Kisaaraa siyaasaa dhooysuuf oloola QBO irratti ofuun fafa - [Kutaa Lammaffaa]

Ebla 27, 2015 | Galmee Dhugaa Irraa
Kutaa Tokkoffaa Duubiuuf Addana Tuqaa
 Kutaa Lammaffaa

Bakka barruun 1ffaa irratti dhaabbatee yaadachiisuuf – Kana irrattis akkuma waan kana dhagenyeen lafarra ganagalchinee wayyaaneen harka keenya irraa baafte – kana beeytaa miti obbo Jamaal? Faradduu tahuu keetirraan kan ka’e akka fincaan sirratti gadi naqaa turre numa beeytaamiti? Ogumaa keetiin waraana tajaajiluu irratillee ramadamtee joollee madooftee dhuftee sababaaa ati hin sobdan jatteef achittuu waan sirra gahuuf ka’e ni beeytaa miti? Arra isaaniin joollee abbaan hin guddifne fi haati hin guddifne jachuun kee sitti hin dhagayamuu? Jarri ati arrabsaa jirtu kun warra dhiiga iaani gadi naquu qofa otuu hin tahini lubbuu deebi’I hin qabne QBO dhaaf kennan tahuu seenaan ni yaadata – ammas jaalatuu jibbituu itti jiru. Kanuma irra deebite paltalk irratti amantiis dabalatee wanni jachaa turte hedduu nama gaddisiisa. Sumaahuu akka hogganatti achirratti afeerani, akka ati wallaalummaa, tuffii fi seenaa hin beeyne dabsitu carraa siif eknnuunu akka dhaaba keessattiti hammam takka akka yaanni kee kun calaqifamaa jiru waan garsiisuuf jacha gama kiyyaan akka salphinatti laala.

Kutaa kana jalatti itti fufuu –  Oromoonni ala jiran Oromummaahu namoota hin beeyne isa jedhuus dhagayee hedduun gadde. Dhugumatti ati erga London dhufteehu takkaa Oromotti gadi baatee beeytaa? Ati Oromummaa keetituu nama amanu yoo taate qoonni ati kennite dhugiitii fi tanboo xuuxuu malee maali? Dagalattuu tanboo siif barbaaduun nu rakkisee ture. Nuti “Ethiopia waliin jiraanna, Qaama Ethiopia taana” janne jachuun kee fillannoo ati qabdu jedheen amana garuu, Oromoota yaada kee kana fi obboo leencoo Letaa dura dhaabataniif civil miti jachuun hiikkaa civility wallaalteeti moo maaltu civility nama dhoorga? Eegaa gaaffii hedduu tarreessuun ni dadayama garuu kanas bira kutuu filadha. Kan biraa waan gaaffii dhuma deebisaa sana keessatti beektoonni biyya alagaa jiran kuni civility waan Oromoo hin barsiisiniif kufani jiru  jachuu keeti. Hedduu nama dhiba, kana bira taree Oromoon psychology gaafa dargiin deemaa jira jachuu fi dhaadachuu keetillee jachootuma tokkoo fi lamaan bira kutuu barbaada.

Obbo Jamaal atiis beekaa ofiin jachaa radio irratti dhihaattee kanneen dhiiga gadi naqanii fi Oromoo atillee maqaa dhawattu tana arrabsuu malee civility wanni jedhamu sikeessaan eessa jira? Waan ofiifuu galmee jachootaa keessaa hin qabne, namaan yakkuuf dhimma itti bahuun ofiif nama hujjii irra oolchu akka si hin gone beekuun barbaachisaa dha.

Kan biraa obbo jamal Oromoon diina baqatee biyyoota alagaa kana keessa oromoota jiran, akka waan Oromummaa Passportii fi koluu galtummaa gaafachuuf dhimmi itti bahan malee Oromummaa hin guunne dubbate. Kuniis, seenaa gochaa diinaa fi kanneen biyyaa baqatani bahan rorroo diinni irratti gaggeesse irraan akka tahe wallaaluu irraa akka tahe beekkamaa dha. Waan taheefiis, hawaasa Oromoo keessaa qooda fudhadhuuti rakkoo Oromoo biyyaa baafte qoradhu – akkanumatti dubbachuun waan sirraa eeggamu hin turre. Tarii ofirraa kaatee yoo jachoota akkasii kan darbatu tahe hedduun siif gadda.

Siif qofa otuu hin tahini mana Paltalk maqaa ODF dhaan dhaabbate keessatti kanneen wallaalummaa jachoota summii ati darbattu irraan kan ka’e ilillii siif namoonni gariin achi keessa kanneen teessoon isaani madaa tahe akka tahe hubadhee jira. Fakkeenyuma tokko kennuuf namni achi keessaa wayyaaneef hojjatu kan maqaalee akka “Great Oromia, kush … Agip, … wkf maqaa bafachuu paltalk mana godhatee rimiddii isaa raawachaa jiru nama eenyummaan isaa ammallee hin beekkamin tahullee hamma ammatti kan beekkame maqaan walakkaa (middle name) isaa Gondare tahuun isaati – maqaa guutuu isaa ammaf irra of qusadha.  Kanneen osoo lolarraa dheessani qaraan waraante maqaa Oromiyaa fi Oromoo baafatani achi keessaa wacan bakka kanneefi qalama kiyya itti hin balleessuu.

Obboo leencoon qooda qabsoo keessatti kenne namni halu hin jiru haatahu malee, jachoota Obbo Jamal dhimmi itti bahee yoo laalle hedduu nama gaddisiisaa. Obboo leencoonu sadarkaa kanatti takkaa akka of himee hin jirretti  hubadha. Obbo Jamaal garruu “ Leencoo Lataa, “ nama Oromoo, Oromoo godhe, Afaan Oromoo nama barsiise, nama A12 fidee, inni silaa jiraachuu baate Oromiyaa hin jirtu turte, leencoon waaqarraa nuuf kenname, nama yeroo isaan duraati (A man ahead of his time), nama Enginerin America keessatti barate caakaa gale, Silaa Americatti dhale nama Obaamaa irraa wayyaa tahu ture, George Washington dha. Mee ammaaf kanumaan keessaa jedha, dhugumatti obbo Jamaal Qabsoon Oromoo nama tokkoon as geese jattee yaaduu keetiif hammam takka akka wallaalummaan guuttamte garsiisuu isaa beeytaa?

Dhiigaa fi lafeen ilmaan Oromoo meeqqaatamtu Oromiyaa isa jedhu sana fide malee nam tokkoo miti. Oso gadi baate nama tokko akka waaqatti dhiheessuuf hin yaaliin dhugaa tokko tokko qorachuutu sirra ture. Qabsoon Oromoo nama tokko faarsuu irra akka guddatte beekuutu sirra ture/ obbo leencoon A12 fidee fiduu baatee akka Oromoo tokkotti qooda inni kennuun madaalama malee, Kanneen akka isaati dandeetti sadarkaa sanii fi olitti qabann kan oromoo boonsisu tahuu isaa beekuuniis barbaachisaa dha – kanneen QBO dhaaf jacha wareegamaniis lakkoofsaan hedduu tahuu dabalatee. Inni guddaan garuu, akka amantatti nama tokko faarsuun qabsoo keessatti dhuma akka hin dandayamne beekuu dha. Namoota akka keetiin hoggana ODF jachuunu waan nama qaanessuu tokko jedheen amana.

Qabsoon waan sabboonoota Oromoo fi ummata Oromoo hunda gaafattu waan taheef akka gamtaa fi nam tokkotti godhan qooda qabsoo Bilisummaaf kennaitti bara baraan yaadatamu isaati. Kana dursitee Obboo lencoo waliin silaa marihatte sigorsuu numa dandaya jedheen amana. Kana irratti mana hidhaa keessatti yeroo lafarra si bunnu sanuu hamma tokkoof daggala seenuu kee irraanfannee osoo hin tahini ayyaan laallatummaa ati garsiiftee fi waan kanneen wayyaaneen mana hidhaatti guurtee rakkisaa jirtu irratti rakkoo biro dabaleef akka tahe beekuu qabda. Ammas afaan tabba hin qabu akkuma jedhamutti akkuma garte haasawaa jirti. Garuu waan si beekuuf jacha Dr Fatansaa (Jamaal) jedhe jachuun kan hubadhe hin jiru – yoo ammas akkuma gaafa mana hidhaa keessatti Wayyaanee dhaadhesitu sanitti ayyaan laallatummaa kee hubadhe malee.  Oromoo xiqeessuun of jaalachiisuun amala kee tahuu isaa waan beekuuf jacha. Amma kaniin hubadhe tokko yoo jiraate Miseensa Gumii Sabaa ODF tahuu keeti, Asiin si gahee tuffiifii arrabni kee kun ammo eessa akka si geessu walumaan laalla.

Kan biroo dhihoo tana Paltalk irratillee Oromoo gandaan qooduuf jacha jachoota ati darbatte irraan kan ka’e manni akka jeeqame numa beeyta. Kuniis amaluma kee akka tahe waan beekuuf nah in dinqu. Garuu kanneen ati yakkaa turte suni gariin akkuma keetiti ayyaan laallatuu akka than bnuma beeyna. Kanumaan waliin gaafa Kenya turtellee waan hojjachaa turre ni beeyta. Ati nama Ashabir jedhamu waliin waan hojjachaa ture yoo barbaachisaa tahe ifaan ifatti tokko tokkoon barreessaa ammaaf garuu bira tara. Kana kaniin tuquuf ati nama QBO fi Qabsaawoota qeequ dhiisiiti nama waanuma Qabsoo Bilisummaa Oromootu dubbachuu hin dandeenye akka tahe gabaabumatti si garsiisuuf qofa akka tahe hubadhu. Yoo barbaachisaa tahe ammo bal’inaan raga qabatamaa waliin walitti deebina.

Amma yeroon akka hoggana ADO tokko taate dhagayu dhiiroo namoonni kun eesumaa namoota akkanaa kana fidhanii maqaa Oromoon akka dubbatan godhan kan jedhulleen ana keessa numa bule – warri si beeynulleen wal gaafanne. Haatahu malee, sun dhimma isaanii tahee osoo jiruu, namoonni akka keetii kan duubbeen madaa tahe kanneen qabsoo kana irratti lubbuu kennani Oromiyaa isa jedhu argamsiisuu qofa osoo hin tahini mirgoota xixiqqo illee Oromoo gonfachiisan xiqeessuu fi arrabsuun akka ifaajiin isaani gati hin qabnee fi lubbuun isaani lakkoofsa keessa hin galetti namoota akka keetii seenaa Oromoo fi hundee oromummaa irratti bobbaasuun yakka yakka irra caale jedheen amana.
Maayyii irratti dhaadannoo nama tokko QBO keessatti akka bakka hin qabne siif dhaamuun barbaada. Qabsoon biyyatti galchina jattan biyya keessa jiraachuu qofa osoo hin tahini diinaan wal qabdee jirti. Wayyaaneen kadhaan Democracy waan kennitu silaa tahe 1991 sanuu numa taha ture. Dilana Wayyaanee if Ethiopia yoo jaalatte maaliif baatee klu galtummaa gaafatte sadoon biyya alagaa kana keessa jiraatta ree? Oromoon mana hidhatti guurama, saamamaa fi ajjeefmaa jirt. Kana malees batani bishaaniin nyaadhamaa jiru. Ilmaan Abashaa toftaa adda addaan Oromoo lafa dhablee gochuuf saganteefattee hojjachaa jirti. Akkuma ati jatetti biyyatti galuu fi biyyatti qabsoo godhuun ADO kan duraati, kanaaf Obbo lencoon isa duraa waan taheef galateemfatu qaba jattee jirta. An ammo yaadumaa fakkaataan kanneen biyya keessatti sosoohaa jiran waan jiraniif kuniis haarayaa miti. Galtanii isaanumaan waliin Afaan Oromoo afaan biyyooleessaa haatahu jedhaatii lafee bubuutuu foon irra qoqorame eeggachuu wayya malee akka addatti of dhiheessuun kuniis waan hin fakkaanne.

Dhiigaa fi lafeen Qabsaawota Oromoo dhokatee hin hafu!

Farreen Qabsoo Oromoo saaxiluun itti fifa!!

Galatoomaa

No comments:

Post a Comment