WBOn Tarkaanfii Fudhateen Loltoota Wayyaanee 38 Ol Hojiin Ala Godhe

Adoolessa 25, 2015 |

Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Falmaa Diina Waliin Godhu Jabeessee Itti Fufuun, Zoonii Kibba Bahaa fi Godina Baha Oromiyaa Keessatti Tarkaanfilee Waraanaa Fi Ergamtoota Diinaa Irratti Fudhateen 38 Ol Hojiin Ala Godhe.

Mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa ummata Oromoo deebisee gonfachiisuuf falmaa hadhaawaa godhaa jiruun diina isaa kuffisee kufaa, injifannoolee boonsaa galmeessaa kan jiru gootichi WBO, Zoonii Kibba Bahaa Baalee keessatti tarkaanfii diina irratti fudhateen loltoota wayyaanee 30 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Zoonii Kibba Bahaa beeksiseera.

Haaluma kanaan WBO Zoonii Kibba-bahaa Baalee keessa sossohu Adoolessa 08, 2015 Ona Eelkarree bakka Eel-Dhoor jedhamutti ganama sa’aa 6:30 hanga sa’aa 8:00 gidduutti waraana gabroomfattuu wayyaanee dalagaa diinummaaf bobbaa irra turan irratti tarkaanfii haxii hammate fudhatuun loltoota diinaa 10 ajjeesee 9 ol yeroo madeessu, lola kana irratti qawwee AKM. 6 hidhannoo guutuu waliin booji’uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof akka oolche Ajaji WBO Zoonii Kibba-bahaa beeksiseera. Tarkaanfii rifachiisaa WBOn irratti fudhate kanaan loltootni wayyaanee haleelaman kunniin haalaan akka baaraganis  gabaafameera.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba-bahaa Baalee keessa sossohu tarkaanfii isaa cimsee itti fufuun Adoolessa 09, 2015ttis Onuma Eelkarree bakka Halloo Dheertuu jedhamutti humna waraana wayyaanee kan sochii isaa gufachiisuuf bobbaa irra ture haxii itti hidhuun durse tarkaanfii irratti fudhateen 6 yeroo irraa ajjeesu, 5 ol ammoo akka madeessee fi qawwee AKM. 4 booji’uu Ajaji WBO Zoonii Kibba-bahaa dabalee hubachiiseera.

Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii diina irratti fudhatu jabeessee kan itti fufu ta’uu Ajaji WBO Zoonii Kibba-bahaa ibsee, ummatni keenya kan keessaa fi alaa   WBO of irratti hirkannoon socho’aa jiru cinaa waan danda’uun akka dhaabbatu yaamicha godhee jira.

Oduu tarkaanfii biraatiin WBOn Godina Bahaa Adoolessa 21, 2015 Baha Harargee Ona Baddannoo bakka araddaa Caffee-bal’inaa jedhamutti ergamaa diinaa ta’uun kan hojii farrummaa ummata keessatti raawwataa ture du’aan adabee jira.

Guyyuma kana jechuun Adoolessa 21, 2015 WBOn humna waraana wayyaanee tarkaanfii ergamaa sirnichaa irratti fudhatame kana haloo ba’uuf sochii irra ture Ona Baddannoo bakka/ganda Boruu jedhamutti rukutuun 3 irraa ajjeesee 5 ol madeessuu akkasumas qawwee AKM. 3 fi qabeenya biroos irraa booji’uu Ajaji WBO Godina Baha Oromiyaa ibsee jira.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Baha Oromiyaa keessa sossohu Adoolessa 16, 2015 Baha Harargee Ona Fadis keessaa bakka Bobbaasaa jedhamu kan naannoo Bokkootti argamu mooraa qubsuma waraana Wayyaanee weeraruudhaan tarkaanfii rifachiisaa irratti fudhateen loltoota diinaa 28 ol hojiin ala gochuu fi meeshaalee waraanaa qawwee AK.47 17, rasaasota gosa gara garaa 4000 ol, Boombilee harkaa 23, Hidhannoolee mudhii 27, Raadiyoo Quunnamtii (icom) 2, Mobile (cell phone) 6, kuufama galaa fi mi’oota adda addaa diina irraa booji’uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

No comments:

Post a Comment