Gurraandhala 13, 2015 | Ibsaa Guutama Irraa
Wayyaaneen erga kennata parlamaan barcuma tokkoof malee hunda moo’atee
waggaa shan guutuuf adeema. Mormitooti bilisaa fi tolaa hin turre
jedhanii balaleffafatanii .Garuu homaa jijjiiruu hin dandeenye. Fakii
kennata sobaa duubaan finqilcha aangoo gaggeeffame malee kennati hin
turre. Akaataa isaan hobbaatii kennatichaa itt ilaalan irraa aanga’ooti
akka gocha TPLF deggeran heduun ni dandahama. “Demokraasiin hin jiru
taanaan gamtaan hin jiraatu” kan jedhamaa ture jecha konkaa tahuun ni
saaxilame.
Wayyaaneen jalqaba irratt dhiibbaa alaan sirna golahedduu fakkeessaa
fudhachuun nama hin dhibu. Sanatt dabalamee heera barruun jirun kan
kenname utuu wayitt hin hedin, akka gola olhantummaa qabu qoteebulaa
irratt hundaawe ijaaru waabeekaa Dhihaan gorfame. Gorsichi yaada
malbulchaa Habashaan wan walitt tahuuf ni fudhatame; kennati 2015,
Caamsaa keessa gaggeeffamuu sanaani walitt ilaaluu dha. Firaa fi
hamajaajii bulchichaan waa’een kennata 2015 qaata naannaa addunyaatt
ballinaan hodeeffamuu eegale. Waan biraa fakkeessuu haa yaalu malee
kennatich kennata gola tokkooti. Kanaaf hobbaatiin saa dursee kan
murtaawee. Komee fi gadoodi mormituu “lafa duwwaatt wacabbara” isa
jedhani.Biyyooti demokratawoon seeraan bulmaata kan fudhatan erga
qabsoon morma hedduu galaafatee booda. Sirna Grikii keessa tuqaalee
argatan tokko tokko gabbisuun kan isaaniif tahu guddifatanii.
Demokrasiin Greeekii dhiirota bilisa Ateenaa gidduutt shakalamaa ture
malee halagaa, dubaroo fi garboota kan walitt qabaan wayyaba tahan hin
dabalatu ture. Qacceen kanaa shaakala demokrasii Dhihaa keessatt ni
mullata. Seeraan hundi walqixeedha garuu mirkaniin tokko tokko kaan
caalaa walqixxee dha. Kun dhaadhessa kennataa kan waa hin qabne keessatt
dorgomuu hin dandeenye caalaa bakki inni itt mullatu hin jiru. Kan
humnaan haa tahu kennataan angoo irra bahe utuu barabaraan itt hafee ni
jibba hin jedhamu. Garuu Dhihi heera hirmannaa aangoo uumuun madalaa kan
to’atu itt tolchee, sun akka hin taane doomsee. Amerikanooti caalaattuu
akka Presidantiin tibba lama caalaa kennataaf hin dhihaanne dangahanii.
Biyyooti sirna akkasii hin guddifanne akka gurguddoon saani godhan
tahuutt hafani. Empayerri Itophiyaa shakala malbulchaan ammayyuu bara
Magna Kaartaa Inglizii (1215) duraa keessa jiraa.Oromoon bulcha sirna
Demokraasii Gadaa kan bu’uursan qabsoo hadhaawaa booda tahuun hin oolu.
Hawaasi golla (gogeessa) shan duraan murtaawett hiramee waggaa saddeeti
duwwaa akka aboo irra turu yeroo tumamu itt deebi’uuf hogganoota haaraa
waliin waggaa afurtama booda mullata. Tartiibi saa dhalootaan waan
qindaaweef waggaa saddeeti irra darbuun hin dandahamu; waajjirichi amaa
fi ammatt gaddhiifamuu qaba.
Dudhaan malbulchaa kabajamuu mirkaneessuuf
kan too’atan golli bulchoota duraa ni jiru. Dhalooota sadii, Raabaa
Doorii, Luba fi Yubi akka madaalli aangoo fi ulfinni seeraan bulmmaataa
fi dudhaa eegamu to’achuu irratt wal gargaaru. Akkasitt Oromdur biqiluu
abbaa hirree quummansanii. Dhalooti Oromoo si’anaa barbaadnaan sirna itt
garagalee jabeeffatu qaba.
Wayyaaneen danbii ittiin masakamu fi kan addunyaan akka heeraatt
heduufii barbaadu qopheeffateera. Sun barrunqab ummata irra buuse malee
heera ummati tumate mitii. Hojiirra oolchuu tahee furuun saa akka
suukannii wayyaaneen keessa jiruutt taha. Addunyaan mootummaa
demokratawaatt beekamuuf barreeffame malee mirga ummatoota empayerittii
eegsisuuf jedhamee miti. Akka barrunqab kanaatt caasaa bulchaa
Federeeshinaa diriirseera. Kan fedha saa guutu Boordii Kennataa fi
Poolisa Federeeshinaa, hirreen saa dheeraa naannaaa fi aangoon saa hin
daanga’ane uummate. Seera hacuucoo hedduus labseera; isaan keessaa
hamaan kan waa’ee gooltuu irrati bahe. Dhaaboti heera saa fudhachuu
didan hundi gooltuu jedhee gubaa itt baase. Dhihi, fedha ofii jechuun
waan kaayyoo dudhaa saa faallesu barattuun saa, gooltuutti jijjiirame
tolchu callisee irra darbaa jira.
Nammi wayyaaneen “hallu ija jibbe, kan akka jara gooltuu jedhamaniitt
milla fuudhu, dubbatu yk haxxiffatu biliqfama, tasa butama, nama hin
fedhamne tahu, yk hidhamuutu isa eegata. Fixa qaccee ni gaggeessa. ABOn
gooltuu dha kan jedhe yoo tahu, qabata saan Oromoo jibbu hunda at ABO
jedhee gaaga’aa jira. Wayyaanee waan isa bara baraan angoo irra tursu
se’u hunda gochuuf qophii dha. Sun uumaa aangoo fi humna qabeessa
luugama hin qabneeti. Mana saanii soneeffachuun dhimma ummata
Habashaatii, kan hoogganoota saaniitt lookoo kaa’uu qabanis isaanuma.
Akki itt empayerri bulfamaa dhufe itt fufuu hin dandahuu. Addunyaan
Jaarraa 19faa yk 20faa keessa utuu hin tahin 21faa bara teknolojiin
iyyaatii hedduu guddate keessa jira. Sunimmoo ummatootaaf ofbara
malbulchaa dagaagaa jiru irratt si’aayina hedduu akka mirga seeraan qabu
gaafatu dabaleeraafii ji.
Ummati gad qabame hundi walabaa fi bilisa tahuu fehda. Kana beekuun
kan darbe caalaa dhiigi akka hin lolaane itt bahisaa maal tahuu akka
dandahu qayyabachuu barbaachisa. Akka malletteessaa Chartara fi
konvenshinoota mirga ilmaan namaa ST irratt bahaniitt Mootummooti
Habashaa dirqama bilisooma ummataa bakka hallee gargaaruu irraa eegama.
Yeroo dubbiin Empayera saanii kan ilaalu tahu miltoo seerawaa qaama
addunyaa sana tahanii itt fufuuf kan isaan jalaa gad dhiisuufi dirqama
caalaa qabu. Oromoon kana qayyabachuu fi birmadummaan ajaja uumaa tahuu
fudhachuuni kan walabummaa Oromiyaa gaafataa jiru malee kennata bilisaa
fi tola bulchoota empayeraaf miti. Kennatichi dhimma keessaa
Habashaatii.
Gollii hedduun kan “heera” Wayyaanee fudhatan kennata Caamsaa dhufu
irratt qooda fudhachuuf deemu. Maqaa nagaa fi tasgabii godinaaf haalli
akka jirutt itt fufuu aanga’oon lallabanis jiru. Garuu nagaa fi
tasgabiin kan jiraachuu dandahu yoo godinichi atoomma keessaa qabaate.
Kun kan alaa namatt fe’amu mitii. Haalli jiru haa turu jechuun maaliifuu
furmaata hin tahu. Gochi gad dhiisaan Wayyaanee calcala hin qabne,
kaka’a qoochoo mirgaa faashisti Amaaraa, badii inni uumuu deemu kan saa
caaluu maluuf kaasaa taha jira. Gara biraan Oromoon waan hunda caalaa
Nagaa fi Araaraa nafii guddaa kennaa. Sabaawoo Oromoo keessa kan
birbadummaa jaallatan malee kan dubbii dhisan hin jiranii. Gadoodi
Wayyaanee “Gooltuu!” jedhu Hawaasa subgidduu ittiin sodaachisuuf kan
karoorfame. Waaqeffannaa, Musilmummaa, Kiristanummaa haa tahu kanneen
biraa Oromoon dhugeeffatan yero dubbiin mirga ilmaan namaa kahu miira
sabaawaa walfaktaa fi safuu sadarkkaa tokkoo qabu. Nama hin hidhatin
midhuu fi kan birmadummaa saanii dhabamsiisuuf hin dhufne tuquun safuu
dha. Oromoon kan itt roorisan akka afuufan utuu hin tahin ummata
hangammeessa kamiinuu akeeka hamilee olhaanaa qabanii. Kanaaf kanneen
dhiibbaa wayyeeneef michootaan ciga’aa turan dhaabbatanii qorachuun,
ejjennoo qabaniif keessa deebi’anii ilaaluun barbaachisaa dha.
Golli kennaticha dabsate kamuu gaafii Oromoon walabummaaf qabu
deebisuutu isa eega. Sun Wayyaanee, golota Habashaa kan biraa yk galtuu
yoo tahes homaa mitiYayyabaan kennaticha Wayyaaneetu moha. Ajaja
saanduqa irbaatt of kennuun of hin ajjeesuu. Seerri yakkaa Dhaddachi
Qajeeltuu subgidduu hojiirra oolchaa jiru isaaf kan tolfame fakkaata.
Gurguddoon Amaaraa Oromiyaa fi ummata kibbaa irratt holola ibidda
qabsiisuu dandahu jalqabaniiru. Kolonoota sanii bakka bakka keessaa
Amaarri duguugamaa jira jedhanii wowwaataa jiru. Ummatoota gidduu walitt
bu’i empayeratii keessa bakka hallett tahaa jira. Kun imaammata
Habashaa gargar baasii bulchi jedhu dhaalmaan kan dhufe irratt kan
hundaawe kan isaan taatota kootama itt tahan waan taheef keessaa hin
qabnu jedhanii harka dhiqachuu hin dandahani. Dubbiin akkasii yoo kahu,
qaccefixiisi Oromoo irra gahe, kanneen akka bara Dargii naannaa Gujiitt
tahan, ummataa sulula Dhiddheessaa irra kan gahe fi dhiheenya duulli
qotee bulaa Oromiyaa Bahaa qeyee saatii buqisee fi lubbuu hedduu gagahe
hedamuu qaba. Yeroo ummati sababa kamiinuu gidiraa argaa jiru callisanii
ilaaluun yk beekaa irra darbuun waan fokkuu dha. Ta’isa akkasii holola
waliigalaaf dhimma itt bahuu yaaluun yakka sanaa gadii hin taanee fi
eenyuunuu hin gargaarre akka tahe beekamuutu irra jira. Kennati Habashaa
2015 gara isaan itt deemaa jiran baruuf yoo hin taane Oromoof dhimma
saanii mitii. Kan qabsoofnus kan dhoofsinuunis kan empayra hogganuuf
dhihate waliin taha. Qabsoon walabummaa it fufa!!
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi
bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif
haa tahu!
Ibsaa Guutama
Gurandhala 2015
*Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo.
No comments:
Post a Comment