Oromo oromiaCaamsaa 25, 2015 Godina Bahaa Wallaggaa AANAA HAROO LIMMUUtti Uummatni Oromoo fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo wal ta’uun Filannoo kijibaa fi waliin dhahaa itti fakkeessii  Wayyaanee irratti FDG dhoosuun waraana Wayyaanee Dura Dhaabbatan., ilaamn Oromoo nagaan afur rasaasaan wayyaaneetiin madeeffaman.

Godina Baha Wallaggaa AANAA HAROO LIMMUUtti FDG Qeerroon bilisummaa Oromoo uummata Oromoo waliin ta’uun filannoo kijibaa wayyaanee irratti finciluun Wayyaaneen abbaa Dimookiraasii sobaa,abbaa filannoo  filannoo sobaa kan halkan dabballeen motuummaa Wayyaanee korojootti ofiin of filaa bulee hin barbaadnu, filannoo waliindhaa dura bilisummaan uummata Oromoo mirkanaa’ee walabummaan biyya keenyaa mirkanaa’ee mootummaa mataa keenyaa hundeeffachuu qabna jechuun uummatni fi dargaggootni Oromoo jechuun sochii warraaqsaa FDG  jabeessuun mootummaa wayyaanee haalan Yaaddessuu maddeen Qeerroo bilisummaa Godina Wallaggaa Bahaa magaalaa Neqemtee irraa gabaasan.

Mootummaan abbaa irree wayyaanee sochii uummataa kanatti weeraruun waraanaa fi poolsoota federaalaa uummatatti gadhiisuun Uummataa nagaan karaa nagaa fi dimookiraasii mirga isaaf falmachaa jiruu irratti dhukaasuun ilmaan Oromoo nagaa shan rasasaan madeessuun ibsame jira. ilmaan Oromoo badii tokko malee  HAROO LIMMUU irraa madeeffaman kunis:
1. Dargaggoo Dhaabaa Yaadataa ganda qotee bulaa Gidda Guuddoo
2. Obboo Dhufeeraa Qannoo ganda Sugee
3. Daragaggoo Taarkuu Dhugumaa ganda Sagiiroo
4. obboo Baqqalaa Tamasgeen ganda Qarsaa Boolloo kannee keessatti argamaan
Oromummaa isaanii qofaan rasaasaan reebamanni madeeffamuun ibsame jira. Haaluma Walfakkatuun AANAA EEBANTUU tti sochiin Uummataa jabaatee itti fufuun namootni hedduun hidhamuu fi mootummaan wayyaanee humna waraanaa gara kanattis guuraa jiraachuu maddeen keenya Qeerroo bilisummaa Oromoo nuf ibsan.

Yeroo amma kanatti warraaqsii FDG Godina Lixaa Oromiyaa AANAA MIDAA QANYII fi AANAA HAROO LIMMUU keessatti haalaan jabachuun kan itti fufee jiru yoo ta’uu, Aanaawwaan Kanneen akka Calliyaa Geedoo, Baakkoo, Siree , akkasumaas Horroo guduruu wallaggaa Jimmaa Gannatii Haratoo fi Jimmaa Raaree Wayyuu irra Humni waraana Wayyaanee buufatee uummata dura dhaabbachaa jira. Gabaasni sochii warraaqsaa FDG  kun itti fufa… rakkoo network fi interneetaa guddaan rakkachaa jirra.