Muddee 23, 2014 | Bakkaanga'aa Margaa Irraa*
Artistoonni Oromoo Aadaa naannoolee Oromiyaa kaabaa hanga kibbaa tti,
bahaa hanga lixaa tti, wal-simachiisanii dagaagsan, walaleessanii
weellisan, geerrarsaan kan rafe dadammaqsanii sabboonummaa dagaagsan,
faarsanii maqaa goototaa ol-kaasan, Qabsoo Oromoo daangaa hanga daangaa
tti sosochoosanii harka duwwaa rasaasa dura dhaabbatan. Oromummaaf jecha
mana hidhaa tti dararaman, kaan lubbuun wareegaman, kaanis lubbuu
oolfachuuf biyyaa baqatan. Waggoottan 23 darbaniif dararaan Artistoota
Oromoo’rra gahaa jiru hagana jedhamee waan akka laayyoo tti ibsamu miti.
Artsitoota Oromoo Eebbisaa Addunyaa, Usmaayyoo Muusaa, Yooseef
Gammachuu, Maaramee Harqaasaa fi kabiroo miidhaa diinaa tiin hardha
lubbuun uf cinaa isaan dhabnu’llee dalagaan isaanii Utubaa seenaa ta’ee
ilmaan Oromoo waliin jiraata. Dararamnii fi miidhaan heddummatu’llee
Artistoonni Oromoo kaleessas, hardhas gocha diinaa tiif hin
jilbeeffanne, borus hin jilbeefatan!
Kallattii sochii fi qooda Artistoonni Oromoo saba isaan tiif gochaa
jiran’rraa maqsuuf jecha torban darbe leenjiin haangawwan OPDO tiin
Artistoota Oromoo tiif kennamuuf yaalame “abjuu dhaabachisoo” akka ta’e
Artsitoonni leenjii dhuma sa’a’rra tti dubbatanii jiru. Artistoonni
leenjii sana’rra tti hirmaatan “Isin garuu onnee Oromummaa ni qabduu?”
jechuu dhaan OPDOn dantaa mootummaa Wayyaanee jajjabbessuun ala danta
saba Oromoo tiif kan hin dhaabbanne, miidhaa fi dararama saba
Oromoo’rraa gahaa jiru hambisuu ykn mormuuf’llee waa takka akka
tattaafachaa hin jirre Artistootaan ibsanii jiru.
Egaa “bara Xaalyinaani weerartoota biyya alaga’rraa dhufan,
Faranjoota jala hiriiranii kan biyya gabroomsisa turan ‘Baandaa’jedhamu
turan, Baandaa jechuun nama lammii irraa dhalate lammii gane jechuu dha.
Haata’u malee sirna koloneefataa Xaaliyaanii sana biyya Itoopiyaa’rraa
ykn Oromiyaa’rraa kaasuuf sochi taasifame keessatti warri Baandaa
ta’anii turan sun walii galanii gooftota isaani tti garagalan, Uummata
isaanii cina dhaabbachuu dhaan koloneefatoota seeraan ala Uummata
koranii ta’ani tti fincilan, duula itti banan, gabrummaa koloneefatoota
alagaa jalaa biyyi akka bilisa ba’uuf qooda guddaa gumaachanii” jedhama.
Egaa OPDO n“Birillee ke neqa ayhonem eqa” mamaksa jedhamu sana
dhagayii, Bilillee dhuma dhugaa sana “Ye mayneqa eqa!” ta’anii afu moo
“tokko dhuufuun dhiirummaa dha, lama dhuufuun gadhummaa” jedhanii Seenaa
jijjiru laata?
Bu’aa ba’ii Artistoota Oromoo
Dararamni sirna bulchiinsa mootummaa Wayyaanee akkuma jirutti ta’ee,
Artistoonni Oromoo bu’aa ba’ii akkamii keessa darbanii hojii muuziqaa
hojjataa akka jiran Uummanni Oromoo sirrii tti hubatee jiraa laata?
Bu’aa ba’ii jiru mee obsaan armaan gadii dubbisaa.
Kaasseetta (CD) tokko gurra ummata tiin ga’uu dhaaf, akkuma yeroo
mana cidhaa ykn guyyaa ayyaana waggaa namuu ol-ka’ee weellisu sana
salphaa miti. Bu’aa bayii hagana hin jedhamne keessa darbameetu
kaasseettiin (CD)n sirbaa tokko maxxanfama. Artsitiin Oromoo tokko
“Albumii muuziqaaa” tokko maxxansuuf walaloo fi yaadaloo qopheesseetuma
sirbuun qofaa gahaa miti, irra deddebiyee baatii dheeraaf
(waggoottaniif) sagalee qarachuu, shaakkala gahaa taé gochuu feesisa.
Kana malees Artistoota meeshaa muuziqaa xabatan, “digital audio mixing”
qindeessan, kan weelluu jalaa qaban, “studio” muziqaan itti qindeeffamu,
kana hundaa walitti haanjessuu feesisa. Waan kana hundumaa guuttachuuf
maallaqa barbaachisa. Yeroo amma kana tti sagalee qofaan weelluu
caqasuun gahaa ta’uu dhiisuu mala. “Video clip” qopheessoofis bu’aa
bayii kabiraa guddaa qaba. Namoota “Video” waraabanii gulaalan, nama
“script” barreessee “director” ta’ee hojjachiisu, namoota shubbisan fi
uffannaa adda addaa qopheessuutu artisticha’rraa eeggama. Kun hundumtuu
horii feesisa, qarshii guddaa barbaachisa. Kana qofaa mitii yeroo
“studio” keessatti muziqaan hojjatamu, Buna fi shayii, nyaata fi
dhugaatii wanta heddutu bitama, kunis maallaqumaani. Yeroo dheeraaf
(waggoottaniif) hojiilee qindaa’uu qaban kana qindeessuuf geejibaan asii
achi deddebiyan, bibila bibilbiluun tola miti, kunis maallaquma
barbaachisa.
Dalagaaleen armaan olitti caqafaman martinuu “original master
recording” kaasseetta/CD/DVD tokko qofaatti cuunfamee ba’a. Erga
muziqaan bifa kanaan qindaa’ee hojjatamee, cuunfamee ba’een booda
heddummeessanii gurra Uummataa tiin ga’uuf tattaffiin itti fufa.
“Poster, Cover, Sticker fi blank CD” heddumina qabu bituu fi maxxansuuf
dirqamu. Akkasumas kaassetta/CD/DVD heddummeessuu (duplicate) gochuu
qabu. Egaa waan kana hundaa qopheessuuf qarshii guddaa barbaachisa.
Haala hunda keessa darbanii hojiidhuma xumuurame kana raabsuu dhaan
gurra Uummataa tiin ga’uuf mana muuziqaa kaassetta/CD isaaniif raabsu
argachuun heddu dadhabsiisaa dha. Manni muziqaa Oromoo Finfinne keessaa
jiran (kanneen kaasseetta muuziqaa raabsuu dandayan) lakkoofsaan heddu
xiqqaa dha. Heddumminaan kan jiran kan sab-lammoota kabiraati.Kanaafuu
artistoonni Oromoo qarshii liqeeffatanii, fira itti kadhatanii gidiraa
heddu arganii kaassetta/CD qopheessanillee, mana muuziqaa isaan harkaa
fuudhee Ummataaf raabsuu argachuuf bu’aa bayii guddaa heddu seenu, mana
muuziqaa ‘tole’jedhee isaaniif raabsu hin aragamu, kun rakkoo isa
kabiraa dha.Tarii akka carraa manni muuziqaa kaassetta/CD qophaa’e
harkaa fuudhee raabsu yoo argame’llee manneen muziqaa warra alagaa wanna
ta’aniif itti dhimmanii sirnaan hin raabsaniif, beeksisa barbaachisaa
ta’e sirnaan hin raawwataniif. Gurguramee dhiisee, Aartiin Oromoo
dagaagee dhiisee dantaa warra mana muuziqaa alagaa miti. Yoo tolee
gurgurame waan raabsani’rraa bu’uu argachuu, yoo hin gurguramnes
kisaaraan isaan mudatu wanta hin jirreef hojii Artistoota Oromoo tiif
warri abbaa qabeenyaa mana muuziqaa alagaa waanti isaan dhiphisu
gonkumaa hin jiru.
Artsitoonni Oromoo ijoollee iyyeessa tti, ijoollee Qonnaan bulaati,
qarshii hojii kanaaf oolu argachuuf heddu dhiphatu, hojii umnaa
hojjatanii, hiriyaa’rraa liqeefatanii, fira’rraa kadhatanii qarshii
argataniin aarsaa guddaa kafalaa jiru. Bifa kanaan bu’aa bayii heddu
keessa darbanii Artii, Aadaa, Seenaa, Afaan, Siyaasaa fi Sabboonummaa
Oromoo kan dagaagsaa jiran.
“Egaa Kaasseettiin/CD/DVD”n bifa kanaan bu’aa bayii hedduun qophaa’ee
booda hoo Ummanni keenya orijinaala qofaa bitatee obboleeyyan keenya
jajjabeessaa jiraa?” gaaffiin jedhu yoo ka’e, “hagas maraa miti”n deebii
ta’a, sadarkaa barbaadamu tti bifa gahaa ta’een Uummanni keenya
originaala bitataa hin jiru, hagi tokko waraabbii bitata. Waraabbii
bitachuun cuunfaa dafaqa Artistoota keenyaa itti fayyadamuu yoo taé
malee baasii fi rakkina Artistoonni keenya keessa jiraniif wanna
tokkoo’llee hin fayyadu. Yoo xiqqaatee xiqqaate waggaa tti “Albumiin
muuziqaa” Oromoo dhibbi tokko tti lakkawwaman ni maxxanfamu. Garuu achi
keessaa rabbi gargaaree waan hunda sirnaan injifatee baldhinaan, sirnaan
gurra Uummataa kan qaqqabu sirboota Artiistoota 3 hin caalu. Kana
jechuun “Albumiin muuziqaa Oromoo bu’aa bayii hedduun
hojjatamu’llee waggaa tti harka 100 keessaa haki 97 otoo sirnaan gurra
Uummata baldhaa hin qaqqabiin hukamfamee afaa jechuu dha. Egaa haala
kanaan kan ka’e sabboontonni Artistoota Oromoo kasaaraa maallaqaa fi
hamilee cabiinsi kan isaan mudate hedduu dha. Jiruu fi jireenya ulfaataa
taé jalatti kufanii jiraachuuf haalli isaan dirqee jira.
Otoo abbaan qabeenyaa Oromoo mana muuziqaa ciccimaa adda addaa
qaabatanii rakkinni hagana ulfaaataa ta’e Artsitoota Oromoo hin mudatu
ture. Otoo Uummanni keenya kaasseetta/CD/DVD originaala Artistoota
keenya’rraa sirnaan bitatee dararamni hagana ga’u Artistoota keenya hin
mudatu ture. Otoo Artistiin Oromoo tokko biyya alaa kana keessa
keessummummaf mana namoota Oromoo deddeeme namni martinuu gammachuun isa
simata, affeerraa nyataa fi dhugaatii guyyaa tokkoo qofaa tti shakkii
tokko malee “dollar ykn Euro” 100 (dhibba tokko) inuma baasuuf. Egaa
affeerraa guyyaa tokkoof haga kana baasuun ni dandayama yoo ta’ee
kaassetta originaala Dolaara/euro 10 (kudhaniin) bitachuun maaf nutti
ulfaatee? Jennee of gaafachuun gaarii ta’a. Kana qofaa miti, yeroo adda
addaa “concert iin muuziqaa” bakka adda addaa tti sirnaan maaf hin
qophoofnee? Otoo kunis sirnaan hojiirra oolee rakkoo Artistoonni keenya
qaban furuun wanti hin dandayamneef hin jiru ture.
“Otoo, otoo, otoo” jechun hin fayyadu. Kan fayyadu wanna ta’uu qabu,
wanta Lammiin Oromoo gochuu danda’u tokko raawwachuutu rakkoo hiika,
furmaata fida malee. Kanaafuu Artistoonni Oromoo “Artii, Aadaa, Seenaa,
Afaan, Siyaasaa fi Sabboonummaa Oromoo dagaagsaa jiru” jennee yoo itti
amanne Artistoonni keenya gootota keenya wanna ta’aniif faarsuu qabna.
Faarsuun keenya erga Artistiin tokko lubbuu dhaan darbee/darbiteen booda
qofaa ta’uu hin qabu, otuma lubbuun jiranii isaan haa faarsinu, ha
jajjabbeessinu, dalagaa isaanii orijinaala haa bitannu, diingdee fi
beekkumsa qabnuun isaan cina haa dhaabbannu. Keessattuu yeroo ammaa kana
tti Artistoota keenya dibeen dararamaa jiraniif Uummanni keenya
ariitiin, gargaarsa barbaachisaa ta’e abbomuu qaba.
Waan Bayeessa haa hojjannu!
* Bakkaanga’aa Margaa: oromummaan@yahoo.com
Bu’uuressaa Oromummaa Founadtion fi Wixineessaa WTUOGA
Oromummaa.com
No comments:
Post a Comment