Hagayya 16, 2015 |Gadda.com | Abdii Boruutiin*
Otuu gara dhimma mata-duree kanaatti hin seenin dura, warra maqoota jaarmayaaota Oromoo kana hin beekneef ykn hirraanfataniif ibsi isaanii akka armaan gadii ti:
ABO = Adda Bilisummaa Oromoo
AWO = Adda Walabummaa Oromiyaa
Jijjiirama = warra maqaa ABOtiin bara 2008 mooraa kana keessatti jijjiirama fidna jedhanii garee biraa uuman
ADO = Adda Diimookraatawa Oromoo
KWO = Kallacha Walabummaa Oromiyaa (kan dhiyoo kana maqaa jijjiirrate)
THBO = Tokkummaa Hmnoota Bilisummaa Oromiyaa (kan ULFO dhaan beekamu)
??? = Yaa Waaqayyo/Rabbi maal nu dhageessisuuf jirta?
Waayee jaarmayoota keenyaa, gadifageenyaan beekuu baadhullee, akkan hubadhutti kan THBO irraa hafan hundi isaaniituu warra qaama ABO turanii dha. Jaaramyootni miseensota THBO tokko tokkollee akkasuma warruma duraan qaama ABO turan natti fakkaatu.
Gaafii mata-duree irratti dhiyaateef guutumaa guutuutti deebii kennuun rakkisaa dha. Maaliif yoo jedhame, jaarmayootni kun eessaa akka ka’antu beekamuu danda’a ta’a malee garamitti akka deemamu ykn waan boru uumamu beekuun baay’ee rakkisaa waan ta’uufi. Karaa biraatiin yoo ilaalame ammoo, jaarmayootni kun yeroo ammaa haala akkamii keessa akka jiranis sirriitti beekuunis nama dhiba. Waanan kana jedheef boodarra barreeffama kana keessatti ibsuun yaala. Gaafiin sana dura ka’uu qabu garuu, “Jaarmayoota ykn gareelee kana akkanatti heddoomsuun ykn jijjiiruun tooftaa fi tarsiimoo qabsoo kanaatiif jedhameeti moo kaayyoo iccitiin isaa hin beekamnetu mooraa QBO keessa jiraa laata?” kan jedhu ta’a. Gaafii kana akkuma jirutti uummata Oromootiif dhiisee; garuu waan dhiibboo natti ta’e tokkon kaasuu fedha.
Durumaa jalqabee rakkooleen adda addaa mooraa ABO keessa turanillee, wanti bara 2008 booda mooraa keenya keessatti ta’e fi ta’aas jiru waan nama ajaa’ibuu dha. Jijjiiramni yeroo sana labsame, kan bu’aa fidu ta’uun isaa hafee siriidhaa diraamaa dhuma hin qabne akka uume fi diraamaan kun ammallee akka ittifufaa jiru hubachuun waan nama rakkisu natti hin fakkaatu. Bara 2008, yeroo gargar hiramuun uumame sana, sababni guddaan jijjiiramni labsameef mooraa ABO keessatti jijjiirama bu’uraa fiduu fi ABO haaromsuu jedhamee ture. Hogganummaa ABO keessa rakkoon akka turellee irra deddeebi’amee ibsamaa ture. Jijjiiramni labsame fi ibsame sun dhugumatti bu’aa tokko argamsiisuu danda’a jedhamee waan eegameef, qalbii uummata Oromoo waan hawwate natti fakkaata. Haa ta’u malee, jijjiiramni sun bu’aa fiduun isaa hafee waan nama gaddisiisan baay’eetu mul’atan.
Waan tokko tokko yaadachuuf, akkasumas fakkeenya tokko tokko kaasuuf, bara 2010 Liiccoo Bukuraafaa miseensota WBO hanga tokko fudhatanii hidhannoo guutuu wajjin diinatti harka kennatan. Sababuma fedheenuu haa ta’uu, yaaliin gareelee ABO walitti fiduu fi tokkoomsuuf godhamaa ture otuu hin milkaayin hafee; sana biras darbamee bara 2012 kaayyoon ABO akka jijjiirame labsame. Sababa kanaan warra jijjiiramaa keessatti addaan faffaca’insi uumame; garee kana keessatti gareeleen biroo ijaaraman; waliigalteen dhabamee, gargar hiramuun ittifufe. Kanuma wajjin walqabatee, bara 2013 jaarmayaan biraa maqaa ADO jedhuun gadi bahe. Warri jaarmayaa haaraa kana dhaabanis warruma duraan miseensota ABO fi/ykn hoggantoota olaanaa turanii dha. Warri duraan walabummaa Oromiyaa qofaatti amanna jedhanii, jaarmayaa AWO jedhu dhaabanii turanillee booda sana dhiisanii ADOtti makaman.
Waggoota lama booda, bara kana (2015), warri jijjiirama keessa turani fi kaayyoo ABO jijjiranii turan sun deebi’anii bakka lamatti bahn. Gareen tokko ittiyaaduudhaan ykn ittigaabbuudhaan as deebi’anii sagantaa ABOn bara 2004 fooyyesse ni fudhanna; bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaatiif qabsoofna jedhanii labsan. Gareen biraa ammoo waayee jijjiiramuu kaayyoo ABO sanarratti ibsa otuu hin kennin garuu maqaa biraatiin as bahn, maqaa KWO jedhuun jechuu dha. Gaafiin asirratti ka’u garuu “Kallacha Walabummaa Oromiyaa (KWO) yommuu jedhan, kun deebi’anii walabummaa Oromiyaatti amanuu dha moo kaayyoon jijjiirame sun akkuma jirutti hafee, maqaadhuma qofaatu jijjiirame?” kan jedhu dha. Waan baay’ee nama dinqu fi nama dhibuu dha. Egaa, gama tokkoon dhimma akkanaatu gaafii uumee; qabsaa’otni Oromoo garamitti (karamitti) deemaa jiru? nama jechisiisa.
Gaafiin “Qabsaa’otni fi jaarmayootni Oromoo eessa jiru” jedhus gaafii baay’ee nama rakkisuu dha. Mee THBO (ULFO) irraan jalqaba. Maqaan ULFO jedhu kun duraanuu akka tumsa jaarmayoota Oromootti jiraatullee, jaarmayootni Oromoo sadi bara 2010 walittibaqanii, jaarmayaa tokko kan maqaa kana qabu akka uuman ni yaadatama. Haa ta’u malee, walittibaqinisi ykn tokkoomuun jaarmayoota sanaa gammachuudhaan simatamuu fi jijjiirama tokkos fiduu ni danda’a jedhamee eegamaa haa turu malee, jijjiirama ykn bu’aa fiduun hafee; jiraachuumti jaarmayaa kanaatuu (THBO) wanti beekamu hin jiru yoon jedhe dhugaarraa fagaachuu kiyyaa miti. Eessa jiru? Maal godhaa jiru?… Yoo jiraatan ammoo, kophaa socha’uun rakkisaa yoo ta’e maaliif jaarmayoota Oromoo kan kaayyoo fi galii walfakkaataa qaban waliin tokkummaa hin uumne?
Itti aansuudhaa, ADO kaasuun fedha. Jaarmayaa haaraan kun karaa nagaatiin qabsaayee; Itoophiyaa diimookraatofte keessatti sirna Federaalisimii dhugaa ijaaruuf akka kaayyoo qabu ibsee jira. Gara biyyaattillee deebi’anii qabsaa’uuf yaalii waan godhan fakkaatu. Yaaliin sun ammoo akka hin milkaayin mul’atee ture. Ergasii kaasee, waan jaarmayaan kun irra jiru fi maal godhaas akka jiru ani hin beeku. Kun gaafii tokko. Karaa biraatiin ammoo, jaarmayaan kun, erga karaa nagaatiin qabsoo gaggeessuutti amane, maaliif warra tooftaa fi tarsiimoo akkasumas kaayyoo walfakkaataa qaban waliin tumsa hin uumne ykn waliin hin hojjenne? kan jedhu gaafii biraa ta’a. Walumaagalatti, gaafiin asirrattis ka’u jaarmayaan kun (ADOn) maalirra ykn eessa jira? kan jedhu waan ta’uuf, gaafiin mata-dureerratti ka’e isa kanas ni ilaallata jechuu dha.
Warra bara 2008 jijjiirama keessa turani fi dhiyoo kana tokkummaa jaarmayoota Oromoo afurii (ABO) uumne ykn walittibaqne jedhan yoo fudhanne, tokkummaa uumuun waan gaarii dha; kun gammachuudhaan simatamuus qaba. Ani akka ilma Oromoo tokkootti baay’een itti gammade. Haa ta’u malee, wanti gaafii natti ta’e ni jira. Jarri kun akka dubbatanitti (dhiyoo kana hogganaan isaanii akka dubbatetti) waraanallee ijaarratanii akka qabanii dha. Waraanni isaanii kunillee, kan milishaa ajjeesu qofaa otuu hin taane, kan Wayyaanee dugda cabsuu danda’u akka ta’e ibsame. Yoo dhugumatti kana qabaanne, anaaf gammachuu daangaa hin qabnee dha. Garuu kun hammam dhugaa akka ta’e Waaqayyoo/Rabbi haa beeku! Koottaa nutti makamaa ykn nu wajjin tokkummaa ijaaraa jedhanii kan yaamicha godhan, waan humni isaanii kun caalaa fi cimaa ta’eef ta’inaa laata?
ABO duraan garee lama turani fi amma walitti deebi’anii tokko ta’anis (Shanee fi QC kan turan) ilaalchisee waanan jedhu qaba. Asirratti wanti hubatamuu qabu, ani misseensa ta’ee ykn jaarmayaa kanaaf dubbachuuf ykn ittisuuf otuu hin taane, walaba ta’ee, ilaalcha fi yaada akkasumas hubannoo kiyya ibsuufi. Dhugaa dubbachuudhaaf, lolani lolchiisanii lafa Oromiyaa tokko qabatanii waan tokko mul’isuu baatanillee, hanga ammaatti waan amanan tokkotti cichanii, kanas bakkaan gahuuf sochii godhaa kan jiran ABO Obboo Daawudiin hogganamu dha jedheen yaada. Jaarmayoota bilisabaastota saboota cunqurfamoo waliin tumsa ijaaruun isaaniillee deeggaramuu qaba. Kun akka yaada kiyyaatitti barbaachisaa fi murteessa dhas. Haa ta’u malee, rakkinni natti mula’tu tokko (kanaaf ammo isaan ibsa ykn sababa qabaachuu malu) hogganummaa keessatti sirna Gadaa hojiidhaan mul’isuurratti hir’ina qabaachuu isaanii ti. Waanan kana jedheef yeroo biraan bal’inaan ittideebi’a.
Waanuma fedhes ta’u; rakkini fedhes jiraatu, hundeen ABO isuma kan Obboo Daawudiin hogganamu dha jedheen amana. Kanaafuu, inni kun silaa waa hundaafuu ittigaafatamas ta’ee dirqama; akkasumas gahee inni taphachuu danda’us guddaa waan ta’eef, akka hangafaatti, akka hundeetti kan biroorratti dhiibbaa godhuu danda’a jedheen yaada. Asirrttii wantin hubachiisuu fedhu, ittigaafatama yoon jedhu balleessaa warri biroo dalaganiif jechuu otuu hin taane, akka hangafaatti ittigaafatama isaa hubatee; mooraa keenya keessatti tokkummaa dhugaa uumuudhaaf waan guddaatu irraa eegama jechuu kooti. Kana daandii gaariitti fiduudhaaf dandeettii fi dirqamallee qabu jechuun barbaade. Akuma tumsa alaa uumuurratti bakkee furtuu qabaatu, mooraa QBO keessattillee akkasuma furtuu ta’ee, jaarmayoota kaayyoo fi galii tokko ykn walfakkaataa qaban irratti dhiibbaa godhee tokkummaa jaarmayoota Oromoo ijaaruuf gahee guddaatu irraa eegama jechuu dha. Kanaaf, gaafiin asittis ka’u, kana godhaa jiruu? Maalirra jiru? kan jedhu ta’a.
Dhumarratti, dhaamsi ani dabarfachuu barbaadu, jaarmayaa heddoomsuun; maqaadhaan taphachuun; asii fi achi dhama’uun; ejjannoo tokko ykn kaayyoo ifa ta’e tokko dhabuun; kaayyoo tokko ykn walfakkaataa otuu qabanuu waliin hojjechuurratti wal lagachuun; garagara hiramuun; diinaaf qaawwa uumuun; beekumsa, dandeettii, qabeenya fi humna ofii garagara hiranii mooraa ofii laaffisuun dhaabbachuu qaba. Maqaa otuu hin taane, jaarmayaa hojiidhaan waan tokko agarsiisuu danda’utu deeggarsa uummata bal’aa Oromoo argachuu danda’a. Dubbachuu qofaa otuu hin taane, waan dubbannu hojiidhaan agrsiisuutu jabina jaarmayaa tokkoo mul’isa. Waaqayyo/Rabbii Ayyaanni
Oromoo hubannoo nuuf haa kennu!
Galatoomaa!
* Abdii Boruu: aboruu@gmail.com
No comments:
Post a Comment