Hundeen bu’urayuu dhaabota siyaasaa angoo siyaasaa dhuunffachuufi ta’ullee kan soboota gabrummaa jalatti kufanii ammoo ummaticha gabrummaa jalaa baasu kan jedhu saganteeffata. Kana milkeessuufi ammoo namoonni qaroo sabaa keessaa walitti dhufanii sagantaa siyaasaafi tarsimoo qabsoo diriirffatu. Namoonni kun akkumma dandeetti isaaniitti hoogganoota ufi keessaa ummatanii qabsoo geggeessuu Kan Oromoolle kanarraa addaa miti.
Bifumma walii galaatti namoonni Hoogganna jedhaman xurree sadi gugguddaa keessatti ramadamu. 1ffaa Hooggna hayyuu (Wise leader), 1ffaa Hooggana qaroo (shrewd leader), 3ffaa Hooggana kennaa qabu (gifted Leader). Akkumma beekkamu hoogganni kun hunduu beekkumsa kana takkaa wajjiin dhalata yookaan ammoo leenjiidhaan hooggana ta’a..
Hoogganoonni sadanuu dandeetti adda addaa qabu. Hoogganni hayyuun carraa uumuutti dandeetti qaba,hoogganni qaroon carraa uumamutti dhimma bayuutti dandeetti qaba,hoogganni kennaa qabu ammoo carraa uumamuu deenda’u tilmaamutti dandeetti qaba. Kana hundaa godhuu kan hindandeenye inni hooggana ufiin jedhus hooganaa hinjedhamu.
Nuti ummanni Oromoos akkumma ummata adunyaa biroo jaarmaya siyaasaas qabnna, jaarmanni siyaasaa kun ammoo hoogganas qaba. Hooganoonni siyaasaa dhaabota keenyaas tarreeffama sadan gubbatti lafa kaayame kana keessaa tokko keessatti yookaan lama keessatti shalagamuu qabu. Garuu kana sadanuu godhuufi yoo hindandeenye jechuun yoo carraa uumuu hindandeenye yookaan carraa uumamutti dhimma bayuu yoo hindandeenye yookaan carraa dhufuu deemu tilmaamamnii ummata qopheessuu yoo hindandeenye Hooganoota jennaan ree?
Arra haalli hoogganoota Oromoo irraa argaa deeminnu kan hedduu abdii nama kutachiisu yoo ta’ellee, qabsoon ummani keenya gootummaan diina dura dhaabbachaa jiranii fi dammaqiinssi isaanii kan abdii nama horachiisu ta’ee muli’ata. Arra carraan guddaan uumamee jira, carraa kana gootonni uumani galata qabu, carraa uumuu yoodadhaban ammoo carraa uumametti dhimma bayuu dadhabuun hooganoota keenyaa maal akka jennuun mata duree kiyyarra filmaanni jira.
Wayayanneen yeroo akkumma keenya dhaaba siyaasaa bilisummaa ummata Tigraayiif qabsaawu egalitte ummanni jalatti hiriiruu didee yeroo dadhabidu mala lafa kaayachuudhaan ta’e jettee jimlaadhaan ummata ufii lakkoofisaan hedduu ta’e mootummaa dargiitiin ficcisiifitee akka ummanni aaree qabsoo isaaniitti dabalamu godhuudhaan deeggarssa ummata horattee arra abbaa biyyaa abbaa angoo taatee ummata keenya laffarraa duguuguutti jirrtti. Keenya ammoo faalla kanaa ta’ee ummanni dammaqee qawwee malee diina dura dhaabbachaa tumssaf dhaabota sibilisoomissa jedhee dhaaddatutti iyyachaa jiraachuu yeroo agarru hooganoota keenyaan hoogganoota moo hoongayoota jennaan ree?
Da’immaniifi dubartootaafi mangoddonni oromoo dandii konkolaata irratti rasaasaa wayyaaneetiin gonbifamaa jiran osoo ijaan dawwannuu humnna qabaannee diina irraa rukutuu dadhabinullee akkumma ummanni keenya tokkummaadhaan diina dura dhaabbatetti garaagarummaa lakkifinnee, ufitullummaa keenya liqimisinee, abjuu dhiiga ijoollee kanaatiin anngoo yaabbachuu lakkifinnee, ibsa ejjannoo, guyyaa goototaa fii dhaadannoo tarkaanfiin duuba hinjirre kanaan ufiifi ummata keenyalle sobuu dhiifinnee humnaafi dandeettii keenya walitti dabalannee tokkummaan dhaabbachuu dhabuun keenya hooganoota moo hoongayoota nujechisiisa ree?
Obboleeyyan koo mootummaan wayyaanee diina hiddi isaa gadi fagoo ta’ee jira. Wayyaanonni adunyaa nuti alaa kanaa itti wayiwaachaa jiru kanaafi michuu cimtuudha. Adunyaan arraa kan mirgi ilma namaa fedhii biyyoota guggudoo maqaa (national interest) jedhuun idda bu’ee jira. Warri West ummanni oromoo hundi lafarraa dhumee fedhiin isaanii yoo kan wayyaneen eeggamu ta’e irra hinkaayanne. Guyyaan isaan nudhagayan yoo wayyaaneee daysinee fedhii isaanii dukkaneesinee jenne gaafa san fira nugodhachuufi nudhagayu malee akkanatti nudhagayuufille hindeeeman. Warri West hanga nutti ufi beeyinnu caalaa nubeeku akka nuti jaarmaya cimaa hinqabnne akka nuti hooggana dhugaa murataafi kutataa hinqabne akka hawaasa hinijaaramin taane bareechanii nuhubatu.
Hawaasa hinjaramin kan ijaaru ,jaarmaya jabaa qabsaaye kan ummata qabseessu kan qopheessuu hooggana. Ummanni keenya ijaaramuu dhabuun jaarmaya cimaa qabaachuu dhabuun keenyaf ammoo namoota maqaa hoogganummaa ufitti maxxansanii sabqunnamitti irratti ufi dhaadhessan caalaa eenyu itti qaanffachuu qaba ree? Namoota kanaan hoogganoota moo hoongayoota jennaan ree?
Maqaa maaliin akka yaamaman hujiin isaaniituu qulqulleessee agrsiisuu deema garuu ijibbaataafi dhaamssi ani qabu carraan Wayyaanee wajjiin hojjannaa fii wayyaanee sirnna dimokraasiitiin irratti qabsoofinnaa jedhu guyyaa J/Leencoo Lataa qabsoo nagayaa geggeesuufi ufi kennanii biiya deeman biyya isaanii irraa galituun tigraayi irraa dhufitte isaanii deebifitte xurree nagayaa akka maletti madaaye dhukkubsatee amma ammoo guyyaa Obbo Baqalaa Garbaa deebisanii mana hidhaati darban karaan nagayaa wayyaanee wajjiin du’e jedheen amana.
Kanaafi obboleeyyan koo carraa tokkochi nuuf hafe hawii fii abjuun xurree adda addaatiin qabsoofinne milkoofinna jedhu dhumatee jira amma carraa tokkochi nuuf hafe qabsaawonni hundumitti qabsoo ummata oromoo geggeesina jennu moora tokkottitti deebinee Hooggana hayyuu, qaroo fii kennaa qabu qabsoo keenyatti horuudhaan qabsoo dhaloota haaraya dhaalichifinnee wareegama jaallan qabsoo irratti wareegamanii itichinee gumaa ijjoollee teenyaa dhumanii akka baafinnu Hoongayoota osoo hinta’in hoogganoota jedhaminnee akka galmee seena irratti kaayaminnu akka tokko taanu isinitti waywaadha.
Daba duraan moora QBO irratti dalagdaniifi qawwee diinatti galchitantu kanaan nu gahe haa tahuu ammallee yeroon hin dabarre haa tokkoomnuu
ReplyDeleteHogaootaalle miti, Hunbannootalle miti, Homachoota.
ReplyDelete