Barataan Yuunivarsiitii Haramaayaa Hasan Huseen mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti wareegame

Waxabajjii 03, 2014 | Qeerroo Finfinne

Ajjeechaan ilmaan Oromoo keessumaa barattoota Oromoo irratti xiyyeeffatamuun tarkaanfiin fudhatamaa jiru itti fufee jira. Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti gaaffii abbaa biyyummaa gaafachuudhaan Mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti darbamuu irraan darbuudhaan barattootni Oromoo mana hidhaa keessatti ajjeefamaa jiru. 
Barataa Nuuraddiin (Alsan) Hasan Barataa Computer science waggaa 2ffaa kan tahee fi dhalootaan Godina Shawaa lixaa magaala Baakkoo kan tahe mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti darbamuun dararaa jabaan erga irraan gahaa turee Gaafa 02/06/2014 mana hidhaa keessatti lubbuun isaa darbee jira. 

Mootummaan Wayyaanee dararaa ilmaan Oromoo irraan gahaa jiru daran jabeessaa dhufus ilmaan Oromoo gamtaan falmatti seenuun mootummaa abbaa irree bara baraan ilmaan Oromoo keessatti ammo dargaggoota Oromoo ajjeesaa, hidhaa fi biyya irraa ariiaa jiru dura akka dhaabbatu Barattootni Yuunivarsiitii Haramaayaa fi Qeerroon Oromoo waamicha Oromummaa dabarsa.
Qabsaaaan ni kufa; Qabsoon itti fufa!!

No comments:

Post a Comment