Gareeleen Paarlaamaa Awrooppaa hundumtuu Amajjii 21 haala siyaasaa Oromiyaa, Itoophiyaa keessaa irratti erga mari’atanii booda murtii dabarsanii jiru.
Walakkeessa baatii Sadaasaa 2015 irraa kaasee hiriirri mormii bal’aa fi jabaan akka waliigalaatti kabajamuu mirga ummata Oromootiif addatti ammoo Karoora Maaster Pilaanii Finfinnee dura dhaabbachuudhaan gaggeeffamee mirga hiree murteeffannaa Oromoo bu’uuraa fi dimokraasii ummanni Oromoo jaarraa tokkoo fi walakkaa oliif sarbame gaafatu adeemaa jira.
Mootummaan Itoophiyaa Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF/EPRDF)’n durfamu furmaata barbaaduu mannaa, ummata Oromoorratti lola labsuudhaanii fi humna addaa shoororkeessaa tahe (Agaazii jedhuun), waraanaa fi poolisa federaalaa Oromoota hiriira bahanii fi waligalaa ummta irratti bobbaase. Akkanaanis Oromiyaa seera bulchiinsa waraanaa kan labsii yeroo hatattamaatiin qixa tahe jala galche. Humnoonni mootummaadhaan bobbaafamanis gara-jabinaan lammiilee 180 ol ajjeesuun kan dhibbootaan lakkaawaman ammoo madeessan. Kana malees ilmaan Oromoo qonnaan-bultoota, barattoota, barsiisota, daldaltootaa fi ogeeyyii fayyaa ummata miidhaaf saaxilame waldhaanuuf yaalan dabalatee hojjettoota mootummaa kumoota hedduu hidhaatti guuran.
Har’aan tana lammiileen Oromoo kutaalee hawaasaa hunda irraa tahan qotattoonni, barattoonni, barsiisonni, daldaltoonni, abbootiin qabeenyaa, hojjettoonni mootummaa, Injiinaroonni, ogeeyyiin fayyaa, ka’imman, maguddoonni, dhiiraa-dubartoonni, daa’immanii fi kkf. hundi isaanii guutummaa Oromiyaa keessatti mootummaa Itoophiyaa TPLF/EPDRFn, toorcharii hamaa, dhiittaan mirgaa suukanneessaa fi dararaan gara-jabinaa mana hidhaa keessatti irra gahaa jira.
Kuni hundumtuu raawwatamus hiriirri mormii fi sochiin diddaa ummataa mirgi bu’uuraa ummanni Oromoo hiree isaa murteeffachuudhaaf qabu akka kabajamuu fi humnoonni weerartoota mootummaa dachii Oromiyaa gadi dhiisanii akka bahan gaafatu ammallee itti fufee gaggeeffamaa jira.
Addi Bilisummaa Oromoo tarkaanfii humnoota tikaatiin mootummaan TPLF fudhatee fi dhiittaa mirgoota namoomaa Itoophiyaa keessaa akkaan dabalaa jiru balaaleffachuudhaan murtii Paarlaamaan Awrooppaa dabarse ni dinqisiifata. Murtiin Paarlaamaa Awrooppaa kun, ajjeechaa lammiilee irratti raawwatame irratti qorannoon bilisaa fi qabatamaan qaama walaba taheen akka gaggeeffamus gaafata. Haa tahu malee sagaleen mormii ummataa kun hanga imaammanni gamtaan Awrooppaa fi miseensonni gamtichaa dhimma gargaarsaa fi hariiroo dippiloomaasii irratti Itoophiyaa waliin qaban bifa hiika-qabeessa taheen hin jijjiiraminitti murtii dabarfamu tokkichaa akkasiitiin guduunfaa hin argatu.
Gamtaan Awrooppaa mootummaan Itoophiyaa ummatoota biyyattii, mormitootaa fi dhaabbilee hawaasa siviilii hiraarsuu akka dhaabu, dimokraasii dhugaa qabatamaan hojii irra oolchuu fi mormitoota waliin marii dhaabbataa fi hunda hirmaachise akka gaggeessu gaafateera. As irratti wanti hubachiisuu barbaadnu amma iyyuu dhageettii waakkatamee jiraachuu yoo tahu, gaaffiin lammiileen hiriira bahuudhaan gaafataa jiran sirnichi aangoo isaa Ummatoota Itoophiyaatti dabarsee akka kennuu fi sirna hacuuccaa jaarraa lakkoofsisetti xumura gochuu mirkaneessuu dha.
Ummatni Itoophiyaa harki guddeessi, addatti ammoo ummanni Oromoo haala hacuuccaa hamaa fi suukanneessaa jalatti sodaadhaan liqimfamee abdii bilisummaa fi hegeree jireenya tasgabbaawaa akkaan dhiphaa tahe jala jiraataa ture. Ummatoota Itoophiyaatiif biyyattiin mana hidhaa sirnaan hin beekkamnee fi banaa tahetti jijjiiramteetti. Ummanni roga jireenyaa hunda irraa, umrii fi saalaan odoo hin daangeffamne dararaaf saaxilamaa jiran.
Warreen miidhaaf saaxilaman murnoota hawaasaa adda addaa irraa fi hedduu tahanis himatni hunda irrattuu dhiyaatu wal fakkaataa fi tokkichuma: Deeggartummaa Dhaabbilee Bilisummaaf qabsaawaniitin yookaan Dhaabbilee mormitootaan shakkamuu fi gabaabaadhumatti imaammata mootummaa deeggaruu dhabuu dha.
Waan taheef Itoophiyaa keessatti jijjiirraa mootummaatii fi sirna cehumsaa mirgootni ummatootaa fi dimokraasii keessatti kabajamu argamsiisuuf hojjechuun filmaata odoo hin taane dirqama.
Addi Bilisummaa Oromoo Gamtaan Awrooppaa fi biyyoonni miseensota tahan biyyoota dimokraatawoo biroo waliin tahuun sadarkaa biyyaalessaa, naannoo fi idil-addunyaatti shoora guddaa fi hiika-qabeessa taphachuudhaan Itoophiyaa keessatti jijjiiramni bu’uuraa akka argamuuf gaaffii ummata Oromoo fi ummatoota Itoophiyaa keessaa biroo deggeruudhaan dagaaginaa fi kabajamuu mirgoota namoomaaf akka hojjetan waamicha isaa dhiyeessa.
Ummanni Oromoo sirna cunqursaa jaarraa lakkoofsisetti xumura gochuudhaaf qabsoo itti jiru akka daran finiinsuu fi ummatootni birootis sochii ummanni Oromoo jijjiirama bu’uuraa fiduudhaaf taasisaa jirutti akka dabalaman ABOn hireedhuma kanaan waamicha dabarsa.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Amajjii 22, 2016
No comments:
Post a Comment