Oromummaan Raayyaa Seenaa Tahee Akka Hin Hafne! Iyyaa! Iyya Dabarsaa!!!

Hagayya 24, 2014 | Malkaa Caffee Irraa

“የራያ ሕዝብ የማንነት ጥያቄ እና የማዕከላዊ መንግስታት ምላሽ ከአፄ ዮሐንስ ፬ኛ እስከ ኢህአደግ” Kitaaba Alamuu Kaasaa Rattaa fi Siisaay Mangistee Addisuutiin barreeffame.


Kitaabni kun gara waggaa tokkoo dura ‘Amaarinyaa’dhaan barreeffamee kan maxxanfame oggaa tahu, waa’ee gaaffii eenyummaa fi mirgaa kan ummata Raayyaa ibsuu irratti kan hundaawee dha akka mata-dureen isaa jedhutti. Mata-dureen isaa kan “Gaaffii eenyummaa ummata Raayyaa fi deebisaa mootummoota Waaltaa, Atsee Yohaannis IV irraa hanga Wayyaaneetti” jedhu kun qalbii koo waan harkiseefin barbaadee dubbise. Ergan dubbisee booda gaarummaa ykn. mishooma isaa qofa osoo hin taane akka hammeenya isaattis waanin ilaale/hubadhe waan jiruufin yaada kana namoota waliin qooddachuun hin hammaatu jedhee waan kana barreessaa jira. Yaada natti bule ykn. hubannaa kiyya ibsuu dura, warri barruu kiyya kana dubbisuuf carraa argattan kitaabichas barbaaddanii akka dubbistanin isin yaadachiisa.
A. Cuunfaa qabiyyee kitaabichaa keessaa jajjaboon:
  1. Lafa Oromoon Raayyaa amma irra qubatee jiru kana osoo Oromoon dhaqee hin qabatin dura ummatootni biraa kan Doobbaa, Qadaa, Angoot jedhaman akka turanii fi waa’ee eenyummaa ummatoota sanaa ilaalchisee hanga ammaatti wanti guddoo beekamu kan hin jirre tahuu,

  2. Oromoon naannoo sanatti babal’atee dhuunfachuu kan danda’e lola/weerara Ahmad bitaachaa booda carraa argatetti dhimma bahee akka tahe,

  3. Oromoon erga achi gahee sirna bulchiinsa isaa (Sirna Gadaa) naannichatti gadi dhaabee ummata naannichaa illee fudhachiisee booda ummatni duraan achi ture gara Oromummaatti jijjiiramaa deemuu isaa,

  4. Haa tahu malee booda keessa ol’aantummaa gama siyaasaa fi waraanaa naannichatti Amaarotaa fi Tigirootni qaban irraa kan ka’e Aadaa fi Afaan ummatoota kana lamaaniitiin dhuunfatamaa dhufuu. Akkasis tahee (Afaanota Amaaraa, Tigiree, Oromoo fi Agawuu dubbachaatuma) Raayyummaa akka eenyummaa walootti dagaagfachaa dhufuu,

  5. Atsee Yohaannis IV irraa jalqabee moototaa fi mootummoota Itoophiyaatiin hammeenyi gurguddaan ummata kana irratti raaw’atamaa turuu fi gootummaa ol’aanaa ummatichi of ittisuudhaan agarsiisaa jiraate,

  6. Maayyii kana (haala amma keessa jiramutti) ummatni kun eenyummaa “Raayya” jedhamuun ala eenyummaa biraa kan hin qabne ykn. qabaachuus hin dandeenyee fi hin feenes tahuu isaa,

  7. Yeroo ammaa ummatni kun fedhii isaatiin ala bakka lamatti addaan qoodamee bulchiinsa naannoo Tigiraayii fi Amaaraa jalatti bulfamaa kan jiru oggaa tahu, warra Tigiray jalatti bulan keessaa warri Amaarinyaan “Afaan dhalootaa isaanii” tahe mirga Afaan ofiitiin (Amaarinyaadhaan) barachuu dhorkamuu. Warri Tigirinyaa dubbatanis Tigirinyaan isaanii “Tigirinyaa Raayyaa” ykn. “የራያ ትግርኛ” jedhamee waan duraa tuffatamuuf manneen hojii mootummaa bakkoota akka mana seeraatti akka fedhanitti ittiin tajaajilamuuf kan rakkatan tahuu. Walumaagala eenyummaa kan isaanii hin tahin (kal’oo Tigirummaa) dirqamanii akka uffataniif irratti hojjetamaa jiraachuu,

  8. Kanaafuu, “Raayya” jedhamee akka Saba addaatti (Oromoos tahe saba kamuu wajjin hidhata kan hin qabne) kophaatti bahee mirga naannoo ofiitti ofiin of bulchuu (Autonomy) akka falmatuu fi qabsoon inni amma dura yeroo adda addaatti gochaa turee fi ammas gaaffii fi fedhiin isaa akeekuma kanaaf akka tahe ibsuutu yaalame kitaabicha keessatti. Ummata Raayyaatiif mirga kana dhugoomsuuf, akkaataan ummatni Silxee waggoota muraasa dura itti falmatee “Nuti Silxee malee Guraagee miti.” jechuudhaan ‘Referendum’ gaggeeffatee milkaawes akka fakkeenya hordofamuu qabuutti akeekame.
B. Gaarummaa kitaaba kanaa:
Hanga ammaatti waa’een Oromoo Raayyaa addatti bifa hangana bal’aa taheen kan barreeffame waan hin jirreef (jabinaa fi laafina, tolinaa fi hammina, dhugaa fi soba ….kkf. isaa secca’anii adda baasuudhaan wayyeessuu qorattoota seenaa Oromootiif dhiisnee) duuchaadhumatti barreessitootni kitaaba kanaa hojii itti dadhabanii bifa kanaan dhiheessan kanaaf galateeffatamuu qabu kan jedhu yaada dhuunfaa kiyyaa ti.
C. Akka dogoggoraa, hanqinaa ykn. hammeenyaatti kanin ilaale:
Kitaabicha keessatti bal’inaan kan mul’atu (maqaan lafootaa fi moggaasni waan adda addaa, maqaan namoota qooda mumul’ataa qabaachuudhaan maqaan isaanii dhahamuu hundi, akkasumas sirni bulchiinsa aadaa kan naannichatti har’a illee hojii irra oolaa jiru) Oromummaan ummatichaa gaaffii jala kan hin galin tahuu kan mirkaneessu tahu illee, barreessitootni ummata kanaan Oromoo, Amaara, ykn. Tigiree jechuun hin danda’amu jechuu filatan. Fakkeenya ummata Silxees hawwaniif.
Doobbaan gosoota Oromoo bebbeekamoo keessaa tokko akka tahe barreessitootni kun ni wallaalu ykn. qorannoo gaggeessan keessatti iyyaafatanii addaan baafachuuf ni rakkatu jedhamee hin yaadamu. Haa tahu malee, duula daga deebifachuu Oromoon Jaarraa 16ffaa keessa gaggeesse sanaan dura naannoo sana Oromoon hin turre yaada jedhu seenaa dharaa/dogoggoraa ammaan dura ture dhugoomsuuf qofa Doobbaa akka ummata Oromoo hin tahiniitti dhiheessuuf akka yaalametu calaqqisa.
Gama kaaniin afaan guutanii “Ummata kanaaf eenyummaa Amaarummaatu malaaf” jechuu baatanis, dubbii Afaaniitiin sababsanii garri itti dagalchuuf yaalan gara Amaarummaatti akka tahe ni calaqqisa. Waa’ee mirgaa fi Oromummaa ummatichaa garuu ragaalee isaan walitti qabatan keessaa dhugaa dirreetti mul’atu kitaabicha keessatti argina malee yaadaa fi fedhii barreessitootaa irraa wanti kana ilaalchisee dhugaa bahamu ykn. falmamu hin mul’atu. Inumaayyuu eenyummaan Oromummaa Raayya keessaa gara dhumachuutti jira ykn. dhumateera gara jechuutti deemuuf kan ariifatan fakkaata. Kana jechuuf kan na dirqisiisu:
  • Akkuma kitaabicha keessatti bal’inaan ibsamettuu ummaticha keessatti Amaarummaan kan mul’atu Amaarinyaa dubbachuu qofaani. Afaan ammoo waggaa 100 ol bulchiinsa ol’aantummaan Amaaraa keessatti mirkanaawe jalatti buluuf dirqamuu irraa kan dhufe tahuu eenyu iyyuu haaluu hin danda’u.

  • Akkasuu tahee, Oromummaan ummaticha keessatti Amaarummaa caalaa dachaa meeqa bifa hedduudhaan of mul’isa.

  • Barreessitootni dhugaa kana hunda irra tarkaanfatanii Oromummaa ummatichaa caalaa Amaarummaa isaatiif (mirga Afaan dhalootaatti fayyadamuu maqaa jedhuun) quuqamuufii isaaniitu mul’ata.

  • Warra gara bulchiinsa Tigiraayitti cite irra dhiibbaa gahe malee warri gama bulchiinsa Amaaraatti cite maal keessa akka jirus wanti tuqame hin jiru.
D. Kitaabicha ilaalchisee gaaffiileen deebii argachuu qaban?
  1. Kun dubbii ykn. seenaa dhugaa akkaataa eenyummaanii fi fedhiin Oromoo Raayyaa har’a maal akka fakkaatu itti ibsamuun malee? Mirga Oromoo Raayyaa falmuu fi eenyummaa isaa kan dhugaa (Oromummaa) deebisee akka dagaagfatuu fi bilisummaa isaa gonfatu gochuutti waan gumaachu ni qabaa? Dhuguma Oromoon Raayyaa yeroo ammaa bifa kanaan of ibsaa?

  2. Irreen of ittisuu fi mirga ofii kabajsiifachuu Oromoo Raayyaa miidhaa gabrummaa jaarraa tokkoo oliif jalatti rirriitameen laamsha’ee, fira/lammii birmatee dhaqqabuufis dhabnaan akka muka jigeetti qottoon itti danataa jiraa? Humnoota addaan qircachuuf qoodni koo ni xiqqaate jedhanii irratti wal qabaa jirantu jiruu?

  3. Fedhii Siyaasaa namoota muraasaa (kan namootni murtaawoon bolola aangoo qaban dheebuu bahuuf bifa kanaan waa yaalaa jiraachuu agarsiisu) tahuu danda’aa?

  4. Imaammata diinota Oromummaa kan yeroo dheeraa, isa gurmuu Oromoo laaffisuu, wayyabummaa inni naannoo kanatti qabu xiqqeessaa fi dachii isaa itti dhiphisaa deemuu jedhu shaffisiisuuf jecha daba bilchinaan itti yaadamee dalagamaa jiru keessaa qabxii tokko tahuu danda’aa?
E. Gama kaaniin dhimma Oromoo Raayyaa kanaan wal qabsiisnee kan nuti (Oromon) ofii fi wal gaafachuu qabnu:
  1. ABO dabalatee gama jaarmayoota siyaasaa Oromootiin dubbii mirga Oromoo Raayyaa ilaalchisee maaltu dalagamaa ture/jira? Gahaatti dalagamee/dalagamaa jira jechuu dandeenyaa?

  2. Kufaatii mootummaa Dargii booda Oromoon Raayyaa mirga eenyummaa ofii kan akka Afaanii fi Aadaa ofii dagaagfachuu akkamitti dhabe? Maaliif akkuma obboleeyyan isaa warra naannoo sanaa “በአማራ ክልል የኦሮሚያ ልዩዞን” “በትግራይ ክልል የኦሮሚያ ልዩዞን” (Naannoo Amaaraatti Zoonii Addaa Oromiyaa, Naannoo Tigiraayitti Zoonii Addaa Oromiyaa) jedhamuu illee dhabe? Maaltu yaalamee hanqate? Maaltu hin yaalamin hafe/dagatame?

  3. Hayyootni seenaa Oromoo waa’ee seenaa Oromoo Raayyaa kana qoratanii ifa baasuu irratti hangam hojjetan? Ammas hangam hojjechuu danda’u?

  4. Miidiyaaleen Oromoo walabni yeroo ammaa lakkoofsaan dabalaa jiran (Radio, TV, Websites, Barruulee…kkf.) kana irratti maal hojjechuu danda’u? ykn. bifa akkamiitiin qooda isaanii bahachuu danda’u?

  5. Artistootni Oromoo hoo?

  6. Walumaagala dhaloota haaraa Oromoo (kaa’imman har’aa) irraa maaltu eegama? Oromoon Oromiyaa guddoo isii Heeraan beekamtee jirtu keessa jirru mirga obboleeyyan keenya kan daangaa bulchiinsa alagaa keessatti bulfamuuf dirqamanii eenyummaa isaanii jijjiiruuf irratti dalagamaa jiruu (Oromoo Raayyaa) kaasnee gaafachuu hin dandeenyuu? Hariiroon/qunnamtiin nuu fi obboleeyyan keenya alagaadhaan marfamanii jiran sana gidduu jiru maal fakkaata? Akkamitti wayyeessina/cimsina?

  7. Ilaalchi cimaan kennameefii bifa hedduudhaan irratti hin hojjetamu ykn. warraaqsi addaa dhimma kana irratti hin banamu taanaan, lakkuma umriin gabrummaa dabalaa deemuu fi guyyaan bilisummaa Oromoo fagaachaa deemuun eenyummaan Oromoo Raayyaa guyyaa irraa guyyaatti qal’achaa fi du’aa akka deemu hangam hubanna?
Walumaagala Oromoon Raayyaa kan kaleessa gootummaa fi dandeeytii lolaa inni qabu diinaa fi firris quudheefii ragaa bahaafii ture sun, tuutni akka gurmuu kanniisaatti waliin duulee daga hedduu dhuunfata diinaa jalaa bilisoomsuudhaan harka Oromootti deebise sun, warri dachii gabbattuu irra qubatuu fi horii/loon gaanfa doobbaa horsiifatuun beekamu sun, har’a Oromummaan isaanii gaaffii jala akka galu taasifamee haala kana fakkaatu (kan yaaddoo fi gaaffii hedduu namatti bulchu) keessa jiraachuun isaanii hedduu garaa nama booressa.
F. Maaltu mala?
Qabsoo bilisumaa Oromoo qindeessanii itichuudhaan daandii ifaa irra kaa’anii sadarkaa har’aatiin gahuu keessatti kanneen qooda mumurteessaa kennan angafootni kaleessaa (keessattuu goototni wareegamtootni keenya) bara dukkana hamaa sana keessa taa’anii waa argan. Waan ofii argan sana nama kaanitti agarsiisuuf ammoo ofii isaanii dungoo tahanii dukkanicha ifatti jijjiiraniiru. Galata gootowwan sanaa! Dhalootni har’aa dukkana keessa hin jiru. Dabni Oromumaa irratti dalagamu hedduun ifa guyyaa (haala dhoksuun hin danda’amne keessatti) raaw’atamaa oola. Kanaaf dhaloota har’aatiif daba Oromummaa fi QBO irratti dalagamu arganii wal agarsiisuufis tahe mala ittiin dura dhaabbatanii fashalsan waliin qindeeffachuuf haalli jiru hanga kaleessaa dukkanaawaa fi ulfaataa miti. Itti beekuu, murteeffachuu, of kennuu fi gurmaawanii/ijaaramanii mala danda’amu hundaan irratti hojjechuu qofa gaafata.
Oromoon Saba Tokkicha kan Biyya Takkaa fi Hiree Tokko waliin qabu tahuu isaa hojiidhaan mirkaneessuun kan danda’amu, shira diinota keenyaa kan gurmuu Oromummaa laaffisuuf yeroo adda addaatti bifa gara garaatiin aggaamamu kamuu yeroodhaan qolatanii fashalsuudhaan bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa dhugoomsuu qofaan galma gaha.
Hayyootni Seenaa (keessattuu kanneen Seenaa Oromoo caalaatti qoratanii hubannoo wayyaa qabu jedhaman) dhimma kanaaf ilaalcha gahaa kennanii waa’ee Oromoo Raayyaa kan hanga amaatti beekamu gahaatti ibsuu fi kan si’achi qoratamee baramuu qabus qoratanii ifa baasuudhaan shira gurmuu Oromummaa laaffisuuf xaxamu fashalsuu keessatti qooda isaanii bahachuu akka qaban dhaammachuudhaanin barreeffama kiyya xumura.

Hub: Xiyyeeffannoon kiyya kitaabicha  irratti qofa osoo hin taane sanaan qabee walumaagala waa’ee Oromoo Raayyaa irratti jabeessinee akka yaadnu dha.
Malkaa Caffee
Hagayya 23, 2014

No comments:

Post a Comment