Muddee 30, 2014 | VOA Afaan Oromoo
Gaafa tokkoo manii barumsaa tokko ijoollee cufaan afaan keessaniin
suuraa kaasaa, wa barreessaa kootta jedhe, jennaan daahimii tokko dadhabe
maaliif akka dadhabe gale maatii isaa gaafate.
Toltuun sun irratti garaa hammaatee achi irraa kaatee afaan Oromoo
akkamitti sadarlkaa addunyaatti akka guddisuu dandeettu yaaddee hujiiti
seente jedha warrii isii beeku.
Hujii Afaan Oromootiin guddisut tanaan ‘Afan Publications’ jettee moggaafte, Toltuun.
Afan Publications ykn ammoo Afaan Publications, porojeekti
Afaan Oromoo, eenyummaa Oromoo, qulqullinna barnoota Afaan Oromoo fi
dandeettii Afaan Oromoo addunyaatti baasanii qarooma jabana kanaatiin
wal barsiisuu.
Fedhiin Toltuu akka mana Oromoo,mana maatii Oromoo cufa keessaa
kitaabii Oromoo jiraatu.Hujii tana ammoo kitaabaa fi meeshaa barnootaa
Afaan Oromootiin barreeffaman 17 barreessitee Muddee 31, 2014,
Norweey, Oslootti eebbisiisuun jalqabde.
Kitaaba barnoota afurii fi kitaaba suuraa kaasuu,tapha gara garaa
tapchiisuun ijoollee afaan barsiisu kana USA fi Kanaadaalleetti
eebbisiisuutti jirti.
Akka Toltuun jettettu fedhiin isii guddoon akka namii Oromoo cuftii
ijoollee isaanii eennummaa isaanii biyyujma fedhanillee jiraatan
barsiisaa guddifatan tolchuu. Toltuun Miilboorin, Awustiraaliyaatti
dhalatte barumsa ‘Psychologytiin’ PhD barachuutti jirit. Hujuma tanaaf
ammaaf barumsa dhaabee jetti yoo hedduu ijoollee didiqoo wa barsiifu
fedhaa jetti, Toltuun. Yoo porojeektintun dhuamtte waan hin dhumanne,"
eennummaa Oromoo jabeessuuf hojjadha. "Hujii Toltu hedduu
www.afaan.com.au irra jirti.
Mee waan huji isii tana caqasaa.
No comments:
Post a Comment