Onkoloolessa 16, 2014 | Ibsaa Guutama Irraa | Gubirmans.com
Duulli Oromoo jaarraa 16faa keessa Laga Gibee fi Baaroo
gidduu qubate Odaa xixinnoo fi bulcha sirna Gadaa irraa maqe
dhaabbachuutti ka’e. Keessaammo kanneen dhiddheessa gamanatt hafan sirna
mooti irratt hundaawe ijaarratan. Dhugeeffannoos kan dudhaan adda tahe
guddifatan.
Jimma, Gomma, Limmuu fi Gumaan hidhata walgargaarsaa tokko ummatanii
turan. Jarri kun “Afran Naggaadotaa” jedhamu turan. Isaan irraa gara
lixaatt kan jiran Gabbaa, Haannaa, Leeqaa fi Nooleen sirna dudhaa
guutummaatt akka jara kanaa hin gaddhiisne. “Afran Oromoo” jedhamu
turan. Buunnoon isaan keessatt argama. Murni lachanuu naannicha humna
tokko jala galchuuf lola hedduu haa gaggeessan malee dubbii hubachuutt
yoo ka’an nagaan tokkummaa uummachuu yaaluu eegalan. Garuu utuu hin
xumuratin humni Habashaan Raas Tasammaa Naadon hogganamu gargar baasee
gad ciruun tokko tokkoon of jala galche.
Magaalli Buunnoo guddoon, Baddallee jedhamti. Dur konyichi Buunnoo
Baddalleen beekama ture. Seenaa, diinagdee, hawaaasoma magalaa kanaa
irratt qormaati beekamaa amanamaan kan tolfame hin fakkaatu. Waabariin
saa 1943 erga dhaabbatee beekota hedduu homishe. Garuu waa’ee Baddallee
iyyaatiin barbaadamu dhibuun kan beekoti keessaa hin baane fakkeessa.
Akka waan kolonoommii fi warshaan “biiraa” Dargiin eebbifamee banamee
(1989?) isee uumee, waa’ee saanii qofatu ifee internet irratt mullata.
Sunis tahee akkamitt meeqatu waa isaan irraa argatee, naannaan bu’aa
maalii fidan kkf kan jedhu nutt thin hin himne? Kan iyyaatii Baddallee
gara dabarsanii fi ukkamsan waan ukkaamsanii fi gara dabarsaniif qabu;
beekoti see hundi isaanitt makamanii laata? Mirkanii ilaalcha
malbulchaa irratt hin hundoofne dhihessuun isaan irraa eegama ture.
Lammii kam irraayyuu haa tahanii “Ijoollee Baddallee!” jechuun saanii
hin hafu.
Kanaaf barruun kun beekotii magaalattii bahan quwannoo gadi fagoo
qorataaf dhiisanii waanuma dhagahaa fi argaa guddatanillee utuu
barreesanii wanti iyya’amu kan darbaniif yaadannoo kan jiraniif iyya’aa
tahuu dandaha. Biyyuma ofii keessatt seenaa wallaaluun halagaan
keessumsiisaa, abbaan biyyaa keessumaa tahu hin qabu. Barreessaan kun
akka kara deemaatt namoota haasa’an irraa waan dhagahe waan arge tokko
tokko tuttuquu fedha. Sunis qorattoota fi kan caalaa beekan fulduratt
bahanii magaalattii seena qabeettii kanan caalaa wal nubarsisinu laata
jedhee abdachuunii. Kanaan duras moor saa “Prison of Conscience”
keessatt wanti ka’anis jiru.
Barreessaan kun bara achiin darbee 1963/64 magaalichi ummataan
“Baddallee Abbaa Wagaa” jedhama ture. Maqaan dhalootaa Abbaa Waggaa
Firrisaa jedhama. Waggaan ilma saa angafaa. Horee saa kan tahan Galaayee
Mangistuu Waggaa fi Birqee Waggaa jedhaman katkaalaa baasuun jireenya
saanii deggeru turani. Tokko maqaaf “baalabbaataa”. Bara Baddalleen itt
uumame hin barre garuu hedaan bara dhibbaa fi shantamaa as miti. Abbaan
Waggaa ni bu’uurse moo ni beeksise laata? Handdhurri Baddallee jalqaba
naannaa Odaa guddicha, booddana wabarii olhaanaan itt ijaaramee akka
turetu himama. Odaan sun caffee naannaa ture jedhu. Erga Oromiyaan
qabamtee sirni walabi diigamee garuu dame galma Abbaa Caffee kan
galmisaa muummichi Suphee, Anniyoo Qarree akka tahe himamu tahe. Odicha
jalatt wareega guddaatu gala ture. Abbaan Caffee Qaalluu Leeqaa
sodaatamaa fi kabajamaa ture.
Wiirtuun Baddalleen si’anaa bakka karaan Aggaaroo, Goree fi Arjoo
walitt bu’u. Dur karaa hundi kan bona irra oofamu qofa ture. Amma garuu
bonaa ganna oofsisa. Riphaan rophilaanis ture. Telefoonnis jira.
Booddana tajaajilli postaas jalqabameera. Jiraattoti magaalaa garri
caalan namota alaati, Isaan keessaa Guraagee nagadaan jiraatanii fi
Amaara mootummaa tajajilantu heddummaata. Suuqiiii garri caalu kan
Arabootaa fi Guraagee ture. Baadiyyaan garu hundi Oromoo jechuun ni
dandahama. Kolonummaan naannaa eenyummaa jiraatatota magaalaa irraa
beeksisa. Barumsa sadarkaa sadaffaa kan qabu qondaala fayyaa yoo tahu
itt haananii kan sadarkaa lammafaa bahan nursii, qondaala xurree
qilleensaa fi barsiisota barumsa sadarkaa lammaffaa qabani.
Bara barreessaan kun achiin darbe Badddalleen gabaa Sanbat Duraa
magaalaa walakkaa fi xinnaa Kamisaa yaatu karaa Jimma dhaqu duri irraa
qabdi turte. Bittaa fi gurgurtaan afaan Oromoon gaggeeffama ture.
Homishi naannaa gabaa keessatt argamu midhaan adda addaa, raafuu,
muusii, loomii, burii, ancootee, dinnicha, goodarree, hudhaa, goosuu,
qinxissaa, shonkooraa, dhadhaa, anqaaquu, indanqoo hoolaa fi horii
qalmaa, meeshaa hooda faatu argama. Xaafii farasullaan tokko birrii
lamaa fi walakkaa ture. Bittaa fi gurgurtaan kan qaban wal jijjiiruunis
ni taha ture. Loomii digdammii santimii shan ture. Buna qotuu reef
jalqabu. Xobbooti birrii sadii gogaan sees sanuma, indaanqoon santimii
25, anqaaqun birriin soddomaa ol ture. Wanti halle basha ture. Manooti
daadhii damma qulqulluu hedduu turan. Mana bunaa jiran keessaa bakka
ciisichaa kan qabu kan nama Mahaarii Barahee jedhamuu ture. Konkolaataas
isaa fi bulchaa konyaa qofatu qaba. Farmaasiin tokkichi kan nama
Baqqalaa Walda Sanbat jedhamuu ture. Geejiba biyya keessaaf nammi humna
namaa fi horii kotte duudaatt dhimma baha. Baaabura daakkuu tokkitiitu
ture.
Bara Xaaliyaaniin dhufte Oromoon naannaa jiran Abbaa Waggaa jalati
gumaawaani koloneeffata dullacha gaggeessanii kan dhufuu akka itt
simataniif qophaawaa turani jedhama. Ni lolu moo ni gabbaruu utuu hin
murteeffatin hankaaffaman. Barri sun bara doonichoon Habashaa Raas
Immiruu jedhamu Nugusan wakkala jedhee Goree qubatee. Raas, Achirraa
faarri itt toluu didnaan biyyaa bahuuf karaa Sayyoo kaanaan Bure irratt
Odaa Jooteen ittifame. Karaa Gimbii yaallaanis, Guyii irratt humni
Konfedereeshin Oromoo Lixaa dhaabeeni. Humnaan yaallan moohamee lubbbuu
baafachuuf gara Gojebtt gugate. Duran raayyaan saa bakka gahett Oromoo
saamaa, ajjeesaa, dubartii arge jiffataa akka ture waan beekamuuf
Gojebiin salphaatt hin geenye. Isa waliinis loltooti “Xiqur Anbassaa”
jedhaman turan.
Bulchaan kolonii Gumaa, Axinaaf Saggad jedhamu adda Baaleett lola
humna fashiti waliin tolfameen mo’amee gara bulcha saatt baqatee. Garuu
achiis hamajaajii malee fira dhabe. Kanaaf Immiruutt makamuuf utuu
baqatuu Baddalleett humni Oromoo Firrisaan hogganamu dhangaan simatee
darbuu akka hin dandeenye itt hime. Axinaaf Saggad kan garaa garaa
kaa’atee ol deebi’u diddaa malee fudhate. Utuu hin ka’in dhangaa nagaa
dhaamsaaf Firrisaa fi gurgudoo Oromoo hunda afeere. Fulaan waaroo
(dunkaanni) saa kan altokkoon nama tokko qofa seensisu ture. Kan dura
jiru inni duubaa akka hin agarrett hidhannoo hiiksisaa ol galchu turan.
Tokkichumaan waaroo guddichi sabboonota Oromoo qallii dhiiga dheebotteen
marfameen xirribbaawe.
Axinaaf Saggad hooggana Oromo tokkollee of duubatt akka hin dhiisne
murteeffatee jira. Erga hundi seenanii loltuu qophooftee yeroo kana
eeggattu ajajee hunda fixe. Battaluma sana xaxachun lubbuu tufatee
Buunnoo jalaa bahuun Immiruutt dabalame. Gojebitt Immiruu waliin cibraa
Xaaliyaanii tokkott harka kennate. Garuu jarri Shaggariin gahanii
Immiruu Roomaatt yoo dabarsan isa haaloo Baaleef fannisanii. Akkasitt
fixaqaccee Baddallee irran gaheef utuu hin gaafatamin kute. Sababa
kanaan lammiin al tokkoon masakoota dhabe, maatiin ijoollee haadha
hiyyeessaa taate. Hardhas yoo tahe finnaan isa erge ummata Buunnoo
Baddallee dhiifama gaafatee bakka buusaa baasuufii qaba.
Gochi Axinaaf Saggad kan seexa qabuuf jibbisiisaa waan tureef namoota
saa keessaa tokko ittiin mormuun utaalee bahuu yaalee bifilee firoota
saan ajjeefame jedhama. Nammi qajeeltuutt amanu isaan keessas ture
jechuu dha. Namooti waa’ee kanaa barreessaan kun irraa dhagahe
Habashoota turan. Kanneen gaafas achi hin turre keessaa nammi Qanyaach
Meexxii jedhamu nama nyaataa biraa jala dhaabbachuun ofirraa facisaa
wareegame jechunis ni himama. Oromoo ta’eef malee akka goota biyyaatti
maqaan saa barnoota waabarii keessa gala ture. Sun hafee ilmi silaa
ittiin yaadatamu barsiisaa Waabarii Raas Tasammaa kan ture, Yirguu
Meexxiillee, akka of ajjeesetu himama. Hogganooti gosaa hafan hedduun
kan akka obbolaa Caaltuu Guutamaa surra qabeettittii koloneeffataa
haaraan Goreett guuraman. Ergasii Baddelleen hoggansa waloo dhabde.
Kun hundi kan ka’eef Baddalleen Waa’ee koloneeffataa fi “biiraa” qofa
akka hin taane agarsiisuufii. Baddalleen sanneen caalaa kan himamu
hedduu qabdii. Dargaggoon didhaa dhugaa baasuu ofirratt fudhatu jedhamee
abdatama. Barreesichi Baddallee akka tasaa wayiif barbaadee internet
irraa iyyaatii dhabuu saaf kaase malee konyootii fi qorooleen Oromiyaa
kan seenaan ukkaanfamee jiru hedduu dha. Hundi hubannoo yoo argatan of
bara gargaara. Keessaa immo barri samichi lafaa fi qabeenyaa, dhiitammi
mirga ilmoo namaa ija baase ummata gadadoo deegaa, jeejee fi dhukkubatt
saxilaa jiru kun xiyyeeffannoo addaa gaafata.
Kan himame irraa naannaa dhumisi itt tahe asi. Naannefati kun
waltajjii karaa Aggaaroo, Goree fi Arjoo dhufaniiti. Gidduu saatt
waanti siidaa yaadannoo fakkaatu gaalchaan hin mullane jira. Kan
eenyuuti laata? Internet hanga sana qofa waan himuuf kan caalaa beekan
akka gabbisaniif eeggataa.
Ibsaa Guutama
Onkololeessa 2014
No comments:
Post a Comment