Guraandhala 22, 2016 | Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Mootummootni Itoophiyaa bulchaa turanii fi yeroo ammaa empaayera humnaan
dhaale bitaa kan jiru, mootummaan Wayyaanee gaaffiilee siyaasaa, dinagdee fi
hawaasummaa furuu irra kan hammeessan tahuu irraa;
Hundee rakkoo biyyattii keessatti ifatti mul’atuuf furmaata buqqaasaa
argamsiisuu irra haguuguun rakkoon kan hin jirre fakkeessanii bira dabruu ykn
jijjiirraa kabeebsaan furuu kan barbaadan tahuun amala waan taheef;
Ummatoota humnaan bitaa jiran dhaggeeffatuu diduun yaadaa fi gaaffii kaasan
yakkatti fudhatuun callisiisuu fi ukkaamsuu kan aadeffatan tahuu irraa;
Akeekni bu’uraa mootummoota Itoophiyaa hanga ammaatti mul’atanii, garajabinaan
hacuuccaa fi saamicha ija dunuunfataa tahuu irraa;
Bittootni Itoophiyaa hundinuu hariiroo fi walitti dhufeenyi ummatoota gidduu
kan mirga ummatootaa kabaju, mirga ilma namaaf kabajaa kennuu fi wal
qixxummaa irratti hundaa’e akka hin taaneef, hariiroon ummatoota Itoophiyaa
gidduu kan sodaa fi amantaa wal irratti dhabuu taasisuun addaan qoodanii bituu
akka imaammataatti waan itti fayyadamaniif;
Mootummootni Itoophiyaa martinuu ummatoota bulchina jedhan kan of jalatti
ilaalan, tuffatanii fi kabajaa hin qabneef tahuu irraa mirga-dhablee taasisuun bittaa
isaanii kan jireessan waan tahaniif;
Biyya bulchaniif naatoo kan hin qabne, ofiif saamuu irra dabranii alagaan akka
biyyattii qircatu taasisuun ummatoota hiyyummaa daangaa dabreef waan
saaxilaniif, mormii ummatootaa irraa yeroon itti walaba tahanii nagaan jiraatan
tasa hin turre.
Bittaan mootummaa Wayyaanee/TPLF ammoo mootummoota isa dura turan irra
hammaataa fi kan eenyummaa ummatootaa irratti aggaammate waan taheef
mormiin ummatootaa jabaan mootummaa kana mudataa har’a geenye. Addatti
ammoo diinummaa mootummaan kun ummata Oromoo waliin jalqaba gaafa
aangotti dhufe irraa seeneen hariiroon Oromoo fi mootummaa kana gidduu
waggoota 25n dabran ture haalaan hadhaawaa akka tahe hundaaf ifaa dha.
Maddi Fincila ummata Oromoo yeroo ammaas rakkoolee mootummaan
Wayyaanee uumee hammeessaa deeme irraa tahuun haqa ifatti mul’atu dha.
Ummatni Oromoo yeroo ammaa kana Oromiyaa guutuu keessatti kan mormii isaa
dhageessisaa jiru,
Mirga abbaa biyyummaa isaa mirkansuuf, qabeenyaa fi lubbuu isaa fi maatii isaa
irratti ajajaa tahuu fi mirga uumaa fi dimokraasii dhugoomfatuuf akka tahe ifaa
dha. Haa tahu malee har’as taanaan mootummaan Wayyaanee gaaffii ummata
Oromoo kana “Rakkoo bulchiinsi gaariin dhabamuu irraa uumame dha”
jechuun xiqqeessuun furmaata kabeebsaan furuudhaaf carraaqaa jira.
Ummatni Oromoo garuu furmaata hundee kan barbaadu tahuu, sossoba
mootummaa Wayyaanee lagatuun diddaa isaa bal’inaan itti fufee argama.
Rakkoon ummata Oromoo bulchiinsa jijjiiruun osoo hin taane, sirna bittaa
alagaa waggaa dhibbaa fi shantamaa irratti jaare, cunqursaa hadhaawaa fi
saamicha ija dunuunfataa waggootii dheeraa kana keessatti dabarse kana
hundeedhaan jijjiiruu waan taheef, qabsoo isaan jijjiirama buqqaasaa
argamsiisuuf diddaa hin bitamuu itti fufee jira. Furmaatni jirus harqoota
gabrummaa xumuraaf of irraa darbatuuf hireen isaa harka isaa kan jiru tahuu
irraa Fincila Xumura Gabrummaa gaggeessuu qofa tahe. Kabajaa ofitti horee
hiree biyya isaa fi saba isaa harka isaa galfatuu fi kan akeekkate bakkaan
gahuuf wareegamni baafamus kan isa gaabbisiisuu hin tahu.
Mootummaan Wayyaanee sochii ummatootaan muddamee jiru golgaa bulchiinsa
gaariin furmaata kan argamsiisu fakkaatee dhihaatullee, addatti ammoo gaaffiin
ummata Oromoo gaaffii haqaa ti jedhee lallabuudhaan ummata qabbaneessuuf
tattaafatus, yeroo bitannaaf tooftaaf kan dhihaate tahuu ummata Oromoo jalaa
dhokataa hin taane. Dhibamuu bulchiinsa gaariif sababni, sirna Wayyaaneen gadi
dhaabe dha.
Waan taheef sababa bulchiinsa gaariin Oromoo wal afaan dhaabuu fi ofiif
qulqulluu tahanii mul’atuuf sababa dhiheeffame dha. Gaaffiin ummata Oromoo
gaaffii haqaa ti jechaa lammiilee Oromoo xiqqaa hanga guddaatti reebanii
salphisuu fi ajjeesuu hin dhaabne. Mana hidhaatti guuruunis hin dhaabbanne.
Guutummaa Oromiyaa bulchiinsa waraanaa fi tikaa jala galchuun humnaan bittaa
sirna cunqursaa itti fufsiisuuf yaaluun akka itti fufetti jira.
Kanaaf ABOn har’as rakkoo ummata Oromoo kan furu qabsoo isaatiin ummata
Oromoo qofa malee mootummaa kana akka hin taaane hubachiisa. Ummata
Oromoo mirga abbaa biyyummaa isaa fi kabajaa ilma namummaa isaa
dhugoomfatuuf murannoo fi gootummaan ka’es boodatti kan deebisu hin jiraatu.
Waan taheef ummatni Oromoo akeekni ka’eef galii isaa akka dhaqqabuuf
kanneen irratti of muuduun hacuuccaa fi saaminsa jalatti isa ittisaa jiran of
irraa kaasuuf qabsoo xumura gabrummaa itti jiru caalaatti finiinsuun akka itti
fufu;
Kanneen mooraa diinaa keessatti hiriiruun qabsoo kana dhaamsuuf abjootaa
jiranis mootummaa bor dabruuf jecha ummata isaanii hin dabarre dhiigsuu fi
madeessuu irraa akka dhaabbatan;
Ummatootnii fi humnootiin siyaasaa biyyatti guutummaa keessa jiran sochii
ummata Oromoo deggaruun kan itti ulfaatu yoo tahe, waliin jireenya fuula duraa
herreguun haalli ummata Oromoo caalaatti hammeessu akka hin dhalatneef
Fincila kanatti gufuu tahuu irraa akka of qusatan;
Fincilli Xumura Gabrummaa Oromiyaa keessatti finiinaa jiru ummata Oromoo
hunda walabummaa gonfachiisuu kan akeekkate waan taheef lammiin Oromoo
hundi keessatti hirmaatuun dirqama lammummaa tahuu hubatuudhaan hirmaannaa
isaa akka guddisu;
Lammiileen Oromoo qawwee diinni hidhachiiseen lammii isaanii ajjeesaa fi
doorsisaa jiran, dogoggora seenaa keessatti gaafachiisu raawwataa akka jiran
hubatuun dirqama diinni itti kenne diduun ummata isaanii cinaa hiriiruu akka itti
fufan ABO gadi jabeessee hubachiisa.
Dhuma irratti ABOn jabinaa fi murannoo ummatni keenya mirga isaa harka isaa
galfatuuf itti jiru dinqisiifataa, gama isaatiin tarkaanfiilee diinaa fi lukkeelee
diinaa irratti fudhatu bal’inaan kan itti fufu tahuu mirkaneessa. Qabsaawotni ABO
Oromiyaa guutuu keessa jiranis wareegama kana adda durummaan kennaa
dirqama isaanii bahachuu akka itti fufani fi itti jiran mirkaneessa.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Guraandhala 22, 2016
No comments:
Post a Comment