Amajjii 26, 2015 | Gadaa.com
Ob. Jawar Mohammed (Facebook): “Some might doubt such a
barbaric action actually happened in the present day. But it did. This
picture was taken on December 9, 2014, in Oromia, Salale province, Darra
district, Goro Maskala town. The government soldiers killed Katama Wubatu and his comrade
whole rebelled due to harassment, dragged their body through the town
and displayed it like this as way of terrorizing the public.
“Goota Oromoo maqaa shiftaa itti dhoobuun ajjeesanii ummata
sodaachisuuf addababayitti fannisuun waan haarayaa miti. Oromoon
falmataa malee shiftaa hin qabu. Shiftaan kan hojii jibba waan namni
biraa hojjate saamu. Ilmaan Oromoo maqaan shiftaa itti dhoobamu warra
roorroo mataa isaanii, firaafi saba isanitirraa gahu nuffuun ofirraa
faccisuuf fincilani. Akkuma gootota Oromoo suuraa kanarratti mul’atan, Katamaa Wubeetuufi jaala isa,
godhan kana kaleessa, Hagarii Tulluu, Hamidoo Ibroo, Habiibifi kanneen
biroos erga diina kuffisanii kufanii booda reeffa isaanii lafarra
harkisaanii fannisan. Haalli sun garuu Oromoota waan san daaw’atan garaa
gubee gootota kumaatam dhalche malee sodaachisee diinaaf hin
oggolchiifne. Ilmaan Oromoo karaa itti fakkaateefi danda’an maraan
diinarratti duuluun haqas, barbaachisaadhas. Katamaafi jaalli isaatis
seenaan isaanii tarree gootota bilisummaai kabajaa saba isaanitif
kufanii cinatti galmaaya. Mee Oromoota bifa kanaan shiftaa jedhamanii
diinaan ajjeefaman warra beektan maqaafi seenaa isaanii gabaabaa armaan
gaditti barreessaa. Walitti kuufamee gaafa tokko galmee sirnaa ta’uu
danda’a.
“HUB: gochi fokkisaan diinaa kun Katamaa fa’arratti kan raaw’atame ji’a dabre, Muddee 9, 2014.”
No comments:
Post a Comment