WARAABEESSA KUTE SAREEN DUTTE!

Amajjii 13, 2016 | By Saphaloo Kadiir
TPLF-Banana-RepublicOPDO sammuutu gara gale moo, moo rafteeti bursusa haasawaa jirti dhiiroo? Ani kan na dhibe; yoomii as OPDO’n murtii laachuu jalqabde?. Saniifuu dubbii master pilaanii irratti moo? Jaarsii afaan baarree kan Abbaay xahayyee ja’aniin san eessa kuteeti, OPDO’n akkanatti mataa ol qabattee? Yookaa akkuma parlaamaa keessaa sanitti shilimsuun oolu malee, OPDO’n waa akkanatti hin buuftuu silaa. Qaanuma takka malee xaaqaa abuyyadii akkanatti baqeeysuun kun maali? Re’een adaba hin qabne haada dheereeysaniifii hiinaan ifumaaf ifitti martee kuftee mar’ati. Opdo jechuu dha.

“Kofa ifii ajooytuu abbaatu walitti qabata” ja’a kaa bar oromoon hoggaa maakmaaksaan dubbii himu. Akkuma duraan afaan haqattee uste sanitti silaa achumaan ustee dubbiin ni fakkaatti ture. Amma garuu bakka hin eegamneen dhufte ifii ol hiixachuun kun maal jedhama? Ifii ol hiixachuun hidhaa cituudha. Taaytaa isiitii ol dabartee cillaayfachaa  dhufuun kun gobeensa keessa qaawaa tahuu isiis nuuf mirkaneessuu daran gowwaa marqaa geebatti nyaatu tahuus nuuf mirkaneesse. Namni kophee irra guddoo kaayyate ni beekkama. Ejjeta wallaaluu keessa miilli bakka ajjechuu fedhu hin ajjatuuf. Aangoo dhagayuu malee agartee hin beekne arra samii gad buuteefi laata? Yaa dhiiroo OPDO baanan tana dhaqqabaa dafaa, waa fayyaanii miti wanti waanuma agarte odeessiti. Mootii sheeyxaanaatu irra bahee fakkaatti. Sheeyxaanni irra bahe kun garuu hedduu orraafate. (Qis… qis… qis.. qis..)
Oromoon gowwaa hin qabu. Gowwaan oromoon hambaa hin qabu. Gowwaan keenya kan hambaa dhabe san guutumatti opdo tahe. Ummanni oromoo gowwaa akka loon wayyaanee, OPDO’tii miti. “Waan akkanaa dur bira kunne” jatte ja’aan fadhiidoon, gurbaan soddaa eeguma mana keessaa waa hate booda isii daaraa keessa sunsumaan wal fakkaattee teessu agarraan naasuun taphachiisuuf arraba ‘qiiq…qiiq’ itti goonaan. Eeyyee! Ummanni oromoo roorroo jalatti fadhiidawaa turre. Arra ammoo waan opdon nuun sossobuuf yaaltu tana bira kunne. (Garuu waanuma obbodu’oo ja’aniin tana akkam irraa tana?)
Waraabeessi biyya isa hin beekne dhaqee “kal’oo naaf afaa” je’e ja’an. Dh.D.U.O (OPDO)n garuu biyyumma isii beektu, ummata torba raasee waan isiin baatu dhabee akka furriitti darbee quba isaa haqate, kan isiirra isii beeku keessa teessee, kaleessa gaafa Amajjii 12, 2016 ani aangoon qaba jette. Inumaatuu aangoo qabaachuu isii labsii qaphxii 8 qabu baafte. (Harree dhaltuu labsii baaftu)
πŸ‘‰  Qaphxiin saddeettan labsichaas:-
  1. Master plaaniin Finfinnee fi godina addaa Oromiyaa nananoo Finfinnee guutummaatti akka haqamu;
  2. Oromiyaan faayidaa addaa Finfinnee irraa argattu, kan heera wayyaanee keessa ture ja’an san OPDO’n hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu;
  3. Labsii bulchiinsa magaalota Oromiyaa haareya bahe keessaa keeyyata uummatni hin barbaanne irra deebi’amee akka fooyya’u;
  4. Rakkoo bulchiinsa gaarii jiru uummata wajjin dhawaataan hiikuu;
  5. Uummatni humnoota badii balaaleffatanii seeratti dhiheessuuf opdo wajjiin akka dhaabbatu;
  6. Sabaa fi sablammoonti Oormiyaa keessa OPDO wajjin akka tumsu;
  7. Miseensotni OPDO kaayyoo fi galii dhaabichaa cichoominaan galmaan gahuuf akka itti fufan;
  8. Miseensotnii ADWUI fi deeggartootni isaa kaayyoo waloo qaban akka cimanii itti fufan… kan jedhu labsii moo dabsii kan dhimmi isaa hin beekkamne tokko hatattamaa baafte halaakte. OPDO aangoo akkanaa eessaa argatte?
Ummanni oromoo ijoollee karameellaan sossobanii miti. Ummanni oromoo qarbata akka opdo miti. Qarbata bishaan itti waraabanii bishaanuma irraa naqatan. Yaadda’uu isaanii malee xiqqollee yaaduu dadhabuu isaanii yeroo kumaffaaf waan nuu mirkaneessaniif garuu opdon hedduu haa galatoomtu. Duraaniis garuu wallaallee miti. Kolkolee joolleen taphachiisan tahuu ni beekna. Garuu nuti joollee tahuu dhabuu keenya wallaaluutu daran nama gammachiisa. (Ballaa jibriin duraa wal qaste) Labsiin amma baasan kun yoo akka yaada isaaniitti, dubbii dhaamsuufi oromoof deebii laachuu isaaniiti. Garuu ummata oromootiif faallaa dha. Aara biraa itti dabaluu daran, ibidda irratti benziinii firfirsuu tahuu hubachuu dhabuun isaanii garuu nama gaddisiise. Lakkii! lakkii ! Nama gammachiisa jechuu kiyya. Haa jannuutii, Opdon baanan tun afooshaa (iddirii) hin qabanii sa? Du’anii jiranii bar nama awwaalu dhaban malee. Warri mallas Zeenaafi Alamaayyoo Atoomsaa awwaale san akkamitti jara kana dagate? Isaan “Harreen duute waraabeessa hin sodaattu” ja’anii ta’aa jiran fakkaata. Nuti reeffaan bulaa jiraachuun keenyaa garuu akka malee nama guba.
OPDO (Kondomii wayyaanee) dhagay! wahiin sitti himaa. Oohh!! Dhiifama! Sa edaan reeffi nama hin dhagayu. Ani garuu nakiiriif munkar illeen (warra qabritti nama gaafatu san) qabrittillee isinitti geessu numaan hima. Opdo! gaafiin Oromoo eega dhimma master pilaanii Finfinnee bira dabartee, master pilaanii Oromiyaa jalqabdee bubbultee jirti. Dhageessanii? manguddoo gurri ulfaatee sammuun dhuufte. Opdo’n (wayyaaneen) dhuundhuuma torbaatam ummata boodatti hafuun isaanii amma dirree bahe. Ani kan na dhibe garuu aangoo kana mara hanga arraa eessa turaniin? Uffanni ergisaa hanga fedhe namatti qixxaa’uus wahumaatu irraa hir’ata, hoggaa deemaniiniis namarraa beekkama. Namtichi ergifatu saniis akuma amma amma ija ifitti amantummaa hin qabne takkaan ifirratti laaluu baayyiisaasi. Opdo’niis, manxaloola ergisaa ifitti dirtee wayta ganda keessa faalliftu kana, hiriyoonni isii akka irraa fokkisu akkamitti itti himuu dhaban garuu? Moo itti kaayanii duubaa itti kofluuf cal’isan? Gowwaa kofalchiisanii ilkee lakkaawaniin baanan san tana kunoo. “Dalleyya loonii keessatti OPDO hiina, OPDO’n hundi isii beeylada” yoo jedhu jaarsi afaan markajaa, Abbaay Xahayye dhuguma isaa baana edaanuu? Aniis ittiin dabalaaf, “Opdon loon looniif marga dhiise”
OPDO! Mee haa jannuutii, kan aangoo hangana geessu, tan humna labsii kana maraan laachuu dandeessan kan qabdan tahee, yeroo aangawoonni wayyaanee:-
  • Tuffiifi balfa qabaniif irraa ka’uun ummata oromoo mirga isaa gaafate milliyoona 50 “αŠ αˆΈα‰£αˆͺ; αŒ‹αŠ”αˆ; αŒ‹αŠ•αŒαˆ΅α‰°αˆ­; αŒ αŠ•α‰‹α‹­” jechuun arrabsan,
  • Gaafa lubbuun ilmaan oromoo 150 du’aan dabarte, namni 3,000 ol rasaasa wayyaaneetiin madaawanii hospitaalli hundi madoo rasasa wayyanen gutame, irra caalaan ammoo shaffeellee dhabanii du’aa jiruu jiddutti sakaraataa jiran, yeroo ilmaan oromoo 10,000 ol badii takka malee mana hidhaatti adabsaman,
  • Barattoonni Oromoo lakkoofsi hin beekkamne barumsa dhaban, kaaniis guutumatti gabatee barnootaa irraa arihaman, akkasumaas wayta shamaran oromoo humna waraanaatiin universitii keessati dirqisiifamanii gudeedaman,
  • Yeroo dubartiin ulfa ji’a 7 ajjeefamtee gatamtu, Mucaan umri waggaa 7 mana barumsaa keessatti boombiin wayyaane itti darbatamee qaxara qooru, dargaggeessi arra fuudhaa deemu yeyyiin rasaasan cidha isaa gadda (taaziyaa) ti jijjiirtu,  barattoota Oromoo fi hawaasa keessaa nama ajjeesanii qilee, bishanii fi bosonatti yeroo gatan,
  • Yeroo waraanni wayyaanee qabeenya namaa saamuu, qe’ee qonnaan bulaa ibiddaan gubu, nama ajjeessee maallaqa hangana fiddan malee reeffa hin fudhattan jechuun gadda dhangaggaawaa irratti gadda hadhaawaa dabalan,
  • β–ͺHeeraa fi Seera ifumaaf baafatan cabsuun Oromiyaan guututti humna waraanaa jalatti darbsn, Oromiyan mirga isiitii fi caasaa ittiin federaalaan wal qunnamtu qabduu akka maasaa abbaa hin qabneetti jallaaf ballaan marti oliif gad akka barbaadeetti keessa shalfu…. shira meequmaaf meeqa himee kam dhiisare?
Walumaagalatti, gaafa shiraafi badiin daangaa hin qabne ummata nagayaa, kan addunyaafuu dada buusee kanarratti raawwatamu, OPDO’n arra labsii jattee cabsii afuuftu tun eessa turte? Maaliif hanga ammaa hoo cal’ifte? Moo dhiiga ilmaan oromoo kanaatu araada bunaa itti tahe, kanaaf hanga dhiigni dhangala’ee jabanaa isaanii guutuu eega turanii? Eega aangoo maaster pilaanii kophaatti dhaabuuf murteessuu qabaatanii, maaliif keeyyata 39, mirga hiree murteeffannaa hanga fottoquutti jedhu san hin gaafatan ture? (Kijibdoota, kuntaala kijibaa dhibba meeqaan gateetii irratti deemuun jechuun kan akkaanati)
OPDO! Waan hin fakkaanne maa fakkeessita? Gurbaa hedduu kijibu tokkootu “Arra kuruphoo mataafi miilaan walirratti dhawe” jennaan, hiriyaan isaa “Hin fakkaannee fakkeeyfadhu” ja’een. “Isii miilaan gurra if hooqaa jirtuun dhawe” je’ee deebiseef gurbaan kijibuus. “Amma fakkeeysite!” Je’een ja’an hiriyaan isaa. Kijibaan mala hin dhabu. Garuu gaafa irratti beekkame bakka itti bahu hin qabu. Kanaaf opdo atiis murtiin tee tun hin fakkaanne, fakkeeyfadhu.
Haatahuu ammoo, yaa saree wayyaanee, OPDO ati gaafam dhaabbii mataa keetii qabaatta? Amma garuu dhaabbii qabaadhu, dadhabbiis dabaladhu! Dhimma ilmaan oromootii miti. Hoggaa akka buqqee hofonfolaatti waan sitti naqan ifirraa gad jiiysitu, wayta gooftooliin kee si duuba dhaabbatanii ija sitti muraa akka ati soba afuuftu, dhara dhugaarraa fagaate buuftu si dirqan, atiis sodaa lubbuun qeensa si geessee dirqumaan yeroo hollachaa hobobsitu, wanuma si dhageeffannu, waanuma soba kee dhugoomfannu sitti fakkaataa? Akkas yoo seete hedduu dogoggorte. Ati fedhii ummata oromoo irra fedhii aangawoota wayyaanee beekta. Kana tahuus duraan beekna. “Arra numaan ja’aa boru numaan ja’aa, yaa abaluu abaluu arruma sitti guutamte” ja’e ja’an gurbaan, gurbaan yeroo hunda halaalaa arrabsu tokko isa harka seennaan. Akkasiiti! opdo’s arruma itti guutamte kaa. Inumaatuu guutamuu bira dabartee gubbaarran baleeyxe.
Nuti opdo waan isiin irraa tolfamte beeyna. Maal irraa tolfamte hin jattanii? Kaartoona kaa! “Manni gogaa harreetiin jaarame gaafa waraabeessi yuuse jiga” jechuu dhageessanii? Eeyyee! Amma jiguuf yoo roraatu if agartee, akka nama hirriiba keessaa baraageetti yoo dunquqquun battiftu, yoo bursusa haasooytu, Nuti ammoo gurra isaaniin dhageeffannuu hin qabnu. Daa’ima amma afaan baru, kan waanuma namni itti himu ja’u mitiiree! Wayta lubbuun itti dhibamtee kara gortu wallaalte kana ammoo nama dhageeffachuu hin ooltu, dhagay xiqqoon waa sitti himaa, OPDO?
Dubbiin oromoo master pilaanii Finfinnee bira dabartee jirti. Amma gaafii hin qabnu qabsotti jirra. Qabsoon ilmaan oromoo ammoo tan yoomillee shiraafi daba alagaatiin if duuba deebituu miti. Sadarkaa waywaata opdo’tiin qabbanaa’uu biraa fagaattee jirti. Ummanni oromoo; xumura bara 2015 booda akka harree ergisaatti ykn wadala abbaan dagateetti wayyaaneef hin fe’amu. Akka deebi’ee raroo gabrummaa hin ba’anne, dhiiga ilmaan isaa kan wayyaaneen dhangalaafteen kakatee jira. Lafee goototaa tan bilisummaa oromoon caphxeetiin irbuu seenee jira. Haa tahuu ammoo, Aangoo dhabdee tanakaa gatii hin qabne taatullee, eega aduun tee seennaaf gaara irratti miila gad diriirfatte, eega aduun bilisummaa ummata oromootiif bahuuf jalaan ol quuqattellee tahu, aangoo sobaatiin murtii dharaa daarota tokko afuuftullee haqa qabaachuu ilmaan oromootiif ragaa bahuu keessaniif galata qabdan. Galanni keessan bilisummaa ilmaan oromootiin, du’a wayyaaneefi opdo’tiin yeroo gabaabatti isiniif haa galu. Dubbiin arrallee akka hawaasni opdo cinaa hiriiru gaafachuu keessanii ammoo abjuu walitti laaqamte. Hiikkaas, gatiis hin qabdu. Ilmaan oromoo amma booda opdo maddii hiriiruu jechuun umrii isaa guutuu gabrummaan hiraaruu jechuudha. Kanaaf dubbii nu cinaa hiriiraa tana abbu torbatti firraa tufaa, opdo! Hafiinsa master pilaaniifi dhugaa qabaachuu oromoo labsuu keessaniif ammoo galata xuraawaa argadhaa. Deebiin keenya ammoo “Eega waraabeessi kute sareen dutte” kan jedhu qofa taha.
Saroota wayyaanee, OPDO! Xumura irratti hojii manaa laaftuu takka isinitti kennina. Arra aangoo teessan agarree jirra (ni orraafatte malee) Akkuma amma if bir’achaa, sodaan hollachaallee taatu master pilaaniin hafuu labsitan kanatti akka hojjattu si gaafanna. (Garuu orraanfachuun mallattoo kashlabbummaati!! – dhaadannoo tana gaafaan kutaa 3ffaa baradhuun mana baruumsa keenyarratti dubbise) Yoo hojii manaa kana hojjattan akkuma wayyaaneen aangoo sobaa isiniif laattee isin ergitu, nutiis galata sobaa isiniif kenninee isin dhabamsiifna.
πŸ˜• Hojii Manaa OPDO’f:
  • Gaaffiin master pilaanii ummanni kaase sirrii tahuu erga amantan, namoota gaafficha kaasanii hidhaman mara hatattamaan bilisa gad lakkisaa. Lubbuu fi qabeenya badeefiis itti gaafatamummaa fudhadhaa.
  • Aangawoota wayyaanee kan ummata oromoo gaaffii mirgaa kaasan rasaasaan laboobuun aara isaan baasuu dhabnaan, ummata kabajamaa arrabaan xiqqeessaa, saba qulqulluu abaarsaan xureessaa turan, Keessattuu, aangawoonni akka Abbaay Xahayyee, Geetachuu Raddaafi Haylamaariyam Dassaaleny’faan hatattamaan akka ilmaan oromoo dhiifama gaafatan taasisaa.
  • Ilmaan oromoo master pilaanii dura maqaa investimentiin lafa isaarraa buqqaaftan hatattamaan lafa isaanii irratti akka deebi’an taasisaa.
  • Magaalaalee oromiyaa kan wayyaaneen faaydaa isii guuttachuuf, oromiyaarraa mogoltee tan oromoo tahuu hanqifte Finfinnee irraa jalqabii tan akka Dirree Dawaa, Harar, Walloo fi kkf hatattamaan akka harka oromootti deebi’an taasisaa.
  • Humnoota farra nageenyaa fi farra misoomaa, humnoota badiitu fincila kana duuba jira jechaa turuun keessan ni yaadatama. Amma immoo gaafiin ummataa sirriidha, wanti ummanni hin barbaanne hafuu qaba jechaa jirtan. Eega humnoonni badii ummata waan sirrii irratti kakaase, isin opdo irra humnoota badii isin jettan saniitu sirriidha jechu. Yaadni isaanii uummata bal’aa guutuu Oromiyaa biratti fudhatama qabate jechuudha. Kana kan mirkaneessu bahaa dhiha, kaabaa kibbatti ummanni ka’uu isaati. Kanaaf, alagaaf humna badiiti malee isiniifi ummata oromootiif jarri muka dawaati waan tahaniif, hatattamaan humna badii sanitti makamaa. Yoo qaanfattaniifi sodaattan ammoo ummatuma bal’aa ni yaannaaf jettanii itti kijibdan kanatti makamaa.
  • Warroota badii takka malee ilmaan oromoo gaaffii mirgaa gaafatan rasasaan labooban seeraaf dhihaatanii akka gaafataman, gaafatamuu qofaa miti adabbii gahaa akka argitan taasisaa. Gama biraatiin humna waraanaa oromiyaa keessa akkuma baroota jalqaba 90’mootaa sanitti meeshaa waraanaa gurguddoo hawaasa keessatti ramadatan osoo ollee hin bulle dafaa akka oromiyaa guututti gad lakkisanii bahan taasisaa.
Kan kanarraa hafe gumaa dhiiga ilmaan oromoo kan haqa isaanii irratti dhangala’e nuutu bilisummaan baafata. Oromiyaa jaarraa 1 fi walakkaa cittoo gabrummaa hooqachaa turte bilisummaan nuutu fayyifata. Hojii gurguddoofi ulfaattuu nuti isinirraa fudhanne. Isin opdo’n ammoo hojii salphoo asiin olitti tuuqne kana siif laanne. Nuti akka keessanitti garaa jabaanne waan isin hin dandeenye isinirra hin keenyu. “Garaan akka duuydaa hin jabaatu mitiree?” Garuu ammaas akka aadaa keessanii sanitti orraafadhaatii, saree eega waraabeessi kute duttu tahaa. Ani fixadhe, isiniis fixadhaa. !!!
Saphaloo Kadiir
Amajjii 2016

No comments:

Post a Comment