Afaan Ingilizin duubisuuf Addana Tuqaa
Karaa giixirsaa qabsoon Oromoo keessa darbee as gahe yoo of duuba deebinee ilaalle hammam akka yeroon barrisu hubachu dandeenya. Hundi saa lafjala ija firaa fi hamaajaajii irra dhoffamee tolfame. Akeeki ture dhaabaa garbummaa, qaanii fi gadgalumaa jalaa nama baasu ijaaruu ture. Qabsaawoti yaada saanii kan facaasan barruu harkaan qophaawee fi ergaa afaaniin ture. Yaa’a sana keeessa akkastuu alkoolii fi “stencil”tt dhimma bahaniiru. Maxxansituun komputara seenaa dhihooti. Rabsi harkaa harkatt dabarsuun gaggeeffame. Si’anaa qunnamtiif faaksii, maxxansituu haada malee, makiinaa akkaasaa fi interneetiin,haala shaffisummaa, dammaqsaa fi facaasaa jijjiiraniiru. Qooqoti “blogging, twiter, face book fi cell phone” jedhaman qabsaawota dursoott abjuunuunuu itt hin mullanne. Akka sanatt dhaaba adda Bilisummaa Oromoo jedhamu uumanii sagantaa malbulchaan kaayyoo saa lafa kaa’an. Achirraa cunqursaa ofirraa faccisuun eegalame. Raagota turani; hamma yoonaa sararaa saanii masakaa yoo dabeettii keessa deebitu hin taane kan soba buusisuu aggame hin jiru. Bakka amma jirru ga’uuf walgahoti akkamitt gaggeeffamaa akka turan, meeqatu nageenya, qaama fi lubbuu saanii akka itt baasanii fi meeqa akka jiraan keessaa harca’an se’ata dubbisaaf haa dhiifnu.
Meeshaan olitt kaafne hundi yeroo sanaaf ammayyaa turani. Guddinni shaffisaan teknolojii meeshharkaa durii dhimma hin baafnee tolcheenii jiraa. Akkawoon barreessaa kanaa kan 60moota keessa duutee waa’ee telefoonaa dhageesse ta’a malee dhimma itt hin baane. Hardha garuu jireenyi saanii waatattaa, kan isaa durii hoduun dhagahan hawwisiisuun haa ta’u malee, abaabileen see bosona biyya see keessatt “cell phone”tt dhimma bahaa jiru. Kanaaf ajjeessoo dullachi guddina teeknolojiitt dhimma bahuuf haa ta’uu jireenya ummataa wayyaatt jijjiiruuf sammuu dargaggoo shaffisaa tahe qooda fudhachiisuun dirqii ta’a. Sun dullachoota irraa karoora ceesisaa gaafata. Kan gadamojjeffaman irraa kan Baallii fudhatan kara deemaa Badhaatuu fi Badhaasaa hunda utuu hin ta’in jallewwan saanii qabsoo, dambooboo, dhaaba dubbiin laaltuuti. Oromiyaa walaba keessatt heerri kan tiffamu guutummaa sabaan ture. Gadaa haaraan seerota foyyessuu yk jijjiiru nin danda’a ture malee sirna sana gochuu isa dandeessise miti. Ammas yoo ta’e miseensi hooggansaa kamuu akka eegduu amanamoon isaan qofa ta’ett of ilaaluu hin qabani. Mana saanii qulqulleessanii yeroo murtaawaa Baallii itt dabarsan labsuu qabu. Akka ummati bara baraan waan jiratuuf eegduu kaayyoo ofii tahe fudhachuu dha.
Sochiin bilisummaa Oromoo kan ABO fi kanneen isa irra habaqalaman dabalatu gaafii yeroof deebii kennuu hanqataa jira. Hedduun akka kaasaatt taasisa baayyeett qubaa qabu. Humnnooti alaa hedduun akka dantaa Oromiyaa keessaa qaban ni mullata. Kanaaf dhiibbaa hamaan isaan tolchan guddaa ta’a. Garuu sun akka kaasaa muummichaatt dhihaachuu hin danda’u. Dhibdeen qabeenyaa, muuxannoo fi walqayyabannoo akka durii kaasaa dha jedhamuu hin danda’anii. Sadarkaa dhaabaatt dhibee kootammi keessaa ka’a. Mana ofii qulqulleessuu fi qaawaa hunda duuchachuu dadhabuun qilleensii hamaan galee faaleera. Sun erga ta’ee kaayyoo eenyu akka deggeru, farri kaayyoo isa kam akka ta’e fi eenyu keettoo diinaa ta’uu baruun rakkisaa dha. Gara ummataatiin muxannoon colonaawu qabanaawaa waan isa tolcheef ofbaruuf hedduutu hafa. Kanaaf kan inni dhaabota saa haa ta’uu cunqursaa irratt komee hedduu kan hin darabnne. Dhaaboti malbulchaa yeroo ummanni rakkina keessa jiru biraa dhibuun hamma yoonaa obsaan irra darbame. Fayyisaan biraa dhufinnaa jedhanii eeguu manna naannatti argamanii akka inni miixatee rakkina keessaa of baasu gargaaruun dirqama saanii ture. Fakmishoon Tafarii bara Waraana Lammaffaa amma hin hojjetu.
Hogganooti dhaaba jallatamaa fi guddaa akkasii uggootaa fi gaaga’am hin sodaannee ta’uu qabu. Akeekatt cichuu malee nammi maal jedhaan qollifachuun dadhabina. Akkaakuu sana silaa tuuta gaggeesan irra adda kan isaan tolchu. Heerri bu’uuraa Adda Bilisummaa Oromo walabummaa Oromiyaati. Yoo sun dhoofsisatt dhihaate ABO utuu hin ta’in waan biraa ta’a. Sun qabattee irraa dheessan ta’uu hin qabu. Namooti ajjeefamaa, hidhamaa, biyaa ari’amaa, baqatanii bakka akeekkatan hanqataa fi maqaa ABOn guraaramaa jiru. Hoogganooti ulfina qaban sirritt hoogganuu yk dadhabne jedhanii bu’uu dha. Hanga dhaabichi du’utt yk moggeeffamutt duubatt harkifachuun cubbuu dha. Murtiin dhiheenya Oromoo miseensota dhaabota mootummaa koloneeffataa waliin hojjetan afurtamaa olitt kenname, Oromoon maalii waliin akka haasa’aa jiru agarsiisaa. Fedha ummati walabummaaf qabu hawwaa fi hankaaksi kamuu haquu hin danda’uu. Kadhaa haa ta’u harka kennachuun gonka garaa diinaa hin laaffisuu. Kanneen duchiisaa bahanii, eegee suuqqataa deebi’an irraa homtuu hin eegamu. Dorsisa ABUT hoomishamanii tuulaman irraa daangessaan (“yirgaan” ) isaan oolchu waan hin jirreef duubbeen saanii isaan yaacessaa jiraata.
Diinoti keessaa fi alaa ABO mancaasuu ni yaalu ta’a; garuu yoo qabsaawota laashessuu hin taane kaayyoon dandeetii saaniiraa fagaatee jira. Surrii fi onnee aba tokkoota Oromoo irratt goodamee hafa. Hanqina dandeettii qabaachuun, daddaaquu, dudhama dhabuu fi beekaa waa dhiisuu dhibuun gufannaa yerooti. Hoogganootii amma jiran “Waamicha Lubbuu keenya Oolchaa” ummataaf deebii kennuu dha baannaan wayitt hin gallee tahu. ABO, dhaabi Oromoo guddichi miseensota saa addatt ayyaana sabichaa ta’ee jiraa. Dhaaboti Oromoo dhugaa walabummaaf dhaabbatan gara tokkummaati duufuu agarsiisaa jiru. Barreessaan kun moor saa “Prison of Conscience” keessatt qabattee kana irratt ilaalcha Oromoo hubate xiinxaluu yaalee ture (fuula 358-360).
Oromoon walitt mufatus, waljibbus wiirtuu irraa hin kaanne qaba. Bilisummaa sabicha irra fagaatee hin deemu. Kan hojiin farraa ta’e illee afaaniin hamaa baasuu ni rakkata. Kanaaf caalatt wal hubachuun dansaa. Murnooti ABO irra citan unkaan malee qabeen sagantaa sochii bilisummaa bu’uuraa gad hin dhiifnee. Kanaaf walitt dacha’uun akkuma. Hogganooti dubbiin laaltu harkifachuu irra bahanii walsimachuutu qabsoo qajeelcha. Yoo hundi keessaanlaalummaa fi garaa qulqulluun walitt deeman sochii bilisummaa f walabummaaf injifannoo dha. Yeroo amma yoo dhaabichi lubbuuf wuxxifataa jiru kana murnooti yk abba tokkooti kamiin saaniiyyuu caalaatt babbaqasuu yaalan yoo jiraatan ergamtoota badii, diinni wakkalatett lakkaawamu. Gochi saanii maqaama saanii malee ABO kan hubame caalaa hubuu hin danda’u.
Hardha sochii hawaasomaa keessatt rogi haaraan gara Oromoo Badiin mullataa jira. Rakko jirutt qabaa qabaan itt siqaa jiru. Kanaaf sochooti “Afaan, Bu’uursa Madda Walaabuu, Oromo First” jedhaman fakkeenya ta’u. Hawaasa Oromoo keessa hanqinooti jiran dhaabota ciccimoo uumuun irra haanamuu ni dandahama. Dhaaboti hawaasomaa amma uumamanii fi fulduratts tolfamuu dandahan ayyaanni Oromummaa gilgila ta’eee turuu dhugoomsuun yeroo hunda of ifsaa fi dhagahamaa akka jiratu mirkaneessu. Garuu hoomishi saanii dhimma malbulchaaf nafii guddaa qabaatullee, isaan dhaabota malbulchaa bakka bu’uu hin danda’anii. Garuu cooreen walitt yaatee doloolloo akka gabistu irraanfachuu hin qabnu.
Kanaaf dhaaboti malbulchaa sanatt dhimma bahan jiraachuun barbaachisaa dha. Gadjabeessi dhaabota haaraa, kaamessumaa, shaffisummaa fi ogeessuman, akaakuu dhaabota malbulchaa, diinagdee fi hawaasomaan akkeeffamuu qabani. Sichi mesharkooti dullachii fi haxaaruumman dhimma hin baasanii. Sadarkaa beekumsi Ilmaan namaa gahe kanatt san irra deebi’anii dhimma itt bahuu yaaluun of ajjeesuu dha. Namoota ilaalchaan gargar ta’ani irra amanamummaa argachuuf dargaggoon amma sochii hawaasomaatt bobba’an hojii saanii haaraa keessatt fedha dhaaba malbulchaa kamiiyyuu calaqisuu irra of eeguu qabu. Dhaaba malbulchaa filatanitt seenuun keessaan dhiibba irratt gochuu yaaluun mirga saaniiti. Sana malee, alaan baqasanii itt seenuuf “fiinoo Joshuwa” isaan barbaachisaa.
Yaadi jajjabduu sammuu keessaa qaban muuxannoo qabsichaan walitti qabamee madaalamuu qaba. Qabsichi akkamiti jalqabe fi jabinnii fi laafinni saa mal akka ture qorachuu qabu. Tuqaa sana irra ka’aniitu dargaggoon waa’ee dhaala saanii haasawuu kan danda’an. Dhaalli sirna qabeessi yaa’a wal qayyababannoo murna lamaa, isa bahuu fi isa galuu irratt hundaawaa. Kan biraa aangoo humnaan qabachuu dha. Nammi tokko yoo “ Yeroon kun keenyaa, karaa gaddhiisaa” jedhu akka dogoggoraan hin hubatamne waa’ee yaa’a isa kamii akka baanu ifaa gochuu qaba. Humnaan angoo heerawaa butuu yaaluun dhaabicha kaayyoo saa waliin balleessuutt fudhatama. ABOn ayyaana sabichaa ta’ee jira; eenyy uu isaa fi kaayyoo inni ittiin deemu mancaasuu hin danda’u. Diinni beekaa sana dhiisee miseensa ta’anii dhiisanii ilmaan Oromoo bar tokko ayyaana sana bulfachuu danda’innuu jedhu hunda balleessaa jira. Darggaggoon warraaqoo ta’an ala dhaabbatanii gadooduu mannaa dhaabotatt seenanii keessaan jajjabeessuu wayyaa. Yeroo furtuu kanaa kan barbaachisu waggaa dhalootaa utuu hin ta’in onnee waarraaqsaatii.
Tumsi “Biiraan Beddellee” jajjabeessaa qacceefixaa utubuu saa balaaleffachuuf dhiheenya tolfame meeshaan qunnamtii ammayyaa hagam dhimma baasaa akka ta’e hubachiisa. Naannaa yaada tokkoott, yeroo gabaabduu keessatt namoota ilaalcha walfakkaataa qaban shaffisaan walitt fiduun salphaa akka ta’e mullise. Sun dhaabota malbulchaa naannaa ofii fi sun sochii bilisummaa Oromoo irratt dhiibbaa maalii akka fidu hubachuu dadhabaniif barnoota ta’uu qabaa. Karaa rakkisaa keessa darbanii dhufan yeroon hagam akka barrisu fi ijaajjee akka isaan hin eegne, mildhuu xinnoon itt agarsiisuu dandeetti turtee. Sochichii akka durii lafjala qofa mitii akka hedduu hin dhoffane iji nama si’anaa ija Waaq ta’aa jira; meeshaan quunnamtii fi raabsaa akka kurnan shan darbanii duubatt hafaas miti. Yeroon kun yeroo ummata manii saa fedhutt hoogganuun, hankaaksituu fi luuxxee galtuu itt qaanesuun danda’amu.
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!
No comments:
Post a Comment