Sadaasa 03, 2014 | Gabaasa Kiyyaa Gonfaatiin
Yaadannoo Finciila Diddaa Gabruumaa (FDG) yeroo 9ffaa sadaasa 01 2014
biyya Norway magaalaa Oslo keessatti haala gaariin geggeeffamee oleera.
Yaadannoo Finciila Diddaa Gabruumaa kan baranaa adda kan isa goodhu
Maastar Plaanii Finfinnee isa haaraa waliin wal qabatee baratoota Oromoo
univarsitii fii sadarkaa lammaffaa rasaasaa diinaa tin lubbuu isaanii
dhabuu isaanitti. Motuumaan TPLF ajjeechaa baratoota keenyaa irratti
raawwatee qabsoo ummanii Oromoo amma keessa jiruu yoommiyuu caalaa akka
jabaatu kan godhuu ta’uu issaa hirmaatoni yaadannoo FDG irratti argaman
ibsaniiru.
Hirmaatonii yaadannoo FDG kana irratti argaman, obbollewwan keenyaa
biliisumaaf jeecha lubbuu isaanii dhabaniif kabaja isaaniif qaban
ibsaniiru. Gaafiin isaanii gaafii kan ummata Oromoo hundaa waan taheef
kaayyoo isaan kufaniif bakkaan gahuuf dirqamnii Oromummaa guddaa nurra
jiraa, kanaaf tokkoo tokkoon keenyaa kana hubanee yeroo kamiyyuu caalaa
haarka wal qabanee fii tokkuummaa keenyaa ciimsinee waliin hojjechuu
qabnaa jedhaniiru.
Dhummara, namooni yaadannoo kana irratti argaman hundiinu dungoo
qabsiisuudhaan daqiiqaa tokkoof obbollewwan keenyaa mirgaa fi bilisummaa
Oromoof jeecha wareegaman yaadataniiru.
Sagantaa qabamee keessaa qophii Qeerroon qophaa`ee issa tokkoo dha.
Baratoota rasaasa wayyaane tin lubbuu isaanii dhaban yaadachuuf Qeerroo
Oromoo Norwayin qophiin qophaa’ee kun kan nama keessa xuqquu fii kan
nama boochisuu turee.
Obbollewwan keenyaa bara baraan ni yaadatamu!
Injjiffannoo Ummata Oromoof!
No comments:
Post a Comment