Dhiigni ilmaan Oromoo baroota dheeraaf dhangala’aa turee jiru, qoosaa miti. Hiwaatoonni har’a, gaaffii ummatootaa ofitti fudhaatii, ofittummaa keessan ija baase kana gataatii, Angoo siyaasaa kan haqa qabu waliin ykn kan Ummati Filateen qooddadhaatii hegaree keessan tolchaa jedhamanii wayita gorfaman, deebiin isaan kennan, “eenyu kan dhiigaan fide, eenyutu kaardiin dabarsee kannaa”kan jedhuudha. Dhiigni isaanii akkas isaan marara taanaan, dhiigni kan biraa mirga isaaf dhangalaasus isaan mararuu qaba ture. Kana ta’uu hanqachuu isaatiin, dhiigni dhangalaasaa turan, akka isaan yaadanitti kan hegaree isaanii tolchu odoo hin taanee, kan isaan dhabamsiisuudha.
Egaa nuutis Gaaffii Oromoo dhiigni barootaaf dhangalaafamee fi dhangalaafamaa jiru, Bishaan miti. Dhiiga namaa, isayyuu Ummata kabajamaa kanaati. Kanaaf gaaffiin isaa osoo hin sharafamnee deebii quubsaa argachuu qaba. Kana dhugeessuuf ammoo yeroo kanatti Oromoon humna itti qaba. Sadrakaan dammaqiinsaa fi hubannoo Ilmaan Oromoo walii gala keessajiran, kan barbaadamu ol ta’aa dhufeera. Kun ammoo diinaaf yaaddoo ta’uun hin shakkisiisu. Firaaf garuu gammachuudha. Dantaa ofii irra kan dursu tokkollee hin jiru. Gaaffiin keenya gaaffii haqaati.
Har’a wayyaaneen Ummata kana gama kamiinuu dhaabuu akka hin dandeenye hubattee jirti. Kan yeroo kanatti nu barbaachisu, gaaffii keenya humnaan deeggarree itti fufudha. Bara chaartaraa Kaartaan Oromiyaa wayita murteeffamu, Ilmaan Oromoo yeroo san turan gammachuu guutuu akka irraa hin qabaatiin beekamaadha. Gammachuu guutu maa dhabaniin, Oromoof hundaaf ibsuun hin barbaachisu ture. hanqina qabu kan wallaalu hin ture. Garuu carraa jiruun OROMIYAA kan jedhamtu fudhachiisuuf, Addunyaatti beeksiisuuf toftaa gabaabaa itti fayyadamii kan itti gargaaramaniidha. Kanatti mikaa’uun isaanii shakkii hin qabu. Sadarkaan har’a irra jirru ammoo, yeroo Ummata keenya fedhii isaan alatti nurraa muramee, mirga Umamaa isaa dhabee dhiphachaa jiru saniif dubbachuu fi gaafachuu irra geenye jirra.
Wayyaaneen mirga ani kenne jettu keessaa inni guddaa fi holola ol aanaa taasifataa jirtu, Namni kamuu Afaan dhaloota isaan hojjachuu, barachuu kkf guutummaatti mirkaneesseera isa jedhuudha. Garuu har’a, OROMOOn FINFINNEE, DIRREE-DAWAA, RAAYYAA, SOODDOO, WALLOO kkf keessa jiran, mirga kana sarbamanii jiran. Yoo kan saboota biroo kaafnes, BEENSHAANGUL, UMMATOONNI KIBBAA, GAAMBEELLAA kkf, mirga wayyaaneen baantu kana guyyaa saafaa sarbamanii, AFAAN AMAARAAN rakkataa jiran.
Miniilik finfinneetti wayita duulu, Oromoota 3000 ol galaafateera. Har’a ammoo hammeenyi wal fakkaataa Finfinnee keessaa ba’ee, Magaaloota Finfinnee marsanitti ce’ee jira. Wayyaaneen yeroo qabsoo eegalte kaastee dhiibbaan Ummata Raayyaa irratti raawwatte lakkaa’ame hin dhumu. Bara beelaa sana Ummata kuma 60 tti lakkaa’amu bakka isaanii irraa buqqiftee, Sudaanitti baqachiisuu seenaatu dubbata. Kunis lafa sana ofii dhuunfachuuf yaadu irraati. Kana malees, humna waraanaa Hiwaat keessatti hiriira duraa irratti hiriiranii rasaasaan kan dhuman Ilmaan Raayyaati. Har’allee kanuma. Itti aanee ilmaan Tanben jedhamantu dhuma. Tigiraayi keessatti hojiileen misooma tokkolee kan keessatti hin gaggeefamiin, garuu warshaa biiraa qabeenyaa ummataa saamuuf tolfamuuf Raayyaadha. Ummati kun aadaanis ta’uu jireenya hawaasummaan Ummata Tigiraayi irraa addadha. Isaanu ni sodaatu. Gaaffiin isaanii gaaf tokko ka’uun hin hafu jedhanii waa tokko illee hin hojjanneef. Mana maree Tigiraayi keessatti barcuma sagalee tokkollee hin qabne lama qaban.
Walloon dhiiga Oromooti. Garuuhar’a mirga Umamaa wayyaaneen itt hololtu sarbameera. Obbolaa isaa irraa adda ba’ee jiraataa jira. Hojiin misoomaa isa ilaallatu tokkollee hin jiru. Dirree Dawaanis hadhuura Godinaa bahaa keenyaati . garuu Ixaana halgaatu irra garmaama. Kanaaf, Ummata keenya kanaaf gaafii kaasuun, rakkoo isaanii dhageesisuufin nurraa eegama. Gaaffii isaanii kanatti dhageetti horuun hojii keenya dabalataa haa ta’u. Kanaafan, GAAFFIIN OROMOO,FINFINNEE, RAAYYAA, WALLOO, DIRREE DAWAA, SOODDOO….. kkf irratti qabu TOKKODHA !!! kanan jedheef.
GALATOOMAA !!!!!!!!
HORAA BULAA !!!!!!
No comments:
Post a Comment