Mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo addatti diina innikkaa godhatee itti duuluudhaan sirnoota impaayerattii dabran hunda irra hamaa akka tahe wal nama hin gaafachiisu. Karaa danda’ameef maraan ummata kana addatti salphisuu fi dadhabsiisuu irratti hojjechaa jira. Wayyaaneen dantaa gurguddaa lamaaf jecha dugda ummata Oromoo irraa bu’uu dida. Inni duraa dantaa dinagdee ti. Qabeenyaa Oromiyaa saamee ittiin of irroomsee umrii bittaa isaa dheereffata, biyya isaa egerees ittiin ijaarrata. Inni lammaffaa dantaa siyaasaa ti. Sirna dimokraasii dharaa ittiin addunyaa gowwoomsu keessatti sagalee ummata wayyaba kanaa doorsisaan saammatee akka deeggarsa ummata irra guddeessaa qabutti of labsa. Paarlaamaa kijibaa Wayyaanee keessatti miseensummaa IHADEGiin barcuma irra guddaa kan qabatee yeroo hunda sirnicha balaa irraa oolchee jiraachisaa jiru dabballoota OPDO kan dorgooomaa paartii Oromoo jabaa tokkoon maleetti kophaa isaanii sagalee ummata Oromoo saaman tahuun ifaa dha.
Dantaalee gurguddaa kana lamaan tikfachuuf jecha sirni Wayyaanee yeroo hundumaa ummata Oromoo irratti shira shiruu fi rukutee afaan qabachiisee bittaa isaa jalatti tursuuf rafee hin bulu. Ummata kana hiikkachiisuu, ummatoota ollaa waliin walitti buusuu, ABO deeggarta jedhee saamuu fi hidhuu, san biras dabree ajjeesuu dalagaa waggaa 22 taasifate. Karaa hundumaanuu irreen ummata Oromoo jabaatee akka isa hin yaaddessinetti irratti hojjeta.
Odeessi dhihoo kana Baha Oromiyaa irraa bahaa jirus hammeenya sirna Wayyaanee kana kan dabalee ragaa bahuu dha. Harargee Dhihaa keessatti sirni Wayyaanee ummata Oromoo hiikkachiisuu irratti duula bal’aa banee argama. Kan nama raaju ammoo, meeshaan ummata irraa hiikamaa jiru kun meeshaa baranee osoo hintaane meeshaa waraanaa aadaa ti. Oromoon meeshaa baranee hidhachuun hafnaan kan aadaadhaan qabuyyuu hiikkachiifamaa jira. Keessumattuu onoota Gubbaa Qorichaa fi Gammachiis keessatti hidhattoonni sirnichaa hanga ammaatti meeshaa aadaa MANCAA jedhamuun beekamu ummata irraa guuruu irratti bobba’anii jiru. Ummata Oromoo Baha Oromiyaa biratti mancaan waggoota dhibba hedduu duraa qabee akka meeshaa misoomaa fi ittisaatti beekama. Kana qofas osoo hin taane mancaan meeshaa hambaa aadaa Oromoo ti. Oromoon kutaa kanaa mancaatti kan dhimma bahu lolaa fi misooma qofaaf miti. Mancaan akka hidhannoo aadaatti qabatamee ittiin sirbama. Mancaa qabatanii Shaggooyyee sirbuun dur dur irraa qabee qaama aadaa Oromoo ti. Gama biraanis, akkuma meeshaalee akka gajaraa, qottoo, haamtuu fi kan kana fakkaataniitti mancaan meeshaa misoomaas tahuun beekama.
Golgaan kijibaa sababaa duula kanaaf kennamee jiru ‘ummatni mancaadhaan wal fixaa jira, kanaafuu walitti guurree warshaa naqnee gara meeshaa misoomaatti jijjiirra’ kan jedhuu dha. Kun kijiba adii akka tahe hunda birattuu beekamuu qaba. Ummanni dur dur irraa qabee mancaatti sirnaan dhimma bahaa jiraate har’a maaltu dhufnaan ittiin walii isaa ajjeesa? Mancaan bara Hayila Sillaasee fi bara Dargii keessa takkaa hammeenyi isii dubbatamee hin beeyne maaliif bara Wayyaanee kanatti meeshaa abaaramtuu godhamtee lallabamte? Sirni kun kutaa Itoophiyaa kamuu caalaa maaliif Oromiyaa, keessumattuu Baha Oromiyaa bakka itti lafti isaa muramee Soomaaliif laatamaa jiru irratti duula hiikkachiisaa kana xiyyeeffate? Gaaffiilee jajjaboo kanaa fi kana fakkaatan ummanni kaasuu qaba. Deebiin gaaffiilee kanaas akka armaan gadii ti.
Kaayyoon sirna kanaa inni guddaan ummata Oromoo hiikkachiisee harka qullaatti hambisuun akka fedhe dhiitee bituu dha. Baha Oromiyaa keessatti sirni Wayyaanee hojii wal qabataa lama wal cinaatti oofaa jira. Gama tokkoon lafa Oromoo muree naannoo Soomaaliitti achi dabaluudhaan ummata obboleeyyan lamaan giduutti lolli hamaan akka babal’atu ifaan ifatti hojjechaa jira. Humna ‘Liyyuu Hayil’ jedhamu dachii Oromiyaa irra qubsiisee Oromoo qehee isaa irraa buqqaasee Soomaalota qawwee hidhachiisee irra qubsiisaa jira. Cinaa kanaan ammoo ummata Oromoo naannoo kanaa hiikkachiisee harka duwwaatti hambisuudhaan akka salphaatti dhawamuuf qopheessaa jira. Wayta Oromoon qehee isaa irratti qawween hafnaan meeshaa aadaayyuu hiikkachiifamu kanatti, humni biraa ammoo qawwee baranee hanga funyaaniitti hidhachiifamee dachii Oromiyaa irra qubsiifamaa jira. Tarkaanfii kana fakkaatu caalaa diinummaan Oromoo irratti aggaamamte hin jirtu. Seenaa keessatti Sirna Dargiis tahee kan isaan dura ture Oromoo yoo mancaa hiikkachiisu dhagahamee hin beeku. Wayyaaneen sirnoota dabran kamuu caalaa Oromoof diina innikkaa tahuu kan agarsiisu ragaan kana caalu hin jiru.
Haalli Baha Oromiyaa keessatti mul’achaa jiru kun kutaalee Oromiyaa hafanis kan hanqatu akka hin taane asuma irraa beekamuu qaba. Kaayyoon sirnichaa Oromoo akka Oromootti harka duwwaatti hambisuu fi haleellaa salphaa tokkoon jilbeenfachiisuu dha. Kanaafuu Oromoon marti haleellaa sirni hamaan isaaf imaammatee jiru fashalsuuf bakka jiruu diddaa jabeessuutu irraa eegama. Ummata Oromoo Baha Oromiyaas tahee Oromoon kutaa Oromiyaa kamiiyyuu, duula hiikkachiisa sirna Wayyaanee kana fashalsuuf tarkaanfii qindaawaa fudhachuun fardii tahee jira. Oromoon olola gowwoomsaa sirna kanaatiin afan faajjawuu hin qabu. ‘Meeshaa waraanaa gara meeshaa misoomaatti jijjiiruuf kana goone’ ololli jedhu gonkumaa ummata keenya dogoggorsuun irra hin jiraatu. Biyya lafaa irratti ummanni kamuu hanga humna isaatti meeshaa misoomaa cinaatti meeshaa aadaan of ittisaa ni qabaata. Akkuma haamtuu, gajaraa fi akaafaa faan hojii misoomaa hojjetatu hunda, eeboo, hablee fi mancaa fa’aa dhaan ammoo haleellaa diinaa of irraa ittisa. Bineensa daggalaa hamaas ittiin of irraa eega. Kun mirga of ittisuu dhala namaa ti. Kan mirga kana ummata mulquu barbaadu ammoo tokkummaadhaan irratti duulamuun fardii taha. Oromoon ergamtuu diinaa kan mancaas tahee meeshaa aadaa biroo ummata irraa hiikuuf ganda keessa joortu waltumsee of irraa adabuu qaba. Hiikkadhu jennaan hiikkachuun, jilbiinfadhu jennaan jilbiinfachuun kana booda qaanyii dha.
Walumaa galatti wanni sirni Wayyaanee akkasitti Oromoo sodaatee hiikkachiisuu irratti duulaa jiruuf ifaa dha. Diddaa ummatichi kutaa Oromiyaa mara keessatti sirna kana irratti agarsiisaa jirutu sadarkaa toyannoon ala bahutti dhihaachaa jira. Ilmaan Oromoo muratoo hidhatanii qobsootti bobba’an qofa osoo hin taane, achuma goluma Wayyaanee keessaa jagnoonni Oromoo muratoon tarkaanfii laalessaa fi naasisaa qondaalota sirnichaa irratti fudhachuun babal’ataa deemaa jira. Kana irraa ka’uun sirni kun rifaatuu guddaa keessa seenee argama. Akka kanatti Oromiyaan yeroo gabaabduu booda harka isaa keessaa bahuuf akka deemaa jirtu Wayyaaneen waan hubate fakkaata. Kanaaf ammoo tarkaanfiin akka furmaataatti fudhate Oromoo hiikkachiisuu, walii isaa fi olloota isaa wajji walitti buusuu, walumaa galatti keessaa fi alaan nagaa dhowwatee irree qabsoo ummatichaa laamshessuu dha. Ummanni Oromoo hawwiin diinaa kun akka hin milkoofneef harka tokko tahee dura dhaabbachuu qaba. Miseensonni OPDO osoo hin hafne gaafatama seenaa hin oolle jalaa bahuuf jecha daba ummata Oromoo irratti raaw’atamaa jiru kana ifatti dura dhaabbachuutu isaan irraa eegama.
Yeroon kun Oromoodhaaf yeroo itti meeshaa waraanaa baranee gahaatti hidhachuudhaan of ittisan malee yeroo itti meeshaa aadaadhaan qabaniyyuu hiikkachiifaman tahuun irra hin jiraatu. Keessumattuu qeerroon Oromoo akka qeerrummaa isaatti bakka jiru maratti jaaramee meeshaa baranee diina irraa saamee hidhachuudhaan ummata isaa salphifamaa jiru kanatti kabajaa deebisuuf sosso’uun gaaffii yeroo ti.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Infoo Deeskii ABO
No comments:
Post a Comment