Sadaasa 14, 2013 |Qeerroo D.doolloo
Yaadannoo Sadaasa 9 FDG yeroo 8ffaa
oromiyaa keessatti kabajamaa ture ammas haalota ho’aadhaan bakka adda
addaa irratti kabajamaa turuu isaa gabaasota Qeerroo adda addaa irraa
kan nu gahaa jiruudha.
Madda gabaasaa Qeerroo Qellem Wallaggaa irraa addeessuun Magaalaa
Dimbi Doolloti fi aanaalee godinoota kanneen jalatti argaman ifatti aanaa
Anfiilloo, Qeebbee, Daallee Waabaraa, Sayyoo, fi mana barumsa
Qellem, Beezii fi Oliiqaa Dingil keessatti haala ho’aadhaan kabajamee
akka oole gabaasaan isaa addeessa. Guyyaa kabajaa kana irratti
wareegamtootaa qabsoo bilisummaa oromoof lubbuu isaanii dabarsan
yaadannoo guddaa gochuudhaan barruulee uummata oromoos yaadachiisuu fi
suurawwan adda addaa kaasuudhaan wal yaadachiisuuun kabajanii
oolaniiru, dabalataan ammoo huyyaa kana hojiin addaan bakkoota kanneen
irratti dalagamanii jiran uummata oromoof waamichi qabsoo tahee jira,
mirga ofii falmachuun nama hin yakkisiisu, dhugaadhaafis miidhamuun boruu
lammii ofii biratti galata guddaa argachuutu jira jechuudhaan barruu
adda addaa raabsanii jiru. Akkasuma abbootii qabeenyaa Oromoo godina
kana keessa jiraniif waamichi qabsoo oromoo addaan tahe ejira,gumaatni
garagaraa maatiwwan dhuunfaa irraa qabsoo oromoof kan tahee
jiruudha, kunis gumaacha qarshii, tajaajila tolaa kan akka geejjibaaf malu
konkolaataan Qeerro qabsoo irra jiruuf baasii horii tokko malee
yoomiyyuu bakkaa bakkatti sochoosuu dirqama lammuummaa ni baana jedhuun
waadaa yeroo seenaniidha.
- Guyyaama kana sadaada 9 sababeessuudhaan qooda shamarraniii qabsoo
irratti gahee ofii bahuu irratti harmootin sabboonummaa qabanii fi
shamarran Oromoo magaalaa Dambi Doolloo Hoteela Abbunash keessatti wal
gahuudhaan sa’a gabaabaaf ibsa ejjennoo baafatanii jiru.
- Nuti sharamarran oromoo godina Qellem magaalaa Dambi Doollo keessa
jiraannu bilisummaa saba keenyaa fi walabummaa biyya keenyaaf wareegama
barbaachisu gochuuf boodatti hin jennu.
- Qabsoo Bilisummaa Oromoo gumaacha tahu deggersa qabsoof waan qabnu irraa baatii baatiidhaan buusi qabnuun ni dhaabbanna.
- Miidhaa uummata keenyaa ilaallee yoomiyyuu hin callisnu hanga
mootummaa abbaa hirree mootummaa wayyaanee hiddaan buqqisnutti
tokkummaan hiriiruu keenya waadaa seenerra.
- Afaan, Adaa fi Seenaa saba bal’aa saba oromoo babal’isuuf waan
barbachisu hunda ni baafna,ni bal’ifanna,jennee murtoo keenyas
dabarsina.
Jedhuun maadhee Guddattuu jedhu jalatti of ijaaruudhaan shamarran
magaalaa Dambi Doolloo sadaasa 9 kabajuudhaan sodaa fi shakkii tokko
malee qabsootti hiriiruu isaanii waliin Gabaasaan Qeerroo G/Qellem
addeessa. Waraabbii qabnu akka kuusatti kan of biratti qabnu irraa kan
hafe ykn kuusaa CD fi filashiitin kan dhaamnu irraa kan hafe toora
interneetaa maagaal kana keessatti waan hin qabneef nu hoofkalchaa
dhaammanna jedhu.
No comments:
Post a Comment