Ummatni Oromoo sirna gabrummaa walabummaa, birmadummaa fi mirga dimokraasii isaa sarbee hacuuccaa fi saaminsa gadi dhaabuu barbaade baroota dheeraaf of irraa faccisuun walabummaa isaa tikfate. Haa tahu malee dhuma irratti diinni waggoota dheeraaf Oromoo gabroomsuu irratti hin milkaa’iin ture gargaarsa meeshaa fi beekumsaa ala irraa argateen ittisa Oromoo cabsee hawwii isaa bakkaan gahate. Kana irraas sirni Kolonii Oromoo irratti diriirfame. Abbaan biyyummaa Oromoo hafee biyya isaa irratti alagoome. Qabeenyi Oromoo fi Oromiyaa ajaja alagaa jala gale.
Gabroomfatootni ummata Oromoo cabsuun ol aantummaa fi sirna Kolonii Oromiyaa fi Oromoo irratti diriirsuuf milkaa’an iyyuu ummatni Oromoo gabrummaa irratti fe’ame fudhatee tole jedhee jalatti hin bulle. Walabummaa fi bilisummaa humna qawween irraa sarbame deebifatuuf wareegama baasaa har’a gahe. Wareegamni gosa hundaa baasaa jirus ummata Oromoo irraa kan dhaabbatu guyyaa mirgi isaa guutummaatti dhugoomee dhimma isaa irratti murteessaa tahe qofa.
Oromiyaa diina irraa ittisuu fi diina jalatti erga kufeen boodas walabummaa gonfachiisuuf kanneen wareegaman yaadatuun dirqama lammummaa ti. Kana hubatuun ture ABOn Ebli 15 guyyaa yaadannoo, Gootota haqa ummata Oromoof jecha lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne baasan ittiin yaadatamu akka tahuu kan murteesse. Guyyaan Goototaa miseensota ABO qofaan eegale kun har’a kan ummata Oromoo maraa tahuun hubatamee biyya keessaa fi alatti kabajama. Kunis qabsaawota qabsootti jiran hamlachiisee, kaanis qabsootti akka makamanii fi gumaacha qabsoo adda addaa akka gumaachan taasiseera. Kanatti dabalees ilmaan Oromoo bilisummaa saba isaaniif jecha yeroo fi bakkoota adda addaatti kufan galmee seenaa fi onnee ummata isaanii keessatti akka galmaa’an taasise.
Bara 2015 kanas guyyaa Gootota Wareegamtoota keenyaa oggaa yaadatnu:
Gootota Oromoo hin gabroomnu jechuun sirna gabrummaa garaa jabinaan diriiruuf socho’u dura osoo dhaabbatanii kufan, kanneen ummatni Oromoo gabroomuu hin malle jechuun sirna Kolonii osoo lolanii wareegaman, Gootota ummatni Oromoo akkuma ummata kamuu walabummaa fi bilisummaa qabaachuu qaba jechuun mirga ummata Oromoof osoo falmanii kufan ittiin yaadatna.
Guyyaa kana Ebla 15, dhaamsa Gootonni Oromoo nuuf dhaaman yaadataa, akeeka walabummaa irratti cichuu dhaan qabsoo bilisummaa galmaan gahuuf murannoon qabsoo itti fufuuf waadaa keenya haaromsuun kabajna.
Guyyaa, akeeka haqaa irratti hundaa’uun Oromummaa dhaan caalaatti of ijaaruu fi tokkummaa saba keenyaa tiksuu fi cimsuuf waadaa itti seenu dha.
Guyyaa, kan dandeettii keenyaa keessa jiru of qusii tokko malee qabsichaaf gumaachuu dhaan kaayyoo goototni keenya irratti kufan milkeessuu irra akka oolu taasisuun jaalala fi kabajaa gootota keenyaaf qabnu itti agarsiisnu dha.
Guyyaa Goototaa waggaa bara kanaa kan dabre irraa addatti yaadatna. Addatti akka yaadatamu kan taasisu ammo baatiidhuma kana keessa Ebla 30, 2014 goototni dargaggoo Oromoo alagaan hin bitamnu, hin saamamnu jechuun mormii bittaa abbaa irrummaaf qaban karaa nagaa osoo ibsatanii addatti magaalaa Amboo akkasumas Madda Walabuu, Naqamtee fi bakkoota kaan keessatti kudhanootaan rasaasaa diinaan itti harcaafaman tahuu irraa ti.
Dargaggootni (Qeerroon) Oromoo bifa haaraan of qindeessuun itti fufiinsa qabsoo mirkaneessuutti dabalee harka qullaa diina dura dhaabbatuun wareegama ulfaataa baasaa akka jiran hubatamaa dha. Gootummaan dura dhaabbatanii rasaasa diinaan qoma rukutamaa jiran. Sochii farra Koloni fi sirna cunqursaa irratti godhaniinis dargaggoo empayera Itophiyaaf qofa osoo hin taane kanneen biroofis fakkeenya tahaa jiran. Wareegamni baasaa turanii fi jiran kun, Oromoo yeroo kamuu caalaatti walitti itticheee jira. Qabsoof onnachiisee fi kakaasee roorroo ummata Oromoo irra gahaa jiru addunyaa akka hubachiisan taasise. Addatti biyyoota alaa keessatti dhumiinsa dargaggoo Oromoo irra gahe addunyaa hubachiisuuf tarkaanfiin waggaa dabre keessa fudhatame ABOn dinqisiifataa, jabaatee akka itti fufus hiree kanaan yaaddachiisa. Karaa danda’ame hundaanis ummatni keenya sochii dargaggoo fi ummata Oromoo bira akka dhaabbatu dabalataan waamicha isaa dabarsa.
Har’a ummatni Oromoo miidhaa daangaa dabarte of irraa dhaabuun kan danda’amu qabsoo qofaan tahuu hubatee bakkayyuutti diina sardaa jira. Caalaatti diinaa fi jala deemtota diinaa jilbeenfachiisuuf Oromoon qabsoo isaa keessaa fi alaan finiinsuutti dabalee akka nam-tokkootti ka’uu qaba. Waan taheef, hacuuccaa diinaa jalaa bahuu dhaan bilisummaa keenya mirkaneeffatuuf bifa kamiinuu osoo gufuu walitti hin tahiin qabsoo keessatti qooda keenya guddisuu fi hirmaatuun dirqama lammummaa ti. Hammeenyi gabroomsaan raawwataa jiru hangamuu jabaatuu fi heddummaatu qabsoon kan irra aannu tahuu hubatuun qabsoo itti jirru haa finiinsinu. Murteessaan qabsoo haqaa deggersa ummatootaan gabbate malee heddummina meeshaa fi waraanaa miti.
Yeroo ammaa kana ummatni Oromoo yeroo kamiyyuu caalaatti dammaqee fi mirga isaa hubatee bal’inaan falmaatti seenuun diina hiriba dhorkee jira. Diinni ummata keenya yaada tokkoon qabsoo isaa bakkaa bakkatti finiinsuu irratti murannoo agarsiisaa jiruun baarage, gurmuu Oromoo laaffisuuf mala abbootii irree fi bittootaatti fayyadamaa ture haaromfatee olii fi gadi cehaa akka jirus ifatti mul’ata. Tokkummaa ummataa tooftaa gara garaan diigee wal dura dhaabuuf, lammiilee Oromoo fi kanneen biro Afaan Oromoo dubbatan aangoo bubuutuu fi dantaan ofitti qabee Oromoo ittiin hawwatuu kajeela. Kana hubatuun akeeka diigaa kana dura dhaabbatuu dhaan tokkummaa keenya tikfatuu fi cimsatuun qabsoo bilisummaa tarkaanfii tokko fuula dura kan tarkaanfachiisu tahuu Oromoon hundi hubatuu qaba.
Gama kaaniin wayta ammaa kana mootummaan Wayyaanee Filannoo fakkeessaa gaggeeffatuuf dibbee rukutuu irratti argama. Ololli fedheyyuu filmaata Wayyaanee ammas moosisuuf qopheeffame kana dimokraatawaa taasisuu hin danda’u. Komishinni filannoo geggeessu, kan filuu fi filamus Wayyaanee tahuun wallaalaa jalaayyuu dhokataa miti. Dhaadannoon Wayyaanee “Aangoo humnaan arganne, waraqaan gad hin dhiifnu!” jedhus kana caalaatti dhugoomsa. Waan taheef ummatni Oromoo adddatti ammo dargaggoon filannoo dabaan guutamee fi farra Oromoo tahe kana lagatuun qabsoo bilisummaa irratti akka xiyyeeffatan ABO hubachiisa. Filannoon afarfamaa jiru Empaayera malaammaltummaa, cunqursaa fi saaminsa irratti ijaaramte tiksuu fi jireessuuf jecha abbootii irree seeressuu kan akeekkate dha.
Maayii irratti, dhugaan mul’ataan jiru mootummaan Itophiyaa sagalee ummataa kan hin kabajne filmaata dimokraatawaan aangoo dabarsee kennuu kan fedhii hin qabne tahuu agarsiisa. Humnaan waan aangootti ol baheef sagalee ummataan aangoo gadhiisifnaan abjuu dha. Kanaaf falli jiru murna humnaan aangootti cichaa jiru humnaan falmatuu qofa. Kanaaf ammo ijaaramuudhaan humna tahanii argamuu feesisa. Humna tahan malee dhageettiin hin argamu.
Haqni ummataas bakka argatuu danda’a jedhanii yaaduun dogoggora. Kadhaa fi sossobbiin umrii bittaa cunqursitootaa dheeressuuf yoo tahe malee ummataaf mirga hin argamsiisu.
Kanaaf ummatni Oromoo walii galaa diddaa itti jiru jabeeffatuun gumaa wareegamtootaa bilisummaan baasuu qaba.
Wareegamtootni Keenya bara baraan yaadatamu!
Injifannoo Ummata Oromof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Ebla 9, 2015
No comments:
Post a Comment