Galaanaa Dheeressaa |
Yeroo
ammaa sadarkaan addunyaan keenya irra jirtu, yeroo dhalli namaa
sadarkaa baay’ee darbee, haala qaroomina gaggaariirra gahe dha.
Qaroominni dhala namaas yaadaan, aadaadhaan, wantoota dhalli namaa
itti fayyadamu akkasumas wantoota gara birootiin kan ibsamu dha.
Meeshaaleen kurnoo xiqqoo dura hin jirre hedduun uumamanii jiru,
yaadoleen duubatti hafoon hedduunis jijjiiramanii jiru. Akka
fakkeenyaatti yeroon daldala garbaa, appaartaayidii, fi sirni
bulchiinsa abbaa irree jijjiiramanii, addunyaan keenya gara
dimokraasiitti tarkaanfachaa jirti. Dur bulchaatu, bulfamaa darara,
abbaa irreetu uummata cunqursa, adiitu gurraacha tuffata. Yeroo
ammaa kana garuu haa xiqqaatuu akkuma qajeelfamaa fi seerota addunyaa
fi biyyoolessaattis ta’u wal qixxummaan dhala nama hundaa
barreeffameera. Seerota kana keessaa kan akka
ICCPR, ACHPR, ICESCR, UDHR’n isaan ijoo
dha. Chaartarri Mootummoota gamtoomaniis erga mirga walqixxummaa
labsee jaarraa walakkaa darbee jira.
Gara
biyya Itoophiyaatti yoo dhufnu, seera addunyaan ittiin buluuf
baafatte ishiin immoo ittiin fudhatama argachuuf waan itti hin amanne
raggaasisuun bara Hailasillaasee irraa kaasee bartee ta’ee jira.
Seerri Itoophiyaa kun kutaan baay’een isaa seera biyya biraa fi
seerota addunyaa irraa kan fudhatame dha. Kanaaf barreefama isaa
yeroo ilaallu akka addunyaatti kan sadarkaa qabaachuu danda’u dha.
Heerri biyyattiin amma ittiin bulaa jirtu keewwanni 10 fi 25
muraasaanii waliin, Seerri hariiroo hawaasummaa, akkasumas seerri
yakkaa cimsanii waa’ee wal qixxummaa namootaa lallabu. Garuu kutaan
baay’een seerota kanaa, qaamni biyya biraa haa ilaaluuf malee
raawwatamummaan isaan uummata biratti qaban hin jiru.
Seerri barreeffamee lafa jiru raawwatamummaa hin qabu taanaan qixxee seera hin jirreeti(seera du’e dha).
Kanaaf
kutaan seera biyya Itoophiyaa baay’een du’aa dha yoo jedhame waan
dhugaa irraa fagaate miti. Waa’ee raawwatamummaa fi loogii uummata
gidduu jiru, haala siyaasaa biyyattii fi waan seerri barreeffamee
jiru jedhu, hojii miidiyaaleen biyyattii keessa jiran uummata
keessatti hojjachaa jiran, akkasumas ijaarsa sirna federaalizimii
biyyattiin hordofaa jirtu keessatti hirmaannaan saboonni biyyatti
qaban maal akka fakkaatu seera walii galaa waliin wal qabsiisee kutaa
biraatti kanan ilaalu yeroo ta’u barreeffama kana irratti immoo
raawwatamummaa mirga dhala namaa keessaa wal qixxummaa adii fi
gurrachaa biyyattii keessaa irratti gabaabinaan waa jechuun yaala.
Wal
qixxummaa dhala namaa jechuun namni kamiyyuu garaagarummaa saalaa,
umrii, qabeenyaa, halluu fi sadarkaa malee qixxee dha kan jedhu dha.
Wal qixxummaan kun seeraan eegama malee seeraan kan kennamu miti. Kan
namni uumamaan qabu dha.
Barrreeffama
koo kanaaf sababa kan naaf ta’e muudannoo guyyaa tokko na mudate
dha. Dhimma dhuunfaatiifan gara mana baankii deeme. Maamiloota achi
jiran waliin waraqaa hiriira qabsiisnee eeggachaa turre. Yeroon isaa
yeroo qormaataa waan tureef barattoonni hedduun hanga hiriirri isaan
qaqqabutti obsa cimaan eeggachaa turan. Gidduudhuma kanaan dubartiin
faranjiin tokko gara baankichaa seentee foddan ani hiriire cinaatti
qajeeltee waraqaa ishee keessumsiisichatti hiixattee dabaree
eeggachuuf teesse. Keessumsiisichis kallattiin barruu
herreegaashiirraa qarshii baasee waamee kenneefii akka itti seequu
ta’e. maamiltoonni fodda sanarra jiran akka gungumuu taanaan ija
hamaan isaan ilaaleet waraqaa hiriiraaf tuulamee jirutti deebi’e.
kan namoota hedduu ajaa’ibe garuu dubartittiin adiin sun yeroo
qarshii keessumsiisicharraa fuutu, nyaara guurtee “ your service is
not impartial and speedy “ jetteenii ija tuffiitiin isa ilaalaa
baate.
Kanarraa
ka’ee wantoota tokko tokko yeroon ilaalu, dhimmi kun dhimma itti
yaadamuu malu akka ta’e natti mul’ate. Mudannoo baay’ee keenyaa
ta’a jedhee kanan amanu immoo kabaja poolisoonnii fi waardiyyoonni
akkasumas qaamni seera raawwachiistuu biyya keenyaa bay’een isaanii
obbolaa isaanii gurraachotaaf qabani dha. Walitti bu’iinsa nama
gurraacha tokkoo fi adii tokkoo poolisiin arge tarkaanfii inni
fudhatu yookiin fudhachuu danda’u warri argitan dhugaa bahuu
dandeessu.
Hayyuuwwan keenya meeqatu mooraa Yuunibarsiitii keessatti
barsiisan seenuudhaaf sakatta’insa gosa meeqaan mankaraara. Isaan
sakatta’a’amuun sirrii ta’uu mala garuu isaan bukkeedhaa adii
tasa gara biyya keessaa dhufee Yuunibarsiitii doow’achuu barbaadu,
kan eenyumaansaa hin beekamnetu bilisummaa addaatiin sakatta’insa
malee mooraa Yuunibarsiitii keessa bakka barbaade naanna’aa oola.
Yeroo kanatti barataa yookiin barsiisaan gurraachi yeroo hunda achiin
deddeebi’u, waraqaa eenyummaa irraanfatte jedhamee kutaa fi hojii
gara biroo hedduu gubee alatti dhoowwama. Adiin magaalaa keessa
deemaa jiru lafaa ol jedhameet gaaffii fi sakatta’insa tokko malee
ol seensisama. Yuunibarsiitiin bakka humni barate kan biyyattiin
qabdu itti wal ga’ee jiru dha. Haala kanaan itti fufnaan qaamni
adii ta’e kan barataa fi hayyuu kamiyyuu miidhuuf ergame, ergama
barbaade meeshaa fedhe fudhatee seenee raawwatee bahuu danda’a.
Mootummaan shororkeessummaa mormuusaa nutti faarsaa oolu dhimma
kanaaf maaf furmaata dhabe. Adiitu gurraacha caalaa qulqulluudhamoo,
gurraachatu lafasaarratti adii caalaa shakkame? abbaatu manasaatti
shakkamee, ormi amaname. Dhimmi kun geggeessitoota mootummaa birattis
waan hin mormamneef ittuma cimaa jira. Mootummaan wal qixxummaan
uummataa eegamuusaa warreen dirqama Oogummaa gatan walitti qabee
karaa miidiyaa akka odeesssan leenjisu, Maaliif hojjattoota isaa
uummata tajaajilan waa’ee wal qixxummaa leenjisuun itti cime laata?
Hojjattoonni mootummaa hojii idilee dhiisanii torbanitti guyyaa hojii
afuriif walga’ii taa’an waa’ee maalii odeessaa oolu laata?
Dhimma ijaarsa dimokraasiiti akka hin jenne hundee dimokraasii kan
ta’e mirga dhala namaa eeguun hojjattoota hedduu biratti akka
cubbuutti ilaalamaa jira. Osoo kun hin taane ta’ee hiyyeessii fi
humna dhabeessi dhaba isaatiin, Lammiinis halluu isaatiin hin
tilmaamamu ture.
Dhaabbileen
amantii tokko tokkos suuraa itti
fayyadaman osoo gadi fageenyaan ilaalanii yaada jedhun qaba.
Suuraawwan kunneen irratti kan waaqa bakka bu’u adii yoo ta’u kan
jinni (Seexana) bakka bu’ummoo gurraacha dha. Kitaaba amantii kam
keessattiyyuu “ Jinniin gurraacha, waaqni immoo adii dha ” kan
jedhu hin jiru.Waaqnis Jinniinis halluu hin qaban. Inumaayyuu
kitaabni qulqulluun Luusifer (Seexanni) ergamaa akka turee fi
ergamoota keessaas isa bareedaa akka ture lafa kaa’a. Amma immoo
seexanatti jijjiiramnaan gurraachome moo?, duruma yemmuu ergamaa
ture gurraacha moo? Moo waan bareedina addaa qabuuf seexanatu
gurraachaan fakkeeffamee, ergamoonnii fi waaqni adiidhaan bakka
bu’aman. Ergamoota kaan keessas gurrachi akka Luusifeer jira moo
tarii ‘gurraachatu caalaa bareeda' yaada jedhuun ta’inna laata?
Ta’ullee Seexanni waaqa caalaa hin bareedu kaa. Waaqnimmoo adiin
bakka buufamnaan, Jinniin gurraachaan bakka buufamnaan, Adiitu irra
waaqa fakkaata jechuu mitiiree? Maddi suuraawwan kanaa Awurooppaa
keessa akka ta’ee fi jaarraawwan dura akka ta’e maddi baay’een
ni eera. Yeroo sana sababa koloniitiin ilaalchi warri adii
gurraachotaaf qaban akka suurri kun kaafamu taasisuu mala. Amma hoo
jaarraa 21ffaa
keessa gurraachi bara qaroominaa fi addunyaa wal qixxummaatti amantu
keessa taa’ee maaf faakki kana keenyaan manaasaatti fanniseree?
maaf gaaffii wal qixxummaa irratti kaasuun dhibe?
Bara
2013tti mana sirreessaa godina tokkootti nama sirreeffamaa osoo hin
taane hidhamaa gaafachuu dhaqeen waa taajjabee gale. Namoota mana
sirreessaa sana keessa jiran dhibbaan lakkaa’aman keessa, lammii
biyya Chaayinaa tokkotu sababa gahaa hin taaneen mi’a gatte jedhee
dhalataa godinichaa ajjeesee mana sirreessaa seenee ture.
Sirreeffamaa seeraa kanaaf manni kophaatti, sireen kophaatti
akkasumas faayidaaleen garaa garaa gurraachota achi keessa jiran
irraa addatti kennameefii kanuunfamaa ture. Sirreeffamtoota keessaa
namni tokko “maaliifi” jedhee gaafannaan, deebiin deebi’e yaada
“ Sinii fi isaan qixxee miti.“ jedhu kan of keessaa qabu dha.
Egaa jarreen sirreeffamtoota jedhamanii achitti wal gahan sun deebii
qaama mootummaarraa deebi’eef kanarraa maala baratu? Kan gibira
gosa garaa garaatiin kanfalee galii mootummaaf galchee tajaajiloota
kunneen danda’u jara kanaa fi maatii isaaniiti, eenyutu eenyu
ta’eet qabeenya uummataa kanarratti hangana lammii biyyaa qaanessa?
Eenyutu qabeenya eenyuutiin eenyu qooda?
Geggeessaan
qaama mootummaa kanaa mataan isaa adii waliin wal bira qabee
akkamitti akka of ilaalu tilmaamuun rakkisaa miti. Namni lammii alaa
kunoo ilaalcha akkamii akka nuuf horatu beekkamaa dha. Boru yeroo
biyya isaatti deebi’u kabajni inni nuuf qabu akkam ta’a? Kan
waan hunda caalaa afaan na qabachiise immoo namni kun yakka nama
ajjeesuun isaa ragaan mirkanaa’ee, ji’a lama qofa hidhamee bahuu
isaati. Kan du’etu raammoo dha moo, kan rukutee ajjeesetu Waaqaree? Seera biyyattiitu adabbii yakkaa keessaa adii baase moo du’a
gurraachaatu du’a dhala namaa mitiree? dhimmi kun dhimma nama
dhuunfaa kamiyyuu ilaallatu dha. Mee ilaalaa, osoo gurraachi tokko
asii deemee biyya warra adiitti adii tokko ajjeesuu miti miidhaa
qaamaa irraan gahee maaltu akka itti dhufu tilmaamuun rakkisaa miti.
Dhalataa asii meeqatu, biyya adiitti “adii faana wal dhabde”
jedhamee hidhaa isaa fixatee waan qabu gatee akka gara biyyasaatti
galu taasifame. Namni kun biyyasaatti galee ta’ii kana yeroo ilaalu
gad aantummaa hangamiitu itti dhagahama?
Namoota
Hoteelota, Taaksii, Hospitaalotaa waajjiraalee garaa garaatti
tajaajilamuuf deemanii Faranjii waliin hiriira qabatanii dursi adiif
kennamuun aarii fi fi gaaffii yeroo tokko tokkos gad aantummaan itti
dhagahamee gaddaa galan manni haa lakkaa’u. Akkasumaanuu tajaajila
uummataa dachee kanarratti kennamaa jiru keessaa kan loogii fi
malaammaltummaa dhabe xiqqoo dha. Cittoorratti fanxoo akka jedhan
sirni appaartaayidii dagaagee jiru kunis gaaffii gara biraati.
Namoota waajjiraalee mootummaa adii waliin deemanii kophaa
sakatta’amanii adiin akkanumatti seensifamu, dhimma wal
fakkaataarratti yeroo adiin dhimma isaa xumuratee bahu isaan
ji’ootaaf deddeebifamuun isaan quunnamerraa komii dhagahuun waan
haaraa miti. Waanuma gurraachomaniif qofa!
Kun
of arrabsuu isa haamilee nama dhuunfaarra darbee, haamilee nama
gurraacha ta’e kamiiyyuu tuqu dha. Keessattuu kan dhalataa dachee
kanaa, isaa kabajasaa halluu gogaasaatiin dhabaa jiru kanaa. Seerri
wal qixxummaa lallabu kun yoo kallattii kanaan hojiirra hin oolle,
maaf waraqaaf qalamni bada.
Kun
dhimma dhaabbata tokkoo qofa miti. Dhimma namni kamiyyuu ilaalcha
isaa itti of sirreessuu qabu malee. Dhaloonni of tuffachaa fi of
arrabsaa jiru kun maal dhaloota
dhufu barsiisa? Kun egaa dhimma nama hundaati. Dhimma namni kamiyyuu
of gaafachuu qabu, dhimma dhuunfaati. Kan hundi keenya itti yaaduu
qabnu mirga dhala namaati.Wal kabajuu fi wal qixxummaan aadaa keenya
dha. Keessummaa kamiyyuu kabajuudhaan beekkamnus namaa gaditti of
madaaluun aadaa keenya miti. Ta’uus hin qabu. Sirni madda
dimokraasii addunyaa Sirni Gadaas wal
kabajuu hin mormu. Loogii fi halluun qooduu dhaloonni ammaa itti jiru
kana garuu abbootiin keenya Sirna Gadaa aaddunyaaf gumaachanis ta’ee
wal qixxummaa adiif gurraachaaf lubbuu fi umriisaanii wareegan
cimsanii mormu. Sirna appaartaayidii dhaloonni ammaa kun ofirratti
geggeessaa jiru kana osoo Abdiisaan Aagaafaa, Nilson
Maandeellaanfaa,Maartiin Luutar Kiingifaa yeroodhaaf ka’anii
ilaalanii akkam nutti haa qaana’an. Bifaa fi halluu keenya waaqni
bareechee nu uume yaada mataa keenyaatiin gadi qabnee ilaaluun yaada
duubatti hafaa keessaa isa ijoo dha. Wal qixxummaan dhala namaa
kamiifuu haa ta’u !
Hub:
Ani dhuunfaa kootiin Adiifis ta’e
gurraachaaf jaalalaa fi kabaja wal qixaan qabaaf.
No comments:
Post a Comment