Itti fufti qabsoon!!! [Walaloo Abdii Baalee Oromiyaa Irraa]

Caamsaa 21, 2015 | Abdii Baalee Oromiyaa Irraa
Akkam nagaa jirtan, obbolaan koo martuu,
Ilmaan Oromiyaa, Booranaa fi Baarentuu,
Warri biyya alaa, kan addunyaa guutuu,
Warri biyya keessaa, diinaan wal mormitu,
Warri roorroo diinaa falmatarra jirtu,
Warri gaashiretti Wayyaaneen darartu,
Nagaan Onnee koo, isin naaf haa geettuu,
Daran wal kabajaa tokkummaan haa cimtuu,
Keessaa fi alattis qabsoon itti haa fuftuu!!!!!!

Hawwiin Oromootaa, kaayyoon ilmaan Sabaa,
Kan gootowwan meeqaa lubbuu itti dhabaa,
Galma gahuuf deemaa, hamileen isaa jabaa,
Jabaadhaa yaa lammii hiree bal'oo qabaa,
Boolla seenu dhabee, gabroomsaan of sobaa,
Bakkayyuu,tokkummaa, gaaf tokko ni cabaa,
Dhiiga lammiiwwan koo, gumaan bahuu qabaa!!!!
Gaafii abbootii keenyaa, gaafii qabsaa'otaa,
Warri gurgurattee, horii ittiin nyaattaa,
Warri biyya aabbaa, alagaadhaaf murtaa,
Warri Oromootatti waraana bobbaaftaa,
Warri gaafii qabsoo maqaa irra keettaa,
Warri garaa jalaan alagaaf hojjattaa,
Warri fedhii yeroof, alagaaf hiriirtaa,
Guyya aduun baate, eessa seenuuf teettaa????
Yaa warra dhiiga sabaa, garayyuu facaaftaa,
Kan qabeenya Sabaa, dhuunfaa keef oolfattaa,
Eenyu akka taatee, uumama kee beektaa,
Hanga yoomiittitti yakka faana deemtaa,
Sila ati horii irraa maaliin adda baataa,
Ati eenyu laataa, of baruu dandeettaa???
Warri dhugaa dhoksuuf oliif gadi kaattaa,
Warri Hawwii Sabaa, afaan irra teettaa,
Warri kaayyoo lammii gargaritti facaaftaa,
Warri dhiiga tokko dharaan adda footaa,
Dhugaa hin ukkaamsituu, ofii ukkaamamtaa,
Har'uma as deebi'ii booddee ni gaabbitaa,
Osoo lubbuun jirtu seenaan awwaalamtaa!!!!
Qabsoon Oromootaa, kan diddaa gabrummaa,
Guutuu Oromiyaa, Booran-Baarentumaa,
Kan diina rarraasaaru, gamanaa fi gamaa,
Jabaannee falmachuun, dirqama lammummaa,
Jajjabaachuu qaba, hawwiin Birmadummaa,
Magaalaa fi baadiyaa, galgalaa fi ganamaa,
Osoo addaa hin baane, Kiristaanaa fi Muslimaa,
Hanga biratti geennutti galma Bilisummaa,
Yoomiyyuu hin dhaabbattuu, itti fufna falmaa,
Bakkuma hundatti jabeessaa tokkummaa,
Numatu moo'ataa, irreen kan keenyumaa!!!!!
Kaayyoo gabroomfataa, dura haa dhaabbannuu,
Hidhaa fi ajjeechaaf, diinaaf iddoo hin laannuu,
Mirgaa fi biyya keenyaaf, lubbuu haa wareegnuu,
Ofii gabroomfamnee, dhaloota hin dhaalchifnuu,
Bilisummaa keenyaaf, daran haa qabsoofnuu,
Jabaadhaa hadaraa, hunduu haa jabaannuu,    
Itti fufa qabsoon, duubatti hin deebinuu!!!!
       
     Qabsaayaan ni kufa,
      Qabsoon itti fufaa,
     Bilisummaan ni dhufaa!!!!
              Caamsaa 21,2015
    AbdiiBaaleeOromiyaa

No comments:

Post a Comment