatti gurratti nama hin mi’aahu’ jedhu hawaasa Oromoos tahee alagoota fudhachiisuuf waan dhama’amaa jiru fakkaata. Kanneen miidiyaa Afaan Oromoo biro hordofuuf filmaata hin qabneef, yookiis, kanneen TVO akka moodeela Afaan Oromootti laalaniif, wanti irratti mul’atuu fi caqasamu hundi nama haqqisiisuu gahu. Miidiyaan nuffisiisaan maqaa Oromoo balleessu akkasii kun akka ummanni afaan ofii hin baranne, hin fayyadamne, hin jaalannee fi ittiin hin boonne dhiibuu irratti gaafatama qaba. Miidiyaan TV maqaa Oromiyaatiin of waamu akkasii kun akka waan namni Afaan Oromoo dubbatu marti gowwaa, doofaa, huccuu xuraawaan kan beekamu, kan yoomuu hin qaroomne, nuffisiisaa, bara baraan beela’aa fi kan kana fakkaataniin ibsamuutti warra kaan amansiisuuf kan yaalu fakkaata. Akka dhieessa sagantaa TV kana irraa hubatamutti, namoota dadhaboo saganticha geggeessanis tahee keessummoota yeroo baay’ee filamanii afeeraman qorachuu qofaan akka tahe jedhamee miidhagina Afaan Oromoo fi Oromummaa gadi buusuuf hojjetamaa jiru hubachuu tu dandayama. Mee fakkeenyuma takkittii haa fudhadhu. ETVn sagantaa Ethiopian Idol jedhamu qaba. TVOnis kanuma akkeessuun dorgoommii wallee sagantaa isaa keessatti dhihaatu, kan duraan Daddaraaroo jedhamaa ture, Oromian Idol jechuun waamuuf yaalee ture. Yeroo muraasa booda garuu Oromian Idol jedhee waamuu dhorkame fakkaata, maquma isa duraa qabatee hafe. As irratti dhimmichi, dorgoommii wallee saniin Oromian Idol moo Daddaraaroo jechuu wayya isa jedhu miti. Xiyyeeffannaan kiyya, dheedhummaa dorgoommichaa irratti. Sagantaa kana irratti akka mul’atutti, irra jireessi warra dorgoomuus tahee warra qoratee murtee dabarsuu ulaagaa sagantaa akkasii geggeessuuf barbaadamu kan guuttatan hin fakkaatani. Ulaagaan dorgoomtonni walleedhaa ittiin filamanii waltajjiitti dhufan maal akka taate namaaf hin galu. Keessa beektonni tokko tokko akka jedhanitti, dorgoomtonni waltajjii irratti mul’atan irra jireessi firooma qondaalota mootummaa waliin qabaniin filaman. Qondaalli sadarkaa onaatti jiru tokko, yeroo akka namoota dandeettii wallee qaban ona san keessaa filee ergu gaafatamu, firoota isaa kan ulaagaa walleef maltu hin guuttanne galmeessee ol erga. Firoonni isaa yoo hangamuu dandeettii wallee hin qabneyyuu, hiree kanaan wallisaa gara fuulduraa tahanii akka cabsataan biddeena baafataniif jecha, aangoo qabutti dhimma bahee hojjeta. Kana irraa kan ka’e, irra jireessi dorgoomtota waltajjii irratti mul’ataniidhaa ulaagaa ogummaatiin waan filamanii hin dhufiniif jecha, dandeettii kennaa sirbaa akka hin qabne halaalumatti irraa beekama.
Haleellaaleen tooftaawoon Afaan Oromoo fi Oromummaa irratti aggaammatan kunniin duuba isaaniitiin kaayyoo akkamii akka qaban tilmaamuun ni danda’ama. Kanneen keessaa inni guddaan tokko maalummaa Oromoo fi Afaan Oromoo fokkachiisanii dhiheessuu tahuu mala. Kanneen dhiiga Oromoo qabanis tahee alagoonni Oromummaa irraa ala jiran, afaanicha akka hin barannee fi itti dhimma hin baane jibbisiisuuf kan duulamaa jiru fakkaata. Oromootuma afaan isaanii beekaniyyuu yoo tahe, keessumattuu dargaggoonni, faana Oromummaa hordofuu irraa baqachuu malu. Miidiyaa maqaa Oromootiin of yaamtu tana irratti jabina miidiyaa afaan biraa irratti mul’atu waliin wal dorgoomu hoggaa arguu dhaban ofitti gaddu. Keessaafuu daa’imman Oromoo, TV afaan warra isaaniitiin dubbatu kana irratti sagantaalee bashannanaa bara kana waliin tarkaanfatan, kan miidiyaalee biroo waliin dorgoomuu danda’an hoggaa irraa dhaban, sagantaalee irra wayyaa kan ETV3 fi EBS fa’a irratti deemaniin harkifamuu tu mala. Kun ammoo dhaloonni haarayni akka eenyummaa Oromummaatti hin boonne taasisuu danda’a. Kaayyoon jalqabaa waajjirri Barakat Simoon Oromoo irratti imaammates isii kana fakkaata. Afaan Oromoo faalanii harka harka jechisiisuu kanaan galiin akka maayyiitti yaadamte ammoo tarii, yaada gara fuula duraatti Afaan Oromoo sadarkaa Itoophiyaatti afaan hojii haa tahu jedhu doomsuuf kan akeekkate tahuu hin oolu. Yaada kana mormitoonni sirna wayyaanee baay’een, warrumti Amaarinyaa dubbatu illee osoo hin hafne kan deeggaran oggaa tahu, dabballoonni sirna Wayyaanee garuu dunuunfatanii akka morman beekamaa dha.Duula faallaa TVOtiin ETV3 fi EBS fa’a irratti deemaa jiru
Yeroo itti guddinni afaanii fi aartii Oromoo TVO irratti ajjeefamaa jiru kanatti, chaanaalota haarayatti banaman akka ETV3 fa’a irratti sagantaa bashannana Amaariffaa mimmi’aahoo qopheessuudhaan, daaw’attoota biyyattii mara dhuunfachuuf hojjetamaa jira. Irra jireessi qophiilee bashannanaa achi irratti dhihaataniidhaa, kan akka Garsiisa suduudaa (live shows), diraamaalee, koomediilee, walleelee waltajjii irraa suduudaan dabaranii fi kan kana fakkaatan marti, kubbaaniyoota daldalaa gurguddoodhaan sponsor godhamu. Wallistoonni, aaktaroonni, koomediyaanonni fi ogeeyyiin gurguddoon sadarkaa biyyaatti beekaman achi irratti afeeramu. Sagantaan kun teknishaanota sadarkaa ol’aanaatti leenji’aniin waan qindeeffamuu fi tohatamuuf rakkoo teeknikaa tokkoon maleetti yoo deemu mul’atas.
Mumul’achaa dhufuun ETV3 fi gadi du’aa deemuun TVO kun egaa, itti baha karoora yeroo dheeraa Ministeera Kominikeeshinaa Barakat Simoon, kan tooftaa salphaatti itti hin dammaqamneen miidiyaa Afaan Oromoo dubbattu ajjeesuuf qophaahee akka tahe hubatama. Akkuma makmaaksi warraa kan ‘Indaayaamaah xiraaw, indaybelaa gifaaw’ (Afaan Oromootti yoo hiikamu, ‘Akka sin hamanneef waami, akka hin nyaanne dhiibi’) jettu, sirni Wayyaanee maqaa heera mootummaa isaa hin hujoomne saniin sagal haa kakatu malee, faallaa saniin mirga sabaa fi sablammootaa tooftaadhaan ukkaamsaa jira. As irratti gaaffiin jirtu, miidiyaan Afaan Amaaraan geggeeffamtu cimtuun maa jiraattee osoo hin taane, tahe jedhanii miidiyaa Afaan Oromoo dubbattu ajjeesuuf duula hamtuu geggeessuun maaliif laata tan jettuu dha.
Duuba maal tu Oromoof hafe? Sirni Wayyaanee miidiyaa toyannoo isaa jala jirtu akka fooyyessu kadhachuu moo miidiya walaba mataa ofii jaarrachuu dha? Lammiileen Oromoo humna maallaqaa ittiin miidiyaa televiziyoonaa kan mataa isaanii qindaawaa tokko biyya ambaa keessatti ittiin dhaabbatan argamsiisuu hin danda’anii? Otoma sagantaan TVO Wayyaanee haalaan fooyya’eeyyuu maal godha? Akka fedhii ummata Oromoo bal’aatti tajaajiluu danda’aa? Har’a miidiyaan televisiyoonaa hawaasonni Oromoo ala kana keessaa qabnu meeqa tahu? Miidiyaaleen kun akkam akkamitti hojjetu, hangam dhimma itti bahaa jirra? Dadhabbinoonni gurguddoon miidiyaalee TV hawaasaa maal fa’a dha, akkamitti hanqinoota san irra aanuun danda’ama?… Deebii gaaffiilee tanneenii dubbistootaaf dhiis++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++
* Boruu Barraaqaa, barreessaan barruu tanaa, asoosessaa Afaan Oromoo beekamaa yoo tahu, dhihoo kana ammo sabboontota biroo lama waliin tahuun kitaaba Gene Sharp “From Dictatorship to Democracy” jedhu gara Afaan Oromootti hiikeera. Teessoo eemeela isaa: gulummaa75@gmail.com yookiis, Facebook irratti: facebook/barraaqaa argama.
No comments:
Post a Comment