Horii
keessaa kan lafa sanyiin isaa itti du’e fuunfatee irratti gadooduun
gadda isaa ibsatu loon kophaa dha. Loon bakka bineensi jabbii isaa
yookaan loon biraa itti nyaate, yookaan namni loon itti qale oggaa
ga’u, lafa sana fuunfatee gadooda. Sun gadda isaa ibsachuu isaa
argisiisa. Seera uumaa ta’ee gumaa baasuu dadhabu illee gadda itti
dhaga’ame sagaleen ibsata. Kan harree garuu faallaa kan loonii ti.
Bakka ilmoon ishee itti nyaatamte fuunfattee halaakuun hin jiru.
Bineensa
keessaa kan harree caalaa ilmoo ofii jaallatu hin jiru jedhama.
Sababni isaas, harreen yoo ilmoon ishee hallayyaa buute, utaaltee
waliin buuti. Harreen akkas ilmoo ishee jaallattu garuu, gumaa baasuu
fi gadda ibsachuu irratti faallaa kan loonii ti. Akka loonii lafa
jabbii yookaan sanyii isaa bineensi itti nyaate fuunfatee gadoduun
gadda ibsachuun hin jiru. Callistee coqorsa yookaan marga ishee
dheeddi. As irratti loon irraa adda taati jechuu dha. Harreetti
garaan jabduu dha. Kanaafis ‘ergan du’ee coqorsi hin margin’
jette harreen jedhama.
Ijoon
dubbii kootii waa’ee uumama loonii fi harree ibsuuf miti. Namoota
akkuma harree wan itti fe’an baatanii fi oggaa lammiin isaanii,
waan mirga sabummaa gaafataniif rasaasa gabroomfataan dhumu, hambaa
alagaan garaa isaanii guuttatanii buluuf jecha daboo diinaaf ba’anii
fi abukaatoo diinaa ta’anii akeeka diinaa bakkaan ga’uuf hirriba
dhabanii irratti waa jechuufan. Oromoo irraa dhalatanii, bu’aa
sadoof Oromootti duuluun jaarraa tokkoo ol ta’ee jira. Hunduu garuu
dhumni isaanii utuu hin tolin bara Wayyaanee ga’e. Tokko isa isa
duraa irraa hin baratani. Kaleessas ta’e har’a, oggaa qaroo fi
sabboonaan Oromoo mirga saba isaaf falmatuu fi falmaa irratti
wareegamu, isaan akkuma kan harree sana gooftolii isaanii garaa
ciibsanii garaa guuttatanii buluuf faallaa lammii isaanii
dhaabbatanii gabroomfataaf tumsu. Gariin ammoo, caalaayyuu ajjeesanii
amanamummaa horachuuf ukukkuru. Warri akkasii bara duula weerara
Minilik irraa kaasee hanga PDOlee bara Wayyaanee ammatti
meesheffamaa, dhuma irratti salphataa fi gatamaa yoona ga’ame.
Har’a
PDOleen oggaa Oromoon mirga sabummaa fi Abbaa biyyummaaf falmataa
jiranitti gariin isaanii ergama jalqaba ijaaramaniif bakkaan ga’anii
caalaatti amanamummaa horachuuf jecha Wayyaaneef tumsanii qabsoo saba
Oromoo gara dabarsuuf dulaa jiru. Har’a ilmaan Oromoo Yunversitii
fi manneetii barnootaa sadarkaa adda addaa keessatti barataa jiran,
sababa mirga Oromoon Oromiyaa irratti qabu gaafatan qofaaf rasaasa
Wayyaaneen dhumaa jiran. Oggaa Oromoon biyya keessaa fi ambaa
jiraatu, bakkayyuutti mormii isaa dhageessisaa fi gumaa ilmaan
isaatii gaafataa jirutti, qondalotni OPDO tokko tokko ammoo, faallaa
Oromoo dhaabbatanii, kijiba Wayyaanee guutummaa Oromiyaa keessa oofuu
fi wareegama sabbontota Oromootti bishaan naquuf tirtiraa jiru. Gochi
kun “oggaa loon gadoodu, harreen ammoo marga dheeddi” isa jedhan
sanaan tokko.
Har’a
Oromoon golee addunyaa hunda irraa ka’ee mirga Abbaa Biyyummaaf
falmataa fi gumaa ilmaan isaa Bilisummaa Oromiyaan baasuuf, yeroo
inni waloon sosso’uu eegaletti, qondaalotni OPDO tokko tokko, murna
Wayyaanee Tigraayiif tumsanii Oromootti falmaa jiru. Har’as akkuma
kaleessaa, akeeka Wayyaanee fiixa baasuuf ukukkuruu malee, waan warra
isaan dura gulufsiifamaa ture maayyii irratti mudate irraa barachuu
hin dandeenye. PDOleen tokko tokko utuu ni baratu ta’anii, waan
Juunaddii Saaddoo gaafa tajaajiltummaa isaa fixate irra ga’e irraa
baratu. Juunaddiin, gaafa humni addaa Wayyaanee barattoota Oromoo
mirga seeraan qabanitti gargaaramanii hiriira nagaa bahanitti
dhukaasee fixe, “tarkaanfiin fudhatame sirrii dha” jedhe, har’a
qaanii keessa jiru irraa barachuutu isaan irra ture. Utuu ni baratu
ta’ee, gaaffii Waldaan Walgargaarsa Maccaa fi Tuulamaa, bara 2004
keessa magaalaan guddittiin Oromiyaa Finfinnee ta’uun hafee,
PDOleen Adaamaatti godaansifamuu mormaniin, waan Juunaddiin jedhee fi
kan inni har’a keessa jiru irraa baratu ture. Gaafas Oromootu morme
malee PDOleen maqaa Oromoon Wayyaanee jala hiriiran, dura dhaabbachuu
ofii sodaachuu caalaa warra mormatettiyyuu Wayyaanee bira goranii
itti duulani. Kaan hidhanii kaanis ajjeesani. Waltajjii irrattis
ba’anii waan beekanii fi hin beeknes kanneen munaagan ni jiru.
Isaan keessaa tokko Pirezidaantii Caffee Oromiyaa oggasii kan ture
Juunaddii Saaddoo ti.
Juunaddiin
gaafas afaan guutee “Waldaan Maccaa fi Tuulamaa waa’ee Finfinnee
dubbachuuf ‘mooraalii’ maalii qaba?” jedhe. Akka Juunaddiitti,
Waldaan Walgargaarsa Maccaa fi Tuulamaa hamilee Finfinnee falmachuu
hin qabu. Waldaan Walgargaarsa Maccaa fi Tuulamaa Oromoo irraa
Oromoof ijaarame. Akka seenaa fi dhugaa jiruutti ammoo, Waldaan
Walgargaarsa Maccaa fi Tuulamaa, Oromoo golee hunda irraa walitti
fiduu fi qabsoo mirga Abbaa Biyyummaa Oromoof bu’uura guddaa kan
buuse, seenaa boonsaa fi hamilee akka sibiilaa jabaate kan qabuu dha.
Waldaan Walgargaarsa Maccaa fi Tuulamaa gabrooffattuu Wayyaaneen
ugguramus, har’a illee Finfinnee falmachuuf hamilee seenaa boonsaa
guddaa qaba. Juunaddiin garuu har’a waa’ee Finfinnee kaasuun
hafnaan ofiifuu hamilee hin qabu; namatti as bahee dubbachuufis
hamilee hin qabu.
Hin bar’u
seetee isa jedhan sana ta’ee, gaafas Juunaddiin Wayyaanee garaa
ciibsuuf jecha, waan irraa hin eegamne xibaaruun, gaafa
tajaajiltummaa isaa irraa fixatan, salphina isa hin oolchine. Utuu
ganna torba illee hin gudunfin yakkamee hojii ala ta’uu caalaa,
Haadha Warraa isaa kachachalaa fi kkfn yakkanii hidhaatti dabrani.
Juunaddiin “dhirsi harree, of irraayyuu waraabessa hin ittisuu,
niitii isaa irraa ittisaa?” isa jedhan ta’ee, lubbuu isaafuu
sodaatee baqachuudhaan, ijoollee Oromoo yeros waan Finfinnee
falmataniif Wayyaanee gargaaree biyyaa baasetti dhaqee dabalame.
Har’as
wadoon isaan ga’ee, warri akka Abbaa Duulaa fi fakkaattotni isaa,
ilmaan Oromoo mirga Oromoon Finfinnee fi naannoo ishee irratti qabu
gaafatanitti bobbaafamanii kijiba Wayyaanee ololaa jiran. Dhiiga
ilmaan Oromoo falammii kana irratti dhangala’etti bishaan naquu fi
gumaa malee hambisuuf tirtiruutti jiran. Hojii farrummaa isaanii kana
irraa yoo hin deebine, wadoo Wayyaaneef bobbaafamuu qofa utuu hin
taane, wadoon akkuma Juunaddii waaroo salphinaa uffachuun isaanii
yeroon isaa akka hin fagaanne ammumaan beekuu qaban. Diina Oromoo
qe’eetti itti duulee ajjeesaa jiru kanaaf hanga dhumaatti
dhabbatanii waliin Oromootti duuluu itti fufnaan garuu, carraan
isaaniis kan warra isaan duraa irra yoo hammaate malee sana irraa
adda akka hin taane beekuu qaban.
Walumaa
gala, qondaalotni OPDO seenaa dabre irraa barachuun, qabsoo saba
isaaniif tumsuutu irraa eegama. Kanaaf, oggaa Oromoon mirga eenyummaa
fi Abbaa Biyyummaaf keessaa fi alaan falammii isaa finiinsaa fi gumaa
ilmaan isaa Bilisummaan baasuuf golee hunda irraa sosso’aa jiru
kanatti, diinaaf waardiyyaa dhaabbachuu irra saba isaanii cinaa
hiriiranii waliin falmachuudhaan, yeroon itti xurii seenaa of irraa
dhiqan amma.
Gadaan
Gadaa Bilisummaa ti!
Oromiyaan
Ni Bilisoomti!
IUOf!
Biiftuu
No comments:
Post a Comment