Oromiyaan ammayyuu qabaa
jala jirti. Oromoon hardhallee lafa saanii, qabeenya sanii, mirga nam tokkee,
mirga ummataa fi birmadummaa saanii akka sarbamanitt jiru. Aadaan, dudhaan,
afaannii fi eenyumaan saanii dimshaashumatt akka lamuu seenaa keessatt sabummaa
hin himannef haqamaa turani. Jeequmsa 1960ootaaf kaasaa kan tahan tuqaalee kana
turani. Caalatt badaa kan ta’e, ummata tokko tahun saanii fakkeessaaf erga
barameefiillee, qoteebulaa lafa saa irraa buqqisanii “investor” sabgidduu fi
naannaa kan lafaaf bishaan haddhaan faalanii fi bosona fanfana malee cagadanitt
gurgrachuun ariitii guddaaan gaggeeffamaa jirachuu dha. Lafti Oromiyaa akkuma
bara atsootaa kan finnaa koloneeffataa malee kan ummata Oromoo miti jedhame.
Oromoon haala kanaan dura arganii hin beekneen manahinqabnee fi hojihinqabnee
tahan. Ofii qooqaa qabeenya saanii samameen koloneeffataa fi “investerooti” yoo
bashannanan ta’anii garaa hooqqataa laalu. Imaammata addaddoomsaa (Apartayid)
ofirroo akkasii fi waan isaan moo’ummaa Oromiyaa, seenaa, aadaa fi afaan saatt
tolchan diiguun salphaa dha kan jedhu hin jiru, garuu hamma fedhe haa fagaatuu,
waan fedhe haa baasisuu malee kan hin dandahamne hin jiru.
Hanga faanfanni, buqqifamni, tuffatammi sabummaa irratt hundaawe jirutt
“addaddomsaa” yk “apaarteyid” malee waan bira jedhamuu hin dandahu. Kaasaan
“Sochii Farra Adaddoomsaa” kan bakka bu’ooti saboota gammoojii
empayeritt Turkaanaa kaasee hanga Matakkalitti (Omotikii fi Naayilotic) jiran
dubbatan kana. Sun imaammata kolonota empayeritt hunda irrati shakalamaa jiru.
Kanaaf kolonoti hundi tokkummaan “Addaddoomsaa Itophiyaa matumaa!” jedhuu qabu.
Oromoon nagaan iyyannoo
saanii dhageessifachuu yaalanuu ofumaa dhama’uu tahe. Ka’aa fi kufaatiin
jalqabaa, dhaaba Oromoo hunda haammatu Waldaan Maccaa fi Tuulamaa (WMT), waan
lama, Oromummaan akka hin duunee fi koloneeffataan nagaan gaaffii saaniif deebii
kennuu akka hin feene taliila godhe. Sana waan taheef quurrama jiru walitt
gurmeessee kan furmaata itt soqu dhaabi malbuchaa jirachuun barbaachisa akka
tahe mamii malee mirkanaawe. Yerooma sana addunyaan wajiija warraaqsaa keessa
ture. Bakka hallee mirga noolaa, mirga dubaroo fi murna bubbucuu akkasumas
sochooti addoota bilisummaa finiinaa turan. Jarri kun kaasaa keessaa irratt
dabalamanii ofbara malbulchaa dargaggoo barasiitt hedduu gumaachan. Oromummaa
ammayyaan farra sanyeessaa, faanfanaa fi gadi qabaa sabii tokko saba biraa
irratt raawwatuti. Ilaalchi Oromummaa dhaabaa fi dagaleen saa dhaalmaa
demokraasii Gadaa keessaa madde.
Sabi Oromoo hawwaa fi
abdii birmadummaa fi walabummaa qaba. Sanneeni kan kaayyoo, akeeka waattahisaa
sabichaa kan unkessani. ABOn satoo dhaalmaan Gadaa irraa dhufanii fi hawwaa fi
abdii sabichi birmadummaaf qabu walitt dabalee sagantaa malbulchaa qabsoo Oromoo
hangammeessa tokko irra ka’ee. ABO, ABO isa beeknu kan tolche fi ujuu fi ayyaana
sabichaa waan taheef addaanjirato kamuu sammuu ummataa keessaa haquu kan
dadeenye. ABOn hojii ofiitiin goota hunduu kabajuu fi akka lalisus fi deggeruu
tahe. Tooftaa fi tarsimoon fooyya’uu ni dandaha garuu manii ABOn walabummaa
Oromiyaa irrati lafa kaa’e akka dhoofsisaaf dhihaachuu hin dandeenye jalqabumaa
firaaf haa tahuu diinaaf qulqullaawuu gaafataa. Oromoon hiree ofii
murteeffachuuf carraa itt sagalee saa dhageessifatu argachuu qaba. Kana irratt
qoodi ABO akka inni walabummaa foo’atu kakaasuu malee Itophiyaa keessa kennati
bilisi akka jiraatu qabsaawuu miti. Sun dhimma keessaa kolneeffataatii. Garuu
waan sabi Oromo murteeffate ni fudhata. Finnooti Tokkooman (UN) akka miseensi
saa finnaan Itophiyaa Chatar, Konvenshinoota fi Murtoolee saa ulfessisu gochuu
dirqama seeraa fi safuu qaba.
Oromoon iyyannoo
dhiheeffachuu itt fufanuu deebiin nagaa hafee salphinaa fi tuffiin simatamu
turani. Haalli malbulchaa ukkaamsaan akkasii fi gadi qabii afuraa hin
fudhachiifne walirraa hin citine miseensota hawaasa Oromoo irra gahe caalaa
walitt butachuu fi murteeffachuu jajjabeesse. Akka lubbuu ofii irratt mirga
qabaatanii fi birmadummaa, barumsa fi misoomaaf is mirgi qaban kabajamuuf
gaafachuuf kakaase. Quurrammi dhaloota dhalootatt daddarbaa dhufe hundi walitt
kuusamee WMT gubbaatt dhoofne akka uumamu godhe. Garuu baayyee utuu hin turin
ittifamun ari’ame. Sun gaaga’amtooti utuu gaaffii du’aa fi jireenyaa irra hin
gahin bulcha Habashaaf aagii tufsiifachuu fi badii ummatoota kolonota irratt
tolfame hunda diiganii sirreessuuf carraa guddaa kenneefii ture. Hacuuccaa
caalaan saamicha humna namaa fi qabeenyaa akka itt fufu iggitii dhabuun yk
aanggoo irraa bu’uun balaa haaloo bahachaa nutt fidinnaa jedhanii sodaataniif
furmaata hin tahu. Ofirrummaa diinaa akkasiin didhamanii dargaggoon sochii
sochoota Oromoo kanaan duraa irraa akaakuun adda taheen gad bahani.
WMT utuu hin kufin
akkaataa Oromoon gosaa fi godinaa hundaa itt walarguu saqee ture. Carraa sanaan
dhaabi malbulchaa manii fi dhimma taliila qabu sochii sabaawaa hoogganee sirna
kolonummaan walqabuuf murteeffate seenaa sabichaa keessatt yeroo jalqabaaf bara
1974 bu’uurfame. Akkasitt dhaabi Kallacha Qabsoo Oromoo, ABOn Oromiyaatt dhalate
kan guddate. ABOn dhaabaa amantalaa kan dugeeffannoota tokko irra kan biraa
leellisu miti, garuu bilisummaa dhugeeffannoo ni utuba. Waan fedhanii fi nagaan
akka fedhanitt hooqubaa galchuun mirga dhalootaa akka ta’e amana. Akka akeekaatt
gargaarsa halagaa irraa ni gaafata garuu eenyyuufuu hin baabsu; finnoota
Habashaa hafee aanga’ootaafuu jalee hin ta’u. Kanneen mirga ilmoo namaa, nagaa
fi walabummaa jaallatan waliin miiltomuu dandaha. Hariiroon saanii wal deggeruuf
malee irratt hirkachuu tahuu hin qabu. Danuun seenaa al tokko hoggansa biyyaa
baase taha garuu qabsoon qoma walitt rigan malee halaaltoo’on hin ta’u; biyya
sun barbaachisutt deebi’uu qaba. Dhaabota walaba, of irratt hirkato gaaddisa
halaga jala hin ruuqamne qofatu biyya walaba argamsiisa.
ABOn ollota Oromo
altokko koleneeffattuu jalatti kufaniif ilaalcha addaa qaba ture. Lachanuu
seenaa walfakkaata kolonummaan duraa fi boodaa hirmatu. Lakkoofsaan jabinni
saanii adda adda ta’uu ni danda’a garuu sabummaa 80 ol ta’an, biyyoota moo’ummaa
qabaataa turan ta’uu fi hanga hardhaa kan balleesuuf dhufe ofirraa ittisaa
leeyuun beekamaa dha. Biyyaa fi birmadummaa saanii deebifachuuf fincila hedduu
yaalaniru. Garuu ogeeyyii waraanaa alaa fi conqurfamaa tokko kan biraa irratt
hiriirsuun dabsatamani. Tooftaa hamaa koloneeffataa akkasii fashalsiisanii
cunqurfamoota qabsoo ittisaaf walitt fiduuf tarkaanfiin fudhatamaa ture. ABO fi
qabsaawota saboota biraa walii tumsanii “Qabsoo Warraaqaa Cunqurfamoota
Itophiyaa (QWCI)” kan jedhamu ijaarratanii turani (1977). Miseensoti gammoojii,
daarii Somalia, Kenya, Uganda, Sudan, Gabra Diimaa fi Finnoota Kibbaa kan
jedhamanii fi Oromiyaa madaqfattaman.
Qayyabannoon ture QWCI
bulcha nama nyaataa sana jalatt hojii laf jaalaan jaarmota sabaa ijaaruu fi
cunqurfamoota kakaasuuf golgaa taha jedhameetu. Achuman hidhata cunqurfamootaa
uumuun qabsoo farra kolonummaa gaggeessanii birmadummaa, walqixxummaa fi
walabummaa argamsiisuu dha. Yeroo hojjetaa ture QWCI qabsaawota cunqurfamootaa
heddhuu hiraarsa irraa baraare.
Nafxanyooti akka fakiifuullee sabboonota dhiphoo,
dubatt harkiftuun tolfameett qubaa itt qabuun gaada jala galchuun yeroo itt hin
fudhanne. QWCI erga maal akka tahe beekamee duuba isaan firrisuun utuu badii
caalaan hin dhaqabin of diige. ABOn yeroo qabsoo fi isa duubas miltummaan akka
dandahamuu dhaabbi qabu sagantaa malbulchaa keessatt taliilessee kaa’eera.
Jaarmota ibantaa tahan waliin qubaa walqabaachuu ergii jalqabee tureera.
Koloneeffataa gara dhufett dachaasanii waliin gadadoo ummata saaniit xumura
gochuun wal amantee uumuu hojii guddaa gaafataa. Kooloneefatooti ummata bucuu
keessaa maddu. Kolonooti walii gallaan bakka dhufanitt dachaasuun duula al
tokkoo hin caaluu. SBO Oromoo qofaaf hin dhimmamu. gadadoo ollootaafis ni
quuqama. Tokko tokkoon ummatoota kolneeffamanii hin bilisoman taanaan
godinattiin nagaa hin argattuu.
Dhaaboti sochii
bilisummaa Oromoo bara kana hunda xiyyeeffannoo gahaa aangoo dubaroof hin laatne.
Dubaroon Oromoo loltummaati obbolaa saanii dhiiraa gadi miti. Itt seenuuf kan
carraa argatan yaroon qabsoo kurnan arfan darban keessatt sana ragaasisaniiru.
Dur hiroon hojii yeroo dubaroon dhimma qeyee fi guddina ijoolleef ittgaafatama
qabaatan dhiirrii jiruu alaa, kan adda dilii dabalatutt gaafatamu turani. Kun
gumaacha dubartootaa galaa fi hidhannoo qopheessuu fi faradoo sooranii fe’anii
duultotaaf qopheessuu akkasumas ittisa duubbee irratt qooda fudhachuun
tajaajiluu saanii irraanfachuun miti. Amma haalli jijjiiramee ra. Garaagarummaan
saanii kan caasaa malee kan akaakuu akka hin taaane hubatamaa jira. Kanaaf
hariiroon hojii dhiiraa fi dubaroo gidduu deebi’ee gamaaggamamuu gaafata.
Addattuu yabboon dirree hundaa qooda fudhannaa dubartiif banaa tahuu qabu. Saala
saaniin utuu hin tahin waan tolchuu dandhaniin madaalamuutu irra jira. Saalli
tokko isa kaan caalaa bilisummaaf dhimmama hin hin jedhamu. Kanaaf sadarkaa
hundi akka dhiiraaf tahan dubaroo dandeettii qabaniifis banaa tahuu qabu.
Oromiyaan qooda fudhannaa fi bilisooma dubaroo see malee bilisoomuu hin
dandeessu. Kanaaf dubartooti Oromoo qabsoo qara lamaa, mirga walqixooma ilmaan
namaa kan walqixummaa saalotaa dabalatuu fi qabsoo bilisummaa biyya saanii,
Oromiyaaf waamamaa jiru.
ABOn kurnan afran darban
keessatt dhaabota isa duraa haa tahanii kan waliin jiraatan hunda caalaa jija
galmeesseera. Garuu bayyinni Oromoo fi qabeenyi silaa hiriirsuu dandahu yoo
laalamu caalaatu irraa eegama ture. Sun hafee dhaaba qilleensa hin galchin cimaa
kan harka hin mullane fagoott ittisu dandahu hanqachuun, waldhabdee keessaa fi
ganaaf saxilamaa bahe. Waldhabdeen keessaa baqaqatt geese. Kan irraa citan
wayyabi kaayyoo bilisummaa fi walabummaa isa kan haadhoon walfakkatu hordofu.
Garuu dhiheenyatt qubi lamaan tokko ifaan bu’uuraa Itophiyaan bobba’aa jiru.
Kanneen duubaa haa tahan kanneen duraa ABO isa eegalaa caalaa kaasaa Oromoo
fulduratt dhiibuu hin dandeenye. Kun kan tahuu dandahe rimsama “Sirna Addunyaa
Haaraa” akka hin taanett hubachuu fi daayi guddichi harkaa bu’uu saafii.
Dhaaboti Mirga Ilmaan
Namaa, sirna bulchaa jiruun roorroo Oromoo irra gahu, galati saanii hin badinii
hedduu gabaasaniiruu. Silaa kan jarrii halaalaa dawwatanii beeksisan dhaaboti
Oromoo keessa jiraachuun waan suduudaan dhandhamatan dursanii gabaasuutu eegama
ture. Dandeettii ofii guddisanii warra gaaga’amtootaa gargaaruu fi kan hafan
irraasi roorroo fachisuun sochii walakkaa jaarraa tokko lakkaawwatef hin
heddumaatu ture. Malbulcheessoo kan ofiin jedhan irraa kana eeguun guddaa dhaa
laata? Miti, garuu dursanii gaaffii jaarmaaf furmata argamsiisuu qabu. Jaarmoti
wal tahanii battala bilisa tahe uuman malee halagaa jala taahani jaarmaa Oromoo
ofiin jechuun rakkisaa taha. Dhaaboti malbulchaa hundi ABO irraa fottoqani.
Kanaaf ABO ni jibbu yoo tahellee hamaa irraa baraaruuf itt gaafatama qabu.
Dhiiga saanii fi qabeenya saaniin qalma diinaa irraa bararuuf waan itt
dhangalaasaniif ABOn kan ummata Oromooti jechuu dha. Waamichi tokko tokkoon
qabsaawaaf dhihaachu malu waan dandahan hundatt dhimma bahanii kiyyoo keessa
akka bahee biyyaaf bulu faluu dha. Kan nammi amanuu qabu dogoggorri tokko yoo
jiraate ABO utuu hin tahin nammooti itt gafataman akka jiranii. Nammu balleessaa
taatota abba tokkootaaf ABO akka hin xireeffanne eeggachuu dha. ABO eeguu
dhabuun gabatee meetii irra kaa’anii qabsoo Oromoo diina sabaaf dhiheessuutt
lakkaawama.
Diinni eessa akka
rukutuu qabu beeka. Dhaabi tokko walabummaaf haa tahu Empayera Itophiyaa
demokratessuuf in dhaabbadha yoo jedhee diinaan akka balaa dhugaa fi riphaa
qabutt malee addatt hin laalamani. Sagalee Oromoo ukkaamsuuf akka itt qabata
ta’uufitt ABO dhaabaa gooltuu jechuun gubaa itt baasee. Gooliin addunyaa
guutuun, “bu’uursistuu Islamessituu” lubbuu noolaaf giroo hin qabne wan taheef
yeroo fi bakka hin yaadamnett balaa buusuun akk ummati sirna addunyaa haaraa
irratti amantee dhabe shororkeeffamaa jiratu gochuutt maljechiifama. Yoomallee
addunyaan guutummaatt hin fudhatamne tahe karoorri Wayyaanee dhimma yaadameef
Oromoo shororkeessuuf hidhaa, du’aa fi badiisatt ofuuf tajaajilaa jira.
Oromoon bulchootaan
yaada beccoo irratt walii hin gallee booqaan ABO jedhu itt bahee tarkaanfiin
irratt fudhatama. Oromoon biyya halagaatt illee dorsisaa fi ciiga’amatu mataan
baha. Dhugaan kun utuu jiru namooti Oromoo kan ABO dadhabsiisuuf ibidda diinni
qabsiise irratt qoraan dabalan jiru. Ummatoota bulchootaan walii hin galle
shoroorkeessuun koloneeffatootaaf waan dhaalmaati. Harma muraa fi harka muraa
“Nugusootaa” yoo dhiifne, baruma dhihoo Dargiin “Goolii diimaa fi adii”
jedhamanii kan ifatt gaggeeffaman agarreerraa. Kan Dargii dhaadataa ifatt
tolfame. Gochi “Farra Goolaa” Wayyaaneen lafa jalaa fi ifatti, qoomtotaa fi
tuuta guraarotaa tolfama jira.
Akki itt ABO fi dhaaboti
akeeka sabaawaa walfakkaata qaban itt deemaa jiran sadarkaa deebisanii sirriitt
haromsamuu barbaachisu irra gahaniiru. Tokkoffaa yoo manii tokko raajatu ta’e
wanti kopha kophaa isaan deemsisu hin jiru. Silaa adda cimaa tokkummaa uumuun
qaataa. Murnoota gidduu garaa dhaa wal amantee dhabu guddaatu jira. Hundu
kaayyoo irraa cehame komee jedhu qabu, garuu dhugaa yk dhara tahuu saatiif
ambatt bahamee marii ifaan yeroo itt tolfame hin jiru. Hoggansa dandeettii qabu
amanamaa dhabuu, ofirrummaa, utuu mallattoon akeekkachiisa fincila dhufuuf jiruu
arganii sirreesssuuf dhimma dhaba miseensota hoggansaa olhaanoo, ofiffummaa
hogganootaa, hanqina yaada qeeqaan waa laaluu, fedha abba abbaa quufsuun hin
dandahamne, Oromummaa olitt murnaaf amanamu, hanqina of bara malbulchaa,
waldhabdee bucuu fi guddaa gargarbaafachuuf dandeettii dhabuu fi akkasumas
haadaa hin mullanne gooftolii waantaphee, kanneen gargar bahiisaaf kaasaa tahuu
malu jedhaman keessatt argamu.
Jiruu ammayyaan qaraa fi
jinfuu gidduutt qunnamtii gufuu hin qabne ilaa fi ilaamee irratt hundaa’e
gaafata. Akka guboon barsifata farra demokraasii
tahan dhaabota malbulchaa Oromoo keessa jiran mamii hin qabu. Hundi saanii karaa
saani dullacha dhiisanii ogummaan kan itt yaadame guddifachuuf walii galuu qabu.
Hirrinni olitt tuqaman karra tokkummaa utuu hin seenin gatamanii sirna
shaffisaa fi dhimma baasaa tahaniin bakka buufamuutu irra jira. Humna
barsiifataa lakkisuun ni jabata taha, garuu ciminaa fi garaa qulqulluun yaallaan
kan irra hin haanamne hin jiru. Kanneen oliti dhahamanii fi kaasotaa biraa akka
bututa qabsoon, dhaaboti malbulchaa Oromoo bososa agarsiisuutt jiru. Waan irraa
eegamu fiixaan baasuuf fulduratt furga’aa kan jiru akka hin jirre kan ifatt
mullatu. Sannaayiroo ofii uumaniin xaxamanii tarkaanfachuu kan dadhaban fakkaata.
Yeroon kan badu wal komachuu, qoccolloo keessaa fi hirphaf waldorgomuuttii.
Guyyooti sabaa guyyoota hawaasomsaa utuu hin tahin guyyaa buusa jedhamaa jiru.
Sun utuu guyyoota gara itt adeeman mari’atan rakkina jiru walitt himanii waliin
fala itt barbaadan utuu tahe walamantee gaabbisuu dandaha. Sana irrayyuu hamee
garagaraa yarsuu dandaha. Dhaaboti Oromoo lafa biyya abbaa saanii keesssa
taakkuu dhuunfatan tokkollee dhabuun kan lammii garaa guban keessaa tokko. Baha,
dhiha, kibbaa kaabaa daanga yartuun ceetee yoo diinni isaan fixee lafa fudhatu
dhaaba kana hunda keessaa kan dhaqabuuf tokko dhiibu caalaa kan sabicha salphise
hin jiru.
Yeroon saa yeroo gogaa
durii keessaa muuxachuun of haromsanii. Akka baayyina fi jannummaa Oromoott kan
qabatun hafee kan uggee ildiimuun jiraachuu hin qabu ture. Irra darbaa fi
dadhabbii akka jiru waggootii hedduuf kan ilaala turan daawwattuu jijimoon jiru.
Bara baraan wayyoominni yoo hin jirannee karaama sana irra maaf akka
daddeebi’amu namaaf hin galu. Of gamaggamee hoggansi jannummaaan gadi bahee of
qeequun fala itt barbades hin mullanne. Tokko tokkoon miseensa dhaabaa kennachuu
fi sadarkaa kamittuu kennatamuuf dandeetii gahaa qabaachuutu hedama.Garuu
yabboon irratt mari’atee of wayyeesu hin uumamneefii. Akka jaalaatt utuu hin
tahin akka jaleett ajajaan yoo sussuku qofaa argama. Miseensa dirqama malee
mirga qabaachuu isaa hin beekne irraa abdii attamiitu godhamuu dandaha? Of
qoruun yoomuu kan yeroon itt hin dabarree. Dogoggorri kan ilmoo namati” jedhama;
garuu amananii fudhachuun jannummaa gaafata. Qabsaawota Oromoo biratt of qoruu
fi of qeequun laguu wan tahaa jiraniif cabuu qabu.
Waandhibnummaa hammaa
bahaa gartuu baayyifachuuf madaqfannaa irratt agarsiifamu, luuxxee galtuu fi
Itophistootaa dhaabicha keessaan akka mancaasan karra saaquu taha. Dhaaboti
Oromoo kurnanootaaf waan hojjetan akkuma tokkott hojjechaa jiraatani. Hojii
saani gamaggamanii tekinolljii fi beekumsa ammayaatt dhimma bahuu hanqina jiru
wayyeffachuun yeroo saa ammaa. Hogganootii hojii irratt keessaan laalummaa fi
kaasichaa galfati itt kennameef dhimmamaa agarsiisuu qabu. Amma kan dharra’amaa
jiru hoggansa garaa saatii jaallewaan saa fi ummata Oromoo irraa amanamummaa
argachuuf tattaafatutu. Sirni Gadaa, aadaa ilaa fi ilaameen mari’achuu, heera
barreefame dura fagoo kaasee qaba. Kun akeekota bu’uura bulchaa, kan Oromoon
milkiin bahuutt aggaammate bira darbuu hin dandeenye. Kana jechuun akeekoti bira,
kan hiriyaa, kennataa, yeroon taahitaa irra turamuu, walabummaa abba tokkee fi
dhaabaa leellisuunis irra ilaalamuu dandaha jechuu miti.
Qabsaawota Oromoo hunda
qabsoo Oromoo gara manii saa dhumaatt furgaasuuf qooda fudhachiisuun ammaa. Kan
sababa adda addaaf gargar deemanii turan hundaaf sagantaa waan akka madaqsaa fi
wal amantee gabbisuu barbaachisa taha. Yoo ammayyuu manii dhumaa irratt
waliigalu tahe hogganootii fi murnooti dhimma tarsimoo qabsichaa waliin hidhata
qabu irratt, ergaa walmakaa akka hin dabarsinee of eeggachuu qabu. Jaarmoti
Oromoo kaayyoo eegalaa sabichaa jabeessan maniinin saanii Repubilika Oromiyaa
Demookraatoftuu dhaabuu dha. Akeeka kana kan qunnamtoota,iyya’oota yk
tattaafannaa hariiroo ambaa keessatt calaqqifamuu qaban. Bara jaarmoti
sirrummaan masagaman kana, doo’iin nama tokko yk gartuu tokkoon dhihatu
waldhabdee hawaasa qabsaawotaa giduu fi ummata gidduutt jeeqama tasaa qofa
afeeruu dandaha. Dhaabi tokko caasaa qoodi adda addaa ramadameef qaba.
Waliigalatt sadarkkaa sadarkaatt tahitaan kennameera. gungummiin yoo dhalate
akkaataan itt afuura baafatan jiraachuu qaba. Hojiin kan itt kenname hundaan wal
quunnamuu fi mamii jiru fi waan hin qayyabamne utuu dhaabicha hin laashessin
qulqulleessuun qoda hoggana beekaati. Waan halleefuu kan qayyabatamuu qabu
sochiin Oromoon bilisummaaf tolchu utuu gaaffiin sabaa deebii hin argatin
hoggansi jeraatee dhiisee hin dhaabbatu. Ha tahu malee hogggansi dudhama qabu
dura deemu jiraachuun sirna fi namamusa injifannof barbaachisu kennuufii dandaha.
Oromoon dammaqani of
baran hundi waan hawaasa, waldaa ogummaa, dhaabota dhugeeffannoo fi malbulchaa,
sochoota hawaasaa kkf keessa deemaa jiru ni hubatu. Yeroo kanneen ummata saanii
aangessuuf haala mijjeessuuf carraaqan, hankaaaksitooti keettoo diinaa tahan yk
wallaloti lammii masaga badan itt ejjetanii jalaan yoo qurxan mullatu. Bu’uura
ifaan ijaaramuun mirga Oromoo hundaati. Garuu qabsaawota walabummaa fi
bilisummaaf lolan of fakkeessuun qabsicha mucuceessuu yaaluun yakka. Bakka jarri
kun gahan hunda qaamicha keessatt baqaqammi hin ooluu. Yoo dammaqee of eege
malee gochi Oromoo ijaarame jara kana irraa hin hafu. Si’anaa dhaabota Oromoo
hunda keessatt akka commee quqummuudaa jiru.Ergamtooti kun keessa Oromoo waan
beekaniif fira fakkaatanii seenuun murna hawaasaa tokko irra goranii isa biraa
sababa malee jibbisiisuu yaaluu. Gargar bahi dhaabota amantee, dhaabota
malbulchaa, dhaabota hawaasaaf fi dhaabota teknikii irra gahe harki caaluu hojii
saaniiti. Nama itt dhihate amanuun, miira sabaa Oromoo fakkaata. Nammi Oromoo
yeroo fedha sabichaatt dhufu of eeggannoo gochuun, akka amanamummaa murna
tokkoon karaa irraa hin maqfamne wan dhihatu hunda qeeqaan ilaaluu dha.
Murnooti Oromoo
jaarroleef gargar waan jiraataa turaniif hooda waloo irratt kan dabalatanis kan
hanqisanis ni qabaatu. Kan amma waliin qaban, dheerina baraa keessa kan dhaban
akka caalan hedama. Hundi kana baree garaagarummaa jiru walii kabajuu dha.
Garaagarummaan saannii akka urgooftuu bulluqa sabaatt ilaalamu dandaha. Garuu of
eegganoon kan barbaachisu namooti rakkina dhuunfaa qaban akka kan murna guddaa
godhanii hin dhiheessine. Gochi akkasii akka walitt riqacha ummataa hin
booressine dursanii itt dammaquu dha. Jarri akkas tolchan, wallaalinaan
fakkaattii guddicha sabaawaa arguu kan dadhaban yk ergamtuu diinaa tahuu dandahu.
Yeroo dubbiin akkasii jiraatu tartiiba amanamummaa lafa kaa’uun dansaa.
Sabboonaa Oromoo hundaaf sabichaaf amanamuun kan murna keessa jiranii dursuu
qaba. Yeros qofa akka ummataati daaya tokkoon sosso’uu danda’ama. Manguddoon
dhugaa Oromummaa malee durfannoo biraa hin qabne, hunda walqixxeett ilaalan,
kana irratt gargaaruu dandahu taha.
Qabsoon Oromoo farra
hacuuccaa kolonummaati. Habashaa haa tahu Oromoo kan imaammata kolonummaa afarsu
nyaapha. Waan fedheefuu haa tahu sabboonaan dhugaa miseensa qomoo ofii taheef
kan mooraa diinaa tajaajiluf leelloo agarsiisuu hin qabu. Kan kaayyoo ofii
dhiisee kaayyoo fi ajaja halagan socho’u maaf tuqxan jechuun, waan kan jedhe
keessa deebi’ee ilaaluu qabu. Yeroo jireenyi sabichaa dhaamsamuuf dorsisamaa
jiru kana nammi bu’aa ofii fi murna ofii dhiphoo tokkoof lammii saatt lola bane
angoo fi barcuma argachuu yaalu, akka sabichi sana caalaa guddaa tahe hubachuu
dadhabuu dha. Jarri akkasii kanneen uumaan qabsichaa inni dhugaa hin galleef yk
tuqaa mooraa diinaa ka’anii qotuun ol yaa’ani. Kan sabaawummaa fi ibantummaa
gargar hin baafanneef rakkinni of bara malbulchaa dhabuun suukii dagnaan qofaan
masakamuu dha; gorsi tahuuf, afuura guddisanii fudhachuun itt baha wan tolchaa
jiranii madaaluu dha.
Yeroo jarri
fandalalooti kun, beekota maqaa ofii dura irrabuusa qaban tahan caalatt fokkuu
taha. Sabichi gara saatiin beekoti kun harqoota kolonii jalaa bahuu na gargaaru
jedhee abdata. Garuu hin barre malee jara sana kan caalaa harqooticha jabeessee
cinqaaruu diina gargaaran. Kanaaf sabboonoti dhugaa jara fakkeessituu akkasii
irraa faccisuu yk hadhaadhiyuu qabu. Jara sana harka hamaan kan qabsoo sabaa
facaasuu yaaluun namoota, godinaan, dhugeeffannoo fi barumsaan wal irratt kan
hiriirsan. Qabsaawoti Oromoo sana caalaa akka beekan abdatama. Dhaaboti
hawaasomaa fi malbulchaa fedha Oromoo fulduratt dhiibuuf ijaaraman kanneen
dhiheenya itt dhufan dursanii qorachuun misha.
Dhaaboti malbulchaa
finnoota miti. Jaarmota fedhaan duulotaa biyya saanii bilisa baasuuf
dhaabbatanii. Hojjetooti saanii waliinjiroo bakka bu’uuf utuu hin tahin
dandeettii saaniif kennatamu. Hoggansii biyyaa alaa tasgabii fi nagaa qabutt
cunqeeffamuun duubati harkiftuu godinaan barcuma hiraachuu kolomsiise. Kun hanga
hoggansi dirree qabsoo Oromiyaa keessati deebi’utt, itt fufa. Kan mataan fayyaa
hundi tarkaanfiin eeggatuu sana. Yoos qofa kan ayyaanlaallatooti barcuma
barbaadan warraaqxota dhugaa, biyya saaniif gaagaa barbaachisu hunda fudhachuuf
qophii tahan gargar secca’aman. Hiriyooti bakka dhaloota saaniif utuu hin ta’in
dandeeti qabaniin injifannoott nugeessu kan jedhanii amanan kennatu. Namooti
akkasii hundi,hiriyooti itt amanan warra, qomoo, gosa yk godinaa tokko keessaa
tahuu ni dandahu. Akkasumas nammi muxannoo saanii keessa hin dabarre haala
addaa jalatti qabsaawota bulanitt muruuf dandeettii hin qabu.
Qeerroon (dargaggoon )
Oromoo, qaamaan bira jiraachuu hoggansaa utuu hin eeggatin wareegama guddaa
baasaa socha’aa jiru. Kaka’isii tasaa baratoota Bahaa, Wiirtuu, Kibbaa fi Lixatt
yeroo tokkummaan biyya saanii dorsifamee akka sochiin bilisummaa hoggansa hin
eegganne agarsiisuun, hogganootaa dhaabota Oromoo akka caalaa dhimmamanii hala
dhaqabachuuf tattaafatan akeekkachiisuu hin oolle. Kanneen dhimma itt bahuu
dandahaniif annisaa riphaan angoo namaa fi qabeenyaa sabichi furgaasuu dandahu
guddaatu jira. Kan kutatan yoo xinnaate loltuu kumkuma kudhan bobbaasuu fi sana
gurmeessuuf qabeessa calleeffamuhammana hin jedhamne argachuu dandahu. Hooggansi
ammaaf barsiifata ofiin walqabaa jiru. Sana keessaa bahuuf sirna demokraasii
Gadaa kan bakka hallett ta’uu guddifachuun hooda saa kan akka yeroott sonawuu
qabu dhiisuu dandahu.
Qabee Gadaa demokrassii
keessa, qunnamtii karaa hundaa jajjabessuu fi yaa’a murtii kennuu keessati
miseensoti qooda fudhachuu faatu argama. Hogganooti demokratawoon banti riqaa
qofa irraa gadi utuu hin tahin, lafaas ol ilaaluu qabu. Hogganni Oromo
qindeessaa tattaaffii miseensotaa malee akka nakkaroota saa gooftaa saanii miti.
Sadarkaa hundatt kennati foo’ama caalaa leellifamaa. Demokrasii Gadaa keessatt
yaada wal ta’isaa ijaaruun qooda guddicha hoggansaatii. Qoodi gogeessa Gadaa
tokko hangammeessa bulchaa kan duuba dhufan fooyyessuu dandahan lafa kaa’uu dha.
Dargaggoon akka shakala dabaanbulummaa fi farra demokrasii tahanitt hin
saaxilamne eegganoon ni tolfama ture.
Hamma darabeen aangoo fudhachuu saanii
gahutt shaakala heeraan bulmaataa fi jaalbiyyumaa daawwataa fi shaakalaa guddatu.
Hogganoota egerii qopheessuun kanumaa, raajii biraa hin qabu.
Oromoon naannicha
keessatt qooda fudhatanii nagaa fiduuf dandeettii riphaa guddaa qabu. Garuu
garbicha naga qabeessa qabaa hamaa gooftaa jalaa tahuu hin fudhatanii. Hamma
yoonaatt gaafatamaa kan jiran sanaa. Oromoon gaaffii salphaa gaafataa jiru,
mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu hojiirra akka isaanii ooluu fi
mirgi ummataa fi abba abbaa akka kabajamu. Kan gaafatame kanuma yoo tahu
maaljechi kennameef isaan gooltuu jeequmsatt amananii kan jedhu. Oromoon gonka
eenyuunuu goolanii hin beekanii garuu waraana hamma funyaaniitt hidhatee
isaanirra buufatee jiruu fi guyyuu isaan shororkeessun biyya ofii keessatt
walitt bu’aniiru. Finnaan Itophiyaa miseensa Saboota Tokkoomaniiti. Oromoon
kakaa isaan walii qaban hin wallaallee. Garuu finnaa xaranga’aa callisanii hin
laalan abdii jedhuun gidiraa saba miseensa hin taane akka Oromiyaaf gurra
kenninnuu lata jechuunii. Qaammi caccaba empayerota Awuropaa deggeraa ture kan
Empayera Itophiyaa kan akkuma kan saanitt ijaarame walittii akka hin bane
jechuun maalifaa hin qabu. Oromiyaan walaba tahuu barbaaddi, sadoon jiraatus ni
walabomti.
Seenaa saanii dheeraa keessati
miseensoti dhaabota Oromoo akka kanneen lola jaallatanii fi nagaa jaallataniti
qubaa walitt qabanii hin beekan turani. Bakka lamatt baqassuun akkasii madda
halagaa akka sanatt isaan arguu fedhan irraa dhagahame. Sun bakka laafaa
eegaloota jalbiyyaa hin taanee tuquu hin oolee. Jarri akkasii maaliifuu,
eenyuufuu dhimma hin baafnee, haran kosii gatan dhoqqeedha. Oromoon mirga saanii
fi biyya saanii kan sarbe ofirraa faccisuuf ijaaraman malee lola jaallatanif
miti. Karaan nagaa xaxaa itt taanaan sibila kaasani. Nagaa fi araaraa kan
Oromoo caalaa faarsu hin jiru. Garuu yeroo du’ii fi jireenyi wal hin calle
lachanu furaa hin qabani. Eenyuu jeeqa, jeeqan deebisuu akka dandahu garuu kan
nagaa gachisiisu akka hin jirre diina barsiisuuf. Dandeettii saanii ijaaruun
diina didhanii diriira nagaatt akka dhufu giddisiisuuf sana murteeffatan.
Akkasitt kan isaan sibila kaasuu malbeekiin walcinaa oofuu kan murteeffatan.
Hammam gadoodaa yoo oole dadhabaa kan dhaggeeffatu hin jiru. Kan biyya namaa
qabatanii qabeenya saatiin jiratan dirqiin malee fedhan diriiraa dhoofsisaatt
hin dhufani; aangoo irraa buunaan qananii bacarraqaa dhabanii fi yakka itt
gaafatamuu dandahan heduu. Anga’oon addunyaa sinsinaawoo dha, yoo Oromoon michuu
hundee hin qabne sobaa tahuu empayerichaa agarsiisuu dandahe qofa wan jedhaniif
isaan fudhata. Yeroo hundi
waliin yaaduutt kahu fagoo mitii; yeros ofirroo dirqiin diriiraa nagaatt fiduun
Oromoof rakkisaa hin ta’uu.
Ulfinaa fi surraan dabaankufootaaf; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!
Ibsaa Guutama
Muddee 2014
*Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo
No comments:
Post a Comment