Aster Gannoo, Dubartii Oromoo Ganna Dhibbaan Duratti Afaan Oromoo Guddisuuf Hujii Jalqabde

Bitootessa 12, 2015 | VOA Afaan Oromoo

Aster Gannoo, dubartii Oromoo bara 1894 keessa
 afaan Oromootin kitaaba barreessite
WASHINGTON, DC:--- Akkuma aadaattuu ilmee dubraa waan hedduun faarsan. “Jabeenna dhiiraa wa lama gaafatan: Hadhaa jabdu moo niiti jabduu qaba?” “Dhiirsa jabaa duuba niitii jabduutti jira.”

“Guchii gugurraalee tana guchii bobooratti dhale, boboorran yaatee barbaaddu laafaa yaayyaatti (dubartii) dhale fa,”jedhaii jabeenna dubartii faarsan.

Aster Gannoo nama bara jabaa keessatti afaan Oromoo barreessuu fi barsiisuu jalqabe.

Akka Dr. Ezqi’eel Gabbisaa, kutaa Michigenitti porofeeserii seenaa yuniversitii Katteringii jedhetti, Aster Gannoo jaarraa 19 keessaa Xaliyanaa ykn Arabaatiin qabamtee bitamee gurguramte.

“Seenaa Oromoo keessatti,keessumaa karaa afaaniitii fi karaa barnootaa irratti gumaacha kana godhan dubartii baayyee guddoodha. Fakkii guddaa kan tahan dubartiidhaaf.”


'Jalqaba Barsiisaa', kitaaba Astr Ganno faan bara
garbummaa keessa jrian jaaraa 19 keessaa barreessan
Kitaabii maqaa Aster Gannoo Salbaanaatiin barreeffamee hin maxxanfamin hedduu akka jecha Dr. Ezqi’eelitti ka maqaan isii irra jiru ammoo ka barreefamee bahe lama.
1Jalqaba Barsiisaa: “Iddoo Immikkullu jedhamu iddoo Galab jedhamu mana barumsaa warri Siwiidin qopheesse—Oromoon garbummaa irraa bilisa ykn walaba bahanii iddoo san jiran walti qabani barreesaan.”
2. Bible stories: Kitaaba Qulqulloo Onesmos Nasiib waliin  afaan Oromootti hiikan.
Hujii kitaaba Qulqullo Afaan Oromootti hiikuu kana haga guddaan Aster Gannootti Onesmoos gargaare.
Aster Gannoo
Dhalootii Aster Gannoo bara 1870 keessa jedhan, kitaabii Aster faan bara 1890 keessaa Afaan Oromooti hiikamee bahe.
Barii dhaloota Aster Gannoo akka Dr.Ezqi’eelitti, jabana Atsee Yohyaannis biyya bulchaa bahe, bara sun Eertiraa Xaliyaanatti bulcha. Akka jecha Dr.Ezqi’eelitti bara Minilik faan biyya bulchan sun  dhiraa fi dubralleen hedduutti gurgurame.
“Garba tahanii buluu duwwaa adoo hin tahanii ..yeroo cimaa keessatti og-barruu Oromootii fi ufi-baruu Oromoo barreessan jari kun.”
Jalqaba Barsiisaa
kitaabii  Aster Gannoo faan bara garbummaa jala jiran barreessan fuula 174 qabu kana keessatti waaan hedduutti barreeffame:
  • Weedduu Tissituu
  • Ururuu, faaru ijoollee
  • Weeddu Jaalalaaa
  • Mammaassa
  • Durii-Durii
  • Hibboo
  • Tapha Ijoollee
  • Weeddu Ateetee
  • Geerarsa
  • Weeddu Cidhaa fi kkf

Jalqaba Barsiisaa bara 1894 keessa qubee Saabaatiin Afaan Oromootti barreeffame

Mee tanallee Caqasaa

No comments:

Post a Comment