Rifrendemii /Filannoo hiree murteeffannaa/ Iskootlaand Irraa Maal Baranna?

Fulbaana 21, 2014 | Nageessaa Oddoo Duubee irraa

Biyya tokko keessa woliin jiraatiisa sabootaa akka mana ijaarrachuu ykn fuudhaa fi heerumaatti ilaaluu dandeenya. (Fuudhaa fi heeruma /irsoomaa fi niitoma akka dur WORRI keenna yaadu irsa mootii gootanii isii ajajamtuu yokaan tokko gubbaa tokko jala gootanii hin yaadinaa. Fuudha wolqixxummaa irratti ijaarame godhaatii yaadaa.) Worri wol fuudhe haga jaalalli jiru qofa woliin jiraata. Jaalalli badnaan adda bayiis hin hafu. Jaalala wanti balleessu ammoo wol caqasuu dhaba, wolkabajuu dhabaa fi woliif yaaduu dhaba, ofittummaa fi olaantummaa wolirratti barbaaduu yokaan wolmiidhuu fi kkf dha. Fuudha kanalle gosa lamatti hirra: (1) kan fedhii (CONSENT) worra wolfuudhuutiin argame; (2) kan fedhii MALEE fkn Buttaa.

Haa ta’u garuu wanti beekkamuu qabu gosni fuudhaa inni lammeessoo kun seeraan dhoorgaa ta’ulle eega wolfuudhani duuba yo jarri wol jaalate itti fufa. Buttaa waan ta’eef ykn fedhii malee waan wol fuudhaniif fuudhi kun haa diigamu hin jedhamu.
OromiaScotland2014
Isa fuudhaa fi heeruma KANA gara sabootaa fi biyyaatti haa deebisnu. Saboonni garaagaraa yo woliigalan wolitta irkatanii diinagdee guddifachuuf, wolgargaaranii daangaa isaanii diina biraa irraa eegachuuf, fi kkf biyya ijaarratu-fuudhaa fi heeruma raawwatu. Ijaarsi biyyaa kun garuu tola/fedhii qofaanii miti. Humnaa fi weeraraan yennaan ijaaramulle ni jira. Isaaan humnaan uummata biyya ofii qabu weeraranii ijaaraman kanaan EMPIRE jennaan. Fkn Impaayera Roomaa,British, Giriik, Itoophiyaa fi kkf Haa ta’u malee saboonni irreedhaan eega wolitta dhufaniin duuba yo wolqixxummaan jiraatte, yo tokko ta’uun sun bu’aa buuseef itti fufinsaan woliin jiraatuu dande’u.
Filannoo hiree murteeffannaa – wolabummaa fi tokkummaa Ingilaand wojji jedhu keessatti uummanni Scotland Ingilaand wojjiin jiraatuu filateera. Maaliif laata?
Gaaffiin fottoquudhaa kan kaatu waan lama irraati:
(1) miidhamnee jirra, “nu miidhanii jiran, diinagdeedhaan, siyaasaan fi hawaasummaadhaan gahee nuun malu argachaa hin jirru. Eennummaa, seenaa, afaanii fi aadaa keenna guddifachuu hin dandeenne. Hegerille argachuu hin dandeenyu/ dorgomuu fi haala jirjiiruu hin dandeenyu; nu tuffatu, nu miidhu kanaafuu wojjiin hin jiraannu” fi yaadota kkf. Kun irra caalaa miidhamuu (victim) ta’uu sababa godhata. Fottoqiinsi Suudanii kibbaa, fi gaaffiin Oromoolle kana jalatti kufa.
(2) “Nu uummata addaa ti. jarri kunniin boodatti hafoodhaa, uummata qashina KANA wojjiin hin jiraannu. Osoo kophaa baanee diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa keenna caalaa guddifanna.” Sabboonummaa olaantummaa qabu jarri kun. Gaaffiin Iskootlaand isa kana jalatti kufti. Maaliif jennaan Akkoowwan (QUEEN of England) achii dhufu, muummoleen Ministeerotaa kan labor paartii Tony Blair fi GORDON Brown faatille Iskootishoota. Kanaafuu jarri kun “saboota Ingiliz kan biraa ni caalla, kophaa adoo baanee caalatti diinagdee, haawasummaa fi siyaasa keenna dagaagfanna” kanaafuu irraa baanaa dha malee gaafii “jarri biraa nu miidhan” jedhu hin qabanu. Eenyutti isaan miidhe? Qaralle fedhiin Ingilizitti makaman. Weerartoonni isaan jechuun ni dande’ama. Yeroo makaman sanille mootii Iskootilaand ti Ingilaand bulchaa ta’e. Kanaaf akka makaman taasise. Gaaffiin Eertiraalleen gara 2ffaa kanatti waan dhiyaatu fakkaata. Sabni Eertiraa angoo siyaasaa fudhatee Itoophiyaa bulchuu haa dhiisu malee woggoota 60 ol bittaa Xaaliyaanii jala turuu isaatiin olaantummaa qaroomaa fi ddiinagdee qaba ture. Garaajii fi Hoteelonni Finfinnee fi magaalota gurguddoo keessa turan kan isaanii turan. Worri biyyittii bulchaa turan kan uummata keenna tuffachaa turanille isaaniin hin tuffatanu; ni kabaju, ni sodaatu. Kanaaf garas dhiyaata jedhe. Fakkeenni biraa Somali land. Sabni/ gosni Somaalee kan Somaliland jiraatu Daarod. Gosa duraan olaantummaa qabdu. Duraanille bittaa Biritish jala waan turaniif gosoota Hawwiyyaa fi Rahaanweyin kan bittaa Xaaliyaan jala turan kana ni tuffatu. Somaliland bifaanille diddiimoo, dhedheeroo fi babbareedoo dha. Cunqurfamneerra jedhanii waan himatanu hagas mara hin qabanu. Nu uummata addaa ti, worri nu hin geenye nu hin bulchu. Achi magaala isaanii (Moqdishoo) dhaqnee angoo qabatuu waan hin dandeenyeef fottoqnee biyya of danda’u taana jedhanii lolanii milkaawan.
Uummanni/Sabni kamuu woliin jiraachuu mo fottoquu woyya? Gaaffii jettuuf deebii kan kennuu qabu faayidaa fi miidhaa jiru ilaaliidhaan ta’uu qaba. Kamtu caalaa dantaa/fedhaydaa SABA keennaa guuta? jedhanii xiinxalanii deebii kennuun barbaachisaa dha. Uummanni Iskootlaand fottoqnu maal argannaa? Maal dhabna? British wojji jiraannu ammoo maal argannaa? Maal dhabna? gaaffilee jettu xiinxalee woliin jiraannee yo jenne fedhaydaan/ dantaan diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa keenya eeggama jedhanii murteessanii jiran.
Nuuti ho biyya SAN keessatti baallii qabannee haala amma jiru jirjiirree fedhaydaa Oromoo eegsisuu ni dandeenyaa? Diinagdee biyya sanii keessatti gahee olaanaa taphachuu dandeenyaa? Osoo carraa Iskkotland nuuf kennamtee maal filla? Yo maal taate tokkummaa filanna? Yo maal taane wolabummaa filanna? Gaaffilee hoggantoonni siyaasa Oromoo fi uummanni Oromoo deebisuu qabu!

No comments:

Post a Comment