Guddina fi egeree biyya tokkoof kanneen murteessoo ta’an keessaa tokkko, humna nama baratee qabaachuu dha. Waan kana ta’eef, humna nama baratee ayinaa fi baay’inaan horatuuf ilaalchi jabaan itti kennamee irratti hojjetamuu qaba. Humna nama baratee ayinaa fi baay’inaan horachuuf kanneen ilaalchi guddaan itti kennamuu qabu keessaa tokko, barsiisota ayinaa fi baay’inaan horachuu fi haala jireenyaa dirqama kana bahuuf isaan gargaaru mijeessuufii dha. Mootummaan tokko, guddinaa fi egeree ummata tokkoof kan yaadu ykn kan hin yaadne ta’uu kan ittiin madalamuu danda’u keessaa inni guddichi, humna barsiisotaa ayinaa fi baay’inaan oomishuu, akkasumas, guddinaa fi egeree saba tokkoo keessatti qooda isaan qabaniin kan walgitu haala jireennaa aanjessuufii irratti hojii hojjetamaa jiruu dha.
Har’a, ragaaleen adda addaa akka mirkaneessanitti, ayinaan barnootaa, sadarkaa tokkoffaatti bakki inni itti kufee jiru Oromiyaa dha. Kanaaf sababi inni guddaan, humni Oromoo barate akka hin guddanneef shira adda addaa hojjechuun, guddinni fi egereen Oromiyaa akka dhabamuufi, miidhaa mootummaan gabroomfataa Ixoophiyaa barsiisota Oromoo irraan gahaa jiruu isa tokko.
Manneetii leenjii barsiisotaa seenuuf, dandeettii osoo hin taane, miseensa OPDO ta’uu tu ulaagaa jalqabaa ti. Barsiisummadhaan ummata isaanii tajaajiluuf kanneen fedha fi dandeettii qaban, miseensa OPDO ta’uu waan didaniif carraa dhorkatamanii fedhiin isaanii keessatti ajjeeffama. Barsiisummaan ummata isaanii tajaajiluuf kanneen miseensa OPODO ta’uuf dirqaman illee, miidhaa ummata Oromoo irra gahu ilaalanii callisuu waan hin dandeenyeefi hiriira ummata Oromoo seenanii mootummaa irratti yeroo mormii dhageesisan, maatii isaanii irraa fageessanii baadiyyaatti ramaduun adabu. Tarkaanfiin kun, miindaa xiqqaa isaan argatan bakka lamatti akka qoodamu godhee beelaa, daara fi dhukkubaaf kan barsiisotaa fi maatii isaanii saaxilu qofa osoo hin taane, diigamsa maatii barsiisotaaf illee sababa guddaa dha. Barsiisoti hiriira ummata bal’aa Oromoo seenanii mootummaa Ixoophiyaa irratti mormii dhageessisan hedduun, beenyaa tokko malee hojii irraa hari’amu, ajjeefamu, gariin hidhamanii mana hidhaa keessatti oggaa dararaman, hedduun isaanii ammo biyyaa abbaa isaanii irraa akka baqataniif dirqamu. Guddinaa fi egeree ummata tokkoof murteessoo ta’anii osoo jiranii, miindaan barsiisota Oromoof kaffalamu kan harka irraa gara afaanii qofa. Sababa kanaatiif, barsiisoti Oromoo jia irraa ji’atti liqiidhaan jiraatu. Ji’i dhumee oggaa miindaa fudhatan, liqii baasanii kan kiishatti hafuuf hedduu xiqqaa waan ta’uuf, walakkaan ji’aa osoo hin gahin liqaan nyaatanii, liqaan daara bahaa liqaan mana kiraa keessa jiraatu. Sababa kanaaf, barsiisoti Oromoo jireenya guddoo nama gaddisiisu keessa jiraatu. Duula Oromoo :ajjeesuu, hidhuu, saamuu, qeyee irraa buqqisuun lafa isaa saamuu fi kkf irraa kanneen hirmaatan: lubbuu, dhiiga, lafee fi inimmaan Oromootiin garaa isaanii guddifatanii fi lafa saaman irratti mana ijjaarratanii jireenya Tigroota irraa hafte oggaa jiraatan, barsiisoti Oromoo guddinaa fi egeree Oromoo fi Oromiyaaf murteessoo ta’an kun garuu jireenyaa hiyyummaa keessatti darbamanii itti qoosamaa jiraatu. Gochaan yakkaa bifa kanaan barsiisota Oromoo irratti Ixoophiyaan raawwataa jiru, hamilee barsiisota Oromoo cabsee abdii kutannaa hamaa keessa akka isaan jiraatan godhee jira. Biyya Tigraayi keessatti, barsiisoti Tigee,jireenya gaarii fi gammachuu jiraachifamanii guddinaa fi egeree tigrootaaf jabinaan akka hojjetaniif mootummaan tigree kan haala aanjesseefi jiru oggaa ta’u, kan barsiisota Oromoo garuu faallaa kanaa ti. Barsiisoti Oromoo, rakkoo diinagdee fi hawaasummaa qaban wal-ijaaruun keessaa bahuuf akka hin tattaafanneefis, walaba ta’anii of ijaaruuf mirgi ijaaramuu Impaayera Ixoophiyaa keessatti hin kabajamu.
Hammeenyi barsiisota Oromoo irratti raawwatu kun hundi, karoorfamee, ummatni Oromoo humna nama baratee dhabee guddinaaf carra inni qabu fi egereen isaa akka dhabamu godhuufi. Yakki bifa kanaan Ixoophiyaan Oromiyaa irratti raawwataa jirtu, haaraa osoo hin taane, kan dhaalmayaan wal-harkaa fuudhanii, mootummooti Ixoophiyaa Oromiyaa gabroomfatan hojii irra oolchanii dha. Amahaara itti fakkaatee, “Oromoo ati barsiiftu kana, nuhi gannoota dhibba tokko of-booda deebifnee bituu barbaanna” jechuun kan muumichi ministeera Haayile Sillaasee, Akililuu Habtewaldi jeneraal Taaddasaa Birruutti haasawe har’a illee itti fufee, mootummaa Ixoophiyaa Oromiyaa gabroomfatee jiruun hojii irra oolaa jira. Jechi Akililuu kun, guddinaa fi egeree Oromoo fi Oromiyaa dhabamsiisuu irratti akeeka Ixoophiyaan qabdu kan ifa godhu ta’ee, miidhaan har’a barsiisota Oromoo irra gahaa jiru, itti fufanii akeeka kana bakkaan gahuu irratti kan qiyyaafatee dha. Waan kana ta’eef, waliigalatti ummatni Oromoo, addatti ammo barsiisoti Oromoo, qabsoo walabummaa Oromiyaa ABO’n geggeeffamu, kan barsiisosta Oromoo kununsuun guddinaa fi egeree Oromiyaa iggitii itti godhuuf akeeka qabu irraa yeroo isaan jabinaan hirmaatan har’a.
No comments:
Post a Comment