“SHIRA KAN BEEKU, SHIRA IRRAA OF TIKSA” !!!!

Muddee 02, 2013 | Y.G(2005)

Shirri diina keenya adda duraan nu irratti raawwatamaa jiru, sadarkaa shiraa dhaloota itti aanu irratti hojjatamu irra ga’eera. sadarkaa hegaree Oromoo gama hundaan laamshessanii of jalatti jiraachisuu fi shira gara jabiinaa, kan isaan waliin dhaabbate “Oromoo” ta’ee, kan isaan waliin hin hiriirre/jirre Oromoo miti Ashabbaariidhaa kan jedhu irra ga’aniiru. Kana raawwachiisuuf shiroota nu irratti gaggeessan kan wallaalu hin jiru. garuu shira kana cabsuuf ykn shira isaan nu irratti gaggeessan kana irraa of baraaruuf, jaallannus jibbinus beekuun nu barbaachisa. Shira isaan nu irratti raawwatan kana of irraa ittisuun qofa odoo hin taane, nuutis isaan irratti hojjachuun irra aanu qabna. Qabsoo Ummata tokko keessatti, waanni hangafaa shira diinaa irraa of tiksuudha. Garuu nu irra shira waggaa 100 oliif nu irratti raawwatame irraa barachuu dadhabnee ittin takaalamaa jirra. Kun hangam qaanii akka ta’e hubachuu nu barbaachisa.
Shira diinaa hubachuun dhaaba qofa irraa kan eegamu miti. Shira dursanii hubatanii dhaaba haalli itti tiksan ni jira. Diina irratti akka Ummataattis akka dhunfaattis shirri gaggeeffamu danda’u daangaa hin qabu. Wayyaaneen Qabsoo Oromoo kophaatti adda baafte, Ummatoota Biyyatti itti duulchisuu barbaaddi. Kun shira wayyaaneeti. Shira wayyaanee kana kan hubate yk kan beeke, dhaaba siyaasa isaatti huabachiisuun akka jirutti ta’ee, shira wayyaanee kana of irraa qolachuuf akka dhuunfaattu waan hojjatutu jira. Inni duraa shira kana huabchuudha. Isa booda isa kaan hubachiisuudha. Kun mindaa kan barbaachisuun miti. Odoo ijaan arguu yoo callise garuu, gabrummaa jala turu ummataaf innis itti gaafatama jechuudha. Diinni yeroo hundaa Ummati inni gabroofatu barbaadu, akka dammaqu hin barbaadu. Sabaabaan adda duraa shira hojjatamutti akka hin dammaqamneefidha.
Yaada har’aa kana gadi fageessee dirree kana irratti katabuu hin barbaadu. Garuu fakkeenya tokko tokko kaasee, shira diinaa hubachuu fi “amma cufatanitti Danqarachuu” walitti fiduun fedha. waan hundaa irra hubachuun kan nu barbaachisu, shira diinaa irra jireessa kan of irraa ittisuu danda’u Ummata. Waan dhaaba siyaasaa isaa irratti hojjatamu hundumtu naanna’ee naanna’ee Ummata irratti miidhaa fida, wanni jabiinaan irratti hojjachuu qabnu kanadha. Wanni gadi jabeesssinee qaama taasifachuu qabnus kanadha. Xiyyeeffannaan diinaa adda duraas kanumadha. Dhaaba shiraan yoo diigan hangam fagaatuu dhalooti waan jiru sirreessee qajeelchee lafaa kaasuun hin hafu. Kan argaa jirrus kanuma. Yoo Ummati tokko diigame garuu gara itti deebisan hin qaban. Qabsoon Ummata kanaas akka diinni barbaadu kan hin taaneef, kanaafidha.
Shiroota diinaa Gandummaa, Amantiin nu qoode akka barbaade nu gochuu isaa kaasuu hin barbaadu. Sababaan waggaa 100f dubbachuun hedduu nama qaaneessa waan ta’eef. Kan hedduu nama raaju shira diinaa kanaan warri jalqaba miidhamanii Ummata isaaniis miidhan hin jiran. Garuu isaan ni du’an malee waan isaan Ummata isaanii ittiin miidhan isayyuu nama barateen dabalamaa jiraachuun isaa hedduu nama raaja. Dhugaa waan raajiiti.
  1. Waan hedduu nama raaju irraa haa eegalu. Maqaan ibsitu eenyummaa nama tokkoti. Daa’immaan waggaa 20 asitti dhalatan maqaan isaanii kan isaan hin ibsine irratti fe’amaa jiraachuu wayita dhageessan maal jettu ? ijoolleen har’aa maqaan kee eenyu yennaa jedhamtu, geetaachoo fi gazzaahinyi jechuun ammallee itti fufeera. Qabsoo kana dhaloota haaraatti akka ce’uuf feena taanaan hojiin jalqabaa MAQAA moggaasu irraa eegala. Maqaa moggaasuun eenyullee guddate akka of gaafatu godha. Eenyummaa saba keenyaaf falmina yennaa jennu asi akka eegalu qabu hubachuu nu barbaachisa. Ani akkan jedhutti, Amantiin kamuu maqaa oromoo kan lagatu natti hin fakkatu . badhaasaan Amatii fe’ee keessa seenuuf maqaa geessarachuu qaba yoo jedhame ani hin fudhu. iyyarusaaleem ta’uu baannaan, amantiin tufe si gata naan jennaan na tufee haa gatuun deebi kiyya. Gama kanaan of gaafachuu kan qabnu, nuuti maqaa namaa baannee waan feenu keessa yennaa seenu yaadnu, isaan kan keenya moggaafatanii waan nu biraa barbaadan guuttachuu ni yaaluu? mee waan qabatamaa haa kaasu. Har’a Qooqi hojii Oromiyaa QOOQA OROMOODHA. Maarree saboonni biro hojii argachuuf maqaa keenya moggaafatan ni jiru? waan dhaloota har’aa irratti hojjannu haa hubannu. Waggaa 50 booda qabsoon keenya itti fufu qaba yoo jenne, maqaa ijoollee keenyaa irraa haa eegallu. Waan qaanii har’a dhageenyu taajjabbiidha. Amma cufannutti danqarachuun waanuma salphaa kana irraa madda.
  2. Wayyaaneen har’a Sabboonummaa Ummata Oromoo dagaagaa dhufe laamsheessuuf, ol-aantummaa qooqa tokko milkeessuuf suuta hojjachaa jiraachuu argina. Keessattu ijoolleen Oromoo gama hundaan akka Afaan kanaan hojjatan taasisuun suuta nu cabsaa jiraachuu argina. Naannoolee biroo Qooqi hojii isaanii Afaan Amaaraa ega taasiftee bubbultee jirti. Oromiyaa keessattis suuta hojjachaa jiraachuu argaa jirra. Biiroo Barnoota Oromiyaa garba garbaa gadii kan akka Dhaabaa Dabaleefaa irra keessee akka fedha isheetti tarkaanfachiisaa jirti. Adeemsi baruu fi barsiisuu akka gufatu taasiaa jiran. Artistoota Oromoo sadarkaa Biyyatitti beekaman ofitti qabdee, agarsiisa adda addaa hojjachiisuun Amaarinyaan gannata seenamuun akka danda’amu mul’isaa jirti. Kana irra hin deemu. Shira diinaa kana fashalsuuf waan hojjachuu dandeenyu hin jiru? Artistoonni kun maaf achi cillaanfatu? waan isaan callaanfachiisuu kana nuuti gurmoofnee gochuufii hin dandeenyu? Yunivarsitii haa ta’uu koleejoota keessatti Afaan Amaaraa akka babal’atu kan taasise irra jireessa Ilmaan sabootaa addatti ilmaan Oromooti. Kan har’aa hin beeku. Gama sirbaan, walaloo katabuun, Diramaa katabun, hojjachuun Amaariffi akka Ummata jilbeenfachiisuu taasisu keessatti qooda jiru yennaa qorannu, waan salphaatti dammaquu dhabuu keenyatti of qeequ qabna. Gabaabaatti waan nuuti of irratti gadi dhaabne kana buqqisuu hin dandeenyu? sabummaa keenyaaf yoo yaadna ta’e maaf waan kun akka laafataa deemu hin taasifnu? maaf ijoollee Afaan kana miilaan dhaabanii jiran Biyyaa hin baafnu. Nuuti akka dadhabnuuf Ummata keessaa nu ari’uu miti?  maaf kana irratti hin hojjannu? yoo kun ta’uu baate ammo gara Qooqa lammii isaanitti finnee, waan argachuu qaban uumnee akka kan isaanii jabeessan maaf hin taasifnu? kun qawwee baachuu hin barbaachisu. Abbaan qabeenyaa tokko waanuma raawwachuu danda’uudha. Dhaloota har’aa shira diinaa irraa baraaruuf, waan dhalooti itti gammaduu if itti boonu hojjachuuf gama hundaan irratti hojjachuudha.Dhalootis ta’e Ummati kaan kan namaa ilaalaee akka hin mo’amneef, waan kan diinaan gitu hojjatanii dhaloota olfachuudha. Ol-aantummaa Amaarinyaa dhorguuf, Amaarinyaa irratti shira nu irratti hojjatamu hojjachaa, qixxummaa qooqa keenyaa fudhachiisuun ni danda’ama. Mormuun qofti bu’aa hin qabu. Isaan fuulleetti kan nu morman dachaan, kan shiraan lafa jala hojjatantu nu miidhe. Yeroon Afaan Oromoo Afaan saba guddaa jechaa boolla nu qotan hedduu. Nuuti garuu Diraamaa DVD isaanii qofaa miti, mobaayila keenyaa fi kompiyutara keenya guuttannee ittiin of mooksina. Dubbiin jiru, isaan keenyaaf mararfannaa akkasii qabu isa jedhuudha.qabaachuun mee haa ta’u . garuu kan keenya irratti hojjachuu dhiisuu keenyatti gaabbuu dhiifne bara baraan yoom akkas taana? jennee kan keessa keenyatti gubannu meeqa? caalaatti kan nama gaddisisu, Diraamaa jiranii fi sirboota biyyatti jiran irra jireessa kan Ummati maraatuuf, walaloo isaa fi sirbitoonni irra jireessi kan dhala oromooti. Oromoo Afaan amaaraan sirbee Amaariffaaf akka booji’amnu taasifama. Raajiidha..waan kolfaati.waan dabaati ! kun eessaanu nu hin ga’u.shira nu irratti hojjatamu beekanee, isa kaan irratti hojjachuu baannaan yeroo hundaa mo’amuun keenya hin hafu. Maaliif shirri diinni nu irratti hojjatu nu tolchuuf akka hin taane beekamaa waan ta’eef.
  3. Gama biroon Atileetoota Oromoo Biyya keessaa irratti waan hojjatamu yeroo hedduu ka’eera. Atleetoota kana akka dhuunfaatti adda isaan baasuu ykn gargar qoodu qofaa odoo hin taane, maatiin isaanii akka diigamee adda ba’an taasifamaniiru, taasifamaas jiru.maallaqa isaaniif jedhanii, warra waliin jiraachuuf kakate adda baasanii kan isaan waliin mana dhaabbate hedduu, kana yeroo biraaf haa dhiifnu. Atileetota kana yeroo ammaa qaamni isaan gorsu ykn isaan akka isaan gorsaniif kan fialatan isaantu beeka. Garuu Hojii investimantiin jedhame wanni isaan irratti dalagamu kana callisanii ilaaluun barbaachisaa miti. Rakkoo ulfaataan Federeshinii Atiletiksii keessa jiru lakkoofsa hin qabu. Atileetinis Leenjisaanis Biyyaa akka ba’u taasisuu fi bakka isaanii warra sirnichaaf jiran barnoota gababaan bakka qabsiisaa jiraachuu argaa jirra. Atileetoonni Oromoo gurguddoo, hanga yoomitti HOTEELA ijaaruu qofaa irrratti akka duulan taasifama? Atileetoonni Tigiree Hoteela irratti bobba’an eenyufaati? kana waliin Abbootiin qabeenyaas ta’u beektoonni keenya Biyya keessaa maalfaa’a irratti akka bobbaafamaa jiran kan hubateef hegaree keenyaaf yaaddoo goddaa horachuun hin hafu. Kana dhaabuuf shira gaggeessuu dandeenyu hin qabnuu? wal gorsuu hin dandeenyu? Keessa keessaan wal deeffachuun hin danda’amu? akkuma jirutti diinatti of laannee taa’uu qabnaa? kan keessa isaatti hubatee jiruuf kun hundumtu salphaadha. Shirri diinaa amma nu burkuteessutti eeguu hin qabnu .
  4. Wayyaaneen Biyyatti gooxii shan-shan jedhuun adda qooddee jirti. Kun maaliif akka ta’e kan wallaale hin jiru. Ashabbaaroota tu’achuuf akka ta’e beekamaadha. dubbii osoo hin baayyifnee kun hsira wayyaanee nu irratti hojjattuudha. Shira kana shiraan deebisuutu qoricha. Kan toletti itti fayyadamanii isa kaan diiguun. Kun qooduma dhaloota har’aa ta’uu qaba.waanuma salphaa. shira diinaa kana dantaa ofiif olfatanii amma cufanitti danqarachuun ni danda’ama.

Shirri diinaa lakkoofsa hin qabu. Shira diinaaf mo’amanii ka’anii gabrummaa balaaleffachuun wal hin fudhatu. Gara laafessummaan eessallee hin geenyu. Addunyaa haqa namaa dantaan jijjiirtee dhiiga dhala namaa lolaatti fudahttu keessa jiraachuu keenya hubachuu qabna. Kolfaa kan nu ajjeese meeqa agarre? kana dubbatachaa jiraachuu hin qabnu. Diina jechaa nagaa yaaduufin hin ta’u. shiraa fi hammeenya nu dhabamsiisuuf deemuutu nu irratti hooajtamaa jira. Nutis kana jalaa ba’uuf shira barachuun murteessaadha. Gama kanaan waa hedduu kaasuun ni danda’ama ta’a. garuu diina sooruu ta’aa, ykn sadarkaa kana irra jiruuyi? jecuus ta’a kan hafee rabbi itti haa guutu !!!!!!!!!!!!
Galatoomaa !

No comments:

Post a Comment