Kutaa 1ffaa Duubisuuf Addana Tuqaa
Yaada koo har’aa, yk kutaa 2ffaa, qabxiilee lama, kan kutaa 1ffaa keessatti itti fayyadameenin eegala. “Tokkummaan nu barbaachisu maal irratti? Tokkummaa nuuti barbaannu, tokkummaa maaliitii? Tokkummaa Bara Abbaa Biyyaa turreeti? Tokkummaa Bara Gadaan tureetii? Tokkummaa Dhiigaatii? Tokkummaa Siyaasaatii? Tokkummaa Ummataati? Tokkummaa Dhaabbilee Siyaasaatii ? Tokkummaa Sabummaatii? Tokkummaa yaadaatii? Tokkummaa ejjannoo Siyaasaatii? Tokkummaa Qabsootii? Tokkummaa Ilaalchaatii??Tokkummaa jireenya hawaasummaatii? Tokkummaa Amantii fi Gandummaa dhiifnee waliin jiraannudhaa? Tokkummaa maalii barbaanna? Tokkummaa Bilisummaa dura Qabsoo keenyaaf barbaachisu moo, kan Bilisummaan boodaati ?,,,,,,,,,,,” (kutaa 1ffaa keessaa ka fudhatame)
Egaa tokkummaan nuuti barbaannu kana hundaa kan hammatu ykn garii isaa fudhatee isa kaan dhiisu, ykn amma kan nu barbaachisu tokkummaa isa kanadha! jennee yaada mataa keenyaa tarrisuu dandeenya ta’a. mee tokkummaa nuuti hawwinu kana waliin, Lammiilee keenya addunyaa kana keessa hanga jiraatanitti, Amallis, beekumsis, qalbiinis, jabinnis, laafinnis kkf horachuun isaanii waan hin hafne. Kan Umamaa amala gara garaa badhaafamees akkasuma. Namoota armaan gadii(kutaa 1ffaa keessaa kan fudhe) yaada, ilaalcha, fedhii fi amala adda addaa qaban kunniin, akka hawaasaatti Tokko taasifna yoo jenne ni ta’aa? bara falmaa diddaa gabrummaa gaggeessinu kana keessa kana hundaa Ummta keessatti tasgabbeessuu dandeenyaa? yoo ni yaalla jennee ni milkoofnaa? namoota amala adda addaa qaban kana ammoo, gara Qabsootti galchaatii xiinxalaa. Mooraa qabsoo keessatti maal uumu?? Tokkummaa hawwiinun ala, kakuu lafeen gootawwanii naa haa waraanuu san ni dhugeessuu? Tokummaa wareegama barbaadu nu goonfachiisuu? haalli kun nu hin mudannee? miidhaa maalii nu irraan ga’e? irra deebi’ukootti hin nuffinaati irra deebi’aa dubbisaa xiinxalaa.
Mee, Nama Sirna Gadaa akka gaaritti beeku, Nama Aadaa Oromoo akka dansaatti beeku, Nama Seenaa Oromoo beeku malee ittin hin jiraanne tokko, beektoota waan Oromoon qabuun Faranjiin isaan eebbiste, Nama jireenya isaaf akka malee fiigu tokko, Qabsaa’aa Qabsootti jiru tokko, Namoota Amantii leellisan keessaa tokko, Nama Amantii isaa jaallatuu fi dhimma Oromoof dursa kennu tokko, Nama waan Amantiin addunyaa isa barsiiftu itti amanee dhufaatii saba isaayyuu galaana ceesisu tokko, dhaloota qubee tokko, Daldalaa tokko, Sooressa tokko, Abbaa Qabeenyaa bara kana keessa tujaare tokko Nama Siyaasa addunyaa fi Biyyoota adda addaa keessatti qooda qaban, Nama sadarkaan beekumsa isaa yunivarsitii addunyaa keenya irraa bebbeekamoo keessa jiru, Nama guyyuu dhimma ummata isaaf ifaajju yk Ummata isaa addunyaatti beeksisuuf gama hundaan tattaafatu, Nama Qabsoo keessaa gane, kan Angoof bololu, basaastuu diinaa, Qabsaa’aa kan fakkaatu, Sabboonaa fi fakkeessa ………..kkf. walitti fidaatii,, mee Waan TOKKUMMAA yaadaa .
Haalli kun miidhaa nu irraan hin geenye? garaagarummaan namootaa kun Takkaa qabsoo ho’isee deebisee hin qabbaneessinee?……garaagarummaan kun nu qofaa irratti kan mana ijaarrate miti. Ykn rakkoo kan uumees siyaasa keenya keessatti qofaa miti. Waan addunyaan itti jirtu hundaa dhadhamneerra. Kanaaf waan keessa keenyatti yeroof nu mudattun, abdii kutachuun barbaachisaa natti hin fakkaatu. Mooraan Qabsoo saba tokko gingilchamee inni murataan calalamee hanga keessaa ba’utti, waa hedduu nu mudachuun waan jiraati. Humna murataa gara keessaattis, gara alaattis, murtee keessa hin deebine amma ummannutti ykn kan umamee jiru hanga harka wal qabatutti, Tokkummaa dhabnee jennee humna wal buusuun hin barbaachisu. Yaada wal barbaaduu fi lubbuu walii kennuu danda’u wal qabsiisutu hafe. Qabsaa’oonni muratoon Qabsoo ganamaa cichoomiinaan irratti wareegamaa jiran, araada itti ta’ee miti. Ykn carraa isaanii yeroo dhalatanii ta’ee miti. Humna sana baasuuf hiraaraa jiran. Maqaa ganamaa, waadaa ganamaa, kakuu warra wareegamanii bakkaan ga’uu, yoo dadhabamee dhalootatti dabarsanii kennuf ifaajjaa jiran. Imaanaa Ummataa fi jaallan isaaniii wareegamanii diina jalatti darbatanii xuraa’uu irra, amma dhumaatti falmachuu kan filataniif waan jiru bakkatti deebisuuf ta’uu hubachuun dansaadha.
Asi irratti wanni kaasuu barbaadu, rakkoo xiqqoon yoo mul’attee, ololaaf jarjaruun kufaatii ofii labsuu ta’uudha. Addunyaan rakkoo ykn adeemsa qabsoo Isaaniif gufu waan itti ta’e, akkamiin akka bira dabran ilaaluun barbaachisaadha. Waan kana akka fakkeenyaatti ilaallee, furmaata tolfachuun murteessaadha. Furmaata tolfachuuf ammoo, mariin barbaachisaadha. Saba Mirga abbaa Biyyummaaf falmatu tokkof Tokkummaan qabsoo isaanii galmaan ga’uuf kami ????? kan jedhu adda durummaan ilaaluun barbaachisaadha.Tokkummaan ani yaadu bifa bal’aa qabaata. Bu’urri Tokkummaa Qabsoo keessa ijaarru ykn ummannu, Bara walbummaa Biyya keenyaa fi Bilisummaa Ummata keenyaaf labsinuuf hundee jabaa ta’uu kan qabuudha. (kana irratti gara fuula duraatti seenaa Qabsoo Biyya tokkoo dhiheessuun kiyya hin hafu )
Warri Qabsoo hadhaawaa gaggeessanii Abbaa Biyyaa ta’an, Tokkummaa baanamu yk jedhamu kana akka itti gargaaraman qabu. Bara kana keessa Tokkummaa qulqulluu arganna yk ni jira jedhanii hin amanan turan. Sadarkaa tokkoffaatti Tokkummaan Qabsaa’oota isaanii keessa jiru, waan jiraachuu fi dhabamutti fudhatan. Dirree ykn Mooraa Qabsoo gammoojjii ykn Bosona keessaa qabanitti ammas, tokkummaaf ejjannoon qaban, kan jiraachuu fi dhabamuuti. Waan tokkummaa isaanii dura dhaabbatu ykn Tokkummaa isaaniif gufu ta’a jedhaniif obsa hin qaban. Eejjannoon kun firaafis diinaafis tokkuma.kana Qabsaa’aan tokko guyyaa qabsoo kanatti seenee kaasee kan itti himamuu fi haalaan hubatee itti seenuudha. Tokkummaa kanaaf hundeen Dirree qabsoo ta’uu hubadhaa !! hordoffii jabaan barbaachisaa waan ta’eef.
Biyyoonni Qabsoo isaaniin Abbaa Biyyaa ta’an kunniin, Tokkummaa Dirree Qabsootiin alatti jiru, akka amalaa fi haallan keessa jiranitti qopheeffatan. Ummata isaanii Biyya sarbaman keessa jiraatu Tokkummaa akkamii qabaachuu akka qabuu fi akkamiin akka tikifatu toftaa waliin qopheessaniif. Kan Biyya alaa jiraatee deeggarsa waan hundaa irratti hirmaatu ammo tokkummaa akkamiin akka walittii deemu qabu hojjataniifaa. Tokkummaa qabsoo ofii milkeessu. Dantaan dhuunfaa hangamu nama mootu, adeemsa qabsoo akka hin gufachifnef tokkummaa qabaachuu. Qajeelfama ittin masakaman baasaniif. Qajeelfamii kun ammo, akka qabsoon isaanii galma ga’uu danda’u irratti hundaa’ee kan hojjatamee waan ta’eef, fedhii namootaa asi keessatti keessummeessuu hin barbaanne. Namatu bakka sagal dhaabbatee waan jiruuf. Dirqamni Biyyi isaa irraa barbaaddu lafa kaa’aniif. Hundumtuu siyaasatti seenee akka wal hin takaalleef bakka jirutti dirqama kennaniif. Inni irraa fudhatus, dirqama itti laatamee guutee argamuu malee, kan isa kaanii keessa seenee hin laaqne. Kanaan ala Ummata isaanii keessaa nama barate, ogummaa qabu, addunyaa keessatti dhageetti qabu hundaatti dhimma ba’uuf, miseensa taasisuu odoo hin taane, Dirqama lammummaa kennaniif. Sagantaa qabsichaa waggaa 10, 20 yk 30 keessatti raawwachuu kan lafa keewwataniif akka tolutti dirqana itti kennanii hojjachiisan. karaa cirachuuf itti fayyadaman. Hundatti hojii kennanii wal nyaachuu laaffisuu yaalan.(kana yeroo biraa bal’inaan itti deebi’a)
Amma kan ilaallu qabatamaan jechuudhaa, Tokkummaan Ummata keenya keessatti barbaannu jira, Tokkummaan Qabsaa’oota keessatti barbaadamu jira. Tokkummaan Dhaabbilee Siyaasaa Oromoo keessatti barbaadamu jira. Tokkummaan Qabsoof waan barbaachisu gumaachuuf nurraa eegamu jira. Dhibee keessa keenyaa addatti barootaaf diinni nu keessa kaa’ee dhabamsiisuuf tokkommaan nu barbaachisu jira. Tokkummaan ka’umsa keenya irratti walii galuu nu barbaachisu jira. Tokkummaa ogeessitootaa, ,,,,,, jennee ijaarrannee dhimma qabsoof nu barbaachisu jira. Kana hundaa walitti fidanii waan bu’uraa baafachuun dirqama ta’a. Tokkummaan amma ammaatti dhugoomsuuf yaallu, Oromoon tokkodha kan jedhu malee, tokkummaa keenya kabachiisuu ykn tiksuuf, tarkaanfii barbaachisu hin fudhanne jedheen yaada. Tokkummaa dhabuu keenya waggaa dheeraa dubbanne. Sababaa dantaa ofii taasifanne. Garuu Tokkummaa argamsiisuuf wareegama akka barbaadu daganneerra. Kan hin daganne cicheema qabatee jira. Dhaamsa Gootawwan isaa tokkummaaf jecha bakka tokkotti awwaalamanii milkeessuuf ifaajjaa jira. Tokkummaa keessa adda baafnaa ykn gargar isin hirraa jennaan lakkii nuuti adda hin baanu jedhanii, Tokkummaa isaanii wareegamaan kabachiisan. Wareegamaan tikifatanii dabran. Kana Kan dagate garuu nu salphiseera. Nu salphisaas jira.
Kutaa 1ffaa keessatti, Tokkummaa dhabuu keenyatu nu miidhe odoo hin taane, Tokkummaa akkamii akka nu barbaachisu wallaaluu keenyatu nu miidhee jedheera. Kun ejjannoo kiyya. Sababaa isaa kaa’een, Tokkummaa nu barbaachisu ibsa. Sabni tokko addunyaa kana irratti wayita umamu, waaqayyoo waan waliin uumu qaba. carraan kun ammo Ummata addunyaa kana irra jiru hundaaf wal qixa. Waan waaqayyoo waliin isa Uumu sun ammoo, Mallattoo Saba sanaati.YKN eenyummaa fi maalummaa saba Sanaa ta’anii addunyaa irratti isa mul’isu ykn bakka bu’u. Saba tokko Maal waliin Uuma? 1= BIYYA 2= QOOQA 3= SEENAA 4=AMANTII 5=AADAA dha. Umamni saba kamiyyu kanaan ibsama. Saba tokkof kanneen deebii dhabuun qabsoo fi diddaaf kakaasan. Biyyi koo Oromiyaa, Qooqi koo Afaan Oromoo, Seenaan koo Seenaaa Oromoo, Amantiin koo isa bara keessa dhufes dubbachuu danda’a, Aadaan koo YKN jireenyi hawaasummaa koo Aadaa Oromoo jedhee of ibsa. Addunyaanis akkasuma. Kun hanqannaan gaaffii uumuudha. Ijoollee Ofii waan gabaabaa kanaan guddisuun, gaaffii tokko malee Qabsoo itti fufsiisuudha. Kana Tokkummaa keenya waliin haa ilaallu.
Dhalli Oromoo addunyaa kana irra lubbuun jiru, waan waliin umame kana keessaa kan hanqisu ykn deebiin wal hin fakkaanne yoo jiraate, tokkummaa keenyaaf rakkoodha. Biyya, Qooqa, Seenaan tokko taanee, Amantii fi aadaa ittiin guddanneen Tokkummaan keenya laafachuun waan hin hafne. Haala kanaan Tokkummaa keenya kabachiisuuf karaan itti deemamaa ture, waan shanan kana fudhachiisuudha jechuudha. Kun ammo ulfaataadha. Kana irratti mootootiin dhufanii dabranii fi ammallee jiran, humnoota alaa dabalatee dantaa isaaniif jecha, waan shanan kana nu harkaa gatuuf hojjataa turan, hojjataas jiran jechuudha. Kanas, Oromoo Itoophiyaa keessaan Oromiyaa nuu falmu nu dura dhaabuu irra ga’aniiru jechuudha. Walii gala waan ofii fudhachiisuun kun nu hin baafne.
Kan furmaata nuuf ta’u, Kan murannoo qabuu fi Qabsoo Oromoo milkeessuuf Tokkummaa isaa tikifachuuf of kenneen of ijaaranii, Qabsoo Saboonni fi Biyyoonni biraa itti kabajaman hojiitti hiikuudha. Akka kiyyatti, Dhaabbilee Siyaasaa Maqaa Oromoon dhaabbatanii jiran keessaa, rakkoo gama kamiinu yoo qabaates, ABOn ala Ummata Oromoof of laate kan ifaajjaa hin jiru. ABO muuxannoo addunyaan keessa dabretti ceesisuun murteessaadha. ABOn Biyya Oromiyaa diina irraa walaboomsuuf qabsaa’aa akkuma jiru, Oromiyaa Oromoo bifa adda addaan dhaabbatee jiru irraa walaboomsuu akka qabuu fi Ummata Oromoos halgaa irraa akkuma Bilisoomsu, Oromoo karaan jalaa bade irraa akka bilisoomsu hunduu bakka jirutti hubachuu qaba. ABOn Kaayyoo walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Ummata Oromoof dhaabbatee jira. Kaayyoon kun halgas ta’u Oromoota hin liqifamneef jiru. kanaan kanneen Kaayyoo kanaan duuba ta’anii jiran, Kaayyoo kana gama lamaan tikisuu fi kabachiisuun murteessaa ta’a jechuudha. Murteen kun ammo, kan jiraachuu fi dhabamuu qaban jedha. Kaayyoo kana milkeessuuf waan badus ta’e dhabamuu qabu dhabamuu qaba. Uruursaan nu ga’uu qaba. TOKKUMMAAN nu barbaachiisu isa kanadha .
Oromoon kanaa, Biyyi isaa Oromiyaa dhaa, aadaan keenya tokkodhaa, Gandummaa fi Amantiitu akkas nu godhee jennee kan hojjachaa turre, Tokkummaa hawwinu hin dhugomsine. Mooraa qabsoos hin jabeessine. Kanaaf Tokkummaa Qabsoo keenya milkeessu qofaatti maaliif hin tarkaanfanne? maaliif uruursaa kessaa baanee, addunyaan waan itti jirtutti hin ceene? Mooraa Qabsoo Ilmaan Muratoo ta’aniin qofaa maaliif gadi hin dhaabbanne? Tokkummaa warra ejjannoo tokko qabuu, Tokkummaa warra Dantaa Oromoo fi Oromiyaa kabachiisuuf of laataniin, Tokkummaa ofii kabachiisuutti warra amananiin maaliif hin hojjannu? hundee Tokkummaa keenyaa kan dhugaa of harkaa qabna. Kana diina keessaa fi alaa irraa tikisinee, akka kabajan maaliif hin taasifnu?. Karaa kanaan akka nu hin seenne irratti maaliif hin hojjannu?? Tokkummaa yoo xiqqaate diina irratti walii galuu, yoo ta’uu baate, karaa itti amananiin maaliif hin tarkaanfanne. Uruursuu irra, Tokkummaan of irraa dhaabutti maaliif hin ceene? kun ejjannoo kiyya. Oromoon Booranaa fi Baarentummaa irraa dhufee, kun kanaa, kun kanaa jennee wal mooksuun dhaabbachuu qaba. kana irratti Tokkummaan nu barbaachisu Tokkummaa gama hundaan of kabachiisuuti. Goobanaa barootaaf abaaruu fi dhaadannoon balaaleffachuun qofti OPDO miliyoonaan lakkaa’amu horachuu irra taree, kan Bilisummaa faarsaa tureyyuu nu keessaa fudhachuun ala maal nu fayyade.
Mee yaada walii galaa Tokkummaaf ta’u tokko haa kaa’u. fakkeenya kana bara 1997 Maanguddoo magaalaa kamisee tokkotu natti hime. Intarviwu dhimma maatii irratti hojjachuufan dhaqee ture. akkas jedhan. Fuudhaa heeruma nama lama giddutti raawwatamu kaasee, hanga waan waloo ta’e tokko milkeessuu keessatti, kan ta’uu qabu jedhan, Oromoon Nama dachee kanatti dhufe dhiiras ta’uu dhalaa, Umamaaan dhibba jedha. Dhibba jechuun, amaloota isaa nama waliin isa jiraachisu hunda, gaariis ta’uu badaan walitti dhibba. Amalli badaanis ta’uu dansaan addunyaa kana irra jiru hundi nama tokko waliin dhalachuu ykn umamu danda’a. isa badaa hanbisee isa gaarii fudhatee guddachuun maatii fi hawaasi isaa dhibbaa ni qabaatu. Inni yk isheen waan badaas ta’u gaarii kana akka dhuunfaatti, ittiin miidhaman, ittis fayyadaman. Kun nam-tokken yennaa ibsamuudha. Gama nama tokko dabalachuu kaasee, hanga jireenya hawaasummaatti jiruuf garuu kan biraati. Haala kana ammo, warra mana dhaabbachuu yaaluun naa ibsan.
Fuudhaa heeruma keessatti, Namoonni lameen mana dhaabbachuu barbaadan, mana tokkotti wayita dhufan, waan umamaan itii kenname, innis amaloota isaa 100, isheenis amaloota ishee 100 fudhatanii yoo mana tokko dhaabbachuu yaalla jedhan, Seera umamaa ala ta’anii 200n manicha guban . har’a mana dhaabbatanii bor diigan. Kan ta’uu qabu, amaloota dhuunfaa fi hammeenya qaban 50, 50 gatanii, AMALOOTA WALOO 50+50 walitti fidanii 100n mana tokko ijaarrachuu qabuu jedhan. Herreega kana saayinisiin qalbii namoota keenyaa fudhatee wal dhaggeeffachiisuu didu kana beekaa laata? Maanguddoonni keenya addunyaa akka itti ibsan kana, saayinisiin addunyaa kan beeku natti hin fakkaatu. fakkeenya kana fudhaati, AKKA Ummataattis, akka Ummata Qabsoo keessa jiruttis gamaagamaa. kanaafan, Tokkummaa Dantaa keenya kabachiisutti haa ceenu kanan jedheef. Waan nu hin taane gannee, galii keenyaaf qofaa maaf hin hojjanne? Tokkummaa Barsiisu irra, Tokkummaa keenya kabachiisuuf ykn tikisuuf maaliif hin murteeffannu? yaaadi kun tarii kichuutti hafee yoo ta’e malee, haaraa miti. Gootawwan keenya Gammoojjii Somaaliyaa keessatti bakka tokkotti ajjeefaman, Tokkummaa Barsiisuuf waloon of laatan moo, Tokkummaa isaanii wareegamaan dhugeessuuf yk Tiksuuf wareegama ulfaataa kafalan? Dhaaba isaani woo, kabachiisuuf of kennan moo, salphisuuf wareegaman? Faaruu Gootawwanii keessatti, maal irraa akka of tikisinu nu akeekan? tikisuu fi kabachiisuun ammo waa tokko alaas akka itti hin seenne, keessaas akka hin baane taasisuudha. Qorichi amma nu barbaachisu isa kanadha. yeroos Tokkummaa Hawwuun hafee, ittiin jiraachuun eegalama. Kana haala addunyaa irrrattii qabatamaan arginuun dhugeessu dandeenya.
CHAAYINAA :
Jabinni Tokkummaa chaayinaa tokkoffaan, baayyina Ummata isaanitti fayyadamuuf hojjachuudha. Inni lammaffaa , Biyyatti keessatti Ummati wayyaba waan hundaan wayyaba ta’e, Sirna jiru dursuudha. Inni sadaffaan, Biyyoota Addunyaa tu’atan caalanii argamuuf gama hundaan hojjachuu irratti tokko ta’uu, Chaayinaan Addunyaa gama hundaan akka dursituuf hojii qabatamaa dhalootaan hojjatamu irratti amanuudha. Lammiileen chaayinaa addunyaa irraa eessayyuu jiraatan, Lammii isaanii hin dagatan. Biyya isaaniif waa hojjachuutti ni amanan.kanaaf Tokkummaa Chaayinaa Addunyaa irratti kabachiisuuf yk tikisuuf qaban. Waan hunda irra adeemsa kana milkeessuuf kan isaan gargaaraa jiru, Chaayinaa kabachiisuu fi tiksuudha. Waan Dantaa isaanitti dhufu hundaaf of kennan. Bakkas qabsiisan. Ummati wayyabi biyyatti bulchu, chaayinaa baraaruuf murtee jabaa qabu. Chaayinaa hin facaane gadi dhaabuuf halkanii fi guyyaa hojjachuu irratti tokkummaa jabaa qabu.
AMEERIKAA:-Jabinni Ameerikaa, Addunyaa dura dammaquu isheeti. Waan addunyaa irratti har’a akka barbaaddetti waan hundaa irratti murteessitu kan taasise addunyaa dura dammaqixee, tilmaamtee caasaa ishee keessaan addunyaan akka sochootu taasisuu isheeti. Karaa seenaan ishee hundeeffamaa kaasee dhara irratti hundaa’a. Abbootiin Biyyaa har’a hin jiran. Jiraachuuf garuu qajeelfama keessa deebii hin qabne qaban. Qajeelfamni kun waan fedhe ta’u dantaa Ameerikaa kabachiisuudha. Tokkummaan isaanii Pentaagoon jira. Ykn humna waraanaa keessa jira. Tokkummaan isaanii Caasaa Addunyaa irraa , addunyaan odoo hin dammaqiin diriirfatan keessa jira. Tokkummaan Ummata isaanii Waan Mootummaan isaan bulchu taasisuuf irratti hundaa’a. sochiin addunyaa irratti har’a taasisaa jiran hundi isaa Dantaan wal qabata. Dantaa kana kabachiisuuf ammoo barnoota hin baayyisan. Humna dursan. Haleellaan har’a eessattu gaggeessan, har’aaf miti. dhaloota itti aanuuf humna hanqisaa jiru. dhalooti har’a jiru kan itti jiraatu waggaa 30 fi 50 dura hojjatan. Addunyaa irraa akka Ameerikaa of kabachiisuuf waan dandeesse kan raawwattu hin jirtu. Tokkummaa maqaa Biyyummaa Moggaafatan kabachiisuuf, of tikisan. Of tikisuun of kabachiisan. Kana dhugeessuuf keessaas alaas waan gufu itti ta’ee fi ta’a jedhanii yaadan dhabamsiisan, laamsheessan. Adeemsi kun fudhatama hin qabu ta’a. Biyya Ameerikaa jedhamtu jiraachisuuf falli jiru kana qofaadha. Lammiin Ameerikaa harki 90 Afriikaa-Ameerikaa, ebaluu- Ameerikaa waa jedhamaniif, Biyyi sun kun hundi akka itti hin dhooneef, keessa isheettis, addunyaa irrattis akki itti of kabachiiftu kanuma argaa jirruudha.
ISRAA’EEL:-Tokkummaan Israa’eel kan kabajamu ykn tikfamu, Lammiilee isaanii dursanii addunyaa irratti bobaafataniin jechuutu danda’ama. Tokkummaan isaanii Israa’eel kabachiisuu irrattidha. Kanaaf addunyaa irratti sagalee tokko qabu. Of kabachiisuu kana ammo amma jiraachuu fi dhabamutti murteeffatu. Adeemsa isaanii dura kan dhaabbatu eenyuyyuu , karaa irraa maqisan. Kanatu Tokkummaa isaaniif qorichaatti amanu . Lammiileen isaanii eenyun olitti Israa’eel ilaalan, Addunyaa kana harka isaanii keessa jiraachu, kanaanis yeroo barbaadanitti dhimma ba’uu waan danda’aniif, akkasumas, Biyyoota Addunyaa tu’atanii jiraniin tokko waan ta’aniif, of kabachiisuu fi Biyya Tikisuun murtee hundaati. Jiraachuu falli qabanis kanuma.
RAASHIYAA:-Tokkummaan Raashiyaa duranii wal amanu qofa irratti waan hundaa’ee tureef, diina itti seensisee balaa fi kufaatii hamaa bara Gorbaachooviin isaan mudate irraa baratanii, mana cufatanii waan isaan baasu murteeffachuun, tokko jedhanii karaa isaan baasu irratti hojjachuu isaaniin har’a Raashiyaan har’a waan hedduun Biyyoota guddannee jedhan kana ofitti amanamummaan dhaabbachaa jirti. Tokkummaan amma Sirnichi balbala cufatee irratti hojjataa jiru, of kabachiisuu fi of tikisuudha. Kana keessa yeroof ummati dallanu dhiisuu, dursa waan kennuu qabaniif hojjachaa jiru. kan Dursa Kennaniif Biyyaa fi sirna miila lamaan isaan dhaabaa jiruufi. Warri sirnicha keessa jiranis, kan dabre irraa baratanii Addunyaa irratti of kabachiisuuf marxifatanii hojjachaa jiran.
AFRIIKAA KIBBAA :- Tokkummaan asi jiru kan muuxannoon gabbachaa dhufaa jiru malee, Tokkummaan asi jiru, Tookummaa Appaartaayid jalaa ba’uu, Maandeellaan haa hiikamuun kan eegale, SEENAA MAANDELLAA irratti kan hundaa’eedha. Tokkummaa kana jabeessuuf wareegama bara bilisummaa kafalan malee amma hin mul’atu. Tokkummaan kun kan jabaatu gaafa miirri Appaartaayidi nama keessaa ba’ee ykn, aadaa fi duudhaan Afriikaa kibbaa bakkatti yoo deebi’e ni jabaatu. Tokkummaan qajeelfama Abbaa Biyyuummaa warra Gurraachaa fudhachiisuu fi Afriikaa Kibbaa keessatti carraan fedhe gurraachaaf ta’uu qaba jedhame irratti tokkomuu fi sirna Appaartaayid warri gaggeessan akka fudhatan taasisuu irratti Tokkummaa of kabachiisuu fi of tikisuu gaggeessaniiitti milkaa’aniiru.
BIYYOOTA ARBAA :-Arabni akka walii galaatti sochiin qaban addunyaa kana irraa addummaa ni qabaate. Irra jireessi isaanii Umamni qabeenyaa haadhame hin dhumne irraa kan argataniin jiraachuu malee isa kaan dhiibanii addunyaa kana irratti ol aantummaa goonfachuuf tattaffiin godhan warra kaaniin wal bira qabanii wayita ilaalan hin jiru jechuu wayya. Kanaaf Tokkummaan isaanii Qabeenyaa fi Diingdee irratti hundaa’a. waan hundaa kan of irraa ittisanis gama kanaani. Kun garuu gara fuula duraatti rakkoo isaanitti harkisa. Maaliif jennaan qaamni biraa jiraachuu fi of kabachiisuuf sochiin taasisu Dingdee isaanitti dhufu waan maluuf, rakkoo isaanitti uuma. Tokkummaan kaa’e kun garuu waan fayyaduuf natti hin fakkaatu.
KEENIYAA :- Keeniyaa qofaa odoo hin taane, Biyyoonni Afiikaa irra jireessi, Tokkummaa Mataa isaanii hin qaban. Tokkummaan jiru kanuma sirnicha abbaa irrummaan gaggeessu keessa jiru dantaa fi saamicha akkasumas human alaa tajaajiluudha. Adeemsi Tokkummaa addunyaa keessa jiru hubachuuf yeroo itti fudhata. Rakkoo fi wal dhaabbiin gara fuuala duraatti isaan qulqulleessa. Biyyi sun gaafa nuuti furmaata argannee daandii qajeelaa irra buuti. Amma Kan dafee addunyaa irratti dammaqeetu dantaa isaaf isaan hajajataa jira. Kanaaf ofitti amananii qabeenyaa isaaniin akka fayyadaman hin taasifamne. Qabeenyaan isaan qaban, Ummata Biyyattiif odoo hin taane, Biyyooti gurguddatan dhaloota itti aanuuf akka tolutti akka itti hin bu’amne shirootaan wal takaalaa akka jiraatan taasifama. Keniyaanis kanuma. Rakkoon isaan keessa jiran, sirnaa fi paartii isaan bulchuu irraa madda. Tokkummaan isaanii amansiisaa miti. Hundeen isaa jalaa miti. Badii naannoo kana irraa baratanii hegaree Oromiyaa herreegunis gaariidha.
ERTIRAA :-Muuxannoon qabsoo nannoo kana jiru hedduu jabaadha. Kan irraa baratamuu qabudhas. Bara qabsoo Tokkummaa Biyya of Bilisomsuu irratti qaban, kan jiraachuu fi dhabamuuti. Qabsoo kana milkeessuuf sochiin taasisan firaafis diinaafis tokkuuma. qabsoon kun injifachuu qaba. injifachuuf kan murate dura kan dhaabbate eenyullee hin keessummeessan. Tokkummaan isaanii inni jabaan Biyyi Ertiraa jedhamtu addunyaa irra akka jirtu amanuudha. Kun Kaayyoodha. Kaayyoo kana milkeessuuf Tokkummaa hin daddaaqamne qaban. Alaabaa Ertiraa eenyunillee hin jijjiiran. Kana mormitoonni isaanii iyyuu itti amanan. Har’as, Tokkummaan isaanii Biyya Ertiraa jedhamtu kabachiisuu fi tikisuudha.bara qabsoo miidhaan keessaa fi alaa irra ga’ee, namoota muraasaatti yennaa galan, abdii hin kutanne. Tokkummaa of kabchiisuutti akka tarkaanfatan murteeffatan. Kadhaan odoo hin taane, kan murate walitti qabanii deebisanii of ijaaranii Seenaa hojjatan. Murteen yeroo Sanaa har’llee waggaa 55 boodallee bakka isaa jira. Tokkummaa wal dabarsanii kennuu of keessaa baasuu isaaniin humnoota addunyaa tu’atan chaaleenji gochaa jiru. cochoomunni isaanii ammoo, dantaa yeroon kan dachaatus hin fakkaatu. Dhalli isaanii hundi Biyya Ertiraa jedhamtuuf dursa kenna.waan isaan fayyaduu fi miidhu tolchanii beekan.
ITOOPHIYAA :- Tokkummaan Itoophiyaa kun akkuma Biyyoota addunyaa keenya irra jiranii, kan humnaan walitti hidhamtee jirtuudha. Warra achi keessatti humnaan hidhamee jiru keessaa tokko nuudha. Tokkummaa humnaan walitti hidhaman kana gama keenyatti yennaa finnu akkam akka ta’uu danda’u naaf hin galu. Tokkummaa akkasii of keessatti yoo yaanna ta’e, dhaabbitti of dhabamsiisaa jirra. Itoophiyaan Saboota 87 humnaan walitti hiitee ol aantummaa warra abbaa irreen jiraachaa jirti. Oromoon ammo akkamiin Tokkummaa akkasii yaadaree? Oromoon dhiigaan tokkumaa. Warri galgala keessa karaa irraa maqan, ilaalcha jiru kana irraa ka’anii Tokkummaa Itoophiyaa Oromiyaa keessatti hawwumoo akkam ta’a? kun waanuma qaaniiti. Abbootiin irree addunyaa keenyaa martuu waan wayyaaneen nu hojjachaa jirtu hundaa ni gaggeessu. Wayyaaneen kan itti hin tolle ni ajjeefti, ni hiiti, Biyyaa yaafti, waanuama adda addaan miitee Umurii dheerreeffatti. Kun hangamuu karaa dharaa jiraatan, waan kana raawwachiisuuf wal ta’an. Kanaan isaanis cubbuu hojjachaa of tikisinaa jedhu. Nuuti egaa Addunyaa yaada akkasiin jiraattu keessa fala maalii qabaachu dandeenya?
SOMAALIYAA :-
Jarri kun dhiigaa fi Amantiin tokko ta’uu malee, qalbiin isaanii bakka tokko hin jiru. humnoonni alaa akka malee isaan diiganiiru. Odoo qalbii qabaatanii ta’ee, Tokkummaa isaanii har’aa fi hegareef hundee kan ta’u waggaa 17 wal fixuu isaanii ture. humnoonni alaa naannoo Sanaa fi waan Amantiin wal qabatee rakkoo jiru jedhan dhabamsiisuuf karaa isaan abrbaadan gaggeeffachaa jiru. gara abrbaadanitti oofaa jiru. Cubbuu guddaan kan irratti hojjatame. Sabuma tokko sirna FEDARAALAAN haa bulan jedhanii gosaan Naannoo akka dhaabbatan taaisisuudha. Jarri kun haala akkasiin bubbullaan Lammiin Tokko akka Biyyoota ollaatti wal ilaaluuf deeman. Ilmaan abbaa tokko bakka kudhanitti qircamuuf deeman. Shirri kun boruu gama keenya akka ce’u hin shakkiinaa. Waan Biyya alaa kana keessatti mul’atus kanuma. Yeroo waan feenu gumaacha goona jennee ijaarru, maaliif akka ta’e, tokkummaa Oromoo irra dhiibbaa bulchu kkf fakkaatan ilaallachuun dansaadha. Kana hundaa ittisuuf, humna Dachee Oromiyaa qofaa barbaadu dhaabu qabnaa laata jedheen yaada. Kan dachee kana irra deemu yaadaan kan faca’uu yoo ta’e, Dachee qofaa dhaalanii dhaloota qulqulluu irratti guddisuu wayyaa laata jedheen akka warra waa hawwuu yaada.
Biyyoonni addunyaa harki 90 ta’an, Tokkummaa Biyyaa fi Ummata isaanii diina keessaa fi alaa irraa kan tikisan, waan isaan dura dhaabbate ykn isaan gufachiisu yaale hundaa bakka qabsiisaniiti. Biyyas ta’u Ummata isaanii diina irraa tikisuuf , wareegama barbaachisu kafaluu irratti tokkummaa keessa deebii hin qabne qaban. Waan hunda dura Biyyaaf dursa kennu. Ummati Biyyatti miidhame jedhullee kaayyoo duuba jiran. kanaaf diina lammii keessaa illee irra hin dabran. Kana addunyaa irraa baranna. Tokkummaan Qabsaa’oota keessatti barbaachisu isa kana . Tokkummaan nuuti hawwinu , tarkaanfiin kun jabaachaa deemnaan ofiima isaan of jabeessaa deema.
Walii galatti tokkummaan nu barbaachisu, diinaafis firaafis duubatti kan hin jenne gadi dhaabanii , Qabsaa’oota Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Ummata Oromoof of kennan hiriirfatanii murannoon sochaa’uu qaofaatu furmaata nu ta’a. Dhaabbilee siyaasaa Oromoo Ilaalcha wal fakkaataa qaban waliin qajeelfama barbaachisu qopheeffatanii, qajeelfama kanattii kan amanu fudhatanii, karaa ofii qulqulleeffachaa, of kabachiisaa fi kaayyoo ofii tiksaa tarkaanfachuun ala, harka wal irra qabuun kun eessaanu nu hin geenye. Qabsaa’oonni ABO Diina Faranjootaa, Habshootaa, Oromootaa, Biyyoota ollaa, Sirnoota itoophiyaa, hayyaallaallattootaa….kkf. kana hundaa dandamatanii qabsoo ummata Oromoo har’an ga’uu isaanii gama kiyyaan dinqisiifannaan qabaaf. Qabsaa’oonni Tokkummaa isaanii kabachiisuu fi tikifachuun ala filmaata biraa hin qaban. Tokkummaan hawaasa Biyya keesaa alaa irra barbaachisu, qabsoo kana milkeessuuf waan irraa eegamu gumaachuudha. Namni qabsoo kanaaf hin gumaachiin, Bilisummaa boruu dhufuun gammaduu hin qabu. Gmmachu walabummaa Oromiyaa boodaatti gammaduuf waanuma gumaachanii dhalootatti dubbatatan qabaachuun Gootummaadha.
Hubachiisa:-Barruun kutaa lamaan xumure kun barreeffama fuula 60 keessaa kan fudhatameedha. Waan dirree kana irratti hin baane keessaa hanbiseera. Gabaabsuuf jecha waan ifa ta’uu qabu hedduun gabaabsee bira dabree naaf hubadhaa. Xumureen jira. GALATOOMAA !!
HORAA BULAA !!!!!!!!!!!
No comments:
Post a Comment