Ummanni Oromoo hiree karaa sabqunnamtii ammayyaatitti fayyadamee aadaa isaa guddisuuf, seenaa isaa barsiisuufi falmaa mirgaatiif wal kakaasuuf isa dandeessisu argaachuu qabsoo guddaa godhaa ture; ammas gochaa jira. Gaafa Ayyuub Abubakar Moqdishotti Afaan Oromoo raadiyoo akka hin cabsine, garuu golgaa gabrummaa akka cabsu mirkaneessee kaasee falmaan sagalee saba kanaa olkaasuuf godhamu takkaa addaan hin cinne. Ayyuub kan mootiin nafxanyootaa ajjeesiseerraa kaasee hamma gaazexeessitoota keenya kaleessa TVO irraa ugguramaniitti gaazexeessitoonni Oromoo kaayoo kanaaf wareegama hedduu kafalaa asiin nu gayan.
Qabsoon kun bifa lamaan geggeeffamaa ture. Kan duraa Oromoonni sababa adda addaatin sirna cunqursaa jalaa ba’aanii biyyoota itti baqatan keessatti hiree jirutti fayyadamuun sabaahimaa Oromoo banuu tamsaasa eegalu. Duulli Oromoonni baqatan kun dhugaa Oromoo cunqursitoonni awwaalan baasuuf godhan dura dhaabbachuuf mootummaan Itoophiyaa sabahimaaleen isaa Afaan Oromootin tajaajila akka kennan gochuuf dirqame. Kun hiree Oromoon sabahimaaletti fayyadamuuf qabu daranuu ni bali’se. Gaazexeessitoonni Oromoo biyya keessa jiran hiree mootummaan osoo hin jaalatin bane kanatti fayyadmuun, akka waahillaan isaan biyya alaa jiranitti siyaasaa keessa seenuu baatanis, aadaafi afaan Oromoo gurra ummataatiin gahuutti seenan.
Fakkenyaaf yeroo Ayyuub Abubakarifi Shek Mohammed Rashaad Abdullee faan Moqdishurraa walaloofi odeeffata adda addaatiin roorroo Oromoo himuu eegalan, Haylasiallassieen Hararitti qophii Afaan Oromoo bane.Hiree kanatti fayyadamuun Abubakar Muussaa, Tamsgan Gammadaa, Abdi Mohammed (Qophee), Hussen Adamiifi Yeshawalul Mangistuu faan biyya keessaa karaa aadaafi afaan Oromoo itti guddisan argatan. Yeroo Sh. Mohammed Rashaad walaloo warraaqsaa Moqdishuu irra kaayu, Abdi Qopheen mirriiysuu qonnaatifi wallee jaalalaa Hararii itti bana ture. Akka hawwiifi karoora sirna cunqursaa osoo tahee midiyaaleen Afaan Oromootin dabran lamaan walfaallessuun walfashalu ture. Dhugaan ture garuu sababa, tooftaafi bilchina gaazexeessitoota keenyaatin ummanni keenya gama lachurrayyuu fayyadamaa ture. Boodarra kana waan hubateef diinni akkaum Ayyub Abubakar Moqdishotti galaafate, Abubakar Muussaatis Hararitti ajjeefte.
Hojiin alaafi keessaan sabahimaa Oromoo jabeessuuf godhamu baroota as aanaa kanas itti fufe jira. Gaazexeessitoonni keenya hiree diphoo argatan guddifatanii ummata keenyaaf bu’aa gurguddaa buusaa jiran. Gama teliviziyoonaatin yoo laalle bara 1992 gaafa yeroo duraatif Afaan Oromo suur-sagaleedhaan as bahuuf hiree argate san, akeekni Wayyaaneen banteef Oromoo ittiin sobuufi sossobuuf yeroo irra jireessa ololaaf olchitus gaazexeessitoonni keenya sagantaalee akka ‘Dhangaa’ fa’atti fayyadamuun ummanni keenya aadaa walii akka baru, eenyummaa waloo akka dagaagfatuufi afaan ofiitiin bashannanuu akka mi’eeffatu itti hojjatamaa ture.
Baroota dhihoo kana ammoo,tattaaffi qondaalota muraasaatin Televiziyoonni Oromiyaa (TVO) banamee hojii akkaan nama boonsaatu dalagame. TVO irrattis akkuma gaafa ETV yeroon bal’oon oloola mootummaatif ramadamus, yeroo muraasaafi leeccalloo xiqqoo argatanitti gaazexeessitooni keenya akka gaaritti fayyadaman. Qophiilee akka bashannanaa, aadaafi fayyaatti dhimma bahuun aartiin Oromoo akka dagaagu, sabboonummaan Oromoo akka lafa qabatuufi ogummaan gaazexeessuummaa akka bilchaatuuf shoora guddaa taphatan. Keessattu ji’oota muraasa dabaran kana Qophii eebba Siidaa Aanolee bifa ajaa’ibaatin qindeessuun, haleellaafi arraba atileetonni Oromiyaa Baahir Daar keessatti irra gahe saaxiluufi dhimmii Maastar Pilaanii Finfinnee dhoksaan bilchaataa ture akka gurra ummataa gahu gochuun hojiin seenaan yoomiyyuu dagachuuf hin teenye raaw’atan.
Hojii boonsaa akkanaa ummata ofiitif hojjachuun ammoo wareegummaadhaan malee hin dhufu. Akkuma warreen isaan duraa tattaffii sabaahimaa Oromoo guddisuuf godhaniif du’a, hidhaa, biyyaa ari’amuu mudatan, gaazexeessitonni TVO amma ugguraman kunis yeroo jiruun akkaan qaalii taate kana keessatti hojirraa ugguramuu mudatanii jiran. Tarkaanfii isaan miidhuufi warra hafe sodaachisanii jilbiiffachiisuuf godhamu kana fashalsuuf Oromoon bakka jiru maraa waan danda’u cufaan joollee tana wajiin dhaabbachuu qaba. Hojiifi aarsaa isaanitif galateeffachuun hamilee isaanii eeguun dabalee gargaarsa gama leeccallootin isaaniifi maatii isaani bira dhaabbachuu feesisa.
No comments:
Post a Comment