UMMATA OROMOO BIYYA UK MARAAF: Ayyaanni Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) giddu galeessa UK, magaalaa Leeds keessatti gaafa Sadaasa 29, 2014 kabajama.

Sadaasa 11, 2014 | Koree Qindeessituu FDG fi Hawaasaa Oromoo Yorkshire
 Ayyaanni Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) giddu galeessa UK, magaalaa Leeds keessatti gaafa Sadaasa 29, 2014 kabajama. 

Ayyaanni kun waggaa 9ffaa ummatni Oromoo FDG bifa haarawaan eegalee fi sochii barattoota Oromoo; wareegama kafalamee fi gaaga'amina gahe yaadachuuf kabajama. 

Akkasumas sochii ummataa kana bira dhaabachuuf maal gochuun akka qabnuu fi gabaasaa Amnesty International dhihoo kana baase irratti mariin bal'inaan ta'a. 

Sangantaan bashannanaa fi galgalli aadaa Oromoos ni jiraata. Kanaaf guyyaa seenaa qabeessa kana irraatti argamtanii maree dhimma saba keessanii irratti akka qooda fudhattanii fi ummata keessan waliin bashanatan kabajan isin afeerra.

Bakka: Ebor Gardens Community Centre,

             Haslewood Drive, Leeds, LS9 7PS
Guyyaa: Sadaasa 29, 2014
Sa'aatii: 15:00 - 22:00
 Koree Qindeessituu FDG fi Hawaasaa Oromoo Yorkshire

No comments:

Post a Comment